Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 15
Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa Bu’e
Jalqaba madda kitaaba amanti beekuuf qabiyyee kitaabichaa qorachuu barbaachisa. Namni qabiyyee kitaabaa sirritti yoo qorate madda isaa eessa akka ta’e haala salphaan beeka. Mee ilaali kitaabni barreessaa beekkamaa tokkoo maqaan isaa osoo irratti hin barraa’in osoo gurguramee, namoonni barreefama barreessaa bekkamaa kanaa beekan madda barreefama kanaa hin beekan jettee ni yaaddaa? Dhugumatti madda barreefama kanaa ni beeku. Haaluma kanaan, warri beekumsa qabanii fi haqa barbaadan maddi Qur’aanaa eessa akka ta’e ni beeku. Ilmi namaa wanta akka Qur’aanaa barreessu waan hin dandeenyef Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa akka bu’ee jala muranii amanu. Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa hin buune jedhe kan normu nama beekumsa hin qabne ykn nama osoo beeku haqa dhoksuudha. Asii gaditti dhugaa kana mee haa ilaallu.
“Akka kanatti Kitaaba gara keetti buufne. Warroonni kitaaba kennineef isatti ni amanu. Kanniin keessaayis nama isatti amanutu jira. Kaafiroota malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:47
Kana jechuun Yaa Rasuula! Akkuma Ergamtoota siin dura darban irratti kitaabban buusne, kitaaba kana sirratti buusne jirra. Kitaabni kuni Qur’aana. Warroonni kitaaba isaaniif kennine haqaan beekumsa dhugaa beekanii fi hin hinaafne, Qur’aanatti ni amanu. Kan akka Abdullah ibn Salaam, Najjaashi, Salmaan Al-Faarisi. Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa warri kitaaba sirritti beekan, hojii irra oolchan, hinaaffi fi fedhii lubbuu hordofuun isaan keessa hin seenne Qur’aanatti ni amanu. Sababni isaas, Qur’aanni wanta isaan bira jiruun walitti kan galuu ta’uu waan arganiif, akkasumas, akkuma kitaabni isaanii beeksisee fi gammachisee waan bu’eef, beekumsa gaarii fi badaa, dhugaa fi sobaa addaan baafachuu isaan bira waan jiruuf dhugummaa Qur’aana ni mirkaneefatan.[1]
“Kanniin keessaayis nama isatti amanutu jira.” kana jechuun warra Makkaa keessaa nama Qur’aanatti amanutu jira.
Suuran (Boqonnaan) tuni Makkaatti waan buutef “kanniin keessaayis” kan jedhu Nabiiyyii waliin warra Makkaan keessa jiraatan agarsiisa.[2]
“Kaafirota malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.” Kana jechuun namoota haqa sobaan haguugan malee aayaata Keenya kan kijibsiisuu fi haqa isaanii mormu hin jiru.[3]
Waakkachuu jechuun haqa osoo beekanu mormuudha. Fakkeenyaaf, namni tokko waa sirraa ergifatee, ergasii “meeshaa kana sirraa hin fudhanne” jedhee yoo morme, kuni waakkachuudha. Meeshaa kana ni dhoksa. Ergasii osoo beeku hin fudhanne jedhee morma. Haaluma kanaan kaafironni haqa dhoksaniis aayaanni Qur’aanaa Rabbiin irraa akka bu’an osoo beekanu, faayda addunyaa argachuuf ykn fedhii lubbuu hordofuun, “Qur’aanni Rabbiin irraa hin buune” jechuun mormu.
“Ati [Yaa Muhammad] isa dura kitaaba tokkollee kan dubbistuu fi harka mirgaa keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo akkas taate, silaa warri soba hordofan ni shakku turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:48
Kana jechuun Yaa Muhammad! Qur’aanni sitti bu’uun dura kitaaba homaatu kan dubbistu hin turre, harka keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo kitaaba kan dubbistu yookiin kan harkaan barreessitu taatee, silaa warri soba hordofan ni shakkuu turan. Akkana jedhuu turan, “Muhammad Qur’aana kitaabban darbe irraa barate ykn garagalche.”[4]
Mubxiluun-kunniin soba filachuu fi haqa achi gatuu keessatti warra fedhii lubbuu hordofaniidha.[5] Jireenya isaanii keessatti haqa achi darbanii soba hordofuuf warra fedhii guddaa qabaniidha.
“Kana irra, inni (Qur’aanni) qoma warra beekumsi isaaniif kenname keessatti aayaata ifa ta’aniidha. Zaalimoota malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:49
Kana jechuun Qur’aanni akka warri soba hordofan, “walaloo ykn sihriidha” jedhanii miti. Garuu, inni mallattooleen, ragaaleen amantii fi murtiwwan Rabbii ittiin beekkamuudha.[6] Aayaanni Qur’aanaa kunniin qoma warra beekumsi isaaniif kennamee keessatti kan qabatamu (haffazamuudha). Akkasumas, warri beekumsa qaban kunniin Qur’aanni haqa ta’uu isaa ni beeku.[7]
Warri beekumsi isaaniif kenname kunniin namoota gamnoota, qalbii qabanii fi guuttamaniidha. Qur’aanni qoma namoota akkanaa keessatti keeyyattotaa fi ragaalee ifa ta’an erga ta’e, isaan namoota biroo irratti hujjah (ragaa) ta’u. Namoonni isaaniin ala jiran mormuun homaa hin miidhu. Kuni zulmii malee homaayyu ta’uu hin danda’u. Kanaafi akkana jedhe, “Zaalimoota malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.”[8]
Kana jechuun zaalimota malee aayaata Keenya kan kijibsiisuu, haqa isaanii hir’isuu fi isaan fudhachuu didu hin jiru. Zaalimoonni kunniin kaafirota. Isaan daangaa darbitoota haqa osoo beekanu irraa goraniidha.[9]
Kaafironni zaalimoota. Sababni isaas, zaalimoota jechuun namoota daangaa darbanii nafsee ofii ykn namoota biroo miidhaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Namni daangaawwan Rabbii darbee, nafsee ofii miidhee (zollomee) jira.” Suuratu ax-Xalaaq 65:1
Kanaafu, kaafironni daangaa Rabbii darbuun nafsee ofii adabbii Isaatiif saaxiluun waan miidhaniif zaalimoota. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴾وَٱلۡكَٰفِرُونَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ﴿
“Kaafironni isaanumatu zaalimoota.” Suuratu Al-Baqarah 2:254
Zulmii jechuun daangaa darbuu fi wanta tokko bakka isaa malee kaa’uudha.
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-402, Tafsiir Sa’dii-743, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 261, Ibn Useymiin
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 262, Ibn Useymiin
[3] Tafsiir Ibn Kasiir-6/68
[4] Tafsiir Muyassar-402, Tafsiir Ibn Kasiir-6/68-69
[5] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/280
[6] Tafsiir Qurxubii-13/376
[7] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 279, Ibn Useymiin
[8] Tafsiir Sa’dii-743 [9] Tafsiir Ibn Kasiir-6/69