Miidhaa Shirkii-Kutaa 3

Shirkiin qalbii xureessa, sammuu doomsa
Akkuma uffanni yommuu fincaaniin tuqamu najisa ta’u, qalbiin namaas yommuu shirkiin tuqamtu najisa taati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mushrikoota (namoota shirkii hojjatan) ilaalchise akkana jedha:

Yaa warra amantan! Mushrikoonni najisa. Kanaafu bara isaanii kana booda Masjiida kabajamaatti akka hin dhiyaanne. Hiyyummaa yoo sodaattan, Rabbiin yoo fedhe tola Isaa irraa isin duroomsa. Dhugumatti, Rabbiin Beekaa, Ogeessa.” Suuratu At-Tawbah 9:28

Masjiinni kabajamaan Masjiida Haramaa Makkaan keessatti argamuudha. Barri isaanii kuni hijraa irraa bara saglaffaati. Bara saglaffaan booda mushrikoonni akka hin hajjinee ni labsame. Asitti mushrikoonni qaaman najisa jechuu osoo hin ta’in qalbii isaaniitu najisa. Qaamni isaanii yoo najaasan hin tuqin akkuma nama kamiyyuu qulqulluudha.

Akkuma tawhiidaa fi iimaanni xahaaraa (qulqulluu) ta’e, shirkiin immoo najaasadha. Najaasaa yommuu jennu mataa isaatiin wanta qulqulluu hin taane, badaa fi nama miidhu danda’uudha. Najisa jechuun immoo wanta najaasaadhaan faalameedha.

Mee wantoota kana fakkeenyaan haa ilaallu. Bishaan uumamaan qulqulluu (xahaara) dha. Yommuu fincaaniin walitti makamu najisa ta’a. Asitti fincaan najaasadha. Bishaan erga fincaaniin walitti makame booda najisa jedhama. Haaluma kanaan, namni yommuu dhalatu qalbii fi sammuun isaa qulqulluu ta’ee dhalata. Yommuu shirkiin qalbii isaa keessa seenu najisa ta’a. Kanaafi, kaafirri nafseen isaa kufrii fi shirkiin waan xurooftef najisa taati.

Qalbiin shirkiin yoo badde haalli namaa guutuun ni bada. Ergamaan Rabbiin (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Dhagayaa! Qaama keessa muraa fooni takkatu jira. Yoo ishiin (muraan fooni tuni) tolte, qaamni guutuun tole. Yoo badde, qaamni guutuun bade. Dhagayaa! Ishiin (muraan fooni tuni) qalbiidha.” Sahiih Al-Bukhaari 52

Qalbiin namaa shirkiin yoo badde, adeemsi fokkataan isarraa mul’ata. Kan akka qalbin isaa garmalee jabaachu fi rahmanni keessaa dhabamu. Kanaafi, mushrikoota durii fi ammaa nama hunda caala Muslimoota irratti gara-jabeenyi fi roorristoota ta’anii argina. Budihistoota Burmaa fi Hindi wanta hojjataa jiran ragaa baana. Akkuma isaan dhagaa waaqefatan, qalbiin isaanis dhagaa taati.

Shirkiin hojii nama jalaa balleessa
Shirkiin akka hojii nama jalaa balleessu Qur’aana keessatti bakka adda addaatti ni arganna. Shirkii guddaa fi xiqqaa jenne bakka lamatti qoodu dandeenya. Shirkiin guddaan hojii gaggaarii hojjatan hunda nama jalaa balleessa. Shirkiin xiqqaan immoo hojiima shirkiin kuni keessatti argame balleessa. Hojii biraa shirkiin xiqqaan kuni keessatti hin argamne hin balleessu. Fakkeenyaf, na argaan (riyaan) hojima riyaan keessatti argame balleessa. Garuu shirkiin guddaan kan akka sanamaaf sujuudu hojii guutuu nama jalaa balleessa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

