Fakkeenya waliin Fokkinnaa fi soba Shirkii-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti shirkiin soba ta’uu ragaalee sammuutii fi wahyiitiin ilaalle jirra. Kutaa kana keessatti Qur’aana irraa fakkeenya dhyeessuun fokkinnaa fi soba shirkii caalatti ni ilaalla.

Fakkeenyi hiika wanta tokko sammuu keessatti kaleessa. Wanta jecha kumaan hubatamu hin dandeenye fakkeenya tokko dhiyeessun haala salphaan hubachuun ni danda’ama. Kanaafi, Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fakkeenya garagaraa dhiyessa. Kana keessa faaydaa baay’etu jira. Kan akka yaadachiisu, gorsuu, kakaasu, akeekachiisu, wanta tokko mirkaneessu, wanta barbaadame sammuu keessatti kaleessu, suuraa mul’atuun sammuu keessatti kaasu fi wanta dhokataa wanta mul’atuun wal fakkeessu. Mee amma, fakkeenyota muraasa fokkinnaa fi soba shirkii agarsiisan haa ilaallu:

Shirkiin akka buqqee foolii badaa qabduuti
Fakkeenya ajaa’ibaa tawhiida fi shirkiif godhame Qur’aana keessatti akkanatti arganna:

“Rabbiin akkamitti jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishii gadi dhaabbataa ta’ee fi dameen ishii samii keessatti [ol dheeraa] ta’etti fakkeenya akka godhe hin argine? Yeroo hundaa hayyamaa Gooftaa ishiitiin firii ishii ni kenniti. Akka gorfamaniif jecha Rabbiin namootaf fakkeenya dhiyeessa. Fakkeenyi jecha badduu akka muka badduu gubbaa dachii irraa buqqifamtee gadi dhaabbannaa hin qabneeti. ” Suuratu Ibraahim 14:24-26

Asitti jechi gaariin kalimaa tawhiida, “Laa ilaaha illa Allah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)” tan jettuudha. Jecha gaarii tana muka gaarii hiddi isaa lafa keessatti gadi lixee fi dameen isaa samii keessatti ol dheerateen ol fakkeesse. Mukni gaariin kuni muka temiraati. Mukni temiraa hiddi isaa lafatti kan gadi lixeedha, dameenis samii keessatti kan ol dheerateedha. Waggaa waggaan hayyama Rabbiitiin firii temiraa ni kenna. Temirri hangam akka mi’aawu fi faayda akka qabu namni isa dhandhame hundi ni beeka.

Mukaa fi firii Temiraa

Haaluma kanaan iimaanni fi tawhiinni qalbii keessatti gadi yoo lixe, dameen isaa ol dheerata, yeroo hundaa firii kenna. Dameen iimaanaa fi tawhiidaa, dubbii gaarii, hojii gaggaarii fi akhlaaqa (amaloota) bareedaadha. Hojiwwan kunniin hundee gadi dhaabbataa waan qabuuf yeroo hundaa gara Rabbii ol baha. Firiin isaa immoo addunyaa tana keessatti tasgabbii qalbii argachuu, Aakhiratti immoo Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenudha.

Jechi badduun aayah keessatti dubbatame jecha kufriitii fi shirkiiti. Shirkiin akka muka badaa lafa keessaa ol buqqifamee hundee hin qabneeti. Mukni tuni muka buqqeeti. Mukni buqqee lafa keessatti sirritti gadi hin lixu. Gubbaa dachii irra ciisa. Foolin isaa nama jibbisiisa, nyaataafis hin tolu. Biqiltoonni akka dabaaqulaa, abaabu (waterlimon) fi kan biroo buqqeen wal fakkaachu danda’u. Garuu buqqeen fooli fi dhandhama badaa waan qabuuf nyaataf hin ta’u.   

Buqqee

Haaluma kanaan jechi kufrii, shirkii fi badii qalbii keessatti hundee gadi dhaabbataa hin qabu. Dubbi badaa fi hojii fokkuu malee firiin gaariin irraa hin argamu. Hojiin shirkii gara Rabbii ol hin bahu. Abbichi addunyattis ta’e Aakhiratti bu’aa homaatu irraa hin argatu. Akkuma buqqeen raasatti gatamu, hojiin isaas jalaa gatama. Aakhiratti mindaa homaatu irratti hin argatu.

Fakkeenya Haqaa fi sobaa

Haqni haqa hunda caalu tawhiida. Sobni soba hunda caalu immoo shirkiidha. Mee fakkeenya haqaa fi sobaa haala armaan gadiitin Qur’aana irraa haa ilaallu:

13:17

Samii irraa bishaan buusee sululoonni hamma isaanitiin yaa’u, lolaan hoomacha olka’aa baadhata. Faaya yookiin meeshaa barbaaduun wanta ibidda keessatti hoo’isan (baqsan) irrattis hoomacha (xurii) san fakkaatutu jira. Akka kanatti Rabbiin [fakkeenya] haqaa fi sobaa dhiyeessa. Hoomachi goggogaa ta’ee ni bada. Wanti namoota fayyadu immoo dachii keessa tura. Rabbiin akka kanatti fakkeenyota dhiyeessa.” Suuratu Ar-Ra’d 13:17

