Miidhaa Shirkii-Kutaa 4

Namni shirkii irratti du’e araarama hin argatu
Namni osoo hin tawbatin shirkii irratti du’e Rabbiin irraa araarama hin argatu. Kana jechuun Rabbiin isaaf hin araaramu, isaaf irra hin darbu. Ni jedha:

4:48

Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse, dhugumatti cubbuu guddaa uumee jira.”Suuraa An-Nisaa 4:48

Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu.”

Maghfirah (araarama) jechuun irra darbuu waliin badii haguugudha. Sababni isaas, jechi maghfirah jedhu jecha mighfar jedhu irraa fudhatame. Mighfar jechuun yeroo waraanaa xiyya irraa of eeguuf koofiya sibiilaa mataa irra kaa’ataniidha. Koofiyaan sibiilaa (mighfar) mataa irra yoo kaa’atanii xiyyaa ittiin ofirraa eegan, haguuggi fi eeggumsa namaaf ta’aa jechuudha. (Kanaafu, maghfiraan (araaramni) badii haguuggu fi adabbii irraa eegu of keessatti qabata.)

Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu.” Kana jechuun Rabbiin waa isatti qindeessu (shirkii) irra hin darbu, hin haguugus.

Itti qindeessun (shirkiin) kuni Gooftummaa keessatti Isatti qindeessu, ibaadaa keessatti Isatti qindeessu fi maqaalee fi sifaata keessatti Isatti qindeessu hammata. Rabbiin kana hunda hin araaramu. Sababni isaas, haqaan gamni tawhiidaa gama hundarra guddaa guuttamu qabuudha. Namni tawhiida kana duwwaa yoo godhe, Rabbiin subhaanahu hin araaramuuf. Faallaa kanaa, wanta shirkii gadi jiru Rabbiin yoo fedhe ni araaramaaf.

Namni Rabbiin waliin Khaaliqni ni jira jedhee amane, inni mushrika (nama shirkii hojjateedha). Yookiin Namni samii fi dachii uumuu keessatti Rabbiin gargaara qaba jedhe inni mushrika. Kuni hundi shirkii Rabbiin hin araaramneedha.

Ibaadaa keessatti: namni Rabbiin ala wanta biraatiif sujuude ykn wanta biraatif nazrii (silati) seene ykn wareege, inni mushrika. Namni ibaadaa keessatti na argaan (riyaan) Rabbitti waa qindeesse inni mushrika. Riyaan shirkii waan ta’eef.

Haaluma kanaan, namni Rabbiin sifaata Isaa keessatti fakkaataa qaba jedhe ykn Arshii ol olta’uun akka namni siree irratti olta’uuti jedhe ykn gara samii addunyaatti bu’iinsi Rabbii akka bu’iinsa namaa gubbaa irraa gara sadarkaa gadii aanutti bu’uuti jedhe, inni mushrika. Kana hunda Rabbiin hin araaramu.

 (Kuni nama hin tawbatiniifi. Namni du’aan dura shirkii irraa yoo tawbate, Rabbiin ni araaramaaf. Ragaan kanaa: “Jedhi, ‘Yaa gabroottan Kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.’” Suuratu Az-Zumar 39:53
Garuu shirkii irraa osoo hin tawbatin yoo du’e, Rabbiin isaaf hin araaramu.)

“Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama.” Kana jechuun shirkii gadii badii jiruuf nama fedheef irra darba.

(Wanta shirkii ol badaa ta’e hoo? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta shirkii ol badaa ta’e hin araaramu. Kan akka nama “Gooftaan uumamtoota uume hin jiru, uumamtoonni akkanumatti uumamaan argaman.” jedhuu. Kuni kufrii badaa ta’eedha. Namni wanta akkanaa osoo yaadu fi jedhu du’e Rabbiin irraa araarama hin argatu. Sababni isaas, inni kafaree jira. Ragaan kanaa:

Dhugumatti, warroonni kafaranii fi karaa Rabbii irraa [namoota] dhoowwan, ergasii kaafiroota ta’anii du’an, Rabbiin gonkumaa isaaniif hin araaramu.” Suuratu Muhammad 47:34

Ammas: “Warroonni kafaran ibidda Jahannamtu isaaniif jira. Akka du’aniif [duuti] isaan irratti hin murteefamu. Adabbii ishii irraas homtu isaan irraa hin salphifamu. Akka kanatti akkaan kafaraa hunda jazaa kafallaaf.” Suuratu Faaxir 35:36)

“Namni Rabbitti qindeesse, dhugumatti cubbuu guddaa uumee jira.” Kana jechuun namni Gooftummaa Isaa keessatti yookiin ibaadaa keessatti yookiin maqaalee fi sifaataa Isaa keessatti Rabbitti waa qindeesse kijiba guddaa kijibee jira.[1] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama shirkii hojjate nama kijiba uumee kan godheef, sababa namni kuni Tokkichummaa Rabbii waakkatee fi uumamtoota irraa Rabbiif shariikni ykn ilmi ni jira jechuun dubbateefi. Namni kana jedhu nama kijiba uumedha.[2] (Namni shirkii hojjatu, tokkichummaa Rabbii ni morma. Ergasii Rabbiif shariika godha. Wanta Isaaf hin malleen Isa ibsa. Kanaafu, inni nama hunda caalaa nama kijibaa ta’eedha. Namni maqaa namaa xureessu kijibaa jedhamaa miti ree? Namni Rabbal aalamiina wanta Isaaf hin malleen wassafu (ibsu) hoo haalli isaa akkam ta’inna laata?) Qur’aana keessatti:

“Nama Rabbiin irratti sobee fi yommuu [dhugaan] isatti dhufu dhugaa kijibsiisee caalaa namni zaalimni (miidhaa raawwataan) ni jiraa? Sila kaafirootaaf iddoon jireenyaa Jahannam keessa mitii?” Suuratu Az-Zumar 39:32

Rabbiin olta’aan yoo nama shirkii hojjatuuf hin araaramin iddoon jireenya isaa ibidda ta’aa jechuudha. Gonkuma Jahannam keessaa hin bahu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Dhugumatti, namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Zaalimootaf gargaartonni wayiitu hin jiran.”  Suuratu Al-Maa’ida 5:72


[1] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nisaa 1/387-389, Ibn Useymiin
[2] Tafsiiru Xabarii-7/123

Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti nama geessa-Kutaa 1
Miidhaa Shirkii-Kutaa 3

Leave a Reply