Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Karaa Jallinnaa Namatti Bareechisuu fi adabbii isaa
Kaafironni daandii qajeelaa irraa nama jallisuuf wanti isaan hin goone hin jiru. Tooftaalee adda addaatti fayyadamu. Tooftaalee sanniin keessaa mee tokko haa ilaallu:

Warri kafaran warra amananiin, “Karaa keenya hordofaa, cubbuu keessan ni baadhanna.” jedhan. Isaan cubbuu isaanii irraa homaayyu hin baadhatan. Dhugumatti isaan kijibdoota. Dhugumatti, ba’aa isaanii akkasumas ba’aa isaanii waliin ba’aa [biraas] ni baadhatu. Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa wanta kijibaan uumaa turan irraa ni gaafatamu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:12-13

Warri kafaran warra Ergamaa Rabbiitti amananii fi hordofaniin, “Yoo isin karaa keenya hordoftanii fi du’aan booda kaafamtan, yeroo sanitti adabbii cubbuu (dilii) keessanii ni baadhanna.” jedhan.[1] Asitti “Karaa keenya” jechuun “Amanti keenya” jechuu isaaniti. Kuni gara sobaati waamudha. Karaan isaan itti waaman kuni shirkiidha.[2]

“Isaan cubbuu isaanii irraa homaayyu hin baadhatan. Dhugumatti isaan kijibdoota.” Kana jechuun isaan wanta jedhan kana keessatti kijibdoota. Cubbuu isaanii irraa homaayyu hin baadhatan. Jecha biraatin kaafironni namoota gara shirkii fi badiitti waaman irraa cubbuu baadhachuun adabbii jalaa nagaha isaan baasu hin danda’an. Garuu yommuu akkana jedhu, “Yakka namoota jallisuu osoo hin ta’in cubbuu hojjatan qofa baadhatuu?” jedhee namni yaadu danda’a. Yaada kana oofuf itti aanse ni jedhe:

“Dhugumatti, ba’aa isaanii akkasumas ba’aa isaanii waliin ba’aa [biraas] ni baadhatu.” 

“ba’aa isaanii” kana jechuun ba’aa cubbuu isaanii. “ba’aa isaanii waliin ba’aa [biraas] ni baadhatu.” Ba’aan biraa kuni ba’aa cubbuu namoota jallisanii fi karaa Rabbii irraa dhoowwaniiti. Hordofaa fi hordofamaan cubbuu kanarraa qooda qabu. Sababni isaas, hordofaan mataa ofiitiin ni hojjate, hordofamaan immoo akka hordofaan kuni hojjatuuf itti waamuun sababa ta’e.[3] 

Guyyaa Qiyaamaa kaafironni gara shirkii fi kufriitti waaman kunniin ba’aa cubbuu dachaa baadhatu. Ba’aan cubbuu tokkoffaa mataa isaanitiin jallachuu fi shirkii hojjachuu. Ba’aan cubbuu lammataa immoo namoota biroo jallisuudha. Kuni fakkeenyaan hubatamu danda’a: Namni tokko ni hata. Namni biraas akka isa waliin hatu ni waama. Amma, namni lammataa kunis yoo hate, sababa namni biraa hannatti isa kakaaseef abbaan murtii kamiyyu isa gadi hin lakkisu. Haala kamiyyu keessatti haa ta’u, hanna isaatiif ni adabama. Isa gadi lakkisuun bakka isaa nama jalqabaa hannatti isa kakaase adabuun haqummaa miti. Garuu hattuun jalqabaa yakka lamaaf adabama: yakka mataa isaatiin hanna raawwachu fi yakka namni biraa akka isa waliin hatu kakaasu. Qajeelfamni bu’uuraa kuni Qur’aana keessatti bakka biraattis kaafame jira:

16:25

Guyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii haala guutuu ta’een baadhatu, akkasumas ba’aa namoota beekumsa malee jallisanii irraas [ni baadhatu]. Dhagayaa! Wanti isaan baadhatan fokkate!” Suuratu An-Nahl 16:25

Qajeelfama bu’uuraa kanaan wanta wal fakkaatu Ergamaan Rabbiis (sallallahu aleyh wassalam) ibsanii jiru: “Namni gara qajeelinnaatti namoota waame, osoo ajrii (mindaa) isaanii irraa homaa hin hir’ifamin fakkaataa ajrii (mindaa) namoota isa hordofanii argata. Namni gara jallinnaatti waames osoo cubbuu isaanii irraa homaa hin hir’ifamin fakkaataa cubbuu namoota isa hordofanii baadhata.” Sahiih Muslim 2674[4]

“Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa wanta kijibaan uumaa turan irraa ni gaafatamu.” Kana jechuun dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa amanti keessatti wanta kijibaa turaniif ni qoratamu.[5]

Nabii Nuuhin Erguu fi Ummanni isaa baduu

Dhugumatti, Nuuhin gara ummata isaatti erginee jirra. Waggaa shantama malee waggaa kuma tokko isaan keessa ture. Isaan zaalimoota ta’anii osoo jiranu xuufaan isaan qabe. Isaa fi warra doonii ni baraarre. Aalamaaf mallattoo ishii goone.” Suuratu Al-Ankabuut 29:14-15

Kuni Rabbii olta’aa irraa gabrichaa fi Ergamaa Isaa Muhammadiif (SAW) jajjabeenya ta’a. Kunis Nabiyyoonni isa dura turan akka qoraman isatti beeksiisa. Namoota shirkii hojjachuu itti fufaniif immoo akeekachiisa ta’a. Isaan yeroo murtaa’ef yoo tursiifaman, ummanni Nuuh isaan caalaa yeroo dheeraaf tursiifamanii jiru. Ergasii adabbii cimaan ni qabaman.

Nabii Nuuh waggaa shantama malee waggaa kuma tokko ummata isaa keessa akka ture isatti beeksisa.Kana jechuun Nabii Nuuh waggaa dhibba sagalii fi shantama (950) ummata isaa keessa jiraate. Waggaa kana hunda halkanii guyyaa, ifaa fi dhoksatti gara Rabbii isaan waama. Garuu kana waliinu waamichi kuni haqa irraa dheessu fi irraa garagaluu, kijibsisuu malee homaa isaaniif hin daballe. Isaan keessaa namoota muraasa malee isa waliin hin amanne. Waggaa dheeraa kana booda yommuu ummanni isaa isa didanii shirkii fi kufrii isaanii itti fufan, “xuufaan” isaan qabe. Xuufaan jechuun bishaan garmalee baay’ee samii irraa bu’ee fi dachii keessaa ol burqeedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bishaan gama hundaan isaan marsuu fi liqimsu samii irraa itti gadi roobse, lafa keessaas itti ol burqisiise. Suurah biraa keessatti akkana jedha:

Bishaan gadi dhangalaa’uun balbaloota samii itti banne. Dachiis burqaalee akka burqisiiftu taasifne. Kanaafu, dhimma duraan murtaa’e irratti bishaan [samii fi dachii] wal qunname.” Suuratu Al-Qamar 54:11-12

Samii irraa roobni baay’een gadi dhangala’e. Dachiinis gara hundaan burqaa dhangalaasti. Kanaafu, roobni samii irraa gadi dhangala’uu fi burqaan lafa keessaa ol burqu “dhimma duraan murtaa’ee irratti” walitti dhufan. Dhimmi duraan murtaa’e kuni ummata Nuuh balleessudha.[6]

“Isaa fi warra doonii ni baraarre. Aalamaaf aayah ishii goone.” Kana jechuun Nuuhi fi dooni keessatti warra isa waliin turan ni baraarre. Warri isa waliin dooni yaabbatan warra isatti amananii fi hordofaniidha. “Aalamaaf aayah ishii goone.” Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-maqdhaalli “Ishii” jettu, dooni irratti deebi’uu danda’a. Kanaafu hiikni isaa: dooni tana namootaaf mallattoo goone. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dooni yeroo jalqabaatiif Nabii Nuuh akka hojjatu ajaje. Ergasii namoonni isarraa laalun hojjatan. Kanaafu, kuni mallattoo namoonni rahmata Gooftaa isaanii ittiin hubataniidha.
2ffaa-maqdhaalli “ishii” jettu qissaa (seenaa) Nabii Nuuh irratti deebi’uu danda’a. Seenaan Nabii Nuuh namootaaf barnootaa fi gorsa ta’a. Namni Ergamtoota kijibsiisee hundi dhimmi isaa badiinsa. Rabbiin mu’mintootaaf dhiphinnaa fi rakkoo hunda keessaa karaa bahiinsaa godhaaf.[7]

Guduunfaa
✏Namoonni gara kufrii fi badiitti nama waaman, Guyyaa Qiyaamaa nama jallisan kana irraa ba’aa badii baadhachuun adabbii jalaa isa baasu hin danda’an. Garuu yakka lama waan hojjataniif ba’aa badii dachaa ta’ee baadhatu:
Yakki 1ffaan-mataa isaaniitiin kufrii fi badii hojjachuu
Yakki 2ffaan-nama biraa gara kufrii fi badiitti waamun jallisuudha. Dhimma kana mana murtii addunyaa irraayyu ni hubanna. Namni yakka ofii hojjate dabalatee yakka nama badiitti kakaasuufis ni qabama.

✏Kanaafu, namni gara jallinnaatti namoota waamu irraa of qusachuu qaba. Akkasumas, namoota jallinnatti waaman hordofuu irraas of qusachuu qaba. Sababni isaas, namoonni har’a badii isaaf bareechisuun jallinnatti isa waaman Guyyaa Qiyaamaa adabbii jalaa isa baasu hin danda’an. Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa hordoftoonni fi hoggantoonni isaan jallisan haala kanaan wal falmu:

“Yeroo ibidda keessatti wal falman, warri dadhaboon warra of tuulaniin, “Nuti isin hordofaa turre. Kanaafu, ibidda irraa qooda wayii nurraa kaasu dandeessuu?” jedhu. Warri of tuulanis ni jedhu, “Nuti hunduu ishii (ibidda) keessa. Dhugumatti Rabbiin gabroota jidduutti murteessee jira.” Suuratu Ghaafir 40:47-48


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Xabarii-18/367
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 50
[3] Tafsiir Xabarii-18/369, Tafsiir Sa’dii-736
[4] https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote18sym, Tafhiim al-Qur’aan, Sayyid Abul Ala Ma’ududi
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/232
[6] Tafsiir Muyassar-529, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/368
[7] Tafsiir Sa’dii-736, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 62-63

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 5
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply