Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-kutaa 12

Offline dubbisuf

Uumamni samii fi dachii Haqa
Wanti guddaan haala tartiiba qabuun yommuu hojjatamu kaayyoo guddaa tokkoof hojjatama. Akkasi miti ree? Samii fi dachiin garmalee gurguddoo kan ta’anii fi tartiiba isaanii kan eeggataniidha. Urjiileen, aduun, jiiyni fi pilaanetoonni samii keessa jiran tartiiba ajaa’ibaatin kan uumamaniidha. Gaarreen, galaanni fi uumamtonni biroo dachii keessa jiraniis tartiiba isaanii kan qabataniidha. Amma of haa gaafannu: Khaaliqni guddaan olta’e uumamtoota gurguddoo kanniin tartiiba qabsiisuun kaayyoo tokko malee ni uumaa? Deebiin keenya: Kaayyoo malee akkanumatti wantoota kanniin hin uumu. Kanaafu, samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kaayyoo cimaa fi guddaa ta’eef uume. Kaayyoon kuni haqa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

29:44

“Rabbiin samiiwwanii fi dachii haqaan uume. Dhugumatti, kana keessa warra amananiif mallattootu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:44

Samii torbanii fi dachii Kan uume Rabbii Tokkicha. Adda Ofii isaan uume. Homtu Isa waliin qooda hin fudhanne. Kana hunda haqaan uume. Kana jechuun taphaaf yookiin akkanumatti dhiisuuf ykn faayda tokko malee hin uumne.[1] Kan uumeef: namoota qoruuf, gabroonni sifaata Isaa akka beekanii fi Isa qofa gabbaraniif, dhumarratti jazaa isaaniif kafaluufi. Kunniin sadan akka sansalataa wal keessa seenu. Namoota qoruu irraa wanti barbaadame ibaadaadha. Ibaadan immoo kan barbaadameef jazaa isaaniif kafaluufi.

Mee ragaalee kanaa haa dhiyeessinu:

“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf, [isaan uume].” Suuratu Huud 11:7

Qormaata kanaan namni hojii irra gaarii hojjatu ifatti baha. Hojiin irra gaariin hojii ikhlaasaa fi shari’aa hordofuun hojjatameedha. Ikhlaasaa fi shari’aa hordofuun ibaadaadha. Kanaafu, qormaata kana keessatti ilma namaa irraa wanti barbaadame ibaadadha. Kanaafi, Rabbiin olta’aan ni jedha:

51:56

Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibaadaa (gabbarrii) namootaa irraa Dureessa. Ibaadaa isaaniititti hin hajamu. Garuu ibaadatti kan isaan ajajeef jazaa isaaniif kafaluufi. Ni jedha:

10:4

Deebiin hunda keessanu gara Isaa (Rabbiiti). [Kuni] waadaa Rabbii haqa [ta’eedha]. Dhugumatti, Inni uumuu ni jalqaba, ergasiis ni deebisa. [Kana kan godhuuf] warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan haqummaan mindaa isaaniif kennuufi. Warroonni kafaran immoo waan kafaraniif jecha dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’ee fi adabbii laaleessaatu isaaniif jira. Suuratu Yuunus 10:4

Namoota ajaja Isaa fudhatanii Isa qofa gabbaran, mindaa isaaniif kenna. Namoota ajaja Isaa didanii Isa qofa gabbaru didan immoo adabbii isaaniif malu adaba. Kuni hundi jazaadha.

Jazaan mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taateef jazaan haala guutuu ta’een namaaf hin kennamu. Kanaafu, yeroo fi iddoon jazaan guutuun ittii namaaf kennamu jiraachu qaba.Yeroon jazaan guutuu itti namaaf kennamu, yeroon qormaata addunyaa tanaa erga dhumate booda. Kunis Guyyaa Qiyaamaati. Iddoon jazaa immoo takkaa Jannata takkaa immoo Jahannami. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)

Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii kaayyoo guddaaf uume. Akkanumatti taphaaf hin uumne. Kaayyoo guddaa kana galmaan gahuuf uumuun haqa.

“Dhugumatti, kana keessa warra amananiif mallattootu jira.” Kana jechuun Rabbiin samiiwwanii fi dachii uumuu keessa namoota haqa beekuuf, itti amanuuf ergasii haala amananiin hojjachuuf qophii ta’aniif mallattoo guddaatu jira.[2] Uumamni samii fi dachii mallattoo dandeetti, beekumsaa fi ogummaa (hikmaa) Rabbii olta’aa agarsiisaniidha.  Samiin torbanii fi dachiin gara Rabbii akeeku. Sababni isaas, eenyullee fakkaataa samii fi dachii uumuu hin danda’u. Jiraachun samii fi dachii dandeetti Isaa agarsiisu. Tartiibni isaan keessa jiru, wal dhabbii fi walitti bu’iinsi isaan keessaa dhabamuun ogummaa (hikmaa) Isaa agarsiisa. Garuu kana kan beeku fi itti fayyadamu warra amananiidha. Kaafirri kanarraa hin fayyadamu.[3] Sababni isaas, warri amanan Rabbii olta’aatti waan amananiif wantoonni fuundura isaanitti mul’atan maal akka agarsiisan ni beeku. Kaafironni immoo Rabbii olta’aatti waan hin amanneef wanta fuundura isaanii jiru irraa homaayyu hin hubatan. Qalbiin isaanii haguuggamte jirti. Faaydan guddaan mallattoo kana irraa warri amanan argatan iimaanni isaanii dabaluudha. Shakkii hin qabu iimaanni dabaluun faaydaa garmalee guddaadha.


Kitaabban wabii:
[1] Madda olii
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/271
[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 228, Ibn Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 13
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 11
Offline dubbisuf

Leave a Reply