Soba Shirkii-Kutaa 6

Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman namoota uumuu, sooru, ajjeesu ergasii jiraachisuu hin danda’an
Sababni namoonni Rabbii olta’aan ala wanta biraa itti gabbaraniif keessaa tokko ilma barbaadudha. Erga wal fuudhanii booda yeroo dheeraaf ilma yoo hin argatin, ilma argachuu kajeelun ibaadaadhaan Rabbii olta’aa gaditti wanta biraatti dhiyaatu. Fakkeenyaf, “Ebalu ilma naaf kenna.” Jedhanii yaadun silatin, wareegaa fi kan kana fakkaataniin isatti dhiyaatu. Inumaa, “Ilma naaf kenni” jedhani kadhatu. Kuni hundi shirkiidha. Rabbiin ala eenyullee ilma namaaf kennu hin danda’u. Sababni isaas, ilma namaa kan uumu Rabbiin qofa. Ni jedha:

30:40

Rabbiin Kan isin uumee ergasii rizqii isiniif kenne, ergasii isin ajjeesu ergasii isin jiraachisuudha. Shariikota keessan keessaa kana irraa waa kan hojjatuu ni jiraa? Inni wanta isaan itti qindeessan irraa qulqullaa’e, olta’e.” Suuratu Ar-Ruum 30:40 (Rizqii- soorata, qabeenyaa fi wanta biraa namni itti fayyadamuudha.)

“Rabbiin Kan isin uumee ergasii rizqii isiniif kenne” Kana jechuun Inni Khaaliqa, Raaziqa. Nama garaa haadhaa keessaa qullaa beekumsa fi humna hin qabne, sirritti arguu fi dhagayuu hin dandeenye godhee baasa. Kana booda kana hunda isaaf kenna. Meeshaalee manaa, uffata, qabeenyaa fi galii ni kennaaf.

“ergasii isin ajjeesu” kana jechuun jireenya tanaan booda. “ergasii isin jiraachisuudha.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaama isin jiraachisa.

“Shariikota keessan keessaa kana irraa waa kan hojjatuu ni jiraa?” Kana jechuun Rabbii gaditti kanneen isin gabbartan keessaa wantoota kanniin irraa waa kan hojjatu ni jiraa? (Wantooni isin Rabbiin alatti gabbartan isin uumuu ykn rizqii isiniif kennu ykn ajjeesu ykn jiraachisuu danda’uu?

Wantoonni isaan waaqeffatan kana irraa homaa hin hojjatan. Kanaafu, wanta waa uumuu ykn rizqii kennu ykn ajjeesu ykn jiraachisuu hin dandeenye akkamitti gabbaruu (waaqefatuu)? Ilma uumuu kan hin dandeenye irraa akkamitti “ilma naaf kenni” jedhanii kadhatuu? Rizqii namaaf kennu kan hin dandeenye irraa akkamitti rizqii kadhatuu?)

 “Inni wanta isaan itti qindeessan irraa qulqullaa’e, olta’e.” kana jechuun Rabbiin shariika ykn fakkaataa ykn qixxaataa ykn ilma ykn abbaa qabaachu irraa qulqullaa’e. Kana irra, Inni Tokkicha adda ta’e, Of danda’aa hin dhalle hin dhalanne, Isaaf qixxaataan hin jirreedha.[1]

Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman rizqii uumu fi namaaf kennuu hin danda’an
Sababni biraa namoonni Rabbii olta’aa gaditti wanta biraa itti waaqefataniif rizqii nuuf kennuu ykn dabaluu danda’uu jedhanii yaadun silati, wareegaa fi kan kana fakkaatanin itti dhiyaatu. Fkn, nama awwaalame yookiin sanama rizqii kennuu ykn baay’isuu keessatti dhiibbaa qabu jechuun silati seenuuf, wareega qaluuf. Yookiin immoo ni kadhatu. Kuni hundi isaan gabbaru (waaqefachuu)dha. Dhugumatti, namoonni kunniin osoo sirritti itti xinxallanii wanti isaan rizqii nuuf kenna ykn dabala jechuun kadhatan ykn gabbaran, rizqii homaatu akka isaaniif hin kennine ykn hin daballe ni hubatu. Sababni isaas, wanti isaan gabbaran kuni dandeetti rizqii itti kennu ykn dabalu hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Samiiwwanii fi dachii irraa wantoota rizqii homaatu isaaniif hin kenninee fi [wanta tokkollee] hin dandeenye gabbaru (waaqefatu). Kanaafu, Rabbiif fakkeenyota hin godhinaa. Dhugumatti Rabbiin ni beeka, isin hin beektan.” Suuratu 16:73

Mushrikoonni (warroonni Rabbiin alatti wanta biraa waaqefatan) wantoota jireenya isaaniitif rizqii homaatu hin dhiyeessinee waaqeffatu. Samiiwwanii fi dachii irraa rizqii homaatu isaaniif hin kennan. Kana jechuun samii irraa bishaan isaaniif buusu hin danda’an. Dachii keessaas biqiltoota biqilchuu hin danda’an. Homaa irrattu dandeetti hin qaban.[2]

Wanti isaan gabbaran (waaqeffatan) sanama (siidaa, taabota) yoo ta’e, beekkamaadha, homaa irratti dandeetti hin qabu. Sababni isaas, sanamni dhagaa ykn muka lubbuu hin qabneedha. Ammas, wanti gabbaran nama du’e yoo ta’e, waan lubbuun keessaa baatef nama jiruuf homaa gochuufi hin danda’u. Ammas, wanti isaan waaqeffatan wanta lubbu qabuu kan akka malaykoota fi sheyxaanaa yoo ta’e Rabbii Injifataa ta’ee irraa kan dhoowwamaniidha. Namoota isaan waaqeffataniif homaa gochuu hin danda’an.[3]

Wantoonni Rabbii gadiitti waaqeffattan homaa akka hin fayyannee erga beektanii yaa namoota! uumamtoota irraa Rabbiif fakkaattoota hin godhinaa. Uumamtoota Isaatiin wal hin fakkeessinaa. Sababni isaas, Inni homaanu wal hin fakkaatu, wanti Isa fakkaatullee hin jiru. Isaaf shariika hin godhinaa.[4]

Zaataa fi sifaata (amaloota) Rabbii ilaalchisee wanta Isarraa karaa Ergamaatiin isinitti dhufe qabadhaa.  Dhugumatti Rabbiin haqiiqaa zaataa fi sifaata Isaa ni beeka, isin immoo hin beektan.[5]

Wanta biraa Rabbiin waliin waaqefachuun Isaaf fakkaataa gochuudha. Sababni isaas, sifaata (amaloota) Khaaliqaa wanta waaqefatan kanaaf godhu. Kanaafu, wanta waaqefatan kana Khaaliqaan wal fakkeessan. Kanaafi, hundeen shirkii Rabbii olta’aatti waa fakkeessudha.

Ibraahiminis yommuu ummata isaatiin, “Rabbiin gabbaraa, Isa sodaadhaa. Yoo kan beektan taatan santu isiniif caala. Rabbii gadiitti sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu. Kanneen isin Rabbii gadiitti gabbartan rizqii isiniif kennuu hin danda’an. Kanaafu, Rabbuma biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa, Isaafis galata galchaa. Garuma Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu]. Suuratu Al-Ankabuut 29:16-17

Yommuu Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jechuun waame yaadadhu: ibaadaa Rabbi qofaaf qulqulleessa, wanta Inni dirqama isin irratti godhee hojjachuu fi Isa faallessuu irraa fagaachun dallansuu Isaa irraa of eegaa. Yoo kan beektan taatan Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuutu isiniif caala. Dhugumatti, Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuu dhiisu keessa kheyriin homaatu hin jiru. Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuun namootaaf garmalee gaarii kan ta’eef addunya fi Aakhiratti kanaan malee badhaasa Isaa hin argatan. Kheeyrin hundi addunyaa fi Aakhira keessatti argamu bu’aa ibaadaa fi taqwaati.[6]

Rabbiin gabbaruu jechuun wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisuun Isaaf of gadi qabuudha. Taqwaa jechuun immoo Rabbiif ajajamuun adabbii Isaa irraa eeggumsa godhachuudha.[7]

“Rabbii gadiitti sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu.” Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jedhe, “Sanamoota harka keessaniin boccan waaqefattu. Sanamoota kanniin gabbaramoo jettanii moggaasuun kijiba uumtu.[8] Akkasumas, nama isaan gabbaruuf faayda fiduu fi miidhaa isarraa deebisu keessatti dhiibbaa hin mul’anne qabuu jechuun soba uumtu.

