Iyyasuusi fi Haadha Isaa Waaqeffachuun Sirriidhaa?-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) “Ani Gooftaadha na waaqefadhaa” akka hin jenne hundi keenyaa ni beekna. Dhugumatti ergaan isaa guddaan: “Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaan keessan ta’e gabbaraa (waaqefadhaa), Isaan ala wanta biraa hin waaqeffatinaa” kan jedhu ture. Tarii namni kana yommuu dhagayuu, namoonni maal ta’aniitin “Iyyasuus gooftadha” jechuun waaqefatu ree? jechuun gaafachuu danda’a. Gaafi isaa kanaaf deebii karaa adda addaattin kennuun ni danda’ama. Garuu isaan keessaa inni ijoon: osoo sirritti itti hin xinxallin namoota yeroo duri wanta Iyyasuus hin jenne jedhan hordofuudha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

5:77

Jedhi, “Yaa warra kitaabaa! Amantii keessan keessatti dhugaan ala daangaa hin darbinaa. Fedhii ummata duraan jallatanii darbanii, namoota heddus jallisanii fi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa.” Suuratu Al-Maa’idah 5:77

Kuni Kiristaanotaaf gorsaa guddaadha. Dhugumatti, Iyyasuus gooftaa akka hin taanee ragaalee fi mallattooleedhaan ifa ta’ee jira. Kana booda namni sammuu qulqulluu qabu, “Iyyasuus gooftaa erga hin taane, Kiristaanonni eessaa fidanii gooftaa jedhan ree?” jechuun gaafata. Aayan armaan olii deebii gahaa isaaf kenniti. Iyyasuus gooftaadha ykn ilma gooftaati kan jedhe namoota duraan fedhii qullaa hordofaniidha. Akkuma macaafni qulqulluun mirkaneessu yeroo jalqabaatiif Iyyasuus ilma waaqayyooti kan jedhe nama Phaawulos jedhamuudha.

Namni kuni amanti Kiristaanaa jallisuu keessatti gahee ol’aanaa kan taphateedha. Phaawulos nama Yahuudi ture. Maqaan isaa “Saa’ol” jedhamaa ture. Inni Iyyasuusin hin argine. Yeroo Iyyasuus gara diinii (amantii) Rabbiitti namoota waamu fi isaan gammachisus hin dhageenye. Yeroo isaa jalqabaa irratti, Phaawulos Kiristaanota Iyyasuusin hordofanitti namoota diina ta’an gurguddaa keessaa tokko ture. Inumaa, isaan adabaa fi garmalee rakkisaa ture. Erga Rabbiin Olta’aan Iyyasuusin gara samii ol fuudhee booda Phaawulos tasa gara Kiristaanummaaa seenu isaa labse. Erga itti seenee booda oduu addaa odeessu jalqabe. Yeroo gara Damasqoo deemu ifni akka isa marsee fi gooftaan samii irraa akka itti lallabee ni dubbata. Ergasii gara mana sagadaa deemun “Iyyasuus ilma waaqayyooti” jechuun namoota itti waamu jalqabe. Yeroo san irraa eegale, amantin sobaa kuni Kiristaanota keessa babal’ate. (Ragaaf ilaali Macaafa qulqullu: “Hojii Ergamtootaa Boqonnaa sagal, lakkoofsa 1-6 fi 19-21, Hojii Ergamtootaa Boqonnaa 22, Lakkoofsa 3-11)

Iyyasuus gooftaadha ykn silaase keessaa tokko kan jedhes namoota fedhii qullaa hordofaniidha. Dhimma Iyyasuus ilaalchisee wanta jechuu fi amanuu qaban mari’achuuf yeroo adda addaa keessatti wal gahanii jiru. Wal gahii kanniin keessaa ijoo kan ta’an mee haa eerru:

Wal gahii Tokkoffaa Nikaya (First Council of Nicaea)– Wal gahin kuni ajaja mootii sanama (idol) waaqefatu maqaan isaa Konistantayn jedhamuun bara 325 tti adeemsifame. Konistantayn mootii Impaayara Roomaa ture. Kiristaanummaa fudhachuu isaa erga labsee booda, Kiristaanonni amanti tokko irratti akka wali galaniif bakka adda addaa irraa qeeysota walitti qabe. Namoonni wal gahii kana irratti argaman bakka sadiitti qoodaman:
1ffaa-Warra Rabbiin tokkichoomsanii fi “Iyyasuus gooftaa miti” jechuun mormaniidha. Garee kana nama Ariyos jedhamutu hoggana.
2ffaan-Warra Iyyasuus yeroo hundaa abbaa waliin jiraatadha jedhaniidha. Namni ilaalcha kana deeggaru Paappasi Aleksander jedhamuudha. Akkasumas, namni Asanasiyus (Athanasius) jedhamuus isa waliin ture.
 3ffaa-Warra wal gahan keessaa gariin isaanii ilaalcha armaan olii lamaan walitti araarsu barbaadan. Isaan keessaa nama Awsiyoos jedhamuudha. Ni jedhe, “Masiih dhabama irraa hin uumamne. Kana irra, abbaa irraa dhalate.”

Ilaalchi kuni ilaalcha garee lammataa irraa garagaraa miti. Mootiin Konistantayn ilaalcha kanatti dabe. Ilaalcha kana qeeysonni 318 ni deeggaran. Kanneen hafan immoo Ariyosin deeggarun ilaalcha kana ni faallessan. Sababa kanaaf Ariyosi fi deeggartonni isaa ni ari’aman. Kanaafu, qeeysonii 318 wal gahii Nikaya irratti murtoo baay’ee baasan. Isaan keessaa inni ijoon Iyyasuus waaqayyoo akka ta’e labsuudha.[1]

Hafuurri qulqulluun (Manfas quddus) silaasse keessaa tokko ta’uu wal gahii kana irratti hin tuqamne. Kana irra, wali gahiin kuni wal dhabbii isaanii ‘ilmaa fi abbaa’ jedhu ilaalchise furu ture. Hafuurri qulqulluun silaase keessaa tokko kan jedhame yeroo wal gahii Konistantipol (Council of Constantinople) bara 360 keessa adeemsifameedha.[2]

Phaawulos ergaa isaa keessatti yeroo garii Iyyasuus nama akka ta’e dubbata, yeroo biroo immoo waaqayyoo akka ta’e dubbata.[3] Phaawulos wal gahii kanaan dura ture.

Akkuma barreefama armaan olii irraa hubannu, “Iyyasuus gooftadha ykn ilma gooftati.” Kan jedhe Phaawulos, qeeysotaa fi mootii Rooma Konistantayn dha. Akkuma Qur’aanni nutti himu namoonni kunniin fedhii qullaa ofii hordofuun amanti sobaa kana kaa’an. Kanaafi Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah armaan olii keessatti ni jedha: Fedhii ummata duraan jallatanii darbanii, namoota heddus jallisanii fi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa.”

Hanga Qur’aanni bu’uutti namoonni duraani kan akka Phaawulos, Aleksander, Asanasiyus fi kanneen biroo “Iyyasuus gooftadha ykn ilma gooftaa ykn sillaase keessaa tokko.” jedhan namoota meeqaa meeqa jallisanii! Dhugumatti namoota baay’ee jallisanii jiru. Ofillee haqa irraa jallatanii namoota biroos jallisan. Haqni: “Rabbiin tokkicha, ilma hin qabu. Kan gabbaramu qabu Isa qofa. Iyyasuus ergamaa qofa. Gooftaa ykn ilma gooftaati miti.” Namoonni kunniin fedhii qullaa isaanii hordofuun, “Iyyasuus gooftadha ykn ilma gooftaati ykn Rabbiin sadaffaa sadeeniti (silaase)” jedhan. Ergasii, Iyyasuusin ni waaqefatan. Haala kanaan, dhugaan ala amantii keessatti daangaa darban. Fedhiin qullaan wanta haqa faalleessuudha. Kanaafu, yaa Kiristaanota! Amantii keessan keessatti dhugaan ala daangaa hin darbinaa. Fedhii qullaa namoota isiniin duraa ofillee jallatanii namoota baay’ees jallisan hin hordofinaa. Isaan hordofuun wanta haqa faallessu hin jedhinaa. Kana jechuun “Iyyasuus gooftadha ykn ilma gooftaati ykn sillaase keessaa tokko” hin jedhinaa.

Guduunfaa
☛Iyyasuus (aleyh salaam) “Ani Gooftaadha na waaqefadhaa” hin jenne. Garuu “Iyyasuus gooftadha ykn ilma gooftaati” kan jedhe namoota isa booda dhufaniidha. Kan akka Phaawulos.
☛Sababa ergaa nama kanaatin, “Iyyasuus gooftaadha moo gooftaa miti” jedhu ilaalchisee wal dhabbii fi mormiin kiristaanota jidduutti ni uumame. Mormii fi wal dhabbi kana furuuf wal gahin bara 325tti ni adeemsifame.
☛Namoonni wal gahi kanarratti argaman: warra Rabbiin tokkichoomsan, “Iyyasuus gooftaa miti.” jedhanii fi warra “Iyyasuus abbaa waliin jiraatadha” jedhaniidha. Namoonni yaada jalqabaa deeggaran Ariyosi fi hordoftoota isaati. Namoonni yaada lammata deeggaran immoo paappasi Aleksandarii fi mootii Roomaa Konstantiyinidha.
☛Xumura wal gahii irratti: Ariyos fi hordoftoonni isaa “Iyyasuus goofta miti” waan jedhaniif ni ari’aman. Ergasii, Iyyasuus gooftadha ykn ilma waaqeyyooti yaanni jedhu mirkanaa’e labsame.

☛ Akkuma asirraa hubannu: Iyyasuus gooftadha ykn ilma waaqayyoti kan jedhe Iyyasuus osoo hin ta’in, namoota isa booda dhufan kan fedhii qullaa hordofaniidha. Kanaafi, yaanni “Iyyasuus gooftaadha ykn ilma gooftaati” jedhu yaada wal faallessuu fi walitti bu’uudha. Fedhiin qullaan walitti kan bu’uu fi nama jallisuu waan ta’ef, namni sammuu qulqullu qabu yaanni kuni soba akka ta’e takkamaan beeka.
☛Kanaafu, namni wanta namoonni darban lafa ka’aniin gowwoomu hin qabu. Ta’uu baannan, namoota durii ofillee jallatanii namoota biroos jallisan yoo hordofe, adabbii fi dallansuu Rabbiitiif of saaxila. Sababni isaas, Rabbiin ala wanta biraa waaqefachun yakkaa guddaa Rabbiin hin araaramnedha.


Kitaabban wabii:
[1] Juhuud ulamaa’il Muslimiin fii raddi ala nasaaraa fii qarni raabi’a ashar hijriyy-fuula 339-340, (Size 20.3MB)
https://en.wikipedia.org/wiki/First_Council_of_Nicaea[2]
https://en.wikipedia.org/wiki/First_Council_of_Nicaea
[3] Juhuud ulamaa’il Muslimiin fii raddi ala nasaaraa fii qarni raabi’a ashar hijriyy-fuula 383

Print Friendly, PDF & Email
Iyyasuusi fi Haadha Isaa Waaqeffachuun Sirriidhaa???-Xumura
Iyyasuusi fi Haadha isaa waaqeffachuun Sirriidhaa???-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply