Iyyasuusi fi Haadha isaa waaqeffachuun Sirriidhaa???-Kutaa 1

Soba Shirkii-Kutaa 2ffaa
Shirkiin soba akka ta’e kutaa 1ffaa keessatti ilaaluf yaalle jirra. Dhugumatti, Rabbii olta’aan alatti wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) soba soba hunda caaludha. Dhagaa ykn muka kadhaa namaa hin dhageenye kadhachuu fi waaqefachuun maal jedhamaa? Nama du’e kan kadhaa namaa hin dhageenye fi rakkoo namaa hin beekne kadhachuu fi waaqeffachuun maal jedhamaa? Nama fagoo namarraa jiru kan nama hin dhageenyee fi haala nama hin beekne kadhachuu fi waaqefachuun maal jedhamaa? Rabbii olta’aa kadhaa namaa dhagayuu, haala namaa beekuu fi argu dhiisanii uumama (makhluuqa) nama biraa dhiisitii ofuuyyu hin fayyanne kadhachuu fi waaqeffachuu irraa bu’aan argatan maalidhaa?

Mata-duree “soba shirkii-kutaa 2ffaa” jedhu jalatti Iyyasuusi fi haadha isaa waaqeffachuun soba (baaxila) akka ta’e ragaa qabatamaan ni mirkaneessina. Haa jalqabnu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Masiih ilmi Mariyam ergamaa malee waan biraati miti. Isa dura ergamtoonni darbanii jiru. Haati isaa siddiiqah dha. Isaan lamaan nyaata nyaataa turan. Mee ilaali akkamitti akka aayaata isaaniif ibsinu. Ergasii akkamitti akka garagalfaman ilaali. Jedhi, “Sila Rabbii gaditti wanta isin miidhuu fi fayyaduu hin dandeenye gabbartuu (waaqeffattuu)? Rabbiin Isumatu Dhagayaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Maa’idah 5:75-76

Keeyyanni (aayan) tuni Iyyasuus fi haati isaa Mariyam Gooftaa waaqeffatamu akka hin taane ragaalee afur of keessatti qabattee jirti:

1ffaa-Masiih (Iyyasuus) ilma namaati. Aayah keessatti “ilmi Mariyam” jechuun mirkaneessa. Akkuma haawwan biroo ilma isaanii dahan Mariyamis Iyyasuusin deesse. Kuni amala ilma namaati. Amala Khaaliqa (Uumaa) ilma namaati miti. Kana jechuun dhalachuun amala Rabbiiti miti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“JedhiInni Allaah dha, Tokkicha. Rabbii Of danda’aa hirkoo waa hundaati. Hin dhalle hin dhalannes. Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” Suuratu Al-Ikhlaas 112:1-4

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin dhalle, hin dhalannes. Haadhas, ilmas hin qabu. Akka Kiristaanonni jedhan Gooftaan kan dhalatu osoo ta’ee silaa kan isa uumu barbaachisa. Wanti uumamu immoo Gooftaa wanta hundaa uumuu ta’uu hin danda’u. Mee ilaali, Iyyasuus (aleyh salaam) samii fi dachiin erga uumamanii booda baroota dheeraa turee dhalate. Kanaafu, wanti boodarra argamee wanta isa dura jiru argamsiisuu ni danda’a jennee yaadu dandeenyaa?

2ffaa-Masiih (Iyyasuus) akkuma ergamtoota darbanii ergamaa Rabbii malee waan biraati miti. Kana jechuun daangaan isaa ol’aanan ergamaa Rabbii ta’uudha. Ergamaa ol darbee Gooftaa waaqefatamu ta’uu hin danda’u. Kiristaanonni raajiin harka Iyyasuus irratti waan mul’ateef inni gooftaadha jedhu. Fakkeenyaaf, “Iyyasuus du’aa waan kaasef inni gooftaadha.” Jedhu. Aayan tuni “Masiih (Iyyasuus) akkuma ergamtoota darbanii ergamaadha” jechuun isaan irratti deebii deebisti.

Akkuma ergamtoota darbaniif dhugummaa isaanii mirkaneessuuf raajiin (mu’jizan) kenname, Iyyasuusifis raajiin kennamee jira. Raajiiwwan kunniin amalaan gargar haa ta’anii malee wanti isaan tokko godhatu jira. Innis, raajiin wanta aadaa irraa adda ta’e kan Rabbiin harka ergamtootaa Isaa irratti mul’isuudha. Ergamtoonni mataa isaaniitiin raajii kana hojjachuu hin danda’an. Kanaafu, Iyyasuus akkamitti raajii kanaan gooftaa ta’uu danda’aa? Iyyasuus hayyama Rabbiitiin nama du’e yoo kaase, Muusaanis hayyama Rabbiitiin ulee gara bofaatti jijjiree jira. Kamtu irra guddaadhaa? Nama du’ee kaasu moo ulee gogdu duraanu lubbuu hin qabne gara lubbu-qabeessatti jijjiruudhaa? Dhugumatti, ulee lubbuu hin qabne gara bofaatti jijjiruutu irra guddaadha. Kanaafu, akka oduu kiristaanotatti Iyyasuus nama du’e kaasun gooftaa yoo ta’e, Muusaanis gooftaa ta’uu qabaa jechuudha.

Haala kanaan Iyyasuus akkuma ergamtoota darbanii Ergamaa Rabbiiti malee gooftaa waaqefatamu miti jechuun mirkaneessu dandeenya.

Haati isaas daangaan ishii ol’aanan siddiiqah ta’uudha. “Haati isaa siddiiqah dha.” Siddiiqah jechuun amantii fi dubbii keessatti garmalee dhugaa tan taatee fi nama dhugaa ta’e tan dhugoomsituudha.[1] Amaariffaan, ” በጣም እውነተኛ ” jechuun hiikan. Mariyam qalbiidhaan shakkii tokko malee Rabbitti, jechoota fi kitaabban Isaatti dhugaan amante, dubbii fi hojii ishii keessattis dhugaa turte. Kanaafu, ishiin siddiiqah (dubartii garmalee dhugaa taatedha.)  Nabiyyootatti aanee sadarkaan guddaan sadarkaa siddiiqati. Haalli ishii erga akkana ta’ee sadarkaa kanarra dabartee gooftaa waaqeffatamu hin taatu jechuudha.   

3ffaa-Iyyasuus fi haati isaa Mariyam akkuma ilmaan namaa biroo wanta qaamni isaanii ittiin dhaabbatutti hajamu. “Isaan lamaan nyaata nyaataa turan.” Haalli isaa kan akkana ta’e, gonkumaa gooftaa waaqeffatamu ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, soorata isa dhaabu fi jabeessutti kan hajamu ragaa ifaa dadhabbinna isaa agarsiisuudha. Dadhabaan immoo Gooftaa ta’uu hin danda’u.[2]

4ffaa-Kan nyaata nyaatu wanta namarraa bahutu isarraa baha. Wanti kunis xurii akka fincaani fi sagaraa isarraa bahuudha. Namni yommuu xurii kana baasu ofii fi namoota biroo irraa ni saalfata. Inumaa, ifaan ifatt dubbachuu irraa ni saalfata. Kanaafu, xurii fokkuu kana kan baasu akkamitti Gooftaa amaloota guutuu qabuu fi hir’inna hundarraa qulqullaa’e ta’uu danda’aa?

Wanta isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e!

“Mee ilaali akkamitti akka aayaata isaaniif ibsinu.” Kana jechuun ragaalee fi mallattoolee ifaa Iyyasuusi fi haati isaa Gooftaa waaqefatamu akka hin taane agarsiisan akkamitti akka isaaniif ibsinu mee ilaali. Sababni isaas, isaan lamaanu nyaata nyaataa turan. Ammas, Iyyasuus akkuma ergamtoota darbanii Ergamaadha. Kanaafu, Gooftaa irraa ergamaa ta’ee osoo jiruu gooftaa ta’uu hin danda’u.[3] Iyyasuus Gooftaatu isa erge. Ergamaan ergamama ta’aa malee Gooftaa isa erge ta’uu hin danda’u.

“Ergasii akkamitti akka garagalfaman ilaali.” Kana jechuun haqni erga isaaniif ifa ta’ee booda akkamitti akka irraa garagalan ilaali.

Kuni tawhiida mirkaneessufi. Kana jechuun Gooftummaa fi ibaadaa keessatti Rabbiin tokkichoomsu fi wanta kiristaanonni kunniin irra jiran soba akka ta’e mirkaneessufi.[4]

Jedhi, “Sila Rabbii gaditti wanta isin miidhuu fi fayyaduu hin dandeenye gabbartuu (waaqefattuu)?”

Kuni ibsaa fi ragaa dabalataati. Yaa Kiristaanota! Iyyasuus garaa haadha isaa keessatti miciree akka ture ni mirkaneessitu. Eenyullee miidhuu fi fayyadu hin danda’u. Haalota keessaa haala tokko keessatti Iyyasuus kan hin dhageenye, hin argine, hin beekne, hin fayyanne fi hin miine kan ture ta’uu erga mirkaneessitanii akkamitti gooftaa godhachuun waaqefattuu? “Rabbiin Isumatu Dhagayaa, Beekaadha.” Kana jechuun Rabbiin immoo yeroo hundaa dhagayaa, beekaadha, fayyadu fi miidhu irratti dandeetti qaba. Amalli Isaa akkana kan ta’e Inni dhugaadhaan Gooftaa gabbaramuudha.[5] 

Iyyasuus (aleyh salaam) dhalachuun dura kan hin dhageenye, hin argine, hin beekne, hin fayyanne fi kan hin miine ta’uu mirkaneessinii jiru. Ammas, erga gara samii ol fuudhamee booda kadhaa fi faarfannaa namootaa hin dhagayuu, hin beeku, nama isa kadhatu fi faarsu hin fayyadu. Nama isa kadhachuu fi faarsu dhiises hin miidhu. Kanaafu, akkamitti “Iyyasuus gooftaadha” jechuun waaqefatu (kadhatu, faarsuu)? Rabbii kadhaa isaanii dhagayuu fi haala isaanii hunda beeku dhiisanii akkamitti kadhaa isaanii kan hin dhageenye fi haala isaanii hin beekne kadhatu (waaqeffatuu)?


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Maa’idah 2/218, Ibn Useymiin
[2] Tafsiiru Xabarii-8/582-583
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Maa’idah 2/219, Ibn Useymiin
[4] Madda olii [5] Tafsiir Qurxubii-8/102

Iyyasuusi fi Haadha Isaa Waaqeffachuun Sirriidhaa?-Kutaa 2
Soba Shirkii-Kutaa 1

Leave a Reply