Shirkiin Salphinna Aakhiraatti Nama geessa-Kutaa-7

Offline dubbisuf

Haala wali galaatin wantoonni namoonni Rabbii olta’aa gaditti waaqefataa turan isaan kijibsiisuu
Namoonni har’a addunyaa keessatti wanta isaan hin fayyanne gabbaran (waaqefatan) Guyyaa murtii wanti kuni isaan morma ykn gana. Waaqefachu (gabbaruu) yommuu jennu garmalee jaallachuun wanta saniif of gadi qabuu, faarfannaan faarsu, sagaduufi, wareega wareegufi, silati seenufi, yeroo rakkoo waammachu, faaydalee irraa kadhachuudha. Guyyaa Qiyaamaa:

“Yeroo warri [Rabbitti] wanta biraa qindeessan shariikota isaanii argan, ni jedhu, “Gooftaa keenya! Isaan kunniin shariikota keenya kan nuti Sii gaditti kadhachaa turreedha.” [Shariikonnis] “Dhugumatti isin kijibdoota” jechuun jecha gara isaanitti darbatu. Guyyaa san Rabbiif harka kennu, wanti isaan kijibaan uumaa turanis isaan jalaa bada.” Suuratu An-Nahl 16:86-87

Shariikota isaanii-wantoota isaan Rabbii gadiitti gabbaraa (waaqefataa) turaniidha. Kan akka sanama, taabotaa, malaykoota, jinnoota, nabiyyoota fi kanneen biroo. Shariikota kan jedhamaniif warri isaan gabbaru “Gooftummaa ykn ibaadaa (gabbarri) keessatti Rabbiin waliin qooda qabu” jedhanii waan yaadaniifi. Kuni yaada sobaati. Eenyullee hojii Isaa ykn gabbarri keessatti Rabbiin waliin qooda hin fudhatu. Inni Tokkicha shariika (Isa waliin qooda kan fudhatu) hin qabneedha.

Guyyaa Qiyaamaa namoonni Rabbiin alatti wanta biraa gabbaraa (waaqefachaa) turan yommuu wantoota waaqefataa turan argan, ni jedhu “Gooftaa keenya! Isaan kunniin shariikoota keenya kan nuti Sii gaditti kadhachaa turreedha.” Kana jechuun Yaa Gooftaa keenya isaan kunniin shariikota keenya kan Sii gaditti gabbaraa (waaqefachaa) turreedha.

Shariikota keenya”-jechuun wantoota isaan Rabbiif shariika gochuun gabbaraa turaniidha. Mataa ofiitin sobaan Rabbiif shariika waan godhaniif “Shariikota keenya” jedhan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa shariika Isa waliin gabbaramu hin qabu.

Wantoonni isaan gabbaraa turanis akkana jechuun isaanitti deebisu: “Dhugumatti isin kijibdoota.” Kana jechuun yommuu Rabbiif shariikota nu gootanii Isa waliin nu gabbartan kijibdanii jirtu. Akka nu gabbartan nuti isin hin ajajne, ibaadan (gabbarrin) akka nuuf ta’uus hin dubbanne.[1] Kanaafu, mushrikoonni Guyyaa san salphinni isaanii ifatti baha.

“Guyyaa san Rabbiif harka kennu” Guyyaa Qiyaamaa hundi isaanitu Rabbiif harka kennu, murtii Isaatiif masakamu. Eenyullee hin jiru kan dhagayuu fi ajajamu yoo ta’e malee.

 “wanti isaan kijibaan uumaa turanis isaan jalaa bada.” Kana jechuun Rabbiin irratti kijiba uumuun wanti isaan gabbaraa turan isaan jalaa bada. Wanta sheyxaanni isaaniif miidhagsee fi gabbaramtoota isaanii irraa shafa’aan (jaarsummaan) isaan abdataa turan isaan jalaa bada. Kanaafu, kan isaan gargaaruu fi adabbii jalaa nagaha isaan baasu hin jiru.[2]

Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee ‘shariikonni Kiyya kan isin odeessaa turtan eessa jiru’ jedhu [yaadadhu]. Ummata hunda keessaa ragaa bahaa baasnee “Ragaa keessan fidaa” jennaan. Ergasii haqni kan Rabbii qofa akka ta’e ni beeku, wanti isaan kijibaan uumaa turanis isaan jalaa bada.” Suuratu Al-Qasas 28:74-75

Guyyaa Rabbiin namoota wanta biraa Isa waliin gabbaran (waaqefatanitti) lallabu yaadadhu. Akkana isaaniin jedha: addunyaa keessatti wantoonni Anaaf shariikota akka ta’an odeessaa turtan eessa jiruu?”

Shariikonni wantoota isaan Rabbiin waliin gabbaraa (waaqefataa) turaniidha. Kan akka sanamaa, taabotaa, nabiyyoota, namoota gaggaarii, malaykoota fi uumamtoota biroo. Tarii isaan keessaa “Rabbii gaditti wanta biraa waaqefachuun kufriidha, Rabbiin Isa waliin waan biraa gabbaru hin araaramu” ergaan jedhu nu hin geenye jechuun sababa dhiyeefachu danda’u. Ergasii Rabbiin ragaa baatota ergaa kana akka itti geessan ragaa bahan ni dhiyeessa.

“Ummata hunda keessaa ragaa bahaa baasnee “Ragaa keessan fidaa” jennaan.” Ummata hunda keessaa namoota wanta Rabbiin dirqama isaan irratti godhee ummata isaaniitti geessan, Rabbitti qindeessu (shirkii) irraa isaan akeekachiisanii fi Guyyaa murtii gahuumsi mushrikoota adabbii ibiddaa keessa zalaalami turu akka ta’e isaaniif ibsan baasna. Warra ragaa bahan kanniin keessaa namoonni jalqabaa Ergamtootaa fi Nabiyyoota. Ergasii Ergamtoota Rabbiitti warra amananii fi hordofan irraa namoota gara Rabbiitti waaman (daa’iwanii) fi wanta ergamtoota irraa isaan gahe namootatti geessaniidha.

Ergamtoota, nabiyyoota, hordoftoota Ergamtoota irraa namoota gara Rabbii waaman (daa’iwwan) ragaa baatota ta’uun erga dhiyeefamanii booda Guyyaa Murtii wanta mushrikoonni iddoo qorannootti morman akka isaanitti geessan ragaa bahu. Ergasii Rabbiin mushrikootaan ni jedha: “Ragaa keessan fidaa”[3] Kana jechuun shirkiin keessan sirrii ta’uu wanta agarsiisu ragaa keessan fidadhaa. Nuti kanatti isin ajajnee? Ergamtoonni Kiyya kanatti isin ajajanii jiruu? Kitaabban Kiyya keessatti kana argattanii?[4] 

Amantii fi gabbarriin isaanii soba waan ta’eef ragaa fiduu hin danda’an. “Ergasii haqni kan Rabbii qofa akka ta’e ni beeku” kana jechuun Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ni beeku. Ibaadaa (gabbarrii) keessatti sanamoonni kunniin haqa homaatu akka hin qabnee fi ibaadaa keessatti haqni kan Rabbii qofa akka ta’e ni beeku. Garuu kana beekun homaa isaan hin fayyadu. Osoo addunyaa keessatti kana beekanii Rabbiin qofa gabbaranii silaa isaan fayyadaa ture. [5] 

 “wanti isaan kijibaan uumaa turanis isaan jalaa bada.” kana jechuun wanti isaan addunyaa keessatti Rabbitti qindeessaa turanii fi wanti Gooftaa isaanii irratti kijibaa turan ni bada, ni deema. Achitti homaa isaan hin fayyadu. Inumaa isaan miidha. Ibidda Jahannam isaan seensisa.[6]

Guduunfaa
Guyyaa Murtii wantoonni namoonni Rabbii olta’aan alatti waaqeffataa turan, “Isin kijibdoota” jechuun mormu. Sababni isaas, namoonni kunniin kijiba uumuun Rabbii olta’aan alatti wanta isaan hin fayyannee fi hin miine gabbaran. Gooftaa isaanii irratti kijiba uuman.
Guyyaa san wanti isaan kijibaan uumaa turan isaan jalaa bada.
☞Wanti isaan kijibaan uumaa turan: amanti sobaa, kan akka “wanti waaqefannu kuni gooftadha, wantoonni waaqefannu kunniin Rabbiin biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u, Isatti nu dhiyeessu, ykn nu gargaaru, miidhaa nurraa deebisu danda’u fi kkf.” jechuun amanu. Sanama fi taabonni isaan waaqeffatan wanta kijibaan uumaniidha. Guyyaa murtii kuni hundi ni bada, dhugaa ta’ee hin argatan.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Murtii ummata hunda keessaa warra ragaa bahan ni baasa. Warri ragaa bahan kunniin: Ergamtoota, nabiyyoota, beektota (aalimman) fi daa’iwwan. Isaan kuni ergaa Rabbii namoota kanatti akka geessan ragaa bahu. Ergaa kana keessaa inn guddaan, “Rabbii tokkicha gabbaraa, Isatti waa hin qindeessinaa. Shirkiin wanta fokkuu Rabbiin hin araaramnee fi adabbii Jahannam keessa zalaalami akka turan nama taasisuudha.” kan jedhuudha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-276
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-4/703, Tafsiir Qurxubii-12/409
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 9, fuula-457-458
[4] Tafsiiru Sa’dii-731
[5] Tafsiiru Ibn Kasiir-6/36, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Qasas-333, Ibn Useymiin
[6] Tafsiiru Xabarii-18/308

Print Friendly, PDF & Email
Soba Shirkii-Kutaa 1
Shirkiin Aakhiratti Salphinnatti Nama Geessa-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply