Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 5.2
Kutaa darbe keessatti maqaalee fi sifaata Rabbii keessatti dubbii imaana diigu jalqabne jirra. Yaadachisuuf maqaalee fi sifaata keessatti dubbiin iimaana diigu: sifaata (amaloota) Rabbii amaloota uumamtootatiin wal fakkeessu, maqaalee fi sifaata Qur’aanaa fi hadiisa sahiih ta’an keessatti mirkanaa’an fudhachuu diduu fi mormuudha. Har’a kuni akkamitti akka kufrii ta’uu ni ilaalla.
Maqaa ykn sifata Rabbii olta’aa mormuun kufrii fi wantoota iimaana diigan keessaa ta’uu karaa baay’een ilaallamu danda’a:
(A)-Keyyattoonni maqaalee fi sifaata of keessaa qaban erga nama gahani booda mormuun Qur’aana fi hadiisa kijibsiisu fi odeefannoo sirrii deebisu akka ta’etti ilaallama. Kana mirkaneessu keessatti dubbiin warra beekumsaa (beektotaa) kan wal cimsuudha.
Abu Haniifaan-rahimahullahu-nama akkana jedhu ilaalchise gaafatame: “Gooftaan kiyya samii keessa jiraachu ykn dachii keessa jiraachu hin beeku.” Abu Haniifaanis ni jedhe, “Kafartee jirta. Sababni isaas, Rabbiin akkana jedha:
“Ar-Rahmaan Arshii ol olta’ee.” Suuratu Xaahaa 20:5
Arshiin Isaa samiiwwan olii. Ammas Abu Haniifaadhaan akkana jedhame: namtichi akkana jedha: “Arshii ol olta’e. Garuu Arshiin samii keessa jiraachuu ykn dachii keessa jiraachu hin beeku.” Abu Haniifaanis ni jedhe: Arshiin samii keessa ta’uu yoo morme, kafaree jira.” (Mukhtasaru uluwwi-Az-Zahbii/Albaani, fuula 136)
Imaamu Shaafi’iin yommuu waa’ee sifaata Rabbii fi wanta inni itti amanu gaafatamu akkana jedhe: “Rabbiin olta’aan maqaalee fi sifaata Qur’aanni ittiin dhufee fi Nabiyyiin ummata isaa beeksise qaba. Uumamtoota Rabbii keessaa namni ragaan irratti dhaabbate kamiyyuu deebisuu hin danda’u. Sababni isaas, Qur’aanni isaaniin (maqaalee fi sifaataan) bu’e, wanta warri haqaa fi qajeelinnaa gabaasan keessatti Ergamaa irraa sirrii ta’uun mirkanaa’e. Kana booda, ragaan erga isarratti dhaabbate booda yoo faallesse, inni kaafira. Garuu ragaan isarratti dhaabbachuun dura [yoo faallesse], sababa wallaalummaatiin dhiifamni ni godhamaaf. Sababni isaas, kana (maqaalee fi sifaata) sammuun, xinxallii fi qalbiin beekuun hin danda’amu. Isaan wallaalu isaatiif nama tokkoyyuu hin kafarsiisnu, odeefannoo isaan (sifaata) beeksisu isa erga gahee booda malee. Sifaata kanniin ni mirkaneessina. Akkuma Rabbiin Of irraa fakkeessu (tashbiih) dhabamsiise, sifaata kanniin irraa fakkeessu ni dhabamsiisna. Rabbiin olta’aan ni jedhe:
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.” (Suuratu Ash-Shuura 42:11) (Kitaabu Isbaatul Uluwwi-Ibn Qudaamah fuula 123, ilaali Mukhtasar uluwwi-177)
Imaamu Ahmad ni jedha: Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassalam irraa odeefannoo sirrii ta’uun mirkanaa’e jira, akkana jedha: “Harki Isaa lamaanu mirga.” Sahiih Muslim 1827, Sunan An-Nasaa’i-5379
Akkuma Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) jedhan, kuni haqa ta’uu osoo beeku, namni kanatti hin amanne, Ergamaa Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) kijibsiisaa jira.” (Al-Masaa’ilu wa Rasaa’ilul Marwiyatu ani imam Ahmad, Aqiida keessatti-1/308)
Abu Abbaas Sarraaj ni jedha: Namni “Rabbiin akka dinqisiifatu, akka kolfuu, halkan hundaa gara samii addunyaatti gadi bu’uun, “Eenyutu Na kadhata, isaaf kennaati.” Akka jedhu hin mirkaneessinee fi hin amanne, inni kaafira. Akka tawbatu ni gaafatama. Yoo tawbate tawbatee. Ta’uu baannan, mormii isaa ni dhayama. Isa irratti hin salaatamu. Qabrii Muslimoota keessatti hin awwaalamu.
Az-Zahbiin karratti dabaluun akkana jedha: Kan inni kafaru Rasuulli kana jechuu erge beekee booda fi ergasii kana yoo kijibsiisee fi itti amanuu dide qofaadha.” (Mukhtasaral Uluww-fuula 232)
Al-Aajuriyy ni jedha: Wanta Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ummata isaatiif ifa godhee keessaa tokko “Dhugumatti isin Gooftaa keessan jabaa guddaa ni argitu.”[1] jedhu hadiisa baay’ee keessatti isaanitti beeksiisee jira. Sahaabota isaa irraa gareen baay’een hadiisa kana gabaasan. Beektonnis fudhannaa gaarii isaan irraa fudhatan. Akkuma beekumsa xahaaraa, salaata, zakaa, soomaa, hajjii, jihaada fi beekumsa halaala fi haraamaa fudhatan, odeefanoo mu’mintoonni Gooftaa isaanii akka ilaalan fudhatanii jiru. Kana keessatti hin shakkan. Ergasii ni jedhan: namni odeefannoo kanniin deebisee (fudhachuu didee), kafaree jira.” (Ash-Sharii’ah fuula 253)
Ibn Qudaamah Al-Maqdisi rahimahullahu ni jedha: “[Rabbiin Arshii ol] olta’uu waakkachuun (mormuun) kufriidha. Sababni isaas, odeefannoo Rabbii deebisuu fi jecha Rabbiitti kafaruudha. Namni harfii (qubee) [shari’aa] irratti wali galametti kafaree, inni kaafira. Aayat torbatti namni kafaree fi kitaaba Isaa irraa bakka torba keessatti odeefannoo Rabbii olta’aa deebisee hoo akkam ta’inna laata? (Aayan torban kunniin aayata Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’uu agarsiisaniidha.) (Zammu Ta’awiili-fuula 26)
Ibn Taymiyaan ni jedha: wanti sirriin, wanta Rasuulli sallallahu aleyh wassallam fide kan mirkaneessu yoo ta’ee fi wanta wallaalee akka beeku kan isa taasisu yoo isa hin gahin, maqaalee fi sifaata Rabbii muraasa wallaaluun abbichi kaafira hin ta’u…” (Majmuu’al Fataawaa 7/538)
Ammas akkana jedha: namni “Rabbiin Nabii Muusaa haasawa hin haasofsiifne” jedhe, namni kuni Qur’aana yoo hin dhagayin, kuni (Rabbiin Nabii Muusaa haasofsiisun) keeyyata Qur’aanaa akka ta’e isatti himama. Kana booda yoo morme, akka tawbatu ni gaafatan. Yoo tawbate tawbate. Ta’uu baannan, ni ajjeefama. Keeyyata Qur’aanaa waakkachu isaa booda jechi isaa isarraa hin fuudhamu. Inumaa, “hiikni jecha kiyyaa: sagalee qilleensa keessatti uumee Muusaa dhageesise.” Osoo jedheeyyu, dubbiin isaa kunis kufriidha. Kuni dubbii Jahmiyyah salafni kafarsiisaniidha. Ni jedhan, “Jahmiyyan akka tawbatan ni gaafatamu. Yoo tawbatan tawbatan. Ta’uu baannan ni ajjeefamu.”
Garuu namni guutuman guututti Rabbii fi Ergamaa Isaatti amane, beekumsa irraa wanti [dubbi] sirrii isaaf ibsu isa hin geenye, hanga ragaan isarratti dhaabbatutti kufriin isarratti hin murteefamu…” (Majmuu’al Fataawaa 12/523-524)
Dubbiin armaan olii dhiyeessu kana irraa maqaa ykn sifata Rabbii olta’aa mormuun kufrii fi wanta iimaana diigu ta’uu ifa ta’a. Sababni isaas, mormuu kana keessa keeyyattoota shari’aa kijibsiisuutu jira.
(Hubachiisa: Asi olitti aalimman “ta’uu baannan ni ajjeefama” yommuu jedhan, adabbiin shari’aa isarratti dhaabbataa jechuudha. Adabbii ajjeesu kana kan raawwatu nama dhuunfaa osoo hin ta’in hogganaa Muslimootaati. Kanaafu, namni dhuunfaa gocha akkanaatti tarkaanfachu irraa of eegu qaba. Sababni isaas, badiin guddaan hawaasa keessatti ni babal’ata waan ta’eef.)
[1] Al-Bukhaari-7434, Muslim-299
“Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 120-124-Abdulaziz bin Muhammad