Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti Nama Geessa-Kutaa 3

Sanamoonni, saalihoonni fi uumamtoonni biroo isaan gabbaraa turan isaan kijibsiisuu fi mormuu
Guyyaa Qiyaamaa sanamoonni (siidaan), namoonni gaggaariin (saalihonni), malaaykonni fi uumamtoonni biroo sobaan gabbaramaa turan namoota isaan gabbaran (waaqefatan) ni mormu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Guyyaa hunda isaanii walitti qabnee ergasii warra [Rabbiitti] waa qindeessaniin, “Isinii fi shariikonni keessan bakka keessan qabadhaa!” jennuun [yaadadhu]. Ergasii isaan addaan baafna. Shariikonni isaanii ni jedhu, “Isin nu gabbaraa hin turre. Nu fi isin jidduutti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadha. Ibaadaa (gabbarrii) keessan irraa nuti gaafiloota turre.” Achitti nafseen hundi wanta dabarsite beekti. Gara Rabbii Mawlaa isaanii haqa ta’etti deebifamu, wanti isaan kijibaan uumaa turan isaan jala bade.” Suuratu Yuunus10:28-30

Asitti shariikonni- wantoota namoonni Rabbii gaditti gabbaraa (waaqefataa) turaniidha.
Guyyaa uumamtoota hunda qorannoo fi jazaaf walitti qabnu yaadadhu. Ergasii namoota Rabbiin waliin waan biraa gabbaraniin (waaqefataniin), “Isinii fi shariikonni isin Rabbii gaditti gabbaraa turtan bakka keessan dhaabbadhaa.” Jennaan. Itti aanse, mushrikoota fi wantoota isaan gabbaraa turan (shariikota) addaan baasna. Mushrikootaa fi wanti isaan gabbaraa turan qaamaa fi qalbiin addaan fageefamu. Addunyaa keessatti jaalala qulqulluu erga isaaniif baasanii booda diinummaan cimaan isaan jidduutti uumama. Jaalalli suni gara jibbummaa fi diinumaatti jijjirama. Wantoonni isaan Rabbii gaditti waaqefataa turan (shariikonni) isaan irraa qulqullaa’u.[1] Akkana jechuun isaan mormu, “Isin nu gabbaraa hin turre.” Kana jechuun isin dhugaadhaan nu waaqefachaa hin turre. Garuu fedhii qullaa keessanii fi sheyxaanaa waaqefachaa (gabbaraa) turtan.[2] Sheyxaanni Rabbiitti amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuu irraa isaan dhoowwa, Rabbii tokkicha gabbaruu dhiisanii wanta biraa akka gabbaran isaan ajaja. Namoonni kunniinis sheyxaanaf ajajaman. Kanaafu dhugaadhaan sheyxaana gabbaraa turan. Namni Rabbiin faallessu (ma’asiyaa) keessatti Rabbiin ala kan biraatiif ajajame, wanta kana gabbaree jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa, dhugumatti inni isiniif diina ifa bahaadha. Ana qofa gabbaraa, kuni karaa qajeeladha.” jechuun isiniif hin dhaamnee?” Suuratu Yaasin 36:60

Ergasii mushrikoonni wantoota gabbaran kanniin waliin ni falmu. Eeyyeen isin gabbaraa turre jedhuun. Wantoonni isaan gabbaraa (waaqefachaa) turanis ni jedhu, “Nu fi isin jidduutti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadha. Ibaadaa keessan irraa nuti gaafiloota turre.” Kana jechuun yaa mushrikoota yoo nu hin dhugoomsin, nu gabbaruutti akka isin hin waamne, hin ajajnee fi kana isin irraa hin jaallanne Rabbiin nuu fi isin jidduutti ragaa ta’a. Ammas, akka isin Rabbii gaditti nu gabbaraa turtan nuti hin beeknu turre.[3]gaafiloota” warra wanta tokko quba hin qabne fi hin beekne.

Wantonni Rabbii gaditti gabbaraman, gabbarrii namootaa quba hin qaban, hin beekan. Fkn, sanamni (siidaan) namoonni gabbaran, gabbarri (waaqefanna) kana hin beeku. Sababni isaas, siidaan lubbu-dhabeenyi hin dhageenye fi hin argineedha. Ammas, nabiyyoonni fi saalihonni namoonni isaan gabbaru quba hin qaban. Sababni isaas, nabiyyoonni fi saalihonni kunniin waan du’aniif wanta namoonni hojjatan hin dhagayan, hin argan. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa namoota isaan gabbaraniin, “Isin nu gabbaru keessan quba hin qabnuu turre.” Jechuun isaan mormu. Ergasii namoonni kunniin gaabbii cimaa gaabbu, salphinna guddaa salphatu.

“Achitti nafseen hundi wanta dabarsite beekti.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa iddoo qorannootti nafseen hundi waan gaaris ta’e badaas ta’ee wanta hojjatte dabarsite ni beekti. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

86:9

“Guyyaa iccitiiwwan qorataman” Suuratu Ax-Xaariq 86:9[4]

Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa iccitiin namni dhokse hundi qoratamuu fi ifatti bahuudha. Badaa fi gaariin, dhugaa fi sobni addaan baafama, ifatti baha. Kanaafu, namni hundu wanta hojjate dabarsee fi firii hojii isaa sirritti beeka.

75:13

Namni Guyyaa san wanti inni dabarfatee fi duubatti dhiise itti himama.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:13

Wanti inni dabarfate jechuun gaariis ta’ee badaa irraa wanta hojjatee dabarse. Wanti inni duubatti dhiise immoo wanta dirqama isatti ta’ee osoo hin hojjatin kan dhiisedha. Fkn, salaata, zakaa, sooma fi kkf.

“Gara Rabbii Mawlaa isaanii haqa ta’etti deebifamu” Kana jechuun Guyyaa san mushrikoonni kunniin gara wanta gooftaa keenya jechuun kijibaan odeessanitti osoo hin ta’in gara Rabbii Gooftaa fi too’ataa isaanii haqa ta’etti deebifamu.[5] Ergasii wanta hojjataa turaniif jazaa isaaniif kafala.  

 “wanti isaan kijibaan uumaa turan isaan jala bade.” Kana jechuun wanti isaan kijibaan Rabbiin waliin gabbaraa turan isaan jalaa bada.[6]

Namoonni Rabbiin alatti wanta biraa waaqefatan, wanti isaan waaqefatan kuni ‘Rabbiin biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’a yookiin Isatti nu dhiyeessa ykn nu fayyada ykn miidhaa nurraa deebisa.’ jechuun gabbaraa (waaqefataa) turan. Garuu Guyyaa Qiyaamaa wanti sobaan odeessan kuni isaan jalaa bada. Kana jechuun wanta odeessan kana dhugaa ta’e hin argatan. Adabbiin akka isaan irraa deebi’uuf wanti isaan gabbaraa (waaqefataa) turan shafa’aa (jaarsumma) isaaniif hin ta’u, isaan hin fayyadu, adabbiis isaan irraa hin deebisu. Haala kanaan, namoonni sanama ykn nabiyyoota ykn malaaykota ykn waliyyoota ykn uumamtoota biroo waaqeffatan (gabbaran) ni salphatu. 

Guduunfaa
Namoota keessaa namoonni gariin “Nabiyyoonni ykn saalihoonni (namoonni gaggaariin) Rabbiitti dhiyoo waan ta’aniif shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u” jechuun isaan kadhatu, gargaarsaa fi birmannaa irraa barbaadu, silati seenuf, wareega wareeguf, qabrii isaanii biratti sujuuduf, gosoota ibaada birootin isaanitti dhiyaatu. Inuma yeroo rakkoo, yaa Rabbii na dhaqqabi jechuu dhiisanii, yaa ebalu na dhaqqabi jedhu. Ebaluun isaan jedhan kuni nama du’e kan kadhaa isaanii hin dhageenyedha. Haala kanaan, namoonni kunniin Rabbii olta’aan alatti nabiyyoota ykn saalihota gabbaru (waaqefatu).

Guyyaa Qiyaamaa salphinni isaanii ifatti baha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qabrii keessaa kaasee nama hundaa erga walitti qabee booda, namoota Isaan alatti wanta biraa gabbaraniin “Isinii fi shariikonni keessan bakka keessan qabadhaa!” jedhaan. Ergasii isaanii fi wantoota isaan gabbaran addaan baasa. San booda isaanii fi wantoota gabbaran jidduutti wal falmiin ni uumama. Sanamoonni (siidaan) ykn saalihonni ykn uumamtoonni biroo isaan addunyaa irratti gabbaraa (waaqefataa) turan waa sadiin isaan mormu:
1ffaa-Akkana jedhuun “Isin nu gabbaraa hin turre.” Sababni isaas, nuti akka nu gabbartan isin hin ajajne, gabbarri keessanittis hin gammanne. Kana irra, sheyxaana gabbaraa turtan. Sababni isaas, sheyxaanatu kanatti isin ajaje.
2ffaa-Yoo nu hin dhugoomsin nuu fi isin jidduutti Rabbiin ragaa bahuuf gahaadha. Sababni isaas, Inni waan hundaa beekadha, argaadha, dhagayaadha.
3ffaa-Isin akka nu gabbaraa (kadhachaa, gargaarsaa fi birmannaa nurraa barbaadaa) turtan quba hin qabnu.

Ergasii namni hundu wanta addunyaa irratti hojjate dabarse ni beeka. Kijibni namoonni nabiyyoota ykn saalihota ykn wanta biraa gabbaraa turanii ni bada. “Shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u” jechuun isaan gabbaraa turan. Kunoo shafa’aa isaaniif hin ta’an. Inumaa diina isaanitti ta’u. Wanti isaan kijibaan odeessaa turan ni bada. Kanaafu, namni nabiyyoota ykn saalihoota du’an ykn malaaykota ykn jinni kadhachuu, gargaarsaa fi birmanna irraa barbaadu, silati seenufi, wareega wareegufi, ibaadaa biroo isaaniif gochuu irraa of qusachuu fi fagaachu qaba. Ta’uu baannan, boru Guyyaa Qiyaamaa ni salphata.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-212, Tafsiiru As-Sa’dii-416
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-10/98
[3] Madda olii, Tafsiiru Ibn Kasiir-4/397
[4] Tafsiir Ibn Kasiir-4/398
[5] Tafsiiru Xabarii-12/175
[6] Maddoota olii

Print Friendly, PDF & Email
Guyyaa Qiyaamaa Iyyasuus Namoota isa waaqeffatan ni morma
Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti Nama geessa-kutaa 2

Leave a Reply