Miidhaa Shirkii-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Shirkiin madda sodaati fi jeequmsaati
Shirkiin zulmii waan ta’eef madda sodaati fi jeequmsaati. Akkasi mitii ree? Namni yommuu badii hojjatu keessi isaa hangam akka jeeqamu ni beekna. Badii hunda kan caalu shirkii yoo hojjate hoo jeequmsi fi sodaan isatti roobu akkam ta’inna laataa? Hundemaa, tasgabbii fi nageenyi kan argamu Rabbii olta’aa irraayyi. Karaan tasgabbii fi gammachuu kana itti argataniis wanta Inni ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisuni. Wanti hundarra badaan Inni irraa dhoowwe shirkiidha. Kanaafi, qalbii namoota shirkii hojjatanii keessatti sodaa akka darbuu akkana jechuun dubbate:

3:151

Sababa isaan wanta Inni ragaa qabatamaa irratti hin buusne Rabbitti qindeessaniif qalbii warra kafaranii keessatti sodaa ni darbina. Itti galli isaanii ibidda. Iddoon jireenya zaalimoota waa fokkate!” Suuratu Aali-Imraan 3:151

Kana jechuun qalbii namoota kafaranii keessatti sodaa cimaa darbina. Sababa isaan wanta Rabbiin ragaa irratti hin buusne Isa waliin gabbaraniif sodaa cimaa qalbii isaanii irratti darba. Rabbii gaditti sanama ykn uumamtoota biraa gabbaran. Uumamtoota kanniin gabbaruun (waaqefachuun) ragaan qabatamaan Rabbiin irraa bu’e hin jiru. Kaafironni fedhii qullaa ofiitin wantoota kanniin waaqefatan. Sababa kanaan, addunyaa tana keessatti yeroo rakkoo fi haalli cimu sodaan qalbii isaanii guuta, garri itti dheessan isaaniif hin jiru. Kuni addunyaa keessatti haala isaaniti. Aakhiratti immoo “Itti galli isaanii ibidda.” Kana jechuun Iddoon jireenya isaanii itti galan ibidda. Keessaa bahuu hin danda’an.[1] 

Faallaa kanaa, namoonni Rabbiin tokkichoomsanii fi homaa Isatti hin qindeessine addunyaa fi Aakhiratti tasgabbii fi nageenya keessa ta’u.

6:82

“Isaannan amananii, iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” (Suuratu Al-An’aam 6:82)

Zulmiin (miidhaan) guddaan kufrii fi shirkiidha. Itti aanse badiiwwan gurguddoon haqa Rabbii fi haqa namootatiin wal qabatan zulmiidha. Namni yommuu wanta Rabbiin isarratti dirqama godhe dhiisu ykn wanta Inni dhoowwe hojjatu, nafsee ofii miidha (zolloma). Sababni isaas, adabbii guddaaf of saaxila. Ammas namoota irratti yommu daangaa darbuu isaanii fi nafsee ofii miidha. Kanaafu, tasgabbii fi qajeelfamni namaa hamma iimaana inni qabuu fi hangam zulmii irraa akka fagaate irratti hundaa’a. Namni iimaanni isaa guutuu ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti fagaate, tasgabbii fi qajeelfamni isaa guutu ta’a. Namni iimaanni isaa hanquu ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti hin fagaanne immoo tasgabbii fi qajeelfamni isaa akkasuma hanquu ta’a.

Kanaafu, namni Rabbii olta’aatti haala sirriin erga amanee booda amantii qalbii, hojii fi dubbii isaa shirkiin yoo walitti hin makin, isaaf tasgabbii fi qajeelfamatu jira. Faallaa kanaa, namni amantii qalbii, hojii fi dubbii isaa shirkiin walitti make sodaa, jeequmsaa fi jallinnatu isaaf jira.

Fakkeenya 1ffaa:
Jaalalli gosoota ibaadaa keessaa tokko. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Namoota keessaa namoota Rabbii gadiitti andaada godhatanii akka jaalala Rabbii jaallatantu jira. Garuu warri amanan [isaan] caalaa sirritti Rabbiin jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:165 (Andaada jechuun qixxaattota (equals), dorgomtoota.)

Jaalalli ibaadaa ta’u jaalala jaallatamaaf of xiqqeessuu fi gadi of qabuun keessa jiruudha. Kuni Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u. 

Sheykhul Islaam ibn Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: “Ibaadan itti ajajaman hiika xiqqeenyaa fi hiika jaalalaa of keessatti kan qabateedha. Ibaadan jaalala fiixee dhumaa irra gaheen isa jaallachuu waliin Rabbii olta’aaf of xiqqeessuu fiixee dhumaa irra gahe of keessatti qabata. (Kana jechuun ibaadaan Rabbii olta’aa garmalee jaallachuu waliin Isaaf garmalee of gadi xiqqeessu of keessatti hammata.)

Dhugumatti sadarkaalee jaalalaa keessaa inni dhumaa gabbaruudha. Sadarkaan jalqabaa jaalalaa, itti rarra’uudha. Qalbiin jaallatamatti rarraati. Ergasii dharra’uudha. Itti aanse “al-gharaam”-kana jechuun jaalala qalbitti maxxanee fi irraa addaan hin baane. Ergasii Al-Ishq (jaalala daangaa darbe). Marsaan jaalalaa isa dhumaa, “at-tatayyum” Kana jechuun gabbaruudha. Ni jedhama: taymullahi kana jechuun Gabricha Rabbii. (Hundeen jecha tatayyum jedhu, jecha isaanii kana irraayyi: “tayyamahul-hubbu” kana jechuun jaalalli isa gabroomse, gadi xiqqeesse.)

Namni nama tokko osoo jibbu gadi of qabeef, isaaf gabricha hin ta’u. Akkasumas, wanta tokko jaallattee garuu yoo isaaf gadi of hin qabin, wanta kanaaf gabricha hin ta’u. Kan akka ilma isaa, hiriyyaa isaa jaallachu. (Namoota kanniin ni jaallata garuu isaaniif gadi of hin qabu. Kanaafu, isaaniif gabricha hin ta’u jechuudha).

Kanaafi, Rabbiin gabbaruu keessatti isaan lamaan (jaalalaa fi gadi of qabuu) keessaa tokko qofti gahaa miti. Kana irra, Rabbiin subhaanahu wantoota hunda caalaa gabricha biratti jaallatamaa ta’uu fi wantoota hunda caalaa isa biratti Rabbiin guddaa ta’uu qaba. Dhugumatti, jaalallii fi gadi of xiqqeessuun guutuun Rabbiif malee hin ta’u.[2]

Kanaafu, jaalalli jaallatamaaf of gadi qabuu fi of xiqqeessu of keessaa qabu Rabbii tokkicha qofaaf ta’a. Isaan ala wanta biraatiif jaalala akkanaa gochuun shirkiidha.

Asirratti hundaa’un namni Rabbii gaditti wanta tokko daangaa darbee jaallate fi wanta saniif of gadi qabee fi xiqqeesse shirkii hojjate jira. Sababa kanaan, jireenya keessatti tasgabbii dhaba. Jeequmsii fi sodaan qalbii isaa haguuga. Wanta kana dhabuu danda’a jechuun garmalee sodaata. Namoonni dubartii ykn addunyaa garmalee jaallatanii fi ishiif jedhanii of gadi xiqqeessan kana sirritti hubatu.

Namni jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of xiqqeessu of keessaa qabu Rabbii tokkichaaf godhe immoo tasgabbii argata. Sababni isaas, Rabbiin yeroo hundaa jiraataa hin banne, namatti dhiyoo wanta hundaa beeku fi dhagayuu waan ta’eef, qalbiin tasgabbiin guuttamti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qalbii warra amananii fi homaa Isatti hin qindeessine (shirkii hin hojjanne) keessatti sakiinaa (tasgabbii) akka buuse akkana jechuun dubbata:

“Iimaana isaanii waliin iimaana akka dabalataniif qalbii warra amananii keessatti tasgabbii Kan buuse Isa (Rabbiidha).” Suuratu Al-Fath 48:4

Asirraa akkuma hubannu, qalbii keessatti tasgabbii kan buusu Rabbiin qofa. Tasgabbii kana argachuuf karaan tokkichi haala sirriin amanuu (iimaanaa) fi shirkii irraa fagaachudha.

Fakkeenya 2ffaa
Namni hojii tokko na argaaf ykn na jajaaf yommuu hojjatu, keessa isaatti jeequmsi fi sodaan itti dhagahama. “Namoonni maal nan jedhu? Hojii kiyyatti gammadanii? Way na salphisanii?” jechuun keessi isaa ni jeeqama. Garuu hojii isaa Rabbii tokkichaaf yoo godhe, jeequmsaa fi sodaa kana hundarraa nagaha ta’a. Haala kanaan, tasgabbii argata, hirriba mi’aawa rafa.


[1] Tafsiiru Muyassar-69, Tafsiiru Sa’dii-161 [2] Al-Ubudiyyah-24-25

Print Friendly, PDF & Email
Miidhaa Shirkii-Kutaa 3
Miidhaa Shirkii-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply