Shirkiin Aakhiratti Salphinnatti Nama Geessa-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Sheyxaanni isaan ganuu
Sababni guddaan shirkiitti nama kuffisu hasaasa sheyxaanaa hordofuudha. Sheyxaanni diina namaa waan ta’eef namoota shirkiitti kuffisuun ibiddatti akka taran carraaqa. Guyyaa Qiyaamaa immoo namoota jallisaa ture ni gana. Qur’aana keessatti:

“Yeroo dhimmichi murteeffame sheyxaanni ni jedha, “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif waadaa galee jira. Anis waadaa isiniif galee jira garuu isin gane. Ani aangoo wayiituu isinirratti hin qabuu ture isin affeeru (waamu) malee. Isinis naaf awwaattan. Kanaafu, ana hin ajiifatinaa ofuma (matama keessan) ajiifadhaa. Ani isiniif birmataa mitii, isinis naaf birmatoo miti. Ani waan isin duraan [Rabbitti] na qindeessitan mormeera. Dhugumatti zaalimoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira.”Suuratu Ibraahim 14:22

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa erga gabroota Isaa jidduutti murtii dabarsee mu’mintoota Jannata seensisee fi kaafirota Jahannam keessa qubachiisee booda wanta sheyxaanni hordoftoota isaatiin jedhu beeksiisa. Ibliis (sheyxaanni) -abaarsi Rabbii isarratti haa jiraatu- gadda irratti gadda, gaabbi irratti gaabbii isaaniif dabaluuf dubbataa ta’ee isaan keessa dhaabbata.[1] Akkana jedha: “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif waadaa galee jira.” kana jechuun Rabbiin du’aan booda kaafamu, Jannata, ibidda, mindaa nama Isaaf ajajamee, adabbii nama Isa faallesse waadaa isiniif galee jira. Waadaa Isaa kanas dhugaa taasisee jira. “Anis waadaa isiniif galee jira garuu isin gane.” Kana jechuun ani du’aan booda kaafamuun, Jannanii, ibiddi, mindaa fi adabbiin hin jiru jechuun waadaa sobaa isiniif seene. Garuu isin gane.[2] Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Isaaniif waadaa seena, isaan hawwisiisa. Sheyxaanni gowwomsaa malee isaaniif waadaa hin seenu.” (suuratu An-Nisaa 4:120)

“Ani aangoo wayiituu isinirratti hin qabuu ture isin affeeru (waamu) malee.” Kana jechuun humna akka ana hordoftan isin dirqisisuu isinirratti hin qabu ture. Akkasumas, wanta itti isin waamee fi waadaa isaaniif galee dhugaa ta’uu ragaa agarsiisuu hin qabu ture. Addunyaa keessatti wanta waadaa isiniif galee fi isiniif miidhagsee irratti ragaa isinitti hin mul’isne. Garuu isinitti hasaasun (waswaasun) anaaf ajajamuu fi Rabbiin faallessutti isin waame. Isiniis fedhii keessaniin anaaf deebii deebistanii na hordoftan. Kanaafu, ana hin ajiifatinaa (hin waqqasinaa), ofuma ajiifadhaa. Sababni isaas, badiin keessanii. Ragaalee Ergamtoonni isinitti fidan faallessuun soba ani itti isin waame hordoftan.[3]

(Dhugumatti, sheyxaanni wanta itti nama waamu fi waadaa galuuf ragaa sirrii hin qabu. Fkn, du’aan booda kaafamu, Jannata fi Jahannam hin jiran jechuun namatti hasaasa. Ragaan kanaa maali osoo jedhame, ragaan sirriin hin jiru. Ergamtoonni ragaalee samii fi dachii keessa jiraniin, kitaabban Rabbiin irraa bu’aniin du’aan booda kaafamu, Jannata fi Jahannam haqa ta’uu ummata isaanitiif mirkaneessanii jiru. Namni ragaalee kana fudhachuu dide, hasaasa sheyxaana qofa hordofa.)

“Ani isiniif birmataa mitii” kana jechuun ani wanta isin keessa jirtan irraa kan isin fayyadu, baraaru fi nagaha isin baasu miti. Adabbii keessa jirtan irraa isin baraaru hin danda’u. “isinis naaf birmatoo miti.” Isinis adabbii ani keessa jiru irraa kan na fayyadu, baraaru fi nagaha na baasu miti. Na fayyadu, baraaru fi nagaha na baasu hin dandeessan.[4]

“Ani waan isin duraan [Rabbitti] na qindeessitan mormeera.” Kana jechuun addunyaa irratti ibaadaa keessatti Rabbiin waliin shariika na gochuu keessan mormee jira. Ani Rabbiif shariikaa miti. Rabbii isin uumee fi kunuunsuf ajajamu dhiistanii anaaf ajajamtan.[5]

Sheyxaanaaf ajajamuun kuni ibaadaa (gabbarri) akka ta’e jechi Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa armaan gadii ni agarsiisa:

“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa, dhugumatti inni isiniif diina ifa bahaadha. Ana qofa gabbaraa, kuni karaa qajeelaadha.” jechuun isiniif hin dhaamnee?” Suuratu Yaasin 36:60

Namni Rabbiin faallessu (ma’asiyaa) keessatti Rabbiin ala kan biraatiif ajajame, wanta kana gabbaree jira. Kanaafu, wanta kana Rabbiif shariika godhee jira.

“Dhugumatti zaalimoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira.” Kana jechuun namoonni sheyxaanaaf ajajamuun nafsee ofii miidhan adabbii laalessaa yeroo hundaa keessa turantu isaaniif jira.[6] Zaalimoonni kunniin kaafiroota.

Guduunfa
✐Akkuma beekkamu gantuun nama ganuu yoo barbaade hawwii sobaa nama hawwiisisaa, waadaa sobaa namaaf gala. Akkasi miti ree? Sheyxaanni gantuu hundarra badaa ta’eedha. Addunyaa keessatti waadaa sobaa namaaf gala, hawwii sobaa nama hawwisiisa. Sheyxaanni karaa gurguddaa lamaan nama gowwoomsa:
1ffaa-Odeefannoo Rabbii olta’aa irraa dhufe akka kijibsiisan namatti hasaasu. Fakkeenyaf, waa’ee Rabbii olta’aa, du’aan booda kaafamu, Jannataa fi Jahannam
2ffaa-Ajaja Rabbii akka faallessan nama kakaasu-kunis, wanta Inni itti ajaje hojjachuu dhiisuu fi wanta Inni dhoowwe hojjachuutti kakaasu. As keessatti, hawwii sobaa nama hawwiisiisa, waadaa sobaa namaaf seena. Fkn, ribaan (dhala) nyaachun haraama. Sheyxaanni maallaqa haala salphaan argamu kanaan dureessa akka ta’an nama hawwiisisuun dhala nyaachutti nama kakaasa. Namni zaalimni (cunqursaan) qabeenya xiqqoof jedhe namoota kumaatamatti boombi darba. Kuni, “Ol’aantummaa fi qabeenya baay’ee argatta” jedhee wanta sheyxaanni waadaa galuu fi hawwisiisu malee wanta biraa ta’uu danda’aa? Badiwwan biroos haaluma kanaan wal bira qabi.
✐Kana lamaan galmaan gahuuf tooftaan inni fayyadamu: Dhugaa soba namatti fakkeessu, soba immoo dhugaa namatti fakkeessudha.
✐Sheyxaanni soba itti waamutti ragaa qabatamaa homaatu hin qabu. Garuu hanga namni wanta fokkuu fi soba fudhatuu fi hordofutti qalbii isaa keessatti ni bareechisa, itti hasaasa. Haala kanaan, namoota baaxila (soba) isaatti waama. Fakkeenyaaf, akkuma gara fuunduraatti ilaallu, warri Rabbii olta’aan alatti wanta biraa waaqeffatan ragaa qabatamaa homaatu hin qaban. Soba sheyxaanni dhugaa isaanitti fakkeessu qofaan mormu.
✐Guyyaa Murtii namoota isa hordofan ni gana. Kanaafu, namni hasaasa sheyxaanaa hordofuu irraa of eegu qaba. Karaan ittin of eeganiis Rabbii olta’aa irraa eeggumsa barbaadudha.

Beeksisa: Barruulee buufachu yoo barbaaddan mallattoo armaan gadii “Print, PDF, Email” tuqaa. Ergasii, gara bitaa gubbaatti bakka “PDF” jedhu tuquun Dowload godhaa.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Ibn Kasiir-4/606
[2] Tafsiir Qurxubii-12/127-128
[3] Madda olii, Tafsiiru Ibn Kasiir-4/606, Tafsiiru Xabarii-13/628
[4] Tafsiiru Ibn Kasiir-4/606
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-14/52, maddoota olii
[6] Tafsiiru Sa’dii-492

Print Friendly, PDF & Email
Shirkiin Salphinna Aakhiraatti Nama geessa-Kutaa-7
Shirkiin Salphinna Aakhiraatti Nama Geessa-Kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply