Shirkiin Salphinna Aakhiraatti Nama Geessa-Kutaa 5

Offline dubbisuf

Namoota irraa Jallattoonni isaan gabbaraa fi hordofaa turan isaan ganu (kaadu)
Tarii namoonni addunyaa tana keessatti hoggantoota garmalee ol guddisuun ni hordofu. Jallinna isaan itti waaman osoo sirritti hin ilaalin isaan duuka bu’uun badii guddaatti of darbu. Hoggantoonni jallinnaa karaa Rabbii irraa namoota dhoowwun shirkii fi kufriitti waamu. Mee wanta Guyyaa Qiyaamaa hoggantoota jallinnaa fi hordoftoota jidduutti ta’u haa ilaallu:

(62)Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee ‘shariikonni Kiyya kan isin odeessaa turtan eessa jiru’ jedhu [yaadadhu]. (63)-Warri jechi [adabbii] irratti mirkanaa’e, “Gooftaa keenya! Kunniin kan nuti jallifneedha. Akkuma ofii jallanne isaanis jallifne. Gara Keetti qulqulloofne. Isaan nu gabbaraa hin turre.” jedhu. (64)-“Shariikota keessan waammadhaa” jedhama. Isaanis isaan waamu, garuu isaaniif hin awwaatan, adabbiis ni argu. Osoo qajeelanii turanii [hawwuu]”  Suuratu Al-Qasas 28:62-64

Kuni wanta uumamtoota Guyyaa Qiyaamaa gaafatu ilaalchisee beeksiisa Rabbiin irraa ta’eedha. Hundee wantootaa irraa isaan gaafata. Rabbiin gabbaruu fi Ergamtoota Isaatiif deebii deebisuu ilaalchisee ni gaafata.

“Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee…” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin guddaan olta’e namoota Isa waliin waan biraa gabbaran (waaqefatanitti) lallabuun akkana isaaniin jedha: ‘shariikonni Kiyya kan isin odeessaa turtan eessa jiru’

Rabbiif shariikni hin jiru. [Kana jechuun kan Isa gargaaru ykn Isa waliin gabbaramu (waaqefatamu) hin jiru.] Garuu namoonni Rabbiin waliin waan biraa gabbaran kijiba isaaniitiin “Wantoonni nuti gabbarru (waaqefannu) kunniin shariikota Rabbiiti” jedhan. Kanaafi, “kan isin odeessaa turtan” jedhe.[1] Kana jechuun addunyaa keessatti “Kunniin shariikota Rabbiiti, Isa biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’uu, Isatti nu dhiyeessu, nu gargaaru” jettanii sobaan odeessun wantoonni isin Rabbii gaditti gabbaraa turtan eessa jiruu? Faaydan isaanii eessa? Miidhaa ittisuun isaanii eessa?

Akkuma beekkamu, haala san keessatti wanti isaan gabbaranii fi abdatan soba akka ta’e ifa baha. Mataan isaa ni bada, wanti isaan irraa abdatanis ni bada. Mataa ofii irratti jallinna ni mirkaneessu. Kanaafi itti aanse ni jedhe, “Warri jechi [adabbii] irratti mirkanaa’e,” kunniin kufrii fi badii keessatti matootii fi hoggantoota murtiin adabbii irratti darbeedha. Mataa ofiiti akka jallatanii fi namoota biroos akka jallisan ni mirkaneessu. [2]  Rabbiin subhaanahu hordoftootan dura hoggantoota fi matooti jallinnaa qorachuun murtii irratti dabarsa. Hoggantoonni jallinnaa fi warroonni gara kufriitti waaman kunniin ni jedhu, “Kunniin kan nuti jallifneedha.”kana jechuun hordoftoonni kunniin kan nuti jallifneedha.  “Akkuma ofii jallanne isaanis jallifne.”

Dubbii fi hojii ittiin isaan jallifnuun jallinna keessatti isaan kufifne. Kuni jallinna keessatti taruu fi karaa haqaa fi qajeelaa irraa fagaachudha. Isaan jallisuun sababa nuti jallanneefi. Kanaafu, garee keenyatti isaan dabalu fi isaaniin deeggartoota baay’ifachuu akka qabnu nutti mul’ate.[3]

Asitti gaafin isaaniif dhiyaataa: “Sila isin gabbaraa (waaqefachaa) turanii?” Hoggantoonni jallinnaa kunis ni jedhu, “Gara Keetti qulqulloofne. Isaan nu gabbaraa hin turre.” Kana jechuun nuti isaanii fi hojii isaanii irraa qulqulloofne. Isaan nu gabbaraa (waaqefachaa) hin turre. Kan isaan gabbaraa turan sheyxaanota.[4]

Guyyaa Qiyaamaa warri jallinnaa fi kufrii keessatti waliin hirmaatan walirraa qulqullaa’u. Kana jechuun waliif diina ta’u, wal abaaru, “Ani yakka keetirraa qulqulluudha” waliin jedhu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

43:67

Warra Rabbiin sodaatan malee hiriyyoonni Guyyaa san gariin gariif diina ta’u.” Suuratu Az-Zukhruf 43:67

“’Shariikota keessan waammadhaa’ jedhama.” Kana jechuun namoota Rabbiin waliin waan biraa gabbaraniin (waaqefataniin), “akka wanta keessa jirtan keessaa nagaha isin baasaniif wantoota addunyaa keessatti gabbaraa turtan waamadhaa.” Jedhama.[5]Isaanis isaan waamu.” Kana jechuun namni Rabbiin alatti wanta biraa waaqefatu (gabbaru) hundi wanta waaqefataa ture waammata. Namni sanama (siidaa) waaqefatu siidaa waammata. Namoonni Iisaa (Iyyasuus) waaqefatan, “Yaa Iyyasuus” jechuun waammatu. Warri Mariyamin waaqefatan, Yaa Mariyam jechuun waammatu. Haala kanaan namni hundi wanta gabbaru waammata. “garuu isaaniif hin awwaatan” Kana jechuun deebii isaaniif hin deebisan.

Asitti kasaaraan mushrikoota ni mul’ata. Jallattoota fedhii qullaa isaaniitii fi akkeessaa jaamaa akka hordofan isaaniif ifa ta’a. Wanta sammuu fi qajeelinni isaanitti akeeku hin hojjanne. Ergamtoota Gooftaa isaanitii fi hayyoota (aalimman) gara Rabbiitti waamaniif deebii hin deebisne, hin hordofne. Kanaafu, Rabbiin adabbii ibiddaa keessatti yeroo hunda akka turan isaan irratti murteessa.[6] Isaaniis, “adabbii ni argu.” Addunyaa irratti adabbii ibiddaa kijibsiisaa fi mormaa erga turanii booda Guyyaa san ija isaaniitiin ni argu.

 “Osoo qajeelanii turanii [hawwuu]”  kana jechuun yommuu adabbii argan addunyaa keessatti osoo warra qajeelan irraa ta’anii jaallatu.[7]

Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee, “Ergamtootaaf maal deebistan?” jedhu, [yaadadhu]. Guyyaa san oduun isaan irraa dhokata, isaan walis hin gaafatan. Garuu namni tawbatee, amanee fi hojii gaarii hojjate, warra milkaa’an keessaa akka ta’u ni kajeellama.” Suuratu Al-Qasas 28:65-67

“Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee, “Ergamtootaaf maal deebistan?” jedhu, [yaadadhu].”
Lallabbiin jalqabaa waa’ee tawhiida gaafachuudha, lallabbiin kuni immoo nabiyyumma mirkaneessudha. Ergamtoota gara keessanitti ergamaniif deebiin keessan maal turee? Haalli keessan isaan waliin akkam turee? Isaan dhugoomsitanii hordoftan moo kijibsiiftanii isaan faallessitanii?

Gaafin kuni akka gaafi nama qabrii keessatti gaafatamuti: Gooftaan kee eenyu? Nabiyyiin kee eenyu? Amantin kee maalidhaa?” Mu’minni Rabbiin malee haqaan Gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa baha. Kaafirri immoo “Haa haa, hin beeku” jedha. Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa cal’isuu malee deebii hin qabu. Sababni isaas, namni addunyaa tana keessatti jaamaa ta’e (ragaalee fi mallattoolee Rabbitti hin xinxallinee fi Isatti hin amanne), Aakhiratti daran jaamaa fi karaa irraa kan jallateedha. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Guyyaa san oduun isaan irraa dhokata.” Kana jechuun ragaaleen ittiin mormatan isaan irraa dhokatu, wanta ittiin falmataniin hin beekan.[8] Ragaaleen ittiin mormatan “oduu” kan jedhameef ragaaleen kunniin odeefannoo isaan beeksiisaniidha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun ragaalee isaaniif waan ibseef wanta ittiin falmataniin hin qaban. Akkuma beekkamu Guyyaa Qiyaamaa deebii sirrii haala isaanitiin walitti galuu kennuun malee wanti nama baasu hin jiru. Deebiin sirriin kuni: amanuu (iimaanaa) fi ergamtoota hordofuudha. Garuu isaan kijibsiisuu fi ajaja isaanii faallessuu yommuu beekan, homaayyu hin dubbatan. “walis hin gaafatan.” Kana jechuun wanta Gooftaa isaaniitiif deebisuu qaban mari’achuuf wali hin gaafatan. Dhama’iinsi, dadhabbinni, salphinni fi xiqqeenyi fuula fi ija isaanii irratti waan mul’ateef. Isaan keessaa eenyullee gaafatamuuf ykn deebii deebisuuf qophii miti.

“Garuu namni tawbatee, amanee fi hojii gaarii hojjate, warra milkaa’an keessaa akka ta’u ni kajeellama.”
Rabbiin olta’aan yommuu gabbaramaa fi ergamtoota isaanii ilaalchisee gaafachu erga dubbatee booda, karaa gabrichi adabbii Isaa irraa nagaha ittiin bahu ni dubbate. Karaan kunis: shirkii fi badii irraa tawbachuu, amanuu (iimaana) fi hojii gaggaarii hojjachuudha.

Namni tawbate-kana jechuun Gooftaan isaa akka isaaf araaramuu fi irra darbuuf barbaaduun kufrii keessa turee irraa gara Gooftaa isaatti deebi’e. Akkuma beekkamu sadarkan jalqabaa kufrii- Rabbitti waa qindeessu (shirkii)dha.
Amane-kana jechuun wanta Rabbiin akka gabroonni amanan isaan irratti dirqama godhetti amane. Kan akka hundeewwan (arkaana) iimaana jahan.
Hojii gaarii hojjate-kana jechuun hojii gaarii Rabbiin kitaaba Isaatii fi arraba Ergamaa Isaa irratti ajaje hojjate. 

Namni amaloota kanniin walitti qabe namoota wanta barbaadan argatanii fi wanta sodaatamaa (adabbii) jalaa nagaha bahan keessaa ta’a. Dhimmoota kanaan ala wanti gara milkaa’innaatti nama geessu hin jiru.[9]

Kanaafu, namni osoo duuti isatti hin dhufin shirkii fi badii irraa buqqa’ee gara Rabbiitti yoo deebi’e (tawbate), haala sirriin amanee fi hojii gaggaarii hojjate, salphinna Guyyaa Qiyaamaa jala nagaha baha. Namni kana dide immoo salphinnii fi adabbiin isatti bu’a.

Guduunfaa
☛Guyyaa Murtii hoggantoonni jallinnaa namoota jallisaa turan ni ganu. Guyyaa san ofii jallatanii namoota biroos akka jallisan ni amanu. Jalqaba, mataa ofiiti qajeelinna irraa fagaachun kufrii fi shirkiitti taran. Itti aansanii namootas gara kufrii fi shirkiitti waaman. Namoonnis isaan hordofuun jallatan. Kanaafu, namni hoggantoota fi hiriyyoota jallinnaa hordofuu irraa of haa eegu.
☛Guyyaa Qiyaamaa namoonni hundee gurguddoo lama irraa gaafatamu: Maal gabbaraa turtan? Ergamtootaaf maal deebistan?
☛Namni Rabbii tokkicha gabbaree fi Ergamtootaaf ajajame, inni nama adabbii jalaa nagaha bahuu fi Jannata seenudha.
Namni Rabbiin ala wanta biraa gabbaree fi Ergamtootaaf ajajamu didee immoo bu’aa filannoo isaa ni baadhata. Innis, adabbiidha.
https://sammubani.wordpress.com/2020/06/14/hundee-guddaan-namoonni-irraa-gaafataman/


[1] Tafsiiru Sa’dii-729 [2] Madda olii[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-9/445[4] Tafsiiru Sa’dii-730[5] Tafsiiru Ibn Kasiir-6/34,Tafsiir Qurxubii-16/304[6] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-9/446-446[7] Tafsiir Ibn Kasiir-6/34[8] Tafsiir Ibn Kasiir-6/34[9] Tafsiiru Sa’dii-730, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-9/448-449, Tafsiiru Xabarii-18/297-298

Print Friendly, PDF & Email
Shirkiin Aakhiratti Salphinnatti Nama Geessa-Kutaa 6
Guyyaa Qiyaamaa Iyyasuus Namoota isa waaqeffatan ni morma
Offline dubbisuf

Leave a Reply