Soba Shirkii-Kutaa 7

Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman nama qajeelchuu hin danda’an
Sababni biroo namoonni Rabbii olta’aan alatti wanta biraa itti waaqefataniif jireenya keessatti qajeelcha barbaadudha. Jireenyi tuni iddoo qormaataa waan taateef namni yeroo garmalee itti dhama’uu fi gara itti deemu wallaalutu jira. Yeroo kanatti humna guddaa isa qajeelchu barbaada. Wantoonni Rabbii olta’aan alatti waaqeffataman takkaa sanamoota lubbu hin qabne, takkaa nama du’eedha, takkaa immoo lubbu-qabeenyi namarraa fagoo ta’anii fi deebii namaaf deebisuu hin dandeenyedha. Sanamoonni siidaa waan ta’aniif hin dhagayan, hin argan, homaa hin beekan. Kanaafu, sanamoota irraa qajeelcha barbaaduuf jecha isaan waaqeffachuun hojii sobaati fi doofummaa guddaadha. Namni du’ees ruuhin waan keessaa baatef homaa hin dhagayu, hin argu. Kanaafu, wanti hin arginee fi hin dhageenye akkamitti nama qajeelchaaa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha.

10:35

“Jedhi, “Shariikota keessan irraa gara haqaatti kan qajeelchu jiraa? Jedhi, “Rabbiin haqaatti qajeelcha. Sila gara haqaatti Kan qajeelchutu hordofamu qaba moo yoo qajeelfame malee kan hin qajeelletu [hordofamuu qabaa]? Maaltu isiniif jiraa? Akkamitti murteessituu?” Suuratu Yuunus 10:35

Namoota Rabbiin ala wanta biraa waaqeffataniin (mushrikootaan) akkana jedhi: shariikota (wantoota Rabbiin waliin gabbartan) keessaa kan nama jallataa fi dhama’aa gara karaa qajeelaa fi wanta sirriitti qajeelchu jiraa?” Wantoonni isaan waaqeffatan nama jallataa ykn dhama’aa ni qajeelchu jechuun dubbachuu hin danda’an. Osoo kana jedhanii, wanti mul’atu isaan kijibsiisa. Dadhabinni isaanii ijaan mul’achuun ifatti kan bahuudha. Yoo isaan: lakki hin qajeelchan jedhanii fi kana mirkaneessan, akkana isaaniin jedhi, “Rabbiin qofatu nama jallataa fi dhama’aa gara haqaatti qajeelcha. Qalbii jallinna irraa gara qajeelinatti garagalcha. Yaa namoota! Nama jallataa fi dhama’aa gara haqaatti Kan qajeelchutu hordofamu qaba moo yoo qajeelfame malee kan hin qajeelletu hordofamu qabaa?[1] Nama jallataa fi dhama’aa gara haqaatti Kan qajeelchu Rabbii olta’aa tokkicha. Yoo qajeele malee kan hin qajeelle immoo sanamoota fi taabota isaan waaqeffataniidha.

“Maaltu isiniif jiraa? Akkamitti murteessituu?”
Murtiin sammuu qajeelaa nama sammuu sirrii qabu irratti Rabbiin hordofuu fi wanta Rabbiin irraa dhufe hordofuu dirqama erga godhee, yaa mushrikoota sanamoota yoo qajeelfaman malee hin qajeelle hordofuu keessatti ragaalee Gooftaa keessan biratti ittiin falmitan irraa maaltu isiniif jiraa? Gooftaan keessan sammuu ittin xinxallitanii fi haqaa fi sobaa ittiin hubattan isiniif kennee osoo jiruu isaan hordofuu sirrii akka ta’e akkamitti murteessituu?[2]

Yaa mushrikoota! Ibaadan (gabbarriin) Rabbiif malee homaafu akka hin taanee ragaan qabatamaan erga mul’atee booda Rabbiin waliin waan biraa waaqefachuun sirrii akka ta’ee maaltu akka murteessitan isin taasisee?

Wantoota isaan gabbaran keessa amaloonni fi dandeettin Rabbiin waliin akka gabbaraman isaan taasisu akka hin jirre, inumaa amaloota hanquun kan ibsaman ta’uun erga ifa ta’ee, sababa maalitiif Rabbiin waliin gabbaramoo taasifamanii?
Deebiin: Kuni sheyxaanni soba hundarra fokkuu fi jallinna hundarra badaa ta’ee namaaf miidhagsuudha. Hanga namni amanuu fi baratutti, haqa akka ta’etti yaadutti sheyxaanni wanta biraa waaqefachu isaaf miidhagse. Kanaafi ni jedha:

Warroonni Rabbii gadiitti wantoota biraa kadhatan, dhugaadhaan shariikota (wantoota Rabbiin alatti waaqeffatan) hin hordofan. Isaan zannii malee homaa hin hordofan. Isaan kijiba qofa odeessu.” Suuratu Yuunus 10:66

Zanniin haqa irraa homaa hin quubsu. Dhugumatti, Rabbiin waan isaan hojjatan Beekaadha.” Suuratu Yuunus 10:36[3]

Zanniin haqa irraa homaa hin quubsu.” Shakkiin homaa keessattu bakka yaqiinaa hin dhaabbatu, bakka yaqiinni barbaadametti nama hin fayyadu.[4] Yaqiina-dhugaa shakkiin homaatu keessa hin jirre.

Guduunfaa
✏Jireenya keessatti namoonni yommuu dhama’anii gara deeman wallaalan humna guddaa isaan qajeelchu barbaadu. Dhugumatti yeroo rakkoo fi mijaa’innaa nama qajeelchu kan danda’u Rabbii ol’aanadha. Qalbii namaa gara karaa qajeelatti qajeelchu kan danda’u Isa qofa. Wantoonni Isaan ala jiran gonkumaa qalbii namaa qajeelchu hin danda’an. Sababni isaas, qalbii irratti too’anna guutuu kan qabu qalbii kan uumedha. Qalbii kan uume eenyudhaa? Rabbii olta’aatu uume. Kanaafu, qalbiin namaa akka qajeeltuf kadhatamu Kan qabu Rabbii olta’aa qofa.
✏Sanamoonni fi taabonni namoonni waaqeffatan nama biraa qajeelchu dhiisitii mataa ofiitifu hin qajeelan. Kanaafu, akkamitti wanta ofiiyyu hin qajeelle akka nama qajeelchuf waaqeffatanii? ykn kadhatanii?
✏Rabbii olta’aan alatti wantoonni namoonni waaqeffatan dadhaboo homaa nama hin fayyannee fi amaloota hanquu kan qaban ta’anii osoo jiranu maaltu kanniin akka waaqeffatan isaan kakaasee? Deebiin isaa: sheyxaanatu kana isaaniif miidhagse.
Isaan yaada kufaa fi beekumsa dogongoraa malee homaa hin hordofan. Isaan kijiba qofa odeessu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabari-12/178-179
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-10/114-115
[3] Tafsiiru Sa’dii-418
[4] Tafsiiru Xabarii-12/181

Print Friendly, PDF & Email
Soba Shirkii-Kutaa 8
Fakkeenya waliin Fokkinnaa fi Soba Shirkii-kutaa 2

Leave a Reply