Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 14

Warra Kitaabaa Waliin Falmuu
Nama kamiyyu waliin yommuu falman naamusa hordofantu jira. Naamusa yoo hin qabaatin, falmiin bu’aa buusu hin danda’u. Naamusa falmi keessaa tokko, ragaalee qabatamaa fi dubbii gaariin falmuudha. Suuratu Al-Ankabuut irraa akkaataa warra kitaabaa (yahuudotaa fi kiristaanota) waliin falman mee haa ilaallu:

29:46

Warra kitaabaa wanta irra gaarii ta’een malee hin falminaa, isaan keessaa warra zaalimota ta’an malee. Jedhaa, “Gara keenyatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha. Nuti Isaaf ajajamoodha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:46)

Yaa warra amantan! Isaan keessaa namoota zaalimoota ta’an malee Yahuudotaa fi Kiristaanota tooftaa gaarii ta’een, dubbii bareedan, karaa laafaan gara haqaatti waamun malee hin falminaa. Wanti irra gaarii ta’e: ragaalee qabatamoo, karaa hundarra gaarii ragaalee kanniin ittiin dhiyeessanii fi haala gaarii of keessatti hammata.

Ragaaleen qabatamoon aayata Qur’aanaa fi mallattoolee samii fi dachii keessa jiran hammatu. Karaan hundarra gaariin ragaalee kanniin itti dhiyeessan immoo nama si faallessuu amansiisuuf karaa gabaabaa fi laafaa filachuudha. Haalli gaariin immoo niyyaan namaa tolu, dubbiin laafaa fi bareedaa ta’u. Fakkeenyaaf, namni ragaalee qabatamoo ittiin falmu qabatee garuu kan nama arrabsuu yoo ta’e wanta irra gaarii ta’een hin falminee jechuudha.

Akkasumas, namni nu faallessu sobaan yoo nu falme, haqaan falmutu nurra jira. Qur’aana keessatti tooftaa falmii bakka adda addaatti ni arganna. Mee isaan keessaa akka fakkeenyaatti wal falmii Nabii Ibraahimii fi mootii jidduutti adeemsifame haa ilaallu:

2:258

“Sila gara nama Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan Gooftaa isaa ilaalchisee Ibraahimin falme hin ilaallee? Yeroo Ibraahim, “Gooftaan kiyya Kan jiraachisuu fi ajjeesudha.”jedhe. Innis, “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa.”jedhe. Ibraahim ni jedhe, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo dhiyaan fidi.” Achumaan kan kafare dhama’e. Rabbiin namoota zaalimtoota hin qajeelchu.” Suuratu Al-Baqarah 2:258

Namtichi kuni Rabbiin mootummaa (aangoo) waan isaaf kenneef of tuulee daangaa darbe. “Gooftaan kee eenyu?” jechuun Nabii Ibraahimin gaafate. Ibraahimis akkana jechuun deebise: “Gooftaan kiyya uumamtootaaf jireenya kan kennuudha. Ammas, yeroo du’aa lubbuu isaan keessaa Kan fudhatuudha. Inni jiraachisuu fi yeroo du’aa nafsee fudhachuun kophaa kan ta’eedha.” Namtichis ni jedhe, “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa. Kana jechuun nama ajjeesu barbaade nan ajjeesa. Nama tursiisu barbaade nan tursiisa.” Ergasii Ibraahim ni jedheen: “Rabbiin ani gabbaru aduu bahaan fida. Ati seera Rabbii kana jijjiruun dhiyaan fiduu dandeessaa?” Ergasii kaafirri kuni ni dhama’e. Mormiin isaas ni cite. Dhimmi isaa akka dhimma zaalimtootaa Rabbiin haqaa fi wanta sirriitti hin qajeelchineeti.[1]

Wal falmii kana keessatti Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ragaalee qabatamoo ni dhiyeesse. Ragaaleen kunniinis: “Gooftaan kiyya Kan jiraachisuu fi ajjeesudha.”jedhe, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo dhiyaan fidi.”

Ammas karaa laafaa ragaalee kanniin itti dhiyeessu filate. Yommuu mootichi kuni “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa.”jedhe, Nabii Ibraahimis mormii keessa seenuun “Ati hin jiraachistu, hin ajjeestu. Ati sababa qofa hojjatte” hin jenneen. Kana irra, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo dhiyaan fidi.” Jedheen.

Ammas, dubbii Nabii Ibraahim keessa arrabsoon, tuffii fi jabeenyi hin jiru. Kanaafu, billati hiya ahsan (wanta irra gaarii ta’een) falmuun ragaalee dhugaa fi qabatamoo, karaa gabaabaa ittiin nama amansiisanii fi haala dubbii ittiin dhiyeessan of keessatti qabata.

Garuu Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa namoota garii waliin yeroo haala armaan olii kanaan falman bu’aa hin buusnetu jira. Kanaafu, namoota akkanaa itti aanse dubbate: “isaan keessaa warra zaalimota ta’an malee.”
Kunniin namoota haqni erga ifa isaaniif ta’e of tuulanii fi haqaaf gadi hin jenneedha. Akkasumas, warra waraana Muslimoota irratti bananiidha. Namoota akkanaa takkaa isaan waliin falmuu dhiisuu, takkaa immoo seeyfin isaanitti duuludha. Haalli kuni wanta isaaf maluuf itti fayyadaman. Haalli seeyfin isaanitti duulu kan barbaachisu yoo ta’ee fi nu bira humni seeyfin isaanitti duulu yoo jiraate, itti duuludha. Ta’uu baannan, nuti humna yoo hin qabaatinii fi fooyya’insi isaan dhiisu keessa kan jiru yoo ta’e, nuti isaan dhiifna.[2]    

Jedhaa, “Gara keenyatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha. Nuti Isaaf ajajamoodha.”
Hima kana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa tooftaa wal falmiin ittiin jalqabamu ibsa. Tooftaan kunis: dogongora yoookiin jallina nama waliin falmitanii bu’uuraa fi tuqaa jalqabaa wal falmii hin godhinaa. Garuu isinii fi nama isin faallessu jidduutti haqa waliinii (common) ta’e irraa jalqabaa. Kana jechuun wal falmii fi mariin tuqaa irratti wal dhaban osoo hin ta’in tuqaa ijoo irratti wali galan irraa jalqabamu qaba. Ergasii namni waliin falman kana akka hubatu taasisuudha: ijjannoon keessan wanta irratti wali galtaniin kan wal simatuudha, ijannoon isaa immoo wanta irratti wali galtan kan faallessuudha.[3]

“Gara keenyatti kan buufamee” kana jechuun Qur’aanatti amanne. “gara keessaniitti kan buufametti amannee jirra.” Kana jechuun Tawraati fi injilii harka namaatiin jijjiraman osoo ta’in Tawraati fi Injilii Rabbiin irraa buufamanitti amanne.  

“Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha.” Kana jechuun Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan kan haqaan gabbaramu tokkicha.

Aayah tana ilaalchisee mee wanta Shekh Abdurahmaan As-Sa’dii jedhe asitti haa dhiyeessinu:
Jedhaa, “Gara keenyatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha. Nuti Isaaf ajajamoodha.”

Kana jechuun falmiin warra kitaabaa waliin adeemsiftan, wanta gara keessaniitti buufamee fi gara isaanitti buufametti amanuu, Ergamaa keessanii fi Ergamaa isaaniitti amanuu fi Gabbaramaan tokkicha ta’uu irratti haa hundaa’u. Wal falmiin keessan haala kitaabban Rabbiin irraa bu’an irraa waa qeequn ykn Ergamtoota irraa Ergamaa tokko maqaa xureessun ta’uu hin qabu. Akkuma wallaalan yommuu nama isa faallesse falmu hojjatu. Haqaa soba osoo hin jedhin wanta isa bira jiru hunda qeeqa. Kuni zulmii fi naamusa falmii keessaa bahuudha. Dirqamni namarra jiru soba nama falmu bira jiruu deebisuu fi haqa isa bira jiru immoo fudhachuudha. Osoo kaafira ta’ellee dubbii isaatiif haqni hin deebifamu.

Akkasumas, falmii warra kitaaba waliin adeemsisan qajeelfama bu’uuraa kana irratti hundeessun Qur’aanaa fi Ergamaa Rabbii (SAW) akka mirkaneessan isaan taasisa. Sababni isaas, hundee amanti kitaabbanii fi Ergamtoonni irratti wali galan, akkasumas, warra wal falman jidduutti kan mirkanaa’e ilaalchisee yoo dubbate, kitaabbanii fi Ergamtoota hundatti akka amanu isa dirqisiisa.” [4]

Fkn, Kiristaanni, hundee amanti kan akka Rabbiin gabbaramaa Tokkicha ta’uu ilaalchisee yoo dubbate, Qur’aanaa fi Nabii Muhammadin (SAW) dabalatee kitaabbanii fi Ergamtoota hundatti amanuun isarra jira. Sababni isaas, kitaabbanii fi Ergamtoonni hundi Rabbiin gabbaramaa tokkicha qofa akka ta’e irratti wali galu. Namni Injiilitti nan amana, Qur’aanatti immoo hin amanu jedhe, dubbii isaa kana keessa wal diiggatu jira. Sababni isaas, hundeen amantii Qur’aana keessa jiru injiil keessas ni jira. Kanaafu, Qur’aanatti hin amanu jechuun isaa injiilittis hin amanu jechuu isaati.

Akkasumas, Rabbiin qofti gabbaramu akka qabu Qur’aana, Tawraati fi Injiil keessatti kan mirkanaa’edha. Kiristaanni Tawraati fi Injiilitti nan amana jedhu Rabbiin gabbaruu dhiisee Iyyasuusin ykn haadha isa yoo gabbare (waaqefate), kuni amanti isaa diiga. Dhugaadhaan tawraati fi injiilitti hin amanne jechuudha.

“Nuti Isaaf ajajamoodha.” Kana jechuun nuti Rabbi qofaaf ajajamna, masakamna. Nuti abbooti amantaa ykn nabiyyoota fi ergamtoota hin waaqefannu. Namoonni kunniin hundu akkuma keenyaa namoota Rabbi Gooftaa isaanii ta’ee qofa akka gabbaran isaan irraa barbaadamuudha.[5]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-43
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 250-251, Ibn Useymiin
[3] https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote83sym
[4] Tafsiir Sa’dii-742
[5] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/279

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 15
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 13

Leave a Reply