As keessatti fakkeenya lamatu dhiyeefame:
Fakkeenyi 1ffaan- bishaani– Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haqaa fi soba akka rooba samii irraa gara dachiitti bu’een wal fakkeesse. Ergasii sululoonni hamma isaaniitiin bishaan kana ni baadhatu. Sululoonni heddumminna sululaati. Sululli guddaan bishaan baay’ee baadhata, sululli xiqqaan bishaan xiqqaa baadhata. Kuni akka qalbii namaati. Haqni Rabbiin irraa bu’e (Qur’aanni) akka rooba samii irraa bu’eeti. Akkuma sululaa qalbiin namootas garagara. Qalbiin gariin beekumsa baay’ee qabatti, gariin immoo dhiphoodha, beekumsa baay’ee hin qabattu.

 “sululonni hamma isaanitiin yaa’u” kana jechuun bishaan hamma sululaatin sulula keessa yaa’a.[1] Sululli guddaa fi bal’aa ta’e bishaan baay’etu keessa yaa’a. Sululli xiqqaa fi dhiphaa ta’ee immoo bishaan xiqqaatu keessa yaa’a.  Roobni baay’een erga roobe booda lolaan ni uumama. Garuu lolaan kuni gubbaa isaatti hoomacha ykn horofaa olka’e baadhata. Yeroo muraasan booda hoomachi kuni bittinaa’e bada. Bishaan immoo dhugaati fi jallisiif namoonni itti fayyadamu. Kan hafe immoo dachii keessa tura. Namoonni yeroo fedhanitti bishaan dachii keessa turu kana baasani itti fayyadamu. Haqni gadi dhaabbannaa fi faayda isaa keessatti bishaan dachii keessa turuun wal fakkaata. Sobni immoo badiinsaa fi dhokatu isaa keessatti hoomacha lolaa irratti olka’e fakkaata. (Akkuma bishaan dachii keessa turuun namoota fayyadu, haqnis qalbii keessa turuun nama fayyada. Akkuma hoomachi yoosu baduu fi nama hin fayyanne, sobnis yoosu bada, dhaaba hin qabu, nama hin fayyadu. Shirkiin soba waan ta’eef kanuma fakkaata.)

Fakkeenya 2ffaan sibiilaRabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haqa sibiilli ibidda keessatti erga baqfamee booda sibila qulqulluun wal fakkeesse. Sibiilli yommuu ibidda keessatti hoo’ifamu ykn baqfamu hoomachi fi xuriin irraa baha. Hoomachi fi xuriin kuni erga irraa bahee booda ni deema, ni bada. Sibiilli qulqulluun immoo qulqulluu fi gadi dhaabbataa ta’ee hafa. Haqa gadi dhaabbanaa fi turiinsa isaa keessatti sibiila xuriin erga irraa deeme booda turuun wal fakkeesse. Soba immoo xurii ibiddi sibiila irraa oofun wal fakkeesse.[2] (Akkuma sibiilli erga baqfamee booda qulqulluu fi jabaa ta’ee turu, haqnis jabaa fi qulqulluu ta’e tura. Sibiila kana irraa faayaa fi meeshalee nama fayyadan hojjatu. Haaluma kanaan, haqa irraayis namoonni ni fayyadamu. Sobni immoo akka xurii ykn dandii sibiila irraa bahuuti. Akkuma xuriin sibiila irraa bahu homaa nama hin fayyanne, sobnis homaa nama hin fayyadu.)

Haqni: tawhiida, iimaana, qajeelinna Rabbii olta’aa irraa dhufee fi hojii gaggaariidha. Haqni hundarra guddaan Laa ilaah illallah (Haqaan Gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) kan jedhuudha. Sobni: immoo shirkii, kufrii, hojii badaa, shakkii fi fedhii lubbuu badaa ta’eedha.

Namni haqa kanatti hojjate, faayda irraa argata, hojiin isaas ni tura, akkuma bishaan dachii keessa turuun namoonni irraa fayyadaman. Fakkeenyaaf, beektota (aalimman) Islaamaa, kan akka imaamu Ahmad, Shaafi’a fi kkf mee ilaali. Aalimman kunniin waggaa dheeraa dura haqa kana hordofanii jiru. Hojii irra oolchun beekumsa isaanii dhalootaaf ni dabarsan. Kanaafu, kuni haqa waan ta’eef ni tura.

Akkuma hoomachi bishaanii ykn xuriin sibiilaa badu sobnis ni bada. Qiyaamaan yommuu dhaabbattu, warri haqa hordofan haqatti ni fayyadamu, warri soba hordofan immoo sobni isaanii waan baduuf ni kasaaru.

Jecha biraatin warri tawhiida hordofan (Rabbii olta’aa qofa gabbaran) ni milkaa’u. Namoonni shirkii hordofan (Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatan) immoo ni kasaaru. Sababni isaas, shirkiin akka hoomachaa badaa.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qurxubii-12/49-51
[2] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 1365, Abu Bakr Muhammad Zakariya

Print Friendly, PDF & Email
Soba Shirkii-Kutaa 6
Soba Shirkii-Kutaa 5.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply