Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 1

Suuratu Qaaf! Boqonnaa jaallatamtu waa baay’ee nama yaadachiistu. Boqonnaan tuni waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise dubbatti. Namoota du’aan booda kaafamutti hin amanne irratti deebii gahaa deebisti. Haala namoonni itti kaafamanii fi gara ooydi mahashar itti oofaman ni dubbatti.

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

(1)-Qaaf. Qur’aana Kabajamaan kakadha. (2)-Garuu isaan keessaa akeekachiisaan isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafironni ni jedhan, “Kuni wanta dinqisiisadha. (3)-Sila erga duunee biyyee taane [ni kaafamnaa]? Suni deebii fagoodha.” Suuratu Qaaf 50:1-3

Dhugumatti, Qur’aanni mu’jizaa yeroo hundaa turu kan Ergamaa Rabbiitif kennameedha. Qur’aanni mu’jizaa ta’uun kuni Ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) dhugaa fi haqa ta’uu mirkaneessa. Wanta Rabbiin irraa beeksisuu keessatti inni dhugaa dubbata. Kana keessaa oduu du’aan booda jireenya lammataatiif kaafamuuti.

Al-Majiid”-kabajamaa, sadarkaa ol’aanaa, amaloota baay’ee fi gurguddaa kan qabuudha.

Dubbiin hundarra amala kanaan ibsamu qabu Qur’aana kana. Dhugumatti Qur’aanni kuni beekumsa warra jalqabaa fi xumuraa, jecha hundarra bareedaa, hiika hundarra gadi fagoo fi amaloota guutuu biroo of keessatti kan qabateedha.[1] Kanaafu, Qur’aanni kabajamaa sadarkaa ol’aanaa qabuu fi amaloota baay’ee fi gurguddaa of keessaa kan qabuudha. Wantoonni gugguutuu fi gurguddaan Qur’aana keessa jiran Qur’aanni jecha Rabbii ta’uu agarsiisu.

“Garuu isaan keessaa akeekachiisaan isaanitti dhufuu dinqisiifatan.” Kana jechuun namoonni Ergamaa Rabbii kijibsiisan Ergamaa ilma namaa irraa ta’e isaanitti erguu ni dinqisiifatan. “Akeekachiisaa”-nama balaa gara fuunduraatti dhufu beeksisuu fi akeekachisuudha.

Asitti kaafironni waa lama dinqisiifatan:
1ffaa-Ergamaan ilma namaa ta’e Rabbiin irraa isaanitti ergamu. “Akkamitti Rabbiin ilma namaa keessaa nama tokko Ergamaa godhe ergaa?” jechuun ajaa’ibsiifatan. Akka yaada isaaniitti ergamaan Rabbiin irraa dhufu malaykaadha. Garuu kuni hin ta’u. Sababni isaas, malaykaan suuraa irratti uumameen osoo isaanitti ergamee, isa ilaaluu fi dubbisuu hin danda’an. Suuraan isaa suuraa namaa irraa adda waan ta’eef sodaatanii isarraa ni dheessu turan. Kanaaf, karaan hundarra gaariin nama tokko isaan keessaa filachuun isaanitti erguudha. Kanaafu, kana ilaalchisee wanti nama dinqisiisuu hin jiruu jechuudha.

2ffaa- Du’aan booda kaafamu ni ajaa’ibsiifatan.

Dinqisifachuu kanniin lamaan haala kanaan arganna: Kaafironni ni jedhan, “Kuni wanta dinqisiisadha. Sila erga duunee biyyee taane [ni kaafamnaa]? Suni deebii fagoodha.”

Kaafironni baay’inna kaafiraati. Kaafirri baay’een kaafirota ta’u. “Kaafira” jecha “kafara” jedhu irraa horsifame. Akka garee jechootaatti: Kaafira -hojjataa (doer), kafara-xumura (verb), kufr-maqaa (noun).

Akka lugaatti ni jedhama: “kafara shey’a, kafara aleyh kafran.” Kana jechuun wanta tokko haguuge, dhokse. Kafara turaabu maa tahtahu-kana jechuun biyyeen wanta isa jala jiru haguuge. Kanaafi, qotee buleen “Kaafira” jedhame. Sababni isaas, qotee bulaan sanyii midhaanii biyyeen haguuga ykn dhoksa.

Ammas, lugaa keessatti “kufriin” hiika “qananii waakkachuu” ni qaba. Inni kuni faallaa galateefachuuti. Yommuu namni tokko qananii waakkatee fi dhoksee akkana jedhama, kafara bini’mati (qananiitti kafare). Kana jechuun qananii waakkate, galata hin galchine.

Amantiitti kafaruun: haqa ragaalee isaatiin erga beekanii booda fudhachuu diduu fi waakkachuudha. Kafaruun kuni ragaalee haqni kuni dhugaa ta’uu mirkaneessan dhoksuu, shakkisisuu, jechoota dinqisiifannaa darbuu, akka sammuutti dhimmichi fudhatamaa miti jechuun odeessu fi wantoota biroo warri sobaa uuman irra dhaabbata.

Kaafironni ni jedhan, “Kuni wanta dinqisiisadha.
Asitti kaafironni namoota waamicha Ergamaa Rabbiitiif deebii hin deebisne irraa namoota haqa beekanii haqa kanaa fi ragaalee isaa dhoksanii fi waakkataniidha.[2] “Kuni wanta dinqisiisadha.” Kana jechuun Ilmaan Aadam irraa namni tokko nu keessaa ergaa Rabbiitiin gara keenyaatti dhufuun wanta dinqisiisaadha. Sila maaliif malaykaan isarratti bu’ee isa waliin akeekachiisaa hin taanee?[3]

Ammas, kaafironni du’aan booda kaafamu dinqisiifachuun ni jedhan: “Sila erga duunee biyyee taane [ni kaafamnaa]? Suni deebii fagoodha.Kana jechuun erga duunee biyyee taanee akkamitti kana booda haala duraan irra turetti deebi’uun danda’amaa? Du’aan booda deebi’uun kuni wanta fagoo ta’eedha.” Hiikni kanaa: kaafironni du’aan booda kaafamu akka hin danda’amnetti amanu.[4] Rabbiin isaan irratti deebii deebisuun akkana jedha:

(4)-Dhugumatti, wanta dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Nu bira galmee tiiksatu jira. (5)-Garuu isaan haqni yommuu isaanitti dhufu, ni kijibsiisan, kanaafu isaan dhimma walitti naqame keessa jiru.” Suuratu Qaaf 50:4-5

Aayat tana keessatti yaada sobaa warra du’aan booda kaafamu mormanii keessaa yaada sobaa tokko ittisa. Waa’ee du’aan booda kaafamu ilaalchisee kaafironni sirnaan akka hin yaanne wanta isaan taasisu keessaa tokko, “Rabbiin subhaanahu akka duraan turanitti namoota deebisuuf kutaalee xixxiqoo qaama namoota du’anii fi amaloota isaanii hin beeku.” Jechuun yaada sobaa yaadudha. Yaada sobaa kana oofuuf ibsi Qur’aana akkana jechuun ni dhufe:

Dhugumatti, wanta dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Nu bira galmee tiiksatu jira.” Kana jechuun lafee, foon, gogaa fi rifeensa isaanii irraa wanta dachiin nyaattu dhugumatti ni beekna. [Erga du’anii booda] eessatti qaamni isaanii akka bittinaa’e fi lafeen isaanii bututte takka takkaan ni beekna. Dabalataan galmeen kuni hundi keessatti galmaa’e Nu bira jira.[5] (Maq-dhalli “Nu” jedhu Guddinna Rabbii agarsiisa.)

Qad alimnaa (dhugumatti beeknee jirra)” kana jechuun namoota uumuu, isaan jiraachisuu, ergasii isaan ajjeesun dura wanta safarree fi murteessineen du’a isaanii booda wanta qaama isaanii irraa dachiin hir’iftu beekumsa Keenya keessatti darbee jira. Ibsi kuni harfi mirkaneessuu (qad) jedhuun jabeessu waliin xumura yeroo darbii agarsiisutti fayyadamuun dhufe. Kuni kan agarsiisu ijaaru fi diiguun gocha uumuu hojii irra oolchuun dura karoora uumiinsaa beekudha. (Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa argamsiisuun ykn balleessun dura wanta hundaa dursee beekee jira.)

Dhugumatti, dhimmi argamsiisuu, jiraachisuu, ajjeesu, balleessu, du’aan booda deebisuu, dachii fi samii keessatti hojiiwwan biroo karoora qadaa fi qadaraa keessatti kan raawwatamuudha. Homtu nafsee isaatiin samii fi dachii keessatti hin adeemsifamu qadaa fi qadaraan yoo ta’e malee. (Qadara jechuun wanti tokko argamuun dura hamma, boca, amaloota isaa, bakka fi yeroo itti uumamu ykn badu murteessudha. Qadaa jechuun immoo wanta murtaa’e kana hojii irra oolchudha.)

Namoonni waa’ee Rabbii ilaalchisee beekumsa hir’uu qaban, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoonni du’an erga awwaalamanii booda qaama isaanii irraa wantoota hir’atan hin beeku jechuun yaadu. Rabbiin wanta isaan yaadan kana hundarraa qulqullaa’e.

Akkuma uumama namoota jalqabuu fi qaama isaanii ijaaruun karoora uuminsaa beekumsa waan hundaa haguugen durfame keessatti ta’e, duuti, qaama isaanii balleessuun, wanti qaamaa fi nafsee isaanii irratti adeemsifamu hundi beekumsa waan hundaa haguugee fi karoora balleessutiin kan durfameedha. Haala beekumsa Isaatiin walitti galuun dandeetti Rabbiitiin kuni hundi hojii irra oola. (Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karoora uuminsaa keessatti namoota uumuu fi qaama isaanii ijaarun dura dursee beekee fi murteesse jira. Haaluma kanaan du’a isaanii, du’aan booda wanta qaamaa fi nafsee isaanii irratti adeemsifamu hunda takka takkaan beeke jira. Ergasii yoomi fi akkamitti akka isaan kaasu beekee fi murteesse jira.)

Namni Rabbiin Gooftaa, Khaaliqa, waan hundaa irratti danda’aa akka ta’e amane, akkamitti beekumsa Rabbii jalaa waa ni miliqa jedhee yaadaa? Wanta samii fi dachii keessatti adeemsifamu hunda dursee Rabbiin beekee jira. Kanarratti dabalatee beekumsi wanta adeemsifamu hundaa kitaaba waan hundaa of keessatti qabu keessatti kan galmaa’e fi barraa’edha.[6] Kanaafu, qaama namaa irraa lafa keessatti wanti nyaatamu hundi Rabbiin biratti kan beekkamee fi katabameedha. Wanti beekumsa Isaa jalaa miliqu tokkollee hin jiru.

Garuu isaan haqni yommuu isaanitti dhufe ni kijibsiisan, kanaafu isaan dhimma walitti naqame keessa jiru.”

Aayan afraffaan beekumsi Rabbii wanta dachiin qaama namoota du’anii irraa hir’istuu akka marsee fi wanti kuni hundi kitaaba keessatti akka galmaa’e erga ibsitee booda, aayan shanaffaan dhugaa wanta nafsee fi qalbii kaafiroota kijibsisanii keessa jiru saaxilti. Jechi dinqisiifannaa isaan jedhan shakkii dhugaa irraa kan burqee miti. Kana irra, isaan Muhammad Ergamaa Rabbii ergaa Isaa isaanitti geessu akka ta’e ni beeku. Garuu isaan isa hordofuu irraa of tuulan yookin immoo badii fi fedhii qullaa hordofan dhiisu hin barbaanne. Kanaafu, zulmii fi daangaa darbuun isa kijibsiisan. Isaan kana waliinu wanti inni Gooftaa isaanii irraa isaanitti fidee haqa ta’uu ni beeku. (Osoo beekanu haqa Rabbiin irraa dhufe ni kijibsiisan.)

“kanaafu isaan dhimma walitti naqame keessa jiru.”
Haqa fuula tokko ta’e kan ummanni Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanan itti amanan yoo kijibsiisan, kaafironni hubannoo, yaadaa fi amantii isaanii keessatti mazhaba (ilaalchaa fi adeemsa) tokko irratti walitti qabamu danda’uu?[7] Haqni takka taate osoo jirtuu kaafironni haqa takkatti tana yoo kijibsiisan dhimma tokko irratti tokkoomu danda’uu? Yommuu adeemsa kaafiroota sirritti hubannu, jireenya keessatti dhimmi isaanii kan walitti naqamee fi makameedha. Isaan dhimma tokko irratti gadi hin dhaabbatan. Mee ilaali, namoota Islaaman ala jiran. Amantiin isaanii kan wal diigu fi wal dhayuudha. Amanti isaanii keessatti dhimma walitti naqamee fi nama dhamaasu argita.

“Haaluma kanaan namni haqa [Rabbiin irraa dhufe (Qur’aana)] kijibsiisee dhimma walitti naqamaa fi dhama’iinsa keessa ta’a. Gara isaa hin beeku. Dhimma isaa kan wal diiguu fi addaan bittinnaa’e ta’ee argita. Namni haqa hordofee fi dhugoomse immoo dhimmi isaa ni qajeela, karaan isaa ni sirraa’a, hojiin isaa dubbii isaa dhugoomsa.”[8]

Guduunfaa
Du’anii lafeen erga bututtee booda kaafamuu kaafironni akka hin danda’amneetti ilaalu. Kuni beekumsaa fi dandeetti Rabbii wallaalu irraa madda. Namni Rabbiin wanta hundaa akka beeku fi wanta hunda irratti danda’aa akka ta’e amanu du’aan booda kaafamu hin shakku. Kanarratti dabalate, qadaa fi qadaratti yoo amane, shakkiin homaatu isa keessatti hin hafu. Qadaa fi qadaratti amanuun wantoota afur of keessatti qabata: Rabbiin wantoota hundaa akka beeku amanuu, wantoota kanniin hundaa Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa) keessatti akka katabe amanuu, wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka raawwataman amanuu fi wantoota hundaa kan Uumuu fi argamsiisu Rabbiin akka ta’e amanuudha. Yoo kana amanan Qiyaamaan akka dhuftu ni mirkaneefatan. Sababni isaas, Rabbiin olta’aan wantoota darban, ammaa fi dhufan hunda Kan beekuu fi argamsiisu ykn dhabamsiisudha. Du’aan booda qaamni namootaa eessatti akka bade, lakkoofsa fi amaloota isaanii hunda beekee fi katabee jira.

Wantoota uumuu fi argamsiisu, dhabamsiisuu fi balleessu hunda dursee beekee fi katabee jira. Wanta dhabamsiisuu fi argamsiisu keessaa tokko wanta Guyyaa Qiyaamaa raawwatamuudha. Yoomi fi akkamitti addunyaan tuni itti baddu fi namoota du’an kaasu beekee fi katabee jira. Kanaafu, du’aan booda namoota kaasun karoora Isaa keessaa karoora tokko. Yeroon karoora kana hojii irra oolchu yoo dhufe, namoonni dirqamaan ni kaafamu.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/16, Tafsiiru Sa’dii-947 [2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/24-25[3] Tafsiiru Xabarii-21/402[4] Tafsiiru Muyassar-518, Misbaahul muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1357[5] Misbaahul muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1357[6] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/27-29[7] Madda olii [8] Tafsiiru Sa’dii-948

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 2
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-guutuu

Leave a Reply