Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 13

Offline dubbisuf

Salaata Sirnaan Salaatun bu’aa maal fa’a qabaa?
Salaanni karaa gabrichi Gooftaa Isaatin wal qunnamuudha. Hariiron namni Rabbii isaa waliin qabu salaatan madaallama. Ifaa fi dhoksatti salaata irratti kan cimu, ikhlaasa fi sirnaan kan salaatu yoo ta’e, hariiroon inni Rabbii olta’aan waliin qabu akkasuma cimaadha. Namni hariiroo cimaa Rabbii olta’aa waliin yoo qabaate, shayxaanni karaa ittiin wanta fokkuutti isa harkisuu hin argatuu jechuudha. Kanaafu, bu’aawwan salaata keessaa tokko salaanni wanta fokkuu fi jibbamaa irraa nama dhoowwudha. Namni wanta fokkuu fi jibbamaa irraa yoo fagaate immoo jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbiin jiraata. Akkasi miti ree? Namni kan jeeqamu fi gammachu itti dhabuuf wanta fokkuu fi jibbamaa yommuu hojjatuudha. Akkasi miti ree? Karaan salaata irratti itti ciman keessaa tokko Qur’aana hubannaan dubbisuu fi hordofuudha. Suuratu Al-Ankabuut irraa mee dhugaa armaan olii kana haa ilaallu:

Kitaaba irraa wanta gara keetti buufame dubbisi, salaatas sirnaan salaati. Dhugumatti, salaanni fahshaa’a fi al-munkar irraa nama dhoowwa. Zikriin Rabbii hundarra guddaadha. Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” Suuratu Al-Ankabuut 29:45

Jechi Arabiffaa “utlu” jedhu hiika dubbisuu fi hordofuu qaba. Ni jedhama: talaa fulaanu fulaanan” kana jechuun ebalu ebaluun hordofe.[1] Kanaafu, “utlu maa unzila ileyka…” himni jedhu hiika lama qabaa jechuudha:
1ffaa- Jechoota Qur’aanaa dubbisuu.
2ffaa-Wanta Qur’aana keessa jiru hordofuudha. Kunis wanta Qur’aanni ajaju itti buluun, wanta inni dhoowwu irraa fagaachuun, wanta inni beeksise dhugoomsuu fi hiika isaa itti xinxalluun ta’a.[2]

وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَۖ” Kana jechuun salaata haala guutuu ta’een salaati. Sababni isaas, wanta tokko qajeelchanii gadi dhaabu (iqaamata) jechuun qajeelaa jallinnaa fi hir’inni keessa hin jirre gochuudha.[3]

“Dhugumatti, salaanni al-fahshaa’a fi al-munkar irraa nama dhoowwa.” Al-Fahshaa’a jechuun wanta akka fokkuutti ilaallamu hundadha. Kan akka zinaa (sagaagalumma), hanna, khamrii (dhugaati nama macheessu) dhuguu, nafsee haqa malee ajjeesuu fi kkf. Al-Munkar immoo wanta kanaa gadi ta’ee fi, sammuu fi uumamni namaa jibbuudha. Gabaabumatti, al-fahshaa’a jechuun wanta fokkuu, al-munkar immoo wanta jibbamaadha.

Salaata arkaana fi shuruuxa isaa guutanii yeroo hundaa salaatu ittii fufuun wantoota fokkuu fi jibbamoo irraa nama dhoowwaa jechuudha. Sababni isaas, namni salaata qajeelche salaatu, arkaanaa fi shuruuxa salaataa guutu, qalbiin isaa ni ifti, iimaanni isaa ni dabala, kheeyri dharra’uun isaa ni jabaata, sharrii dharra’uun immoo ni xiqqaata ykn ni bada.

“Zikriin Rabbii hundarra guddaadha.” Kana jechuun salaata keessatti fi salaatan alatti zikriin Rabbii wanta hundarra guddaadha.[4] Akka lugaatti zikriin hiika lama qaba: 1ffaa-yaadachu (Ingliffaan: remember), 2ffaa-maqaa dhayuu ykn kaasu (Ingiliffaan: mention)

Kanaafu, zikriin Rabbii: qalbiin Isa yaadachuu, arrabaan maqaalee fi sifaata Isaa dubbachuu ykn Isa faarsu of keessatti hammata.

Yaadaa fi qalbiin Rabbiin yaadachuun, arrabaan Isa faarsun, wantoota fokkuu fi jibbamoo irraa nama dhoowwu keessatti bu’aa guddaa qaba. Keessumaayyu, zikriin (yaadachuu fi faarsun) kuni baay’ee fi halkanii guyyaa itti fufaa yoo ta’e,[bu’aan isaa guddaadha].[5] Namni salaata keessatti fi salaatan alatti Rabbii olta’aa yaadatu, gara badiitti hin tarkaanfatu.

 “Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” Kana jechuun kheeyri fi sharrii irraa wanta isin hojjattan ni beeka. Ergasii kana irratti jazaa guutuu isiniif kafala.[6] Kanarraa kaayyoon barbaadame Rabbiin wanta nuti hojjannu akka beeku beeksisuuf miti. Kana irra, kana keessa hiika guddaatu jira. Innis: wanta shari’aa Isaa faallessuu hojjachuu fi wanta dhoowwe keessatti kufuu ykn ajaje dhiisu irraa akeekachiisuudha. Aayan tuni ajajoota Rabbii hojjachuutti kakaasuu fi Isa faallessuu irraa sodaachisu of keessatti qabatte.[7] Suurah biraa keessatti ni jedha:

Rabbiin wanta nafsee teessan keessa jiru akka beeku beekaa, kanaafu Isa eeggadhaa (sodaadhaa).”
(አላህም በነፍሶቻችሁ ያለውን ነገር የሚያውቅ መኾኑን ዕወቁ፤ ተጠንቀቁትም፡፡)” (Suuratu Al-Baqara 2:235)

Tafsiira (Ibsa) “Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” jedhu ilaalchise Imaamu Xabarii ni jedha: Yaa namoota! Rabbiin daangaa salaataa eegu fi kana dhiisu irraa wanta salaata keessatti hojjattani fi dhimmoota keessan biroo ni beeka. Kana irratti jazaa isiniif kafala. Kanaafu, daangaalee (arkaanaa fi sharxiwwan) salaataa irraa waa gatuu ykn dhiisu irraa of eeggadhaa![8]

Salaata sirnaan qajeelchanii salaatun hojii fi dubbii fokkuu fi jibbamaa irraa nama dhoowwa. Sababni isaas, salaata arkaanaa fi sharxii guutanii haala itti fufaan salaatun qalbii ibsa, iimaana dabala, waan gaariif akka dharra’an taasisa, waan badaaf dharra’uu hir’isa ykn balleessa.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 233, Ibn Useymiin
[2] Tafsiir Sa’dii-742
[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 235, Ibn Useymiin
[4][4] Tafsiir Muyassar-401, Tafsiir Sa’dii-742
[5] Ma’aariju Tafakkuri-15/275
[6] Tafsiir Sa’dii-742
[7] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 241, Ibn Useymiin
[8] Tafsiir Xabarii-18/417

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 14
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-kutaa 12
Offline dubbisuf

Leave a Reply