39:65

Dhugumatti gara keetii fi gara warra siin duraatti “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte, dalagaan kee ni bada; warra kasaaran irraas taata.” [jechuun] beeksisni godhamee jira.” Suuratu Az-Zumar 39:65

Yaa Rasuula dhugumatti gara keeti fi ergamtoota siin dura turaniitti akkana jedhamuun beeksifame: Rabbiin waliin waan biraa yoo gabbarte, hojiin kee ni bada. Warra badanii fi kasaaran keessaa taata. Sababni isaas, shirkii waliin hojiin gaariin fudhatama hin argatu.[1]

Beeksisni kuni jalqaba nabiyyitti haa qajeelu malee namoota hundaaf kan ta’uudha. Rabbiin waliin wanta biraa gabbaruun (waaqefachun) shirkiidha. Fkn, namni sanamaaf gadi jedhu, kadhatu, qalma qaluu, sujuuda bu’u fi kkf hojjatu, shirkii hojjatee jira. Ammas, namni nama awwaalame kadhatu, silati seenuuf, qalma qaluuf, gargaarsaa fi birmannaa irraa barbaadu, shirkii hojjatee jira. Ammas, namni Iyyasuus gooftaadha jechuun kadhatu fi waaqefatu shirkii hojjatee jira. Namni kana hojjate, hojiin isaa hundi jalaa bada. Kaayyoo barbaade hin gahu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota fi nabiyyoota darban tola isaanitti oole erga dubbate booda akkana jechuun shirkii irraa akeekachiisa:

 “Osoo Rabbitti waa qindeessanii, silaa wanti hojjataa turan isaan jalaa bada.” Suuratu Al-An’aam 6:88

Kana jechuun osoo nabiyyoonni kuni Rabbitti waa qindeessanii (shirkii hojjatanii), hojiin isaanii jalaa bada. Sababni isaas, Rabbiin olta’aan shirkii waliin hojii kamiyyuu hin qeebalu.[2] Kuni shirkiin hangam badaa fi sodaachisaa akka ta’e agarsiisa.

Shirkiin addunyaa keessatti adabbii cimaaf nama saaxila
Sababni guddaan ummanni darban itti badaniif shirkiidha. Nabiyyoonni isaanitti dhufuun Rabbiin qofa akka gabbaranii fi shirkii dhiisan isaan gorsan. Garuu isaan gorsa kana dhiisun shirkii isaanii itti fufan. Kanaafu, dhumarratti adabbii cimaan isaan qabe.

Shirkiin Khaatima badaatti nama geessa
Shirkiin akkuma addunyaa keessatti adabbii adda addaatiif nama saaxilu, dhuma badaattis nama geessa. Shirkiin zulmii waan ta’eef namni shirkii hojjatu zaalima ta’a. Zaalimni sababa badii isaatiif haqa irraa jallata. Yeroo du’aa khaatima (dhuma) badaa irratti du’a. Mu’minni (namni dhugaan amanee) fi hojii gaggaarii shirkii irraa qulqulleesse immoo addunyaa fi Aakhiratti haqa irratti jabeefama. Khaatima gaarii irratti du’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Rabbiin warra amanan jireenya addunyaa fi Aakhirah keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan gadi dhaaba. Rabbiin zaalimoota ni jallisa. Rabbiin waan fedhe hojjata.” Suuratu Ibraahim 14:27

Rabbiin namoota amanan jecha gadi dhaabbataan haqa irratti gadi dhaaba. Jechi kunis shahaadaa: Laa ilaah illallah dha. Rabbiin jireenya addunyaa keessatti jecha haqaa kanaan isaan gadi dhaaba (jabeessa). Yommuu shakkiin isaanitti bu’u gara yaqiinatti qajeelchun, yommuu fedhiin lubbuu isaanitti dhufuu fedhii nafsee caalaa gara wanta Rabbiin jaallatu dursa hojjachuutti qajeelchuun addunyaa keessatti isaan jabeessa. Yeroo du’a isaaniis khaatima gaariin, qabrii keessattis yommuu malaykonni lamaan gaafi isaan gaafatan deebii sirriitti isaan qajeelchun isaan jabeessa. Yommuu du’an laa ilaah illallah irratti du’u. Yommuu qabrii keessatti Gooftaan kee eenyu? Amantin kee maalidha? Nabiyyin kee eenyu? jedhamanii gaafatamaan, deebii sirriitti isaan qajeelcha. Zaalimota kana jechuun mushrikoota (warra shirkii hojjatanii) fi daangaa darbitoota addunyaa fi Aakhiratti wanta sirrii ykn jecha Laa ilaah illallah irraa jallisa. Rabbiin isaan hin miine, garuu ofumaa of miidhan.[3]  Sababni isaas, wanta qajeelinnatti nama geessu dhiisanii wanta jallinnatti nama geessu hojjatan

Mee akka fakkeenyaatti seenaa kana haa ilaallu:
Khaatimaa (xumura) Badaa nama na argaaf hojjatuu!
Mansuur Ibn Ammaar (rahimahullahu) ni jedha: hiriyyaa nafsee ofii irratti daangaa darbee ergasii tawbate tokko qabaan ture. Ibaadaa baay’ee kan hojjatuu fi halkan kan salaatu ta’ee argaa ture. Guyyaa tokko ani isa dhabe. “Inni dhukkubsate jira” naan jedhan.

Anis gara mana isaa dhufe. Intalli isaas natti gadi baatee akkana jette: Eenyuun barbaaddaa?” Anis, “Ebaluun” jedheen. Ishiinis akka mana seenu naaf hayyamte. Anis itti seenee walakkaa manaa keessatti isa arge. Firaasha isaatirra ciisa. Fuulli isaa gurraachate, ijji isaa bulee taate, hidhiin isaa shaakaroofte. Anis isarraa kan sodaadhu ta’ee akkana isaan jedhe: Yaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baay’isi.” Innis ija isaa banee gara kiyya ilaale. ni gaggabe. Anis yeroo lammataaf, “Yaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baay’isi.” Jedheen. Yeroo sadaffaas ni jedheen. Ergasii ija isaa lamaan banee akkana jedhe: Yaa obboleessa kiyya Mansuur! Anaa fi jecha tana jidduu dhoowwaan seenee jira. (Jecha tana jechuu hin danda’u.)”  Anis, “Laa hawla walaa quwwata illa billahil aliyyul aziim.” jedhe.

Ergasii, “Yaa obboleessoo! Salaanni, soomni, tahajjunni, halkan dhaabbachuun suni eessa jiruu?” jedheen.
Innis ni jedhe: Suni Rabbiin ala kan biraatiif ture. Tawbaan kiyya kijiba ture. Kan ani san hojjachaa tureef akka waa’een kiyya dubbatamuu fi ittiin yaadatamuufi. Namoota agarsiifachuuf san hojjachaa ture. Yommuu kophaa kiyya ta’uu, balbala cufee fi maggaarajjaa gadi buusee khamrii (dhugaati nama macheessu) dhuga. Gooftaa kiyya nan faallesse. Haala kana irra yeroo murtaa’ef ni ture. Ergasii dhibeen na tuqe. caafi badii irra gahe.”[4]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmataa fi tola Isaatiin khaatimaa keenya haa bareechisu.


[1] Tafsiiru Muyassar-465 [2] Tafsiiru Muyassar-138[3] Zaadul Masiir-746, Tafsiiru Muyassar-259, Tafsiiru Sa’dii-493[4] Mawsuu’atu akhlaaqi wa zuhdi wa raqaa’iq-1/14-15, Yaasir Abdurahmaan

Print Friendly, PDF & Email
Miidhaa Shirkii-Kutaa 4
Miidhaa Shirkii-Kutaa 2

Leave a Reply