Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 5.1

Tawhiida maqaalee fi sifaataa keessatti dubbii iimaana diigan
Jalqaba irratti, waa’ee maqaalee fi sifaataa ilaalchisee wanta ahli sunnah wal jama’aa amanan kaasu barbaanna. Wanti isaan amanan: osoo hin jijjiriin, hin dhabamsiisin, osoo akkana akkana hin jedhinii fi wayitti hin fakkeessin, wanta Rabbiin ittiin of ibseetti fi wanta Ergamaan Isaa sallallahu aleyh wassallam ittiin Isa ibseetti amanuudha.

Ahli sunnaan namoota sifaata Rabbii dhabamsiisanii fi namoota wayitti fakkeessan jidduu karaa jiddu-galeessaa hordofu. Akkuma Zaata Rabbii zaata uumamtoota Isaatti hin fakkeessine, sifaata Isaas sifaata uumamtootaatti hin fakkeessan. Akkasumas, wanta Inni ittiin of ibsee fi Ergamaan Isaa ittiin ibse hin dhabamsiisan.

Ibn Al-Qayyim ni jedha: [Rabbiin] beeku keessatti, inumaa iimaana keessatti faanni gabricha gadi hin dhaabbatu, hanga sifaataa Gooftaa Guddaa olta’eetti amanuu fi beekutti malee. Sifaatatti amanuu fi beekun hundee Islaamati, bu’uura iimaanati, firii muka ihsaanati. Namni sifaata morme dhugumatti hundee Islaamaa, iimaanaa fi firii ihsaanaa diigee jira.”  (madaariju saalikiin 3/347)

Maqaalee fi sifaata Isaa keessatti shirkii fi ilhaadni tawhiida al-asmaa’a was-sifaata ni diiga, ni faalleessa. Sifaata (amaloota) keessatti shirkiin Rabbiin waliin shariika ykn nidda (dorgomaa, fakkaataa, qixxaataa) godhachuun ta’a. Maqaalee Isaa keessatti ilhaadni (jallachuun) immoo akkuma Ibn Al-Qayyim jedhu: Maqaalee Rabbii keessatti jallachuu (ilhaad) jechuun haqa mirkanaa’e irraa maqaaleen, haqiiqaa fi hiika isaanitiin jallachuudha. Maqaalee Rabbii olta’aa keessatti ilhaadni (jallachuun) gosoota qaba:

1ffaa– Sanamni ittiin waamamu- Sanama jechuun muka ykn dhagaa bocame gabbaramuudha ykn waaqefatamuudha. Maqaa “Ilaah” jedhu irraa baasun “Laat” jechuun moggaasu, “Al-Aziiz” irraa baasun “Uzzaa” jechuun moggaasu. Ammas sanama ilaah jechuun moggaasu. Kuni dhugaadhaan ilhaada. Sababni isaas,maqaalee Isaa irraa gara sanamoota fi wantoota sobaan gabbaranitti jallatan.

2ffaa- Guddinna Rabbiitiin wanta hin malleen Isa waamu ykn moggaasu. Kan akka Kiristaanonni “Ab” jechuun moggaasanii. Warroonni falaasfaas “Sababa waa hojjatu” jechuun waamu fi kan kana fakkaatan ilhaada (jallinna).

3ffaa– Hanqinna Inni irraa qulqullaa’en Isa ibsu. Fakkeenyaf, Yahuudonni namoota hundarra khabiisa ta’an akkana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hanqinnaan ibsu: Inni hiyyeessa, uumamtoota Isaa erga uumee booda boqonnaa fudhate, Harki Rabbii maramaadha (kana jechuun Inni tola hin kennu) fi kan biroo ilhaada (jallinna) guddaadha. Wanta isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e, olta’e.

4ffaa-Maqaalee Isaa hiikan ala gochuu fi haqiiqaa isaanii fudhachuu diduu. Kana jechuun maqaaleen Isaa hiika fi haqiiqa wayitu akka hin qabne godhanii yaadudha. Fakkeenyaf, gareen Jahmiyyah jedhamtu akkana jetti: “Maqaaleen Isaa jecha qofa. Sifaataa fi hiika of keessaa hin qaban.”

5ffaa-Amaloota Rabbii amaloota umamtootaatin wal fakkeessu-wanta warri fakkeessan jedhan irraa Rabbiin olta’iinsa guddaa olta’ee jira. (Bidaa’ul Fawaa’id 1/190-192=gabaabbinnaan)

Dubbii iimaana diigan kanniin keessaa fakkeenya tokko haa fudhannu. Innis, maqaa ykn sifata (amala) Rabbii mormuu. Asitti mormuun waakkachuu fi itti amanuu diduudha.

Sifaata (amaloota) Rabbii olta’aa keessatti hiikni kufrii, ergaan erga nama gahee booda sifaata irraa wanta mirkanaa’e mormuu ykn shakkii tokko malee wanta barbaadame irraa jallisuudha.[1] 

Kuni qajeelfamota bu’uuraa kafarsiisu darban ilaalu akka qaban jabeessa. Kanaafi, warra beekumsaa qajeelfamoota kanatti kan akeekan ta’uu arganna. Kunoo Qaadi Iyaad akkana jedha: “Namni osoo beeku sifaata Rabbii keessaa sifata tokko dhabamsiisee ykn waakkate, fakkeenyaaf “Rabbiin subhaanahu beekaa miti, danda’aa miti, kan fedhu miti, ykn kan dubbatu miti” fi kkf jedhee , imaamtoonni keenya nama Rabbiin irraa sifaata dhabamsiise kan kafaru ta’uu irratti walii galanii jiru.” (Shafaa 2/1080)


[1] Fataawaa lujnati daa’imati-3/128. Sheykh Muhammad ibn Useymiin akkana jedha: Maqaalee ykn sifaata Rabbii irraa waa mormuun gosa lama:

1ffaa-Mormii kijibsiisuu- kuni shakkii tokko malee kufriidha. Osoo namni tokko maqaalee Rabbii fi sifaata Isaa Qur’aanaa fi hadiisa keessatti mirkanaa’an keessaa maqaa tokko ykn sifata (amala) tokko mormee (kijibsiisee), fakkeenyaaf akkana jechuu: “Rabbiin harka hin qabu”, akka walii galtee Muslimootaatti inni kaafira. Sababni isaas, odeefannoo (beeksisa) Rabbii fi Ergamaa Isaa irraa dhufe kijibsiisuun kufrii amantii keessaa nama baasudha.

2ffaa-Inkaaru Ta’awiil (mormii jecha zaahira isaa irraa gara hiika biraatti garagalchuu)-kuni maqaalee fi sifaata fudhachuu hin didu. Garuu jecha zaahira isaa irraa gara hiika biraatti naannessa. Kuni gosa lama:

1-Jecha zaahira isaa irraa gara hiika biraatti naannessun kuni lugaa Arabiffaa keessatti fudhatama kan qabuu ta’uu. Kuni kufriitti nama hin geessu.
2-Lugaa Arabiffaa keessatti fudhatama kan hin qabne ta’uu. Kuni kufriitti nama geessa. Sababni isaas, guutumaan guututti dhabamsiisee jira. Kuni dhugaadhan kijibsiisaadha. Jecha Rabbii olta’aa:

“Kana irra, harki Isaa lamaan diriiroodha.” Suuratu Al-Maa’idah 5:64

Jedhu keessatti, osoo “harka lamaanitti wanti barbaadame ‘samii fi dachiidha’.” jedhee, inni kaafira. Sababni isaas, kuni lugaa Arabiffaa keessatti sirrii miti. Shari’aa keessattis sirrii hin ta’u. Kanaafu, inni mormaa kijibsiisaadha. Garuu harka lamaanitti wanti barbaadame qananii ykn humna yoo jedhe, hin kafaru. Sababni isaas, Akka lugaa Arabiffaatti harka qananii ibsuuf itti fayyadaman.” (Al-Majmuu’ul Samiin 2/62-63)

(Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa harka lama Isaaf maluu, kan umamtootaan wal hin fakkaanne akka qabu dhaloonni gaggaariin darban (salafni) ummata kanaa irratti wali galanii jiru. Hadiisa sahih ta’e keessattis ifaan ifatti dhufee jira. Kanaafu, osoo hiika hin jijjiriin, hin dhabamsiisin, osoo akkana akkana hin jedhinii fi wayitti hin fakkeessin, akkuma jiruutti itti amanuun barbaachisaadha.)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 117-119-Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 5.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 4.2

Leave a Reply