Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti Nama geessa-kutaa 2

Offline dubbisuf

Wanti isaan gabbaraa turan isaan mormuu fi kijibsiisuu
Wantoota namoonni Rabbii olta’aa gaditti gabbaran (waaqefatan) bakka gurguddaa sadiitti qoodu dandeenya. 1ffaa-Wanta waa hubachuu danda’uu kan gabbaramutti hin gammanne. Kan akka nabiyyoota, malaykoota fi saalihota. 2ffaa-Wanta waa hubachuu danda’u kan gabbaramutti gammadu. Kan akka sheyxaanaa, hoggantoota jallattoota ta’anii fi kanneen biroo. 3ffaa-Wanta waa hubachuu hin dandeenye. Kan akka dhagaa, mukaa fi kkf.

Kunniin hundi Guyyaa Qiyaamaa namoota isaan gabbaran (waaqefatan) ni mormu. Mee gosoota sadan kanniin tokkoon tokkoon haa ilaallu.

Malaaykonni isaan mormuu
Malaaykonni uumamtoota Rabbii olta’aati. Isaan amala gooftaas, gabbaramaas hin qaban. Kana jechuun waa uumuu, too’achu, sooru fi hojii biroo Gooftaan qofti hojjatu hojjachuu hin danda’an. Akkasumas, gabbaramaa (kan waaqefatamanii) miti. Kanaafu, isaan gabroota Rabbiiti. Wanta Rabbiin isaan dandeesise malee nama fayyaduu fi miidhu hin danda’an. Namoota irraa gareen wayii “malaaykonni Rabbiitti dhiyoo waan ta’aniif shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’uu ykn Isatti nu dhiyeessu” jechuun waaqefatu. Kuni shirkii guddaa fi soba ifa baheedha. Guyyaa Qiyaamaa malaaykonni kana ni mormu. Mormii isaanii kana Qur’aanni haala kanaan hima:

Guyyaa [Rabbiin] hunda isaanii walitti qabee, ergasii malaaykotaan, “Sila isaan kun isin gabbaraa (waaqefataa) turanii?” jedhu, [yaadadhu].” [Malaaykonnis] ni jedhu: “Ati Qulqulloofte! Waliyyiin keenya isaan osoo hin ta’in Sima qofa. Kana irra, isaan Jinnii gabbaraa (waaqefataa) turan. Irra hedduun isaanii isaanitti amanu.” Suuratu Saba 34:40-41

“Guyyaa [Rabbiin] hunda isaanii walitti qabee, ergasii malaaykotaan, “Sila isaan kun isin gabbaraa (waaqefataa) turanii?” jedhu, [yaadadhu].”

Guyyaa Rabbiin mushrikootaa fi wanta isaan gabbaran walitti qabuu yaadadhu. Guyyaan kuni Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin namoota jalqabaa irraa kaase hanga dhumaa jiran walitti qabuudha. Erga walitti qabee booda mushrikoota (namoota Isaa gaditti wanta biraa gabbaran) waqqasuuf malaaykota akkana jechuun gaafata: “Sila isaan kun isin gabbaraa (waaqefataa) turanii?”

Ergasii malaaykonnis akkana jechuun deebisu: “Ati Qulqulloofte!” Kana jechuun Yaa Rabbii keenya! Ati Gooftummaa Kee keessatti yookiin ibaadaa keessatti shariika qabaachu irraa qulqulloofte. Nutis ta’e kan biraa Si waliin shariika ta’uu irraa Si qulqulleessina.[1] Shariikni nama waliin hirmaate kan gargaaru ykn wanta qabu kan waliin horatuudha.[2] Fakkeenyaf, daldala keessatti namoonni lama yoo waliin shaarrakan (qindaa’an) isaan lamaan waliif shariika ta’u. Takkaa wal gargaarani daldala kana hojjatu takkaa immoo bu’aa daldala kanarraa argamu addaan qoodatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Gooftummaa Isaa keessatti shariika hin qabu. Kana jechuun hojii Isaa keessatti kan Isa gargaaru hin jiru. Ammas, ibaadaa keessatti shariika hin qabu. Ibaadan hundi Isa qofaaf ta’uu qaba. Ibaadan Isaa fi wanta biraa jidduutti qoodamu hin qabu. Rabbiin shariika qabaachu irraa qulqulluudha.

