Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 16

Qur’aanni warra amananiif rahmataa fi yaadannoodha
Mee si haa gaafadhu, jireenya keessatti wanti guddaan ati barbaaddu fi argachuuf garmalee ifaajuf maalidha? Dhugumatti deebiin kee “gammachuu” ta’a. Tarii sababoota gammachuu kan akka manaa, haadha manaa, maallaqa, bilisummaa fi kkf himu dandeessa. Garuu wantoota kanniin kan barbaadduuf maal argachuufi? Dhugumatti, gammachuudha. Akkasi miti ree? Kanaafu, namni kamu wanta barbaade haa barbaadu, kaayyoon dhuma isaa “gammachuu argachuufi.”

Tolee, gammachuu erga barbaanne karaan ittiin argatan maalidhaa? Dhugumatti, tarkaanfin jalqabaa gammachuutti nama geessu, Qur’aanatti amanuu fi hojii irra oolchudha. Qur’aanatti amanuu jechuun Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa akka bu’ee jala muranii amanuu fi wanti isa keessa jiru hundi haqa akka ta’e amanuudha. Namni haala kanaan Qur’aanatti yoo hin amaniin raajiin Rabbii olta’aa irraa akka argamu barbaada. Haalli mushrikoota Makkaa kana ture:

29:50

Ni jedhan, “Maaliif Gooftaa isaa irraa aayaanni isarratti hin buufamnee?” Jedhi, “Aayaanni Rabbiin bira qofa, ani akeekachiisaa ifa bahaa qofa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:50

Mushrikoonni ni jedhan: Aayaanni akka nabiyyoota darbaniif kennaman kan akka gaala Saalih, ulee Muusaa maaliif Muhammad irratti Gooftaa isaa irraa hin buufamnee? Yaa Muhammad! Akkana isaaniin jedhi, “Dhimmi aayaata kanniini kan Rabbiiti. yoo fedhe ni buusa, yoo fedhe immoo ni dhoowwa. Ani Akeekachiisaa qofa. Ciminna adabbii Rabbii irraa isin akeekachiisa. Karaa haqaa karaa sobaa irraa adda baase ifa godha.”[1]

Asitti aayaanni mallatoolee ykn mu’jizaadha. Mushrikoonni, “Mallattooleen dhugaa ta’uu isaa agarsiisan maaliif isarratti hin buufamne?” jechuun mu’jizaan (raajiin) akka argamuu barbaadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta isaan barbaadan caalaa mu’jizaa guddaa ta’ee akka buuse ibsuuf itti aanse ni jedhe:

29:51

Sila Kitaaba isaan irratti dubbifamu si irratti buusun Keenya isaan hin gahuu? Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:51

Mushrikoota, “Maaliif Muhammad irratti aayaanni Gooftaa isaa irraa hin buufamne?” jedhaniif, kitaaba kana buusun Keenya isaan hin gahuu?[2] Kitaabni kuni Qur’aana isaan irratti dubbifamuudha.

Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaatti mu’jizaa itti fufaa addaan hin cinneedha. Sababni isaas, Rabbiin olta’aan akkana jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9)

Faallaa kanaa, mu’jizaaleen (raajiwwan) darban kan ijaan mul’atanii fi warri ijaan arge itti fayyadamuudha. Namoota isaan booda dhufaniif karaa oduutin isaan dhaqqaba. Akkuma beekkamu oduun akka wanta ijaan arganiiti miti. Qur’aanni immoo nu fuundura jira, ni argina, ni dhageenya, ni dubbisna. Wanta darbee karaa odeefannootin nu gahee miti. Kanaafu, Qur’aanni mu’jizaa xumuramanii fi badan caalaa guddaa kan ta’eedha. Kuni iccitii Qur’aanni nama hundaaf mu’jizaa ta’uu keessa jiruudha. Sababni isaas, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) ilmaan namaa hundaaf ergaman.[3]

Qur’aanni mallattoo fi ragaa Nabiiyyin (SAW) dhugaa ta’uu agarsiisuudha. “Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.” Kana jechuun addunyaa fi Aakhiraatti Qur’aana kana keessa namoota amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.[4]  

Akkuma beekkamu rahmanni (mararfannaan) wanti jibban namarraa deemu fi wanti jaallatan namaaf dhufuun wal qabata. Nama rakkinna keessa jiru, wanta inni barbaadu isaaf gochuun ykn wanta inni jibbu isarraa kaasun rakkinna keessaa yoo baaste, isaaf rahmata goote jechuudha. Kanaafu, Qur’aanni namoota amananiif rahmata. Kana jechuun namoonni amanan sababa Qur’aanaatin addunyaa keessatti jallinnaa fi dararaa irraa baraaramuun gammachuu, beekumsa, qajeelinnaa fi kheeyri (waan gaarii) biraa ni argatu. Aakhirattis adabbii cimaa jalaa nagaha bahuun qananii Jannataa argatu.

Akkasumas Qur’aanni isaaniif yaadannoo ta’a. “Qur’aanni gorsa, akeekachiisa, dhuma hojii beeksisuu, jireenya lammataatiif qopheessu fi kanneen biroo of keessatti kan qabateedha.”[5] Kanaafu, namoonni amanan gara Qur’aana deebi’uun wantoota kanniin ni yaadatu jechuudha.

Aayah kanarraa barnoota fudhannu keessaa tokko: Qur’aana irraa fayyadamuuf iimaanni (amanuun) barbaachisaadha. Aayah keessatti, “Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.” waan jedheef. Namoonni Qur’aanatti fayyadaman namoota amananiidha. Namoonni hin amanne immoo homaayyu irraa hin fayyadaman. Inumaa, jallinna irratti jallinna dabalatu.

“Kanaafu, akkuma namni iimaanni isaa cimuun, Qur’aanatti caalatti fayyadama. Faallaa kanaa, akkuma iimaanni isaa dadhabaa ta’uun ykn badii baay’ee hojjatuun, Qur’aana hubachuu fi itti fayyadamuu irraa fagaata. Ma’asiyaan namaa fi Qur’aana hubachuu jidduu seenti.

Wanta Rabbiin sitti agarsiiseen namoota jidduutti akka murteessituuf dhugumatti Kitaaba haqaan gara keetti buufne. Gantootaaf falmaa hin ta’in. Rabbiin araarama kadhadhu. Dhugumatti Rabbiin Araaramaa, Rahmata godhaadha. Suuratu An-Nisaa 4:105-106

Aalimoonni aayaata tanniin irraa araarama kadhachuun (istighfaarri) yeroo murtii haqni ifa akka ta’uuf sababa ta’a jechuun baasan. Sababni isaas, aayah keessatti istighfaara dubbachuun gara fuunduraatti bu’aa akka qabu agarsiisa. Namni yommuu Rabbiin araarama kadhatu, kuni hubannaa fi beekumsaaf furtuu ta’a. Sababni isaas, zanbiin (badiin) namaa fi tawfiiqa (milkaa’inna) jidduu seenun gufuu ta’a. Rabbiin olta’aan ni jedha:

83:14

 “Haa dhorgaman! Dhugumatti Wanti hojjataa turan qalbii isaanii haguuge.” Suuratu al-Muxafifin 83:14 

Kanaafi, yommuu wanti isaan hojjatan qalbii isaanii haguuge, Qur’aanni hog-barruu warra duriiti jedhan. Qur’aanattis hin fayyadamne.”[6]

Dubbiin erga akkana ta’e, namni Qur’aana irraa fayyadamuuf:

“Istighfaara” jechuun “araarama kadhachuu” dha. Asitti wanti barbaadame, “Akka badii namaaf dhoksu, haaquu fi irra namaaf darbuu Rabbii olta’aa irraa araarama kadhachuudha.” Akkaatan araarama itti kadhatan Nabiyyi (SAW) irraa gabaafame jira. Mee san keessaa tokko haa dhiyeessinu:

أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ الْعَظيمَ الَّذِي لاَ إِلَهَ إِلاَّ هُوَ الْحَيُّ القَيّوُمُ وَأَتُوبُ إِلَيهِ

Astaghfirullah-al-aziima-llazi laa ilaaha illa huwal-hayyul-qayyuum wa atuub ileyh.
Rabbii Guddaa kan Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirre, Jiraataa, Al-Qayyuum ta’e araarama kadha, gara Isaatti deebi’as.

Hiika jechoota: Astaghfirullah-Rabbiin araarama kadha, Al-Aziim-Guddaa, allazi-Kan, Laa-hin jiru, ilaaha-haqaan gabbaramaan, illa-malee, huwa-Isa, Al-Hayy-Jiraataa, Al-Qayyuum- Of-Danda’aa homattu hin hajamne, uumamtoota hundaa Kan dhaabe (jiraachisuu fi eegu). atuub-deebi’a, ileyh-gara Isaatti

Maddi: Jaami’u At-Tirmizii-3577

Namni akkuma istighfaara baay’isuun qalbiin isaa xurii dilii (cubbuu) irraa qulqulloofti. Kanaafu, haqa sirritti argiti jechuudha. Qalbiin namaa akka manasxiriiti. Manasxiriin yoo xuroofte, namni wanta fuundura isaa jiru sirritti hin argu. Garuu manasxirii tana yoo bishaanin ykn sooftin qulqulleesse, sirritti arga. Haaluma kanaan, qalbiin cubbuun yoo xuroofte haqa arguu fi beekumsa hubachuun itti ulfaata. Garuu yoo istighfaara baay’isuun ishii qulqulleesse, haqa sirritti arga, beekumsa ni hubata.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-402[2] Tafsiir Xabarii-18/429[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 293[4] Tafsiir Muyassar-402 [5] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/15 [6] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 296-297

Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 17
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 15

Leave a Reply