Soba Shirkii-Kutaa 8

Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman nama fayyisuu fi badii namaaf araaramu hin danda’an
Sababni biraa namoonni Rabbii olta’aan ala wanta biraa itti gabbaraniif qaamaa fi qalbii isaaniitiif fayyaa barbaadudha. Yoo dhibaman ykn namni isaan jalaa dhibame, gara nama waliyyi jedhanii odeessanitti deemun akka isaan fayyisu kadhatu. Yookiin silati fi wareega dhiyeessuf. Kiristaanonnis “Iyyasuus nama fayyisa” jechuun waaqeffatu. Ammas, cubbuun akka isaaniif araaramamuuf gara qeeysi deemu. Kuni hundi soba sheyxaanni isaaniif miidhagseedha. Kan dhugaadhaan nama fayyisuu fi cubbuu namaaf araaramu Rabbii olta’aa qofa. Nabii Ibraahim dhugaa kana hubachuun ummata isaa waliin ni falme:

(75)-Innis (Ibraahim) ni jedhe, “Sila wanta gabbaraa turtan argitanii? (76)-Isinii fi abbootin keessan duraanii? (77)-Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan anaaf diinota. (78)-[Gooftaan aalamaa] Kan na uumedha, Inni na qajeelcha. (79)-Kan na nyaachisuu fi na obaasu Isa. (80)Yommuu dhibame Isatu na fayyisa. (81)-Kan na ajjeesu ergasii na jiraachisuudha. (82)-Guyyaa Murtii dogongora kiyya akka naaf araaramu Kan kajeeludha.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:75-82

Ibraahim ni jedhe, “Sila wanta gabbaraa turtan argitanii? Isinii fi abbootin keessan duraanii?” Wanta isinii fi abbootin keessan darban Rabbii gaditti gabbartan itti xinxalluun sammuu fi qalbii keessaniin soba ta’uu isaa hin argitanii? Isiniis abbooti keessan akkeessun sanama gabbaruu itti fuftan.

“Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan anaaf diinota.” Sababni isaas, Gooftaa aalamaa gaditti wanti isin gabbartan kunniin amala gabbarama isaan taasisu waan hin qabneef baaxila (soba). Baaxilli immoo diina kiyya. Gonkumaa wanta isin gabbartan ani hin gabbaru. Kan ani gabbaru sanama homaa gochuu hin dandeenye osoo hin ta’in Gooftaa wantoota hundaa uume, isaan too’atu fi qindeessu gabbara. Itti aansee amaloota Gooftaa aalamaa akka gabbaruu isa taasisuu ifa godhe:

[Gooftaan aalamaa] Kan na uumedha, Inni na qajeelcha.” Kana jechuun safara wanta hundaa na keessa jiran kan murteesse fi dhabama irraa na argamsisee Gooftaa aalamaati. Ergasii Isa qofatu gara faaydaa addunyaa fi Aakhiraatti na qajeelcha.

Kan na nyaachisuu fi na obaasu Isa.” Kan na nyaachisuu fi obaasu Isa qofa. Isaan ala kan biraati miti. Soorata namootaa kan uumuu fi sababoota kan laafisu Rabbiidha (subhaanahu wa ta’aalaa). Ibraahim isaan keessaa tokko. Osoo Rabbiin uumuu fi murteessu baate, silaa biqiltoonni hin biqilan, lubbu-qabeenyin hin jiraatan. Osoo karaa nyaataa laaffisuu baatee, silaa sorataan dachii irraa homaa hin nyaatu ture. Osoo Rabbiin lubbu-qabeenyiif afaan ittiin nyaatan, ujumoo gara garaa ittiin liqimsaan, meeshaalee daakkaa nyaata daaku, ujumoolee fi kutaalee qaamaa nyaata bakka barbaachisutti raabsanii fi xurii hafee immoo gara alaatti baasan gochuu baate, silaa lubbu-qabeenyin soorata hin sooratu turan. Ammas, marsaalee adda addaa keessa dabarsuun bishaan uumee samii irraa kan buusu Rabbii tokkicha. Kanaafu, kan soorata uumuu, sababa soorataa laaffisuu fi qaamoolee soorataa namaaf uumuun nama sooruu fi obaasu Rabbii Tokkicha qofa.

“Yommuu dhibame Isatu na fayyisa.” Asitti Ibraahim Rabbii olta’aa waliin naamusa (adaba) qabate. Yommuu Gooftaan kiyya na dhukkubse hin jenne. Kana irra “yommuu dhibame” jedhe. Kuni, namni wanta jibbu yommuu isa qunnamu Gooftaa isaa waliin adaba (naamusa) qabaachu akka qabu agarsiisa. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) “yommuu dhibame kan na fayyisu Rabbiin qofa.” jedhe. Sababni isaas, fayyuun murtii Rabbiitiin malee galma hin gahu. Dhibamaan akka fayyu yoo Rabbiin murteesse, ogeessi fayyaa dawaa fayyuuf sababa ta’u akka kennuu dandeesisa. Dhibamaanis hayyama Rabbiitiin ni fayya. Dawaanis sababoota Rabbiin uumee keessa tokko. Fayyuun murtii Rabbiitiin malee hin mirkanaa’u.

Kan na ajjeesu ergasii na jiraachisuudha.” Lubbu-qabeenyi ajjeessun uumama Rabbiin uumee keessaa tokko. Sababni isaas, duuti kan mirkanaa’u yommuu ruuhi fi qaamni addaan bahaniidha. Ruuhi qaamatti qabsiisuu fi addaan baasun uuminsa fi hojii Rabbii qofa. Rabbiin ala eenyutu ruuhi uumee qaama du’aa keessa galchuu danda’aa?[1] Nabii Ibraahim itti aansee amanti Guyyaa Qiyaamaatiif qabu labse, “ergasii na jiraachisuudha.” Erga du’ee yeroo murtaa’eef awwaalcha keessa turee booda Guyyaa Qiyaamaa na jiraachisuun kan na qoratu Rabbiin qofa. Kanaafu, Qiyaamaan dhufuun haqa waan ta’eef “Guyyaa Murtii dogongora kiyya akka naaf araaramu Kan kajeeludha.” Addunyaa fi Aakhiratti badii kan namaaf dhoksuu fi irra namaaf darbu Rabbiin malee hin jiru. Rabbiin malee badii hunda kan namaaf araaramu ni jiraa?[2]

Kana hunda kan hojjatu Rabbii tokkicha. Kanaafu, sanamaa fi uumamtoota biroo kan homaa hin uumne, hin qajeelchine, hin fayyisne, hin nyaachisnee, hin obaasnee, hin ajjeesne, hin jiraachisne, nama isaan waaqefatu hin fayyannee fi miidhaa irraa hin deebisne dhiisun ibaadaa fi ajajamuu keessatti Rabbiin tokkichoomsuun dirqama.[3]


Print Friendly, PDF & Email
Gabbaramaan (Ilaahni) haqaa Rabbiin qofa-Kutaa 1
Soba Shirkii-Kutaa 7

Leave a Reply