Waliyyiin keenya isaan osoo hin ta’in Sima qofa.” Kana jechuun Si qofatu Gooftaa keenya, Gabbaramaa keenya. Siin ala Gooftaan biraa hin jiru, Si malee gabbaramaan haqaa hin jiru.[3] Nuti mushrikoota jaalalloo (hiriyyoota) hin godhanne. Kana irra, isaaniin ala Situ waliyyi keenya. Nu fi isaan jidduu wal jaallachuun hin jiru.” Wal jaallachuun erga bade faallan isaa ni argamaa jechuudha. Innis diina walitti ta’uudha. Kana jechuun namoonni kunniin diinota keenya. Isaaniin alatti Ati jaalalloo keenya.[4]

Akka nu gabbaraa turanii fi jaalallota isaanii akka taane yoo odeessan, nuti isaan kijibdoota akka ta’an ni labsina. Isaaniin ala Si qofatu waliyyii (jaalallo, gargaaraa, Gooftaa) keenya. Isaan haqiiqaadhaan nu hin gabbaran, ajaja keenyaafis hin ajajaman.[5]Kana irra, isaan Jinnii gabbaraa (waaqefataa) turan.” Kana jechuun namoonni kunniin sheyxaanota gabbaraa turan. Sheyxaanonni akka malaaykota gabbaran isaan ajaju. Isaaniis sheyxaanotaaf ajajamu. Haala kanaan, haqiiqaadhaan (dhugaadhaan) sheyxaanota gabbaru. Namni Rabbiin faallessu (ma’asiyaa) keessatti Rabbiin ala kan biraatiif ajajame, wanta kana gabbaramaa godhatee jira.

Irra hedduun isaanii isaanitti amanu.” Kana jechuun irra hedduun isaanii kijibaa fi jallinna isaanitti beeksisan keessatti jinni dhugoomsu, ergasii ni hordofu.[6] Sheyxaanni Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruu isaanitti hasaasa. Mushrikoonnis kana dhugoomsuun hojii irra oolchu.  

Haala kanaan, malaykoonni namoota addunyaa keessatti isaan gabbaraa (waaqefataa) turan ni mormu.

Guduunfaa
Namoonni gariin addunyaa keessatti “Malaaykonni Rabbiitti dhiyoodha” jechuun isaan kadhatu, ni waaqefatu. Fkn, akkana jedhu, “Yaa Gabra’el na fayyisi.” Suuraa isaanii kaasun gadi jedhuuf. Kuni shirkiidha. Malaaykonni Guyyaa Qiyaamaa namoota akkanaa ni mormu. Waa afurin isaan mormuu:
1ffaa-Rabbii olta’aa ni qulqulleessu. Kana jechuun malaaykonni ibaadaa (gabbarri) keessatti Rabbiin waliin gabbaramu (shariika) ta’uu irraa Rabbii olta’aa qulqulleessu.
2ffaa-Namoota kanniinitti diina ta’uu-“Waliyyiin keenya isaan osoo hin ta’in Sima qofa.” jedhu keessatti ni arganna. Hiika Waliyyi keessa tokko “jaallalloo” dha. Namoonni kunniin jaalallo malaaykota erga hin ta’in diina isaaniti jechuudha. Sababni isaas, wanta malaaykonni garmalee jibban hojjatu. Wanti kunis shirkiidha.
3ffaa-Namoonni kunniin dhugaadhaan malaaykota osoo hin ta’in sheyxaanota gabbaraa akka turan malaaykonni ni beeksisu. Sababni isaas, namoonni kunniin Rabbiin faallessuun sheyxaanotaaf ajajamu.
4ffaa-Isaan wanta sheyxaanni isaanitti hasaasu dhugoomsun hordofu. Malaaykota waaqefachuutti malaaykonni hin ajajne, Rabbiinis hin ajajne, nabiyyoonnis hin ajajne, beektonnii fi namoonni gaggaarinis hin ajajne. Kanaafu eenyutu ajaje ree? Deebiin: sheyxaanatu ajaje. Sheyxaanni “Malaaykonni Rabbiitti dhiyoodha, nama fayyadu. Kanaafu isaan kadhaa, waaqefadhaa..” jechuun isaanitti hasaasa. Namoonnis kana dhugoomsun hojii irra oolchu. “Irra hedduun isaanii isaanitti amanu” Kana jechuun irra baay’een isaanii sheyxaanota dhugoomsu.

Haala kanaan Guyyaa Qiyaamaa malaaykonni namoota isaan kadhatan, gargaarsa fi birmanna irraa barbaadan mormu.


Kitaabban wabii
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/103
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Saba’a-Ibn Useymiin, fuula 251
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/103-104
[4] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Saba’a-Ibn Useymiin, fuula 252
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/104
[6] Maddoota olii

Print Friendly, PDF & Email
Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti Nama Geessa-Kutaa 3
Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti nama geessa-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply