Gabbaramaan (Ilaahni) haqaa Rabbiin qofa-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti shirkiin soba akka ta’ee ilaalle jirra. Rabbiin ala wanta biraa waaqeffachuun (gabbaruun) soba ragaa qabatamaa hin qabneedha. Dubbiin erga akkana ta’ee haqaan gabbaramu Kan qabu Rabbii olta’aa tokkicha jechuudha. Wanti Isaan alatti gabbaraman hundi baaxila (soba). Gabbarrin (ibaadan) isaaniif godhamuu hin qabu. Sababni isaas, wantoonni kunniin uumamtoota nama biraa dhiisi ofiyyuu fayyaduu fi miidhaa ofirraa deebisuu hin dandeenyedha. Amaloota gugguutuu gabbaramaa isaan taasisu hin qaban. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa immoo amaloota (sifaata) gugguutu Kan qabu, nama fayyadu, rakkoo namarraa deebisuu fi wanti hundi harka Isaa jiruudha. Ni jedha:

“Inni Allaah Kan Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirredha. Beekaa wanta hin mul’annee fi mul’atuuti. Inni Ar-Rahmaan, Ar-Rahiim. Inni Allaah Kan Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirre, Mootii, Al-Qudduus, As-Salaam, Al-Mu’min, Al-Muhaymin, Al-Aziiz, Al-Jabbaar, Al-Mutakabbir ta’eedha. Wanta isaan itti qindeessan irraa Rabbiin qulqullaa’e.” Suuratu Al-Hashr 59:22-23

“Inni Allaah Kan Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirredha. Beekaa wanta hin mul’annee fi mul’atuuti.” Gabbaramaan haqaan gabbaramu Isa malee hin jiru. Kanaafu, Isa malee Gooftaan ykn Gabbaramaan hin jiru. Wanti Isaa gaditti gabbaramu (waaqefatamu) hundi baaxila (soba). Inni Beekaa ghaybi fi shahaadati. Ghaybi jechuun wanta dhokataa namoonni hin beekne fi hin argine. Shahaadah immoo wanta namoonni beekanii fi arganiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota jiran kan nutti mul’atanii fi hin mul’anne hunda beeka. Guddaa xiqqaa irraa wanti dachii fi samii keessatti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru.[1]

“Inni Ar-Rahmaan, Ar-Rahiim.” Imaamu ibn Al-Qayyiim hiika maqaalee lamaan kanniin ilaalchise ni jedha: Ar-Rahmaan rahmanni sifata (amala) Isaa kan ta’eedha. Ar-Rahiim immoo gabrootaaf kan rahmata godhuu (mararfatuudha). Kanaafi Rabbiin Olta’aan akkana jedha: “Inni mu’mintootaaf rahmata godhaa (Rahiim) ta’eera.” (Al-Ahzaab 33:43) Qur’aana keessatti, Rahmaanu bil-ibaadihi ykn Rahmaanu bil-mu’miniina jechuun gonkumaa hin dhufne. Kanaafu, Rahmaan rahmataan kan ibsamu yommuu ta’u, Rahiim immoo rahmata Isaatin uumamtootaaf rahmata kan godhuudha.[2]

Ammas itti aanse maqaalee fi sifaata Isaa ni beeksisee: “Inni Allaah Kan Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirre, Mootii, Al-Qudduus, As-Salaam, Al-Mu’min, Al-Muhaymin, Al-Aziiz, Al-Jabbaar, Al-Mutakabbir ta’eedha.”

Al-Malik (Mootii)– jechuun Kan ajaju, Kan dhoowwu, kan jabeessu, kan xiqqeessu, badhaasuu fi adabuudha. Akkasumas, Kan dhimmoota gabroota Isaa too’atu, akka fedhetti jijjiruu, qindeessu fi gaggaragalchuudha.” Rabbiin subhaanahu Mootii waan ta’eef gabroota Isaa ni ajaja, ni dhoowwa. Nama Isaaf ajajame ni jabeessa, ni badhaasa. Nama Isaaf ajajamu dide immoo ni salphisa, ni adaba.

Al-Qudduus-jechuun Qulqulluu. Kana jechuun sharrii, hir’inna, amaloota hanquu fi badoo hundarraa qulqulluu kan ta’eedha. Wanta Isaaf hin malle hundarraa kan qulqullaa’edha.

As-Salaam-jechuun hanqinna hundarraa nagaha Kan ta’e. Inni Jiraataa jireenyi Isaa du’a, muguu, hirribaa fi jijjirama irraa nagaha taatedha. Inni Danda’aa dandeettin Isaa ifaajee fi dadhabbii irraa nagaha ta’eedha. Inni beekaa beekumsi Isaa wanti hanga atamii geessu jalaa miliquu ykn dhokachuu irraa nagaha ta’eedha. Amaloonni Isaa biroos akkuma kana. Amaloonni (sifaanni) Isaa hundi guutuu hanqinna hundarraa nagaha ta’aniidha. Hojiin Isaa taphaa fi zulmii irraa nagaha kan ta’eedha. Maqaaleen Isaas wanta badaa irraa nagaha kan ta’aniidha. Maqaan As-Salaam jedhu amaloota guutuu hunda Isaaf mirkaneessuu fi amaloota hanquu hunda Isarraa dhabamsiisuu of keessatti qabata. [3] 

“Al-Mu’min”-namoota Isatti amananii fi Isa sodaatan adabbii Isaa irraa nagaha kan godhu, gabroota Isaa isaan miidhu (zollomu) irraa nagaha kan godhu.[4] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota Isatti amananii hojii gaggaarii hojjatanii fi hojii badaa dhiisan adabbii jalaa nagaha isaan baasa. Warra badii hojjatanis haqa malee isaan hin miidhu (hin zollomu). Wanta isaan hin hojjanneen isaan hin adabu. Badii hojjatan qofaan isaan adaba. Inumaa, adabbiin isaanitti bu’uun dura gara Isaatti deebi’uun yoo araarama Isa kadhatan, isaan hin adabu. Gabaabumatti Al-Mu’min gabrootaaf nageenya kan kennuudha. Ingliffaan: the Giver of security, Amaariffaan:  ጸጥታን ሰጪው jechuun hiikan.

Maqaa Mootii jedhu maqaalee sadan kanniin walitti aanse dubbachuu keessa faayda maalitu jira jettanii yaadduu?
Maqaa Malik (Mootii) jedhu booda maqaalee kanniin dubbachuun yaada, “Inni akka mootii addunyaa hanqinnaan beekkamaniiti” jedhee namni akka hin yaannef maqaalee sadan kanniin dubbate. Jalqaba Al-Qudduus jechuun hanqinna hundarraa qulqulluu akka ta’e dubbate. Hojiin Isaa hin mul’annee ganuu fi shira (dhara) irraa qulqulluu akka ta’e ibsuuf Al-Mu’min jechuun dubbate. (Al-Mu’min uumamtoota Isaa waan tasgabbeessuf, haqa malee waan isaan hin miinef akka moottota addunyaa isaan hin ganu.)

Hojiiwwan Isaa ifatti mul’atan zulmii fi cunqursaa irraa nagaha waan ta’eef As-Salaam jedhe.[5] Rabbiin zulmii fi cunqursaa irraa nagaha (qulqulluu) waan ta’eef akka moottota addunyaa nama hin miidhu.

Al-Muhaymin- uumamtoota Isaa Kan ilaaluu fi eegu.[6] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta namoonni hojjatan hunda ni ilaala.

Maqaa Al-Mu’min booda Al-Muhaymin dubbachuun “Namoota tasgabbeessuun dadhabinna ykn kan biraa sodaachuun” yaada jedhu haaqa. Beekaa! Uumamtoota Isaa kan ilaalu fi eegu ta’uu waliin isaan tasgabbeessuun hikmaaf (ogummaafi), isaaniif rahmata gochuufi.[7]

Namoonni yommuu maqaalee “Al-Qudduus, As-Salaam fi Al-Mu’min” dhagahan nageenyi isaanitti dhagahama. Tarii sababa kanaan, Rabbiin kan nama hin miinedha, nama tasgabbeessudha jechuun badii keessatti taruu danda’u. Kanaafu, akka badii keessatti hin tarreef maqaalee Isaa biroo kaasun barbaachisaadha.

“Al-Aziiz”- Injifataa hin moo’atamne. Haloo baafachu keessatti Jabaa kan ta’e.[8] Namoota Isaaf ajajamu didanii fi badii hojjachuu itti fufan adabuu irratti jabaadha. Adabbii cimaan isaan qaba. Injifannoon Isaa jabaadha, humni Isaas jabaadha.

Al-Jabbaar-Dirqisiisaa. Rabbiin uumamtoota Isaa wanta fedhe irratti ni dirqisiisa. (Uumamtoota irratti du’a yoo murteesse, uumamtoonni ni du’u. Akka dhalatan yoo fedhe ni dhalatu. Du’aan booda akka kaafaman yoo fedhe dirqiin ni ka’u.) Akkasumas, Al-Jabbaar jechuun dhimmoota uumamtoota Isaa Kan fooyyessuudha. [9] Hiikni biraa Al-Jabbaar uumamtoota Isaati ol ol’aanaa kan ta’eedha.[10]

“Al-Mutakabbir”- Boonaa, Guddaa. Guddinni hundi kan Isaati. Wantoonni Isaa gaditti garmalee xiqqaadha. Ammas, Inni badii hundarraa Kan boonedha. Akkasumas, uumamtoota Isaa irraa namoota osoo beekanu Isa faallessaniii fi moottota abbaa irreetti Kan boonudha. Yoo isaan Rabbii olta’aan morkatan isaan cabsa.[11]

Maqaaleen sadan kunniin Jabeenya, Ol’aantummaa fi Guddinna Rabbii kan agarsiisaniidha. Inni wantoota hundaa caalaa Jabaadha, wantoota hundaa ol ol’aanaadha, homtu Isaa ol hin jiru.

Maqaa Al-Muhaymin booda maqaalee sadan kanniin dubbachuun faaydan isaa maalidha jettanii yaadduu?
Deebiin isaa, maqaaleen sadan jalqaba irratti eeraman, (Al-Qudduus, As-Salaam fi Al-Mu’min)” kunuunsa fi xiyyeeffannoo waan isaaniif godhuuf gabrootaaf tasgabbii qofa labsu. Maqaan al-muhaymin jedhu immoo dhimmoota lamaan walitti dhufan labsa. Kanaafu, akka namoonni Rabbiin Injifataa homtu Isa hin dadhabsiifne ta’uu beekaniif maqaa Al-Aziiz jedhu itti aanse dubbate. Maqaan Al-Jabbaar jedhu itti aane dhufe. Kunis uumamtoota Isaa fedhii Isaatiif akka bulan taasisuu agarsiisa. Itti aanse maqaa Al-Mutakabbir. Kunis Guddinni kan Isaa ta’uu agarsiisa. Wanti hundi Guddinna Isaatii gaditti garmalee xiqqaadha. Kanaafu, amaloonni kunniin gama sodaatin ta’uu, akkuma amaloonni jalqabaa gama abdiitiin ta’an.[12]  Maqaaleen “Al-Qudduus, As-Salaam fi Al-Mu’min” akka Rabbiin abdatan yommuu nama taasisan, maqaaleen “Al-Aziiz, Al-Jabbar, Al-Mutakabbir” immoo akka Rabbii ol’aana sodaatan nama taasisu.

“Wanta isaan itti qindeessan irraa Rabbiin qulqullaa’e.” Wanta namoonni Isa waliin gabbaran (shirkii) hundarraa Rabbiin qulqullaa’e. Wanta mushrikoonnii fi namoonni Isa faallessan jedhan hundarraa Inni qulqullaa’e.[13]

Guduunfaa
☝Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa amaloota gugguutuu qaba. Hir’inni homaatu amaloota (sifaata) Isaa keessatti hin argaman. Kanaafu, haqaan Gabbaramu kan qabu Rabbii olta’aa qofa.
☝Namni Rabbiin olta’aan Mootii fi Al-Muhaymin ta’uu beeke, Isaaf ajajama. Sababni isaas, Mootiin kan ajaju, dhoowwu, badhaasu fi adabuudha. Al-Muhaymin jechuun immoo kan eegu fi ilaaludha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaa erga ajajee fi dhoowwe booda isaan badhaasuf ykn adabuuf hojii isaanii hunda ni ilaala, ni galmeessa. Kanaafu, namni kana yoo beeke, Mootii Ol’aanaaf ni ajajama.
☝Maqaaleen “Al-Qudduus, As-Salaam, Al-Mu’min” Rabbii olta’aatti dhiyaachuf hojii gaggaarii akka hojjatanii fi Isa abdatan nama kakaasu.
☝ Al-Aziiz, Al-Mutakabbir fi Al-Jabbaar immoo Isa sodaachun hojii badaa irraa akka dheessan nama taasisu.


Kitaabban wabii:
[
1] Tafsiir Ibn Kasiir-7/237, Tafsiir Qurxubii-20/389[2] Sharih Ibn Al-Qayyim li Asmaa’il Husna-fuula 36-37, Umar Ashqaar[3] Madda olii-fuula 54-55[4] Tafsiir Qurxubii-20/391, Tafsiir Ibn Kasiir-7/237, Zaadul Masiir-1421[5] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-28/121[6] Zaadul Masiir-1421, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-28/121[7] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-28/122[8] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-28/122, Tafsiir Xabarii-22/554[9] Maddoota olii,[10] Zaadul Masiir-1421[11] Madda olii, https://books.islamway.net/1/3813/12117/015_19.pdf [12] Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-28/123 [13] Tafsiir Xabarii-22/555 Tafsiir Sa’dii-1007

Print Friendly, PDF & Email
Gabbaramaan (Ilaahni) Haqaa Rabbiin qofa-Kutaa 2
Soba Shirkii-Kutaa 8
Offline dubbisuf

Leave a Reply