Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Tarkaanfi 2ffaa: Gochootaan yookiin beekumsa faayda qabuun of ko’oomsu

Karaalee dhiphinnaa fi gadda itti oofan keessaa: gochoota keessaa gocha [gaariin] yookiin beekumsa faayda qabuun of ko’oomsuudha. Sababni isaas, kanniin hojjachuun dhimma qalbii dhiphisu waliin ko’oomu irraa isa garagalcha. Tarii sababa kanaan sababoota yaaddo fi gadda isatti fidan dagata. Nafseen isaa ni gammaddi. Nashaaxan (kaka’uumsi) isaa ni dabala.

Sababa kana keessatti mu’minaa fi kan biraa waliin qooda fudhatu. Garuu mu’minni iimaana isaatiin, ikhlaasaa fi mindaa abdachuu isaatiin adda baha. Beekumsa barachuun ykn barsiisuun, kheeyri hojjachuun yommuu of ko’oomsu [ikhlaasa fi mindaa abdachuun hojjata].  Ibaadaa yoo ta’e suni ibaadadha, hojii addunyaa ykn aadaa yoo ta’e niyyaa gaariin walitti hidha, Rabbiif ajajamuu irratti jabeenya ittiin barbaadun hojjata. Kanaafi, kuni yaaddo, dhiphinnaa fi gadda oofu keessatti bu’aa guddaa qaba. Nama meeqatu yaaddoo fi cinqii turaan qoramee dhibee garagaraa isatti fide. Ergasii dawaan isaa dhiphinnaa fi gaddaaf wanta sababa ta’ee dagachuu fi hojii ofiitiin ko’oomu ta’e. Garuu gochi waliin ko’ooman (biizi ta’an) wanta gaarii nafseen ittiin boohartuu ta’uu qaba. Kuni kaayyoo barbaadame kana argachuf bu’aa guddaa qaba. Rabbiin hundarra beeka.

Wanta yaaddoo fi dhiphinna ittiin oofan keessaa: yaada hunda hojii guyyaa ammaatti xiyyeefachu irratti sassaabu, yeroo fuunduraatti yaaddawu dhiisu fi wanta darbeef gaddu dhiisudha. Kanaafi, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) yaaddoo fi gadda irraa akka eeggamu Rabbiin kadhate. (Akkuma Hadiisa Anas ibn Maalik keessatti dhufe: Nabiyyiin (SAW) akkana jechaa turan: “Yaa Rabbii! Yaaddoo, gadda, dadhabinna, ceem’uu, dabeessummaa, doy’ummaa, ulfaatinna idaa fi dhiirotaan moo’amu irraa Siin eeggama.Sahiih Al-Bukhaari 6369)

Gaddi dhimmoota darban deebisuu fi dhaqqabuun hin danda’amne irratti ta’a. Yaaddon immoo wanta gara fuunduraatti dhufu sodaachu irraa dhalata. Namni ilma guyyaa isaa ta’a. Guyyaa har’aa fi waqtii ammaa isaa fooyyessuuf carraaqqi fi qabsoo isaa sassaabu qaba. Qalbii isaa kanarratti yoo sassaabe, kuni hojiin akka guuttamuu, yaaddoo fi gadda irraa akka booharu isa taasisa.  

Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) du’aayi yommuu godhuu ykn ummata isaa du’aayitti qajeelchu, Rabbiin irraa gargaarsa barbaadu fi tola Isaa kajeelutti isaan kakaasa. Kana waliinu wanta barbaadan argachuuf ykn wanti jibbaan isaan irraa deemuf jabaatanii hojjachuu akka qaban isaan kakaasa.  Sababni isaas, du’aayi fi hojiin kan walitti hidhamaniidha. Namni amantii fi addunyaa isaa keessatti wanta isa fayyaduuf ni carraaqa. Bu’aa barbaade argachuuf Rabbii isaa kadhata. Kanarratti gargaarsa Isarraa kadhata.

Akkuma Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) jedhan: “Wanta si fayyadutti futi, gargaarsa Rabbiin irraa barbaadi. Dadhabaa hin ta’in. Yommuu wanti tokko si qunname [akkana] hin jedhin, “Osoo ani akkas hojjadhe silaa akkas akkas ta’aa ture. ” Garuu [akkana] jedhi, “Rabbiin murteesse, wanta fedhe hojjate.” Dhugumatti, “Osoo” hojii sheyxaanaa banti.Sahiih Muslim 2664

Hadiisa kana keessatti Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam wantoota lama akka walitti finnu nu gorsu: Tokkoffaa haala hundaa keessatti wanta faaydaa qabuuf carraaqu, gargaarsa Rabbiin irraa barbaaduu fi dadhabinnaaf harka kennu dhiisudha. Lamaffaa:  dhimmoota darbaniif harka kennuu fi isa keessatti murtii Rabbii ragaa bahuudha. (Dhimma jaallatamaa nama jala darbeef ykn rakkoo namatti bu’eef “Kuni murtii Rabbiiti” jedhanii harka kennuu fi obsuu barbaachisa. Dhimmichi cubbuu (dilii) hojjatan yoo ta’e immoo tawbachuu fi araarama kadhachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Obsi! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii (cubbuu) keetifis araarama kadhu.” Suuratu Ghaafir 40:55)

Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) dhimmoota ramaddi lama godhe:
Ramaddiin tokkoffaan: wanta namni guutumatti ykn muraasa isaa galmaan gahuu,  guutumatti ittisuu ykn laaffisuu irratti dandeetti qabuudha. (Ramaddi kana keessatti namni wanta faayda qabu argachuu ykn galmaan gahuu irratti dandeetti qaba ykn miidhaa ittisuu irratti dandeetti qaba.) Kanaafu, namni kana keessatti sirritti carraaqu fi Gooftaa isaa irraa gargaarsa barbaadu qaba.

Ramaddiin lamaffaan: wanta namni dandeetti fi humna irratti hin qabneedha. Kanaaf tasgabbaa’uu, itti gammaduu fi harka kennuu barbaachisa. Shakkii hin qabu hundee kana sirriitti eegun gammachuun akka argamuuf, yaaddoo fi dhiphinni akka deemuuf sababa ta’a.

Tarkaanfi sadaffaa: Zikrii fi Galata galchuu (Shukr)
Qomni bal’achuu fi tasgabbiif sababoota gurguddoo keessaa zikrii Rabbii baay’isuudha. Kuni qomni bal’achuu fi tasgabbiin argamuu, yaaddo fi dhiphinni deemu keessatti bu’aa ajaa’iba qaba. Rabbiin olta’aan ni jedha:

13:28

“Isaan warra amananii qalbiin isaani zikrii Rabbiitin tasgabbooftudha. Dhaga’aa! Zikrii Rabbiitin qalbiin tasgabboofti.”(Suuratu Ar-Ra’ad 13:28)

Zikriin wanta addaa barbaadame kana (gammachuu fi tasgabbii) argachuuf bu’aa guddaa qaba.

Haaluma kanaan qananii alaa fi keessaa Rabbiin namarratti oole dubbachuun [sababa gammachuutti nama geessudha]. Sababa qananii kana beekuu fi dubbachuutiin Rabbiin yaaddoo fi dhiphinna oofa. Akkasumas, galata galchuu sadarkaa ol’aanaa qabutti nama kakaasa. Inumaa, namni hiyyummaa ykn dhibee ykn balaa biraa keessa osoo jiraateyyu, yommuu qananii lakkoofsa hin qabne kan Rabbiin isaaf kennee fi rakkoo isa tuqe wal bira qabu, rakkoon isa tuqe garmalee xiqqaa akka ta’etti ilaala.

Inumaa yommuu Rabbiin wanta jibbamaa fi rakkoon nama qoru, gabrichi yoo obse, itti gammadee fi harka kenne, ba’aan rakkoo kanaa ni salphataaf. Akkasumas, namni mindaa abdachuun, Rabbiif jedhe obsuun, itti gammaduu fi harka kennuun isaa rakkoolee hadhaawoo gara mi’aatti jijjira, mi’aan mindaa hadhaa obsaa nama dagachiisa.

Dhimma kana keessatti wanta garmalee faayda qabuu keessaa tokko wanta Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) itti qajeelchanitti fayyadamuudha. Wanti kunis: “Nama [qabeenyaan] isinii gadi jiru ilaalaa. Nama [qabeenyaan] isini ol jiru hin ilaalinaa. Suni qananii Rabbii isin irra jiru akka hin tufanne wanta taasisuudha.Sahiih Muslim 2963

Dhugumatti, namni yommuu barsiisa guddaa kana ija isaa lamaan jidduu kaa’u, haalli isaa hanga fedhe haa gahu, fayyaa fi rizqiidhaan uumamtoota baay’ee akka caalu arga. Cinqiin, yaaddoo fi gaddi isaa isarraa deema. Gammachuun isaaf dabalama.

Akkuma namni qananii keessaa fi alaa, kan addunyaa fi amantii Rabbiin isaaf kenne gadi fageesse itti xinxalluun, Gooftaan isaa waan gaarii baay’ee akka isaaf kennee fi sharrii baay’ee isarraa akka deebise arga. Shakkii hin qabu, kuni yaaddoo fi gadda oofa, mirqaansu fi gammachuu fida.


Madda:
Al-Wasaa’ilul Mufiidati lihayaati Sa’iidati -Fuula 18-22, Sheykh Abdurahmaan ibn Naasir As-Sa’di
Hiikka kitaaba armaan olii Ingliffaan: 8 Steps to Happiness-fuula 25-31

Print Friendly, PDF & Email
Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 3
Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply