Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Ammas, ibsaa Qur’aanaatin jireenya keessatti ifa ibsachuu itti fufnee jirra. Suuratu Ar-Ruum akkuma boqonnaalee biroo dukkana keessaa gara ifaatti bahuu yoo barbaadde, na qo’adhu ibsaa siif ta’aati. Karaan yoo si harkaa bade, na qoradhu karaa sitti agarsiisaati. Narraa hin garagalin ni dhamaatati jetti. Mee haa qorannu kaa…

Mu’jizaa Qur’aanaa

Aliif Laam Miim. Roomaan moo’atamte. Dachii garmalee dhiyoo taate keessatti. Isaan moo’atamuu isaaniitiin booda gara fuunduraatti ni moo’atu. Waggoota muraasa keessatti [ni moo’atu]. [Injifannoo] duraa fi booda ajajni kan Rabbiiti. Guyyaa san mu’mintoonni ni gammadu. Gargaarsa Rabbiitti [ni gammadu]. Inni nama fedhee gargaara. Inni Injifataa, rahmata godhaadha.” Suuratu Ar-Ruum 1-5

Aayata tanniin ilaalchisee sababa bu’iinsa isaanii mufassiroonni ni dubbatu: Peershiyotaa fi Roomaanota jidduu lolatu ture. Ergasii Pershiyoonni Roomaanota ni moo’atan. Oduun kuni Ergamaa Rabbiiti fi sahaabota isaa ni gahee. Kunis isaan irratti ulfaate. Mushrikoonni immoo kanatti ni gammadan. Sababni isaas, Pershiyoonni kitaaba Rabbiin irraa bu’e hin qabanii turan. Akkasumas, du’aan booda kaafamu ni mormuu turan. Sanamoota gabbaru. Roomaanonni immoo Kiristaanota waan turaniif warra kitaabati. Mushrikoonni sahaabota Ergamaa Rabbiitiin akkana jedhan: isin warra kitaabati. Kiristaanonniis warra kitaabati. Nuti immoo warra barreessus dubbisuus hin dandeenyedha. Pershiyoota irraa obboleeyyan keenya Roomaanota irraa obboleeyyan keessan irratti injifannoo argatan. Yoo isin nuun loltan nuti isin moo’anna.”

Ergasii aayaanni armaan oli ni bu’an. Abu Bakr Siddiiq aayaata tanniiniin gara mushrikootaatti bahe. Mushrikoonnis, “Kuni dubbii hiriyyaa keetiti” jedhaniin. Abu Bakris ni jedhe: Rabbiitu kana buuse.” Isaaniis Abu Bakriin ni jedhan, “Roomaanonni Pershiyoota akka hin moo’anne ni qabsiisna.” Abu Bakris ni jedhe, “Al-Bid’i waggaa sadii hanga sagal jidduu jiruudha.” Isaanis ni jedhan, “Kana keessaa jiddu-galeessa kan ta’e jaharratti wali haa gallu.” Ergasii isaan wanta qabsiisan ni kaa’an. Kunis waa qabsiisuun dhoowwamuun dura. Abu Bakris gara hirriyyoota isaatti deebi’uun isaanitti oduu hime. Isaanis isa ajiifachuun akkana jedhaniin: Akkuma Rabbiin mirkaneessetti atillee maa hin mirkaneessin? Osoo jechuu fedhee silaa jaha jedhaa ture. (Abu Bakri fi mushrikoonni wagga jahaffaa irratti Roomaanonni pershiyoota akka moo’atan ni qabsiisan. Kana jechuun,  akkuma Abu Bakr jedhe yoo ta’e, wanta mushrikoonni qabsiisan inni ni fudhata. Yoo hin ta’in immoo mushrikoonni wanta Abu Bakr qabsiise fudhatu. Kuni qumaarin dhoowwamun dura.)

Waggaan jahaffaan erga darbe Roomanonni Pershiyoota irratti injifannoo hin arganne. Kanaafu, mushrikoonni wanta Abu Bakr qabsiisee ni fudhatan. Yommuu wagga torbaffaan dhufu Roomanonni Pershiyoota ni injifatan.[1]

“Roomaan moo’atamte. Dachii garmalee dhiyoo taate keessatti.” Kana jechuun Roomanonni dachii garmalee dhiyoo taate keessatti Pershiyootaan injifataman. Dachiin garmaleen dhiyoon tuni: Xarafa Shaami (Filisxeