Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 8.1

Offline dubbisuf

Luuxi fi Ummata Isaa
Akkuma beekkamu ummanni Luux ummata addunyaa keessatti yeroo jalqabaatif wanta fokkuu eenyullee isaan dura hin hojjanne hojjatan. Nabii Luux (aleyh salaam) hojii fokkuu kanarraa isaan deebisuuf isaan gorse. Mee gorsa isaatii fi deebii ummanni isaaf kenne haa ilaallu.

Luuxinis yommuu ummata isaatiin, “Dhugumatti, isin gocha fokkuu aalama irraa eenyullee ittiin isin hin dursine hojjattu” jedhe [yaadadhu].” Sila isin [fedhii foonii guuttachuuf] dhiiratti dhuftuu, karaa ni kuttuu, iddoo wal gahii keessan keessatti gochoota jibbamoo raawwattuu?! Deebiin ummata isaas, “Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate, adabbii Rabbiitiin nutti koottu” jechuu malee homaa hin turre.” Suuratu Al-Ankabuut 29:28-29

Kana jechuun Luuxin yaadadhu yommuu ummata isaatiin akkana jedhe: “dhugumatti isin hojii garmalee fokkuu ilmaan namaa keessaa namni tokkollee isin dursee hin hojjanne hojjattu.” Hojiin fokkuun kunis fedhii foonii guuttachuuf gara taa’aatin dhiiraan wal qunnamuudha. Dubartii dhiisanii dhiira wajjiin wal qunnamti saalaa raawwatu. Dhugumatti kuni hojii hundarra fokkuu ta’eedha. “aalama irraa eenyullee ittiin isin hin dursine hojjattu.” Kana jechuun ilmaan namaa keessaa hojii eenyullee isin dura hin hojjanne hojjattu. Ummata Luux dura namni hojii fokkuu kana hojjate hin jiru. Ummanni Luux hojii fokkuu kanarratti dabalatee, karaa ni kutu. Kana jechuun namoota karaa irra deeman qabeenya isaanii jalaa saamuun yookiin nafsee isaanii ajjeessun ykn hojii fokkuu irratti isaan dirqisiisuun karaa irra akka hin deemne dhoowwu. Ummanni Luux namoota karaa deeman irraa nama fedhan qabuuf karaa irra taa’aa turan.

Iddoo wal gahii isaanitti gochoota jibbamoo raawwachuun immoo: kan akka namootatti qoosu, isaan arrabsuu, hojii fokkuu raawwatan haasawu, hojii fi dubbii fokkuu biroo hojjachuudha.[1] Kuni amala warra badii hojjataniiti. Bakka wal gahii isaanitti wanti isaan hojjatanii fi dubbatan wanta gadheedha. Amala gaarii fi amantiif gatii tokkollee hin kennan.

Kana keessa, namoonni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa dhoowwe hojjachuuf ykn dubbachuuf walitti qabamuun akka hin hayyamamne beeksisatu jira.

“Deebiin ummata isaas, “Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate, adabbii Rabbiitiin nutti koottu” jechuu malee homaa hin turre.” Kana jechuun yommuu Luux hojii fokkuu Rabbiin dhoowwe irraa isaan dhoowwu fi adabbiidhaan isaan akeekachiisu, deebiin ummanni isaa isaaf kennan, “warra dhugaa dubbatan keessaa yoo taate, adabbii Rabbii waadaa nuuf seente fidi.” jechuu malee homaa hin turre.[2]

29:30

[Luuxis] ni jedhe, “Gooftaa kiyya! Ummatta balleessitoota ta’an irratti na gargaari.” Suuratu Al-Ankabuut 29:30

Luux fooyya’insa ummata isaa irraa abdii erga kutee booda Rabbiin irraa gargaarsa isaan irratti kadhate. Gargaarsi inni barbaade kuni ergaan Rabbii inni isaanitti geesse dhugaa ta’uu isaanitti agarsiisuuf namoota isa kijibsiisan adabuudha.

Mufsidoota (balleessitoota) jechuun isaan ibse. Sababni isaas, ummanni suni hojii fokkuu isaaniitiin of balleessu. Gocha fokkuutti geessuun namootas balleessu.[3] Balleessan ummanni kuni raawwatan isaan adabuu fi dachii irraa isaan xuruuruu waan barbaachisuuf Rabbiinis kadhaa (du’aayi) Luuxif deebii deebise.

29:31

Yommuu Ergamtoonni keenya oduu gammachiisaan Ibraahimitti dhufan, “Dhugumatti, nuti namoota magaalaa tanaa ni balleessina, namoonni ishii zaalimoota waan turaniif.” jedhan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:31

Yommuu Nabii Luux Rabbii olta’aa gargaarsifatu, gargaarsa isaatiif Rabbiin malaaykota erge. Malaykoonni kunniinis haala keessumaatin Nabii Ibraahimitti goranii irra darban. Innis wanta keessumaaf malu isaaniif fide. Yommuu malaaykonni nyaatatti haajaa akka hin qabne argu, sodaan Ibraahimitti dhagahame. Malaykoonnis isa booharsuu fi niitii isaa Saarah irraa ilmi gaariin akka dhalatu gammachisuun jalqaban. Niitiin isaas kana yommuu dhageessu ni dinqiisifatte.[4] Sababni isaas, ishiin dubartii maseenaa fi dulloomtedha. “Akkamitti ani dulloomtu fi maseena ta’ee osoo jiru ilma argadhaa?” jechuun dinqisiifatte.

Kanaafu, aayah tana keessatti oduun gammachiisaan Ibraahim ilma akka argatu gammachiisudha. Ilmi kunis Is’haaq. Ergasii Is’haaqin booda Ya’quub.

Malaaykonni erga ilmaan isa gammachiisanii booda, Ibraahim, “Yaa Ergamtoota! Kaayyoo maalitiif dhuftan?” jechuun isaan gaafate. Isaaniis ummata Luux balleessuuf akka dhufan itti beeksisan: “Dhugumatti, nuti namoota magaalaa tanaa ni balleessina, namoonni ishii zaalimoota waan turaniif.” jedhan. Kana jechuun dhugumatti jiraattota magaalaa Sodoom ni balleessina. Magaalaan Sodoom magaalaa ummata Luuxi. Sababni isaan balleessinuuf, isaan Rabbiin faallessuu fi Ergamaa isaanii kijibsiisuun nafsee ofii waan miidhaa turaniif.[5]

Ibraahimis oduu kana yommuu dhagayu, yeroon isaaniif kennamee tarii akka Rabbiin isaan qajeelchuuf ummata kanaaf dubbachuu jalqabe. Garuu akka badan Rabbiin olta’aan dursee murteesse jira. Murtii Isaa eenyullee hin deebisu. Malaaykonnis “Ummata magaalatti tanaa balleessuf dhufne” jechuun yommuu isatti beeksiisan, Ibraahimis:

29:32

Ni jedhe, “Achi keessa Luuxitu jira.” Isaaniis ni jedhan, “Nuti nama achi keessa jiru akkaan beekna. Haadha manaa isaa warra duubatti hafan keessaa taate malee isaa fi maatii isaa ni baraarra.” Suuratu Al-Ankabuut 29:32

Ibraahim malaaykotaan akkana jedhe, “Magaalaa san keessa Nabii Luuxitu jira. Inni zaalimoota irraayyi miti.” Malaykoonnis ni jedhan, “Nuti nama achi keessa jiru caalatti beekna. Haadha manaa isaa malee isaa fi maatii isaa adabbii jiraattota magaalaa irratti bu’uu jalaa nagaha baasna. Haati manaa isaa namoota duubatti hafanii badan keessaa taate jirti. Ishiin isaan waliin tan badduudha.”

Dhiirri dhiira biraa wajjiin qunnamti saalaa raawwachuun hojii garmalee fokkuu adabbii fi dallansuu Rabbii namatti fiduudha.


Kitaabban wabii:
[1] Tahriir wa tanwiir-20/240, Tafsiir Muyassar-399
[2] Tafsiir Xabarii-18/393
[3] Tahriir wa tanwiir-20/241
[4] Tafsiir Ibn Kasiir-6/60
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/255, Tafsiir Xabarii-18/393

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 8.2
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 7
Offline dubbisuf

Leave a Reply