Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti nama geessa-Kutaa 1
Tarii namoonni Rabbiitti waa qindeessan (qixxeessan)-kana jechuun shirkii hojjatan- addunyaa keessatti salphinna hangas mara arguu dhiisu danda’u. Garuu Guyyaa Qiyaamaa haqaa fi sobni waan ifa bahuuf garmalee salphatu. Salphachuu jechuun yakkii fi badiin hojjatan saaxilamu, garmalee qaana’uu fi adabbii keessatti kufuudha. Kanaafu, hiika kana irratti hundoofne salphinna namoota shirkii hojjatanii haala kanaan qoqqoonne ilaalu dandeenya:
Yakki isaanii saaxilamuu fi sobni odeessaa turan isaan jalaa baduu
Rabbiin alatti wantoonni isaan gabbaraa (waaqefatan) isaan mormuu fi kijibsiisuu.
As jalatti, malaykonni isaan mormuu, Nabiyyoonni fi saalihonni isaan mormuu, Nabii Iisaan (Iyyasuus) namoota isa waaqefatan mormuu, hoggantoonni jallattoota ta’an isaan ganu, sheyxaanni isaan ganuu, haala wali galaatin isaan kijibsiisu” ni ilaalla.
Jecha ijoo: Shariikota-Ingliffaan-Partners, Amariffaan-ተጋሪዎች (taggaarihoch). “Shariikonni” asi gaditti barbaadame “wantoota namoonni Rabbiin waliin gabbaran (waaqefatanii)dha. Kan akka sanamoota (siidaa), malaykota, nabiyyoota, namoota gaggaarii fi kkf.” Sababni wantoonni isaan gabbaran kunniin shariikota jedhamaniif “Gooftummaa ykn ibaadaa keessatti Rabbiin waliin qooda fudhatu” jedhanii mushrikoonni waan yaadaniif. Mushrikoota-namoota Rabbiin waliin waan biraa gabbaran (waaqefatan).
Yakki isaanii saaxilamuu fi sobni odeessaa turan isaan jalaa baduu
Shirkii jechuun Rubuubiyyah (Gooftummaa) ykn ibaadaa (gabbarrii) ykn maqaalee fi amaloota Rabbii keessatti Isaaf shariika (qooda fudhataa) ykn fakkaataa fi qixxaataa gochuudha. Jecha gabaaban shirkii jechuun Rabbii olta’aatti waa qindeessu ykn qixxeessudha. Shirkiin yakkaa fi badii guddaadha. Namoonni shirkii hojjatan, Guyyaa Qiyaamaa yakki isaanii kuni ifatti baha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
“Guyyaa hunda isaanii walitti qabnee ergasii warra qindeessaniin, “Shariikonni keessan kan isin odeessaa turtan eessa jiruu?” jennuun san [yaadadhu]. Ergasii fitnaan isaanii, “Gooftaa keenya Rabbiin kakanne! Nuti mushrikoota hin turre.” jechuu malee waan biraa hin taane. Akkamitti akka ofirratti kijiban mee ilaali. Wanti isaan sobaan uumaa turan isaan jalaa bade.” Suuratu Al-An’aam 6:22-24
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bu’aa dhumaa warra shirkii hojjatanii beeksisa. Guyyaa Qiyaamaa namoota hundaa walitti qabee ergasii Isaa gaditti wantoota gabbaraa (waaqefataa) turan ilaalchisee isaan gaafata. Isaan salphisuu fi waqqasuuf jecha akkana jechuun isaan gaafata: “Shariikonni keessan kan isin odeessaa turtan eessa jiruu?” Kana jechuun wantoonni isin waaqefatan “Rabbiin biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u, gara Isaatti nu dhiyeessu ykn Rabbiin waliin qooda fudhatu (shariikota)” jechuun sobaan odeessaa turtan eessa jiruu?[1] Gabbaramaan (waaqefatamaan) nama isa gabbare (waaqefate) ni fayyada, badii irraa baraara. Kanaafu, adabbii irraa akka isin baraaraniif mee wantoonni isin Rabbiin alatti gabbaraa turtan eessa jiruu?
“Ergasii fitnaan isaanii, “Gooftaa keenya Rabbiin kakanne! Nuti mushrikoota hin turre.” jechuu malee waan biraa hin taane.”
Kana jechuun yommuu gaafi kanaan qoramanii fi dhugaa argan deebiin isaanii, “Gooftaa keenya Rabbiin kakanne! Nuti namoota Sitti waa qindeessanii miti. Siin ala wanta biraa gabbaraa (waaqefataa) hin turre.” jechuun malee waan biraa hin ta’u.[2]
“Akkamitti akka ofirratti kijiban mee ilaali.” Kana jechuun sobaan “nuti mushrikoota hin turre” jechuun akkamitti akka ofirratti soban mee hubadhu.
“Wanti isaan sobaan uumaa turan isaan jalaa bade.” “Sanamoonni kunniin Rabbiin biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u” jechuun wanti isaan sobaan uumaa turan isaan jalaa bade.[3] Addunyaa irratti wanti nu gabbaru kunniin shafa’aa nuuf ta’uu jechuun odeessa turan. Garuu Guyyaa Murtii sobni isaan odeessan kuni isaan irraa bada. Wantoonni isaan gabbaran shafa’aa isaaniif hin ta’an.
“Dhugumatti, akkuma yeroo jalqabaa isin uumne kophaa taatanii dhuftanii jirtu, wanta isiniif kennine dugda keessan duubatti dhiistanii jirtu. Shufa’aa’a keessan kan isin “shariikota” jechuun odeessitan isin waliin hin arginu. Dhugumatti, [hariiroon] jidduu keessanii citee jira, wanti odeessaa turtaniis isin jalaa bade.” Suuratu Al-An’aam 6:94
“Akkuma yeroo jalqabaa isin uumne” kana jechuun akkuma uumu isin jalqabne isin deebisnee (kaafne) jirra. Akkuma yeroo jalqabaa isin uumne lamuu deebisne isin uumnee jirra. Du’aan booda kaafamu kan mormitanii fi akka hin danda’amnetti ilaalaa turtan.[4] Hiikni biraa, “Akkuma yeroo jalqabaa isin uumne” jedhu, akkuma yeroo jalqabaa kan hin kittaanamne, qullaa fi miila duwwaa taatanii haati teessan isin dheesse, har’as akkasuma taatani dhuftanii jirtu.[5] Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
يُحْشَرُ النَّاسُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ حُفَاةً عُرَاةً غُرْلاً
“Guyyaa Qiyaamaa namoonni miila duwwaa, qullaa fi kan hin kittaanamne ta’anii walitti qabamu.” Sahiih Muslim 2859
“kophaa” Kana jechuun jireenya jalqabaa keessatti qabeenya, ijoollee, gargaartoota fi deeggartoota ittiin boonaa turtan irraa adda baatanii jirtu.[6] Tokko kan biraa gargaaru hin danda’u. Guyyaa Qiyaamaa namni hundu qabeenya, ijoollee, gargaartotaa fi deeggartota addunya keessatti horataa ture irraa adda bahee kophaa dhufa. Akkuma daa’imni yommuu dhalatu qabeenya fi ijoollee kan hin qabne ta’e garaa haadhaa keessaa bahu, Guyyaa Qiyaamaas namni yommuu kaafamu qabeenyaa fi ijoollee kan hin qabne ta’ee qabrii keessaa ol baha.
“wanta isiniif kennine dugda keessan duubatti dhiistanii jirtu.” Kana jechuun addunyaa keessatti qabeenyaa fi qananii isiniif kennine kan ittiin of tuulaa turtan of duubatti dhiistanii jirtu. Kana irraa homaa of waliin hin finne.[7]
“Shufa’aa’a keessan kan isin “shariikota” jechuun odeessitan isin waliin hin arginu.”
Shufa’aa’a jechuun adabbiin akka namarraa deebi’uuf ykn wanta jaallatan akka argataniif warra shafa’aa (jaarsummaa) namaaf ta’aniidha. Mushrikoonni “Sanamoonni Rabbiif shariikota, Isa biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u” jechaa turan. Hiikni hima armaan olii “Rabbiin biratti shafa’aa nuuf ta’uu jettanii wantoota isin gabbartan (waaqefattan) isin waliin hin arginu. Kanaafu, har’a eessa jiruu? Isiniif shafa’aa ta’uu danda’uu?”[8]
“Dhugumatti, [hariiroon] jidduu keessanii citee jira.” kana jechuun hariiroon isinii fi wantoota gabbartan jidduu jiruu citee jira. Kanaafu, har’a isin isaan gabbaruu hin dandeessan, isaaniis isiniif shafa’aa (jaarsummaa) ta’uu hin danda’an.[9] “wanti odeessaa turtaniis isin jalaa bade.”
Wantoota gabbartanii fi amanti keessan sobaa ilaalchisee wanti kijibaan odeessaa turtan isin jalaa bade. Kanaafu, wanta odeessaa turtan irraa dhimma haqa ta’e hin argattan.[10] “Gabbaramtoonni keenya ibaadaa (gabbarrii) keessatti Rabbiif shariikota, Isa biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u.” Jechuun wanti sobaan odeessitan isin jalaa bade. [11] Nageenyi, bu’aan, milkaa’inni fi gammachuun sheyxaanni isiniif bareechisee fi arrabni keessan dubbate isin jalaa bade. Oduu sobaa haqa hin taane kanaan ni gowwoomtan. Yommuu faallaan wanta isin odeessitanii isiniif ifa ta’uu, nafsee, maatii fi qabeenya keessan akka kasaartan ifa bahe.[12]
Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Qurxubii-8/339, Zaadul Masiir-429[2] Tafsiiru Qurxubii-8/340, Tafsiiru Xabarii-9/192[3] Zaadul Masiir-430, Tafsiiru Muyassar-130[4] Tafsiiru Ibn Kasiir-3/577, Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iq tadabburi-11/340[5] Tafsiiru Xabarii-9/414, Tafsiiru Qurxubi-8/463[6] Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-7/382, maddoota olii[7] Tafsiiru Ibn Kasiir-3/577, Tafsiiru Xabarii-9/415[8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/340, Tafsiiru Xabarii-9/416[9] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/341, Tafsiiru Sa’dii-296[10] Madda jalqabaa olii[11] Tafsiiru Muyassar-139, Zaadul Masiir-455 [12] Tafsiiru Sa’dii-296