Iyyasuusi fi Haadha Isaa Waaqeffachuun Sirriidhaa???-Xumura

Gaafi, “Iyyasuusi fi haadha isaa waaqefachuun sirriidhaa??” jedhu osoo ilaallu kunoo xumura irra geenye. Yeroon gaafi kanaaf deebiin jala muraa itti deebisnu amma. Mee osoo haqa irraa hin jallatinii fi namoota hin arrabsin dhugaa taane gaafi kanaaf deebii sirrii haa kenninu. Jalqaba namni wanta tokko kan waaqeffatuuf faayda irraa argachuuf ykn miidhaa akka isarraa deebisu barbaadeti. Akkasi miti ree? Kan waaqeffatan faayda namaaf kennuu fi miidhaa namarraa deebisuuf amaloota akkami qabaachu qabaa? Dhugumatti, jiraataa, beekaa, dhagaya, argaa fi danda’aa ta’uu qaba. Kan waaqefatamu jiraataa yoo hin ta’in du’aa irraa wanta barbaadan argachuun danda’amaa? Kan waaqefatamu haala fi rakkoo namaa kan beeku, argu, dhagayuu yoo hin ta’in, wanta barbaadan irraa argachuun danda’amaa? Kan waaqeffatan wanta hunda irratti danda’aa yoo hin ta’in faayda namaaf kennu ykn miidhaa namarraa deebisu danda’aa? Fkn, rooba roobsu irratti danda’aa yoo hin ta’in soorata barbaadan namaaf kennu danda’aa?

Mee amma tuqaalee kanniin fuula duratti dhiyeefachuun amala Iyyasuusi fi haadha isaa haa qorannu. Yommuu haala isaan lamaanii qorannu, amaloota kanniin hunda isaan lamaan keessatti hin argannu. Iyyasuusi fi haati isaa waan hundaa beeku, dhagayu, arguu danda’uu? Akkuma ilma namaa kamiyyuu wanta Rabbiin isaan beeksise qofa beeku ykn argu ykn dhagayu malee waan hundaa beeku, arguu fi dhagayuu hin danda’an. Akkasumas, wantoota hundaa hojjachu irratti dandeetti hin qaban. Waan hundaa kan beeku, argu, dhagayuu fi waan hundaa irratti danda’aa Kan ta’e Rabbii tokkicha. Kanaafu, Iyyasuusi fi haati isaa haalaa fi rakkoo nama isaan waaqeffatuu waan hin beeknef, hin argineef, hin dhageenyef akkasumas, wantoota hundaa irratti danda’oo waan hin taanef, isaan lamaan waaqeffachuun sirrii miti. Waaqeffatamu kan qabu Rabbii tokkicha. Rabbii tokkicha waaqeffachu dhiisanii Iyyasuusi fi haadha isaa ykn malaayka waaqeffachuun amanti keessatti daangaa darbuu fi hojii bu’aa hin qabne hojjachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yaa warra kitaabaa! Amantii keessan keessatti daangaa hin darbinaa! Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbatinaa. Ilmi Mariyam Masiih Iisaan Ergamaa Rabbii, jecha Isaa kan Inni gara Mariyam darbee fi ruuhi [ajaja Isaatirraa ta’een uumame] qofaadha. Kanaafu, Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanaa. “Sadii (sillaase)” hin jedhinaa. Dhiisaa! Suni isiniif irra gaarii ta’aati. Rabbiin haqaan Gabbaramaa Tokkicha qofa. Ilmi Isaaf ta’uu irraa Inni qulqullaa’e. Wantoonni samiwwan keessatii fi wantoonni dachii keessaa kan Isaati. Wakiila ta’uufis Rabbiin gahaadha.” Suuratu Al-Nisaa 4:171

“Yaa warra kitaabaa” kana jechuun Yaa Kiristaanota! “Amantii keessan keessatti daangaa hin darbinaa!”
Daangaa darbuu jechuun amanuu fi hojjachuu keessatti daangaa kaa’amee fi barbaadamee ol dabaluudha. Kiristaanonni Iyyasuus sadarkaa ilma namaati ol olkaasun “Iyyasuus gooftadha ykn ilma gooftaati” ykn “Rabbiin sadaffaa sadeeni (sillaase)” jechuun amanti keessatti daangaa darban.

Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbatinaa.” Kana jechuun wanta Rabbiin ittiin ibsitan keessatti Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbatinaa. Kana jechuun wanta gadi dhaabbataa sammuudhaan, uumamaa fi wahyiin[1] fudhatama qabu malee hin dubbatina. Faallaan kanaa soba. Namni “Masiih ilma Waaqayyoti” jedhe, Rabbiin irratti wanta dhugaa hin taane dubbatee jira. Namni Rabbiin sadeesso sadeeniti (sillaase) jedhe Rabbiin irratti wanta dhugaa hin taane jedhee jira. Namni Masiih fi haati isaa waaqayyoodha jedhe Rabbiin irratti wanta dhugaa hin taane dubbatee jira.[2]

“Ilmi Mariyam Masiih Iisaan” Himni kuni jecha isaanii, “Masiih ilma Waaqayyooti (Gooftaati)” jedhu soba akka ta’e mirkaneessa. Masiih ilma Waaqayyoo (Gooftaa) osoo hin ta’in ilma Mariyami.  

“Ilmi Mariyam Masiih Iisaan Ergamaa Rabbiiti…” Himni kuni immoo jecha isaanii “Iyyasuus gooftaadha” jedhu soba akka ta’e mirkaneessa. “Ergamaa Rabbiiti”- kana jechuun Rabbiin kan isa ergeedha. Gooftaa miti, kutaa Gooftaa irraa ta’ellee miti. Kana irra, Iyyasuus Ergamaa Rabbiiti. Daangaan isaa ol’aanaan Ergamaa Rabbii ta’uudha. Kana bira darbee Gooftaa ykn Waaqayyoo ta’uu hin danda’u.

“jecha Isaa kan Inni gara Mariyam darbee fi ruuhi [ajaja Isaatirraa ta’een uumame] qofaadha.” Himni kunis Iyyasuus Waaqayyoo ykn Gooftaa akka hin taane mirkaneessa. Gooftaan Khaaliqa (Uumaadha) malee makhluuqa (uumamaa) miti.

“jecha Isaa kan Inni gara Mariyam darbee” kana jechuun jecha Rabbiin dubbateen Iyyasuus nama ta’ee argame.[3] Jechi tunis “Ta’i” tan jettuudha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Dhugumatti, Rabbiin biratti fakkeenyi Iisaa akka fakkeenya Aadami. Biyyee irraa isa uume. Ergasi “ta’i” isaan jedhe. Innis yoma san ta’e. Haqni (dhugaan) Gooftaa kee irraayyi; kanaafu shakkitoota irraa hin ta’in.” Suuratu Aali-Imraan 3:59-60

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta tokko uumuu yoo murteesse, “Ta’i” jechuu qofa. Wanti sunis ta’ee ni argama.

ruuhi [ajaja Isaatirraa ta’een uumame] qofaadha.” Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-Ajaja Rabbiitiin hafuura Jibriil qaama hormaataa Mariyam keessatti afuufedha. Rabbiin Jibriiliin ni erge. Innis qaama hormaata Mariyam keessatti hafuufe. Ergasii ishiinis hayyama Rabbiitin Iyyasuusin ni ulfoofte.
2ffaa-Ruuhi Rabbiin uumeedha. Iyyasuus (aleyh salaam) qaama ruuhin itti afuufamtee nama ta’eedha.

Aayah keessatti jechi “minhu (Isa irraa)” jettu kutaa Isarraa ta’ee jechuufi miti. Kiristaanonni jecha tana wabii godhachuun Iyyasuus Rabbiin irraa kutaa tokko akka ta’e akka ragaatti dhiyeessan. Isaan warra qalbiin isaanii jallatte waan ta’aniif akkana hojjatu. Warri qalbiin isaanii jallatte warra namoota qoruu fi fitnaa kakaasuf ragaalee wal fakkaatanii fi namoota baay’eef sirritti ifa hin taane hordofaniidha.

Yeroo tokko Kiristaanni tokko Iyyasuus Rabbiin irraa kutaa tokko akka ta’etti aayah armaan oli akka ragaatti dhiyeesse. Ni jedhe, Iyyasuus Rabbiin irraa kutaa tokko akka ta’e Qur’aanni keessan ni agarsiisa.” Isa bira aalima (hayyuu) Islaamaa tokkotu ture. Aayah (keeyyata) tana isarratti dubbise:

Wanta samiwwan keessa jiranii fi wanta dachii keessa jiran hunda Isa irraa isiniif laaffise.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:13

Hayyichis (aalimtichis) Kiristaana kanaan akkana jechuun gaafate, “Samiwwan, dachii fi wanti isaan keessa jiru Rabbiin irraa kutaa ta’ee?” Ergasii Kiristaanni kuni ni dhama’e. Jallinna irra akka jiru ni beeke. San booda Islaama keessa seene. Sababni isaas, haqni isaaf ifa ta’e. Asitti min (irraa) kutaa agarsiisuuf osoo hin ta’in ka’uumsa agarsiisa. Kana jechuun Rabbiin biraayyi.[4]

(Fakkeenya biraa wanta guyyaa guyyaan dubbannu kaasu dandeenya. Yommuu qananii argannu fi galateefannu, “Qananiin kuni Rabbiin irraayyi.” Jenna. Kana jechuun kuni qananii Rabbiin uumee fi naaf kenneedha.)

“Kanaafu, Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanaa.” Kana jechuun Rabbiin Gabbaramaa tokko qofa akka ta’e amanaa, Isaafis harka kennaa. Wanta Rabbiin irraa isinitti fidan ilaalchisee Ergamtoota Isaa hundas dhugoomsaa, hojiirras oolchaa.[5]  

“‘Sadii (sillaase)’ hin jedhinaa.” Akkuma kutaa darbe keessatti jenne, sillaasen Iyyasuusin booda gara jarraa sadiin booda wanta haarawa jalqabameedha. Wanta namoonni fedhii qullaa hordofan uumaniidha. Akka Kiristaanonni jedhanitti sillaassen-abbaa, ilmaa fi hafuura qulqulluu of keessatti qabata. Rabbiin subhaanahu jecha kijibaa fi fokkuu kanarraa isaan dhoowwa. “Yaa Kiristaanota Rabbiin waliin Iyyasuus fi hafuurri qulqulluun gooftaadha hin jedhinaa. “Dhiisaa! Isiniif irra gaarii ta’aati.” Kana jechuun sadii (sillaase) jechuu dhiisaa. Rabbiin waliin Iyyasuus gooftaadha, hafuurri qulqulluunis gooftaadha jechuu dhiisaa. Kana dhiisun keessan isiniif irra gaariidha. Sababni isaas, yoo dhiisu diddanii fi jechuu itti fuftan, dubbii keessan kanaaf Rabbiin irraa adabbi cimaatu isin qunnama.

“Rabbiin haqaan Gabbaramaa Tokkicha qofa.” Kuni jecha Kiristaanota “Sillaase” jedhu irratti deebii deebisa.[6]Gabbaramaan haqaa Rabbii tokkicha qofa. Isa waliin wanti waaqefatamu tokkollee hin jiru.Iyyasuus Isa waliin gooftaa miti, hafuurri qulqulluunis Isa waliin gooftaa miti. Kana irra, Gooftaan gabbaramu (waaqefatamu) qabu Rabbiin qofa.

“Ilmi Isaaf ta’uu irraa Inni qulqullaa’e.” himni kuni immoo jecha isaanii “Iyyasuus ilma waaqayyoti” jedhu irratti deebii deebisa. Rabbiin ilma qabaachu irraa qulqullaa’e.

Gabbaramaa ta’uun abbaa ta’uu fi ilma qabaachu faallessa. Gabbaramaan gonkumaa kan hin banne, homattu hin hajamne, uumamtoota kan hin fakkaanne waan ta’eef ilma qabaachu irraa qulqulluudha. Ilma qabaachuun wantoota kanniin faallessa waan ta’eef.[7]
☝Namni waan du’uuf sanyiin isaa akka itti fuftuuf ilma qabaachu barbaada. Rabbiin immoo kanatti hin hajamu. Sababni isaas, Inni yeroo hundaa Jiraataa gonkumaa hin duunedha.
☝Ammas, namni dadhabaadha, akkuma umriin isaa deemun ni dullooma. Kanaaf akka isa gargaaruuf ilma argachuu barbaada. Rabbiin olta’aan yeroo hundaa jabaa hin dadhabneedha, dullummaa fi hir’inni Isatti hin dhufu. Inni gargaarsa hin barbaadu. Kanaafu, ilma qabaachu irraa qulqulluudha.
☝Ilmi abbaa fakkaata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Kanaafu, akkamitti ilmi Isaaf ta’a ree? Rabbiin ilma qabaachu irraa qulqullaa’e.

“Wantoonni samiwwan keessatii fi wantoonni dachii keessaa kan Isaati.” Kana jechuun wantoonni samii torbanii fi dachii keessa jiran hundi uumamtoota fi gabroota Isaati.Mariyamii fi Iyyasuus wantoota samii fi dachii keessa jiran keessaayyi. Kana jechuun isaan lamaan uumamtoota. Kanaafu, Iyyasuus uumamaaa (makhluuqa) ta’ee osoo jiru akkamitti Waaqayyoo ykn Gooftaa ta’aa?[8]

“As all things in the heavens and the earth belong to Allah, none of them has any such relation with Him as of father and son, but only that of Master and slave.”[9] “Wantoonni samii fi dachii keessa jiran hundi kan Rabbii waan ta’aniif, isaan keessaa eenyullee Isa waliin hariiroo abbaa fi ilmaa hin qabu. Garuu hariiroo Gooftaa fi gabrichaa qofa.” Kana jechuun wantoonni samii fi dachii keessa jiran hundi uumamtoota Rabbiiti. Eenyullee Isaaf ilma hin ta’u. Garuu Inni Gooftaa uumamtootaati. Uumamtoonni immoo gabroota Isaati. Iyyasuus uumamtoota keessaa tokko waan ta’eef gabricha Rabbiiti. Kanarra darbee gooftaa ykn ilma Isaa ta’uu hin danda’u.

“Wakiila ta’uufis Rabbiin gahaadha.” Kana jechuun Rabbiin wantoota hundaa kan eeguu fi tiiksudha. Kanaafu, mootummaa eegu keessatti ilma Isa gargaarutti hin hajamu.[10] Oduu kijibaa namoonni jallatan, “Rabbiin ilma qaba” jechuun odeessan irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e.

6:100

“Osoo Inni isaan uumee jiruu Jinnoota Rabbiif shariikota taasisan; isaan beekumsa malee kijibaan ilmaan dhiiraa fi dubaraa Isaaf godhan. Inni wanta isaan jedhan irraa qulqulluu fi olta’aadha.” Suuratu Al-An’aam 6:100

Rabbiin alatti Iyyasuusinis ta’e wanta biraa waaqefachuun sirrii akka hin taane ragaalee dabalataan kutaalee itti aanan keessatti ni ibsina.


Kitaabban wabii:
[1] Wahyii-beeksisaa Rabbiin irraa bu’e. Ingliffaan-Revelation[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nisaa 2/506, Ibn Useymiin[3] Tafsiiru Sa’dii-236[4] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nisaa 2/509-510, Ibn Useymiin[5] Tafsiiru Muyassar-105[6] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nisaa 2/511, Ibn Useymiin[7] Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-6/58, Muhammad Xaahir Ibn Aashuur[8] Tafsiir Qurxubii-7/236 [9] https://www.englishtafsir.com/Quran/4/index.html#sdfootnote218sym[10] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nisaa 2/512, Ibn Useymiin

Soba Shirkii-Kutaa 3
Iyyasuusi fi Haadha Isaa Waaqeffachuun Sirriidhaa?-Kutaa 2

Leave a Reply