Jannata seenuuf ulaagaaleen barbaachisan maal fa’aa?

Jannani biyya qananiin guuttamte erga taate, ishii seenuuf ulaagaaleen jiraachu qabu. Mee itti yaadi, masara mootii keessa namnummaan arge ni seenaa? Hanga ulaagaalee isarraa barbaadamu guututti masara (gamoo) mootii dhiisiti dallaa keessaa ol hin seensisan. Jannata masaraa caalaa garmalee bareechifamte hoo ulaagaalee malee seenun ni danda’amaa?

Jannata seenuuf ulaagaaleen muraasni ni barbaachisu. Isaaniis:

  • Iimaana qabaachu (amanuu)
  • Hojii gaggaarii hojjachuu
  • Kufrii fi shirkii irraa fagaachu

Iimaana qabaachu yommuu jennu, Rabbii olta’aatti, Malaaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtootatti Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti amanuudha. Namni haala kanaan erga amanee booda hojii gaggaarii dirqamaa fi jaallatamoo ta’an ni hojjata. Hojii gaariis yommuu hojjatu waa lama irraanfachu hin qabu. Isaaniis: ikhlaasa qabaachu fi shari’aa hordofuu. Ikhlaasa qabaachu jechuun Rabbii olta’aaf jedhanii hojii gaarii hojjachu ykn hojii badaa irraa of qabuu fi mindaa Isa qofarraa kajeeludha. Shari’aa hordofuun immoo akkaata Rabbiin olta’aa fi Ergamaan Isaa itti ajajaniin hojii hojjachuudha. Jecha biraatin, Rabbii fi Ergamaaf ajajamuudha. Kana haala armaan gaditiin chaartin agarsiisuun ni danda’ama:

Mee amma kanniin ragaalee waliin haa ilaallu:

Iimaanaa (amanuu) fi hojii gaggaarii ilaalchisee:

2:82

“Warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, isaan suni warra Jannataati. Isaan achi keessa yeroo hundaa jiraatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:82

4:124

“Dhiiras ta’i dubartiis ta’ii mu’mina ta’ee osoo jiru namni hojii gaggaarii hojjate, isaan sun Jannata seenu. Hanga tuqaa temiraayyu hin miidhaman.” Suuratu An-Nisaa 4:124

Mu’mina jechuun nama dhugaan amaneedha. Iimaanni (amanuun) hojii hundaaf sharxii (ulaagaa) dha. Iimaanan malee hojiin tokko gaarii hin ta’u ykn hin fudhatamu ykn mindaa irratti hin argatan ykn adabbii namarraa hin deebisu.

Kanaafu, Jannata seenuuf ulaagaan jalqabaa iimaana sirrii qabaachu (haala sirriin amanuudha). Itti aanse hojii gaggaarii hojjachuudha. Namoonni Rabbii oltaa’atti fi haqa Isarraa dhufetti amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Rabbiin Jannata isaan seensisa. Osoo hanga tuqaa temiraa ta’eeyyu mindaa hojii isaanii irraa homtu hin hir’ifamu.[1] Tuqaa temiraa fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.

Ikhlaasa ilaalchisee
Hojiin qeebalamuu fi mindaa (ajrii) Rabbii olta’aa irraa argachuuf ikhlaasni waan hafuu hin qabneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Fakkeenyi warra jaalala Rabbii barbaaduu fi nafsee ofii irraa mirkaneefachuun qabeenya isaanii arjoomanii, akka fakkeenya ashaakiltii lafa ol ka’aa irratti bokkaan cimaan itti roobee oomisha ishii dachaa kenniteeti, yoo bookkaan cimaan ishii hin tuqin, tiifun [ni gaha]. Rabbiin waan isin hojjattan Argaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:265

 “nafsee ofii irraa mirkaneefachuun” kana jechuun Rabbiin kanarratti mindaa akka isaaniif kafaluu amanuu fi mirkaneefachuun.[2] Fakkeenyi namoota jaalala Rabbii barbaaduu fi Rabbiin mindaa akka isaaniif kennu mirkaneefachuun qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti baasanii fi sadaqaa kennan, akka fakkeenya ashaakilti lafa olka’aa irratti roobni cimaan itti roobee oomisha dacha kenniteeti. Osoo roobni cimaan itti roobu baateyyu, oomisha dachaa kennuuf tiifunu ni gaha.

Akkuma kanaa, xiqqaattus guddattus sadaqaan warra ikhlaasa qabanii Rabbiin biratti fudhatama qabdi, dachaa taati. Rabbiin keessaa fi ala ni beeka, ni arga. Nama hundaa hamma ikhlaasa isaatiin mindaa isaaf kenna.[3]

Namni yommuu sadaqaa kennuu rakkoo lamatu isa qunnama: Takkaa namoonni akka isa faarsanii fi jajan niyyachuun sadaqaa kennu. Kuni riyaadha.Takkaa immoo jibbuu fi duubatti harkifachuun sadaqaa kennu. Namoonni kunniin kanniin lamaan irraa nagaha kan ta’aniidha.[4] Rabbiif jedhanii sadaqaa kennu ykn hojii gaarii hojjatu. Kuni ikhlaasa. Kana irratti mindaa akka argatan ni abdatu. Kuni immoo hojii san jaallatanii fi itti gammadanii akka hojjatan isaan taasisa. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa mindaan hojii isaanii isaaniif dachaa ta’a.

Haala shari’aan ajajuun hojjachuu (Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamuu) ilaalchisee
Fedhii nafseetin osoo hin ta’in haala shari’aan ajajuun hojii gaggaarii hojjachuun, hojiin kuni fudhatama akka argatuu fi mindaa guddaa akka argatan taasisa. Namni shari’aa hordofuun hojii kamiyyu hojjatu, nama Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamuudha. Mindaan nama kanaa Jannata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Kunniin daangaalee Rabbiiti. Namni Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajame, Jannattoota laggeen jala yaa’an isa seensisa, isaan achi keessa yeroo hundaa jiraatu. Suni milkaa’inna guddaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:13

Aayah tana dura murtiwwan (ahkaama) yatimootaa fi walirraa dhaaluu ni ibse. Ergasii, “Kunniin daangaalee Rabbiiti” jedhe. Namni Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajame, Rabbiin subhaanahu Jannata isa seensisa.

Kufrii fi shirkii irraa fagaachu ilaalchisee

Kufriin faallaa iimaanaa waan ta’eef, namni kafare gonkumaa Jannata hin seenu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

7:40

“Dhugumatti, warroonni keeyyattoota Keenya kijibsiisanii fi isaan irraa of tuulan, balbaloonni samii isaaniif hin banaman, hanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seentutti Jannata hin seenan. Akka kanatti yakkamtoota mindeessina.” Suuratu Al-A’araaf 7:40

Gaalli qaawwa lilmootin gonkumaa seenu hin dandeessu. Kanaafu, namoonni keeyyattoota Rabbii kijibsisanii fi isaan hordofuu irraa of tuulan gonkumaa Jannata seenu hin danda’an. Asitti, keeyyattoota Rabbii kijibsiisuu fi isaan hordofuu irraa of tuulun kafaruudha (kufriidha).

Shirkiinis faallaa ikhlaasa waan ta’eef namni shirkii guddaa irratti du’e gonkumaa Jannata hin seenu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

 “Dhugumatti, namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Zaalimootaf gargaartonni wayiitu hin jiran.”  Suuratu Al-Maa’ida 5:72
Kana jechuun, namni Rabbiin ala wanta biraa Isa waliin gabbare (waaqeffate), Rabbiin isarratti Jannata haraama godhe. Ibidda iddoo qubannaa isaa taasise. Gargaaraan ibiddarraa isa baraaru isaaf hin jiru.[6]

Rabbiin waliin waan biraa gabbaruun (waaqeffachuun) shirkiidha.

Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:
‏ مَنْ مَاتَ لاَ يُشْرِكُ بِاللَّهِ شَيْئًا دَخَلَ الْجَنَّةَ وَمَنْ مَاتَ يُشْرِكُ بِاللَّهِ شَيْئًا دَخَلَ النَّارَ
“Namni osoo Rabbitti homaa hin qindeessin du’e, Jannata seene. Namni osoo Rabbitti waa qindeessu du’e, ibidda seene.” Sahiih Muslim 93


Kitaabban wabii
[1] Tafsiir Sa’dii-222, Tafsiir Muyassar-98
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-2/263
[3] Tafsiir Muyassar-45
[4] Tafsiir Sa’dii-116
[5] Tafsiir Muyassar-120

Print Friendly, PDF & Email
Jannata Waadaa Galamte Kafaruu fi Shirkii Dalaguun hin dhabinaa-kutaa 2.3

Leave a Reply