Soba Shirkii-Kutaa 1

Wanti Rabbii olta’aa gaditti gabbaramu (waaqefatamu) hundi soba (baaxila)
Jalqaba soba ykn baaxila jechuun wanta haqa faallessu, hundee hin qabnee fi baduudha. Rabbii olta’aa gabbaruun haqa gadi dhaabbataa hin jijjiramneedha. Isaan ala wanta biraa gabbaruun immoo soba hundee fi ragaa hin qabneedha. Namni Rabbiin gabbaruu gabbarrii (ibaadaa) isaa irraa firii argata, ni mindeefama. Namni Rabbiin ala wanta biraa gabbaru immoo gabbarri isaa irraa firii homaatu hin argatu. Wanti inni hojjatu hundi ni bada. Akka awwaaraa bittinaa’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii namoota Isaan ala wanta biraa gabbaran (waaqefatanii) ilaalchisee ni jedha:

25:23

Hojii irraa gara wanta isaan hojjataniitti qajeelle. Dhukkee faca’aas isa taasifne.” Suuratu Al-Furqaan 25:23

Mee asi gaditti wantoonni Rabbiin alatti gabbaraman soba ta’uu ragaaleen haa dhiyeessinu. Asitti “wantoonni Rabbiin alatti gabbaraman soba” yommuu jennu, wantoonni kunniin wantoota gabbaramuu (waaqefatamu) hin qabneedha, gabbarriin (ibaadaan) isaaniif godhamu soba (baaxila), mataan isaanitu kan badaniidha jechuu keenya.

Sanamoota gabbaruun (waaqefachuun) soba (baaxila)
Sanamoonni danu (hedduminna) sanamaati. Sanamni siidaa dhaabbame waaqefatamudha. Ingliffaan “Idol” Amaariffaan “Xaa’ot” jedhama.

Akkuma dubbiin soba jedhamuun ibsamu, hojii fi amantiinis soba jedhamuun ni ibsama. Akkuma dubbii dhugaa hin taanen “Kuni dubbii sobaati” jennu, amantii dhugaa hin taanenis “kuni amanti sobaati.” Jenna. Akkasumas, hojii faayda hin qabnee fi bu’aa homaatu hin buufnen “Kuni hojii sobaati” jenna. Namni sanamoonni ni fayyadu, miidhaa ni deebisu jedhee amanuun isaan waaqefate, amantii fi hojiin isaa kuni soba. Sababni isaas, sanamoonni siidaa nama fayyaduu fi miidhaa namarraa deebisuu hin dandeenyedha. Kanaafu, namni sanamoonni na fayyadu ykn miidhaa narraa deebisu jedhe amanti sobaa amanee jiraa jechuudha. Yoo sanamoota kana waaqefates bu’aa homaatu waan isaan irraa hin arganneef hojii sobaa hojjatee jiraa jechuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhugaa kana akkana jechuun ibsa:

“Sila wantoota ofiifuu uumamtoota ta’anii waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu? Isaan gargaarus hin danda’an, ofis hin gargaaran.” (Suuratu Al-A’araaf 7:191-192

“Sila wantoota ofiifuu uumamtoota ta’anii waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu?” Kana jechuun sila mushrikoonni wanta homaa uumuu hin dandeenye Rabbiin waliin gabbaruu (waaqefatu)? Wantoonni isaan gabbaran kunniin sanamoota uumamaniidha. Sanamoonni dhagaa ykn muka bocamanii akka siidaatti ol dhaabbamaniidha. Rabbiin ni uuma, sanamoonni kunniin immoo homaa hin uuman. Ibaadan (gabbarrin) Khaaliqa qofaaf ta’a. makhluuqaaf hin ta’u.

Osoo dhimma uumuu sanamoonni hin dandeenye dhiisnee wanta uumuu caalaa salphaa ta’e, kan akka gargaaru fi fayyadu ilaalle, sanamoonni kunniin kana gochuu ni danda’uu? Gaafii kanaaf deebiin aayah itti aanu keessatti ni dhufe:

Isaan gargaarus hin danda’an, ofis hin gargaaran.” Kana jechuun Rabbiin yoo waan badaa namoota kanniinitti buusu barbaade, sanamoonni kunniin isaan gargaaru hin danda’an. Inumaa “ofis hin gargaaran” kana jechuun osoo namni tokko sanamoota kanniin caccabsuu ykn arrabsuu barbaade, of gargaaru hin danda’an, waa tokkollee ofirraa hin deebisan.

Namni wanta tokko kan gabbaruuf (waaqeffatuuf) isarraa faayda argachuuf ykn miidhaa akka isarraa deebisuufi. Akkasi miti ree? Wantoonni isaan gabbaran kunniin immoo isaan hin fayyadan, miidhaas isaan irraa hin deebisan. Inumaa mataa ofiitu fayyadu ykn miidhaa ofirraa deebisuu hin danda’an. Kanaafu, wanta homaa uumuu hin dandeenye, nama biraa dhiisii ofuyyuu fayyaduu fi miidhaa ofirraa deebisuu hin dandeenye, akkamitti faayda irraa argachuuf ykn miidha ittisuuf gabbaranii (waaqefatanii)? Kuni zulmii fi gowwummaa hunda caalee malee wanta biraa ta’uu danda’aa?[1] 

7:193

Yoo gara qajeelinnaatti waamtan, isin hin hordofan. Isaan waamtanii yookiin isin cal’iftoota taatanis isin irratti waluma qixa.” Suuratu Al-A’araaf 7:193

“Yoo gara qajeelinnaatti waamtan, isin hin hordofan.” Yaa mushrikoota sanamoota kanniin osoo gara karaa qajeelaatti waamtanii, isin hin hordofan. Sababni isaas, sanamoonni kunniin lubbu-dhabeenyi waan ta’aniif hin hubatan, hin dhagayan.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sanamoota isaan gabbaran haala kanaan ibsu kan barbaadamef guddinna dogongoraa isaaniitii fi fokkinna filannoo isaanii beeksiisuufi. Ni jedha: wanti gara qajeelinnatti waamamee fi itti beeksifamee qajeelinna kana hin beekne, jallinnaa fi qajeelinna addaan hin baasne, akkamitti gara qajeelinaatti isin qajeelchaa? Waamu fi cal’isuun namaa wanta kana biratti wal qixa. Sababni isaas, sanamni waamicha namaa hin hubatu, sagalee isaa hin dhagayu. Kanaafu, amalli isaa akkana kan ta’e akkamitti gabbaramaa (waaqefatamaa)? Gooftaan gabbaramu nama Isa gabbaru kan fayyaduudha, nama Isa faallessu immoo kan adabuudha. Waliyyi Isaa kan gargaarudha, diina Isaa kan salphisuudha, nama Isaaf ajajame gara karaa qajeelatti qajeelchudha, kadhaa nama Isa kadhatee kan dhagayuudha.[2]

 “Isaan waamtanii yookiin isin cal’iftoota taatanis isin irratti waluma qixa.” Kana jechuun sanamoota kana waamtanii cal’istanii isaan biratti waluma qixa. (Waamtanis cal’istanis deebii isiniif hin deebisan.) Sababni isaas, sanamoonni dhagaa ykn muka ykn sibiila waan ta’aniif hin dhagayan. Kanaafu, wanta nama hin dhageenye akka nama gargaaruuf akkamitti kadhatanii? Namni sammuu qabu yoo itti xinxalle, gabbarriin (waaqefannaan) isaaniif godhamu soba akka ta’ee fi namni isaan waaqefatu gowwaa akka ta’e jala muree mirkaneessa.

(194)-Kanneen isin Rabbii gaditti kadhattan akkuma keessanii gabroota. Kanaafu, dhugaa kan dubbattan yoo taatan, mee isaan waamaa isiniif haa awwaatanii. (195) Sila miila ittiin deeman qabuu? Yookiin harka ittiin qabatan qabuu? Yookiin ija ittiin argan qabuu? Yookiin gurra ittiin dhagayan qabuu? Jedhi, “Shariikota keessan waamadhaa, ergasii shira natti baasaa. Yeroos naaf hin kenninaa. (196)-Dhugumatti waliyyiin (tiiksaa fi gargaaraan) kiyya Rabbii kitaaba buusedha. Inni saalihoota ni gargaara, ni eega. ” Suuratu Al-A’araaf 7:194-196

Kanneen isin Rabbii gaditti kadhattan akkuma keessanii gabroota. Kanaafu, dhugaa kan dubbattan yoo taatan, mee isaan waamaa isiniif haa awwaatanii.” Kana jechuun wantoonni isin Rabbiin alatti gabbartan (waaqeffattan) akkuma keessanii uumamtootaa fi Rabbiif kan bulaniidha. “Wantoonni kunniin ni miidhuu ykn ni fayyadu, gabbarriin isaaniif ta’u” jechuu keessatti dhugaa yoo dubbattan, “mee isaan waamaa isiniif haa awwaatanii.” Yommuu isaan waamtan mee waamicha keessaniif haa awwaatanii.[3] Kana jechuun wantoonni isin waaqefattan hanga feetan osoo waamtanii isiniif hin awwaatan. Sababni isaas, isaan kana hin danda’an. Sanamni fi taabonni dhimmi isaanii beekkamadha. Sababni isaas, kunniin muka ykn dhagaa homaa hin dhageenyedha.

Namoota du’an yoo ta’an, waan du’aniif homaa hin dhagayan. Isaan irraa warri gaggaariin Guyyaa Qiyaamaa nama isaan gabbare ni mormu.

“Sila miila ittiin deeman qabuu? Yookiin harka ittiin qabatan qabuu? Yookiin ija ittiin argan qabuu? Yookiin gurra ittiin dhagayan qabuu?”
Namni faayda fiduuf ykn miidhaa ittisuuf amaloota kana hojjachuuf isa dandeesisan qabaachu qaba. Amaloota kanniin keessaa kan jalqabaa beekumsa, dandeetti, jireenyaa fi fedhiidha. Kana waliinu meeshaalee miiraa fi sochii kan akka argituu, dhageetti, harka ittiin waa qabatan, miilli ittiin deeman jiraachu qabu. Wanti amaloota kanniin hin qabne nama biraatiif faayda fiduu ykn miidhaa irraa deebisuu dhiisiti mataa ofiitifu faayda fiduu ykn miidhaa ofirraa ittisuu hin danda’u. Dhugaa kana aayan armaan oli akkana jechuun ibsiti: “Sila miila ittiin deeman qabuu? Yookiin harka ittiin qabatan qabuu?” Kana jechuun sanamoonni isin gargaaruuf miila ittiin deeman qabuu? Yookiin miidhaa isin irraa deebisuuf harka ittiin waa qabatan qabuu?

“Yookiin ija ittiin argan qabuu? Yookiin gurra ittiin dhagayan qabuu?” Kana jechuun hanga haala nama isaan gabbaruu beekanitti ija ittiin argan qabuu? Yookiin gurra sagalee nama isaan kadhatuu ittiin dhagayan qabuu?

Ijji sanama (siidaa) gubbaatti godhamte waa arguu hin dandeessu. Gurri isaaniif godhamees sagalee homaatu hin dhagayuu. Kanaafi, ija ittiin argan, gurra ittiin dhagayan qabuu jedhe.

Wantoota kana gabbaru fi kadhachuun hir’inna sammuu keessatti gowwummaa daangaa ol’aanaa irra gahee fi hubanna qulqulluu dhabuu irraa kan maddeedha.[4]  Erga miila ittiin deeman, ija ittiin argan, gurra ittiin dhagayan hin qabaatin isaan kadhachuu fi gabbaruun faayda maali qabaa? Kanaafu, ibaadan (gabbarrin) gonkumaa sanamoota kanaaf hin malu.

“Jedhi, “Shariikota keessan waamadhaa, ergasii shira natti baasaa. Yeroos naaf hin kenninaa.” Kana jechuun wantoota gabbartan kan isin ibaadaa keessatti Rabbiif shariikota gootan kanniin gargaarsaaf waamadhaa. Ergasii isaan waliin wanta badaa fi jibbamaa natti buusuf walitti qabamaa. Na hin tursiisinaa, kana daddafsiisaa (ariifachiisaa). Ani Rabbiin irratti waan hirkadheef wantoota gabbartan danta itti hin kennu.[5]

Firiin affeerraa kanaa, wantoonni isaan gabbaran yoo isaaniif deebii hin deebisin dadhaboo akka ta’an mul’isuufi. Kanaafu, sanamoonni isaanii homaa akka hin dandeenye, shirkiin isaanii hojii sobaa hundee hin qabnee fi yaada sobaa akka ta’e ni mirkanaa’a.[6]

“Dhugumatti waliyyiin (tiiksaa fi gargaaraan) kiyya Rabbii kitaaba buusedha. Inni saalihoota ni gargaara, ni eega.” Asitti kitaabni Qur’aana. Saalihonni namoota gaggaarii niyyaan, hojii fi dubbiin isaanii toleedha.[7] Rabbiin subhaanahu saalihoota ni gargaara, ni eega. Akkuma aayah biraa keessatti jedhe:

Rabbiin waliyyi warra amananiiti. Dukkana baay’ee keessaa gara ifaatti isaan baasa.” Suuratu Al-Baqarah 2:257

Asitti waliyyin kan gargaaru, eegu fi qajeelchudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala warroota amanan ni gargaara, ni eega, ni qajeelcha. Dukkana kufrii, badii fi shirkii keessaa gara ifa iimaanaa, beekumsaa fi qajeelinaatti baasa. Dhugumatti kuni eeggumsaa fi gargaarsa guddaadha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-10/632-634, Tafsiiru Sa’dii-354, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-5/102
[2] Tafsiiru Xabarii-10/634
[3] Madda olii-635,
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-5/106-108
[5] Tafsiiru Muyassar-175
[6] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-5/109
[7] Tafsiir Sa’dii-355

Iyyasuusi fi Haadha isaa waaqeffachuun Sirriidhaa???-Kutaa 1
Shirkiin Salphinna Aakhiraatti Nama geessa-Kutaa-7

Leave a Reply