Kanneen isin Rabbii gadiitti gabbartan rizqii isiniif kennuu hin danda’an. Kanaafu, Rabbuma biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa, Isaafis galata galchaa. Garuma Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu].”
Karaa soorataa fi galii nuuf laaffisu jechuun wantoonni isin Rabbiin alatti waaqefattan, soorataa fi galii isiniif kennuu hin danda’an. Sababni isaas, sanamoonni kunniin wanta harka keessaniin boccaniidha, nama fayyadu hin danda’an.

Dhugumatti, rizqii kan harkaa qabu Rabbii Gooftaa keessan ta’ee fi Gooftaa samiiwwanii, dachii fi isaan jidduu ta’eeti. Inni Khaaliqa wantoota jiran hundaati. Kanaafu, Isa bira qofa rizqii keessan barbaadaa, Isa qofas gabbaraa. Qananii baay’ee isiniif kenneefis Isa galateefadhaa. Qananii kana keessaa samii irraa bishaan buusuu fi biqiltoota biqilchuun rizqii isiniif laaffisuudha.[9]

Rabbii olta’aa qofa gabbaruu fi Isa galateefachuun sababa rizqii ittiin argatanii fi sababa rizqiin ittiin turuudha. “Isa gabbaraa” kuni sababa rizqiin ittiin argamuudha. “Isaaf galata galchaa” kuni sababa rizqiin ittiin turuudha.[10]

“Garuma Isaa deebifamtu” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gara Isaatti deebifamuun wanta hojjataa turtaniif jazaa isiniif kafala, wanta dhoksitanii fi ifatti baastan isinitti beeksisa. Kanaafu, shirkii keessan irra osoo jirtanu Isatti dhufuu irraa of eeggadhaa, wanta gara Isaatti isin dhiyeessu fi yeroo Isatti dhuftan mindaa ittiin isiniif kennu kajeelaa.[11]

Barreefama armaan olii irraa akkuma hubannu, “Rabbii olta’aan ala samii irraa bishaan buusuu fi biqiltoota biqilchuun rizqii (soorata fi qabeenya) kan namaaf kennu danda’uu ni jiraa?” Gonkumaa hin jiru. Kanaafu, namoonni rizqii argachuuf ykn dabalachuuf jecha maaliif wanta rizqii isaaniif kennu hin dandeenye waaqefatuu? Kuni gowwuummaa fi hir’inna sammuu hin agarsiisuu? Fakeenyaaf, rizqii argachuuf ykn dabalachuuf jedhanii nama du’eef ykn taabotaaf silati seenuun ykn wareega wareegun faaydan isaa maalidhaa? Namni du’e ykn taabonni rizqii namaaf kennu dhiisiti ofiyyuu hin fayyadu. Namni qaruuten Rabbii rizqii isaaf kennu irratti danda’aa ta’e qofa gabbara.   


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Ibn Kasiir-6/97-98[2] Tafsiir sa’dii-516[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-13/607-608[4] Tafsiiru Muyassar-275, Zaadul Masiir-786[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-13/608[6] Tafsiiru Muyassar-398, Tafsiir Sa’dii-737[7] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 67-68, Ibn Useymiin[8] Tafsiiru Muyassar-398[9] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/239[10] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 72, Ibn Useymiin [11] Tafsiir Sa’dii-737

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya waliin Fokkinnaa fi Soba Shirkii-kutaa 2
Fakkeenya waliin Fokkinnaa fi soba Shirkii-Kutaa 1

Leave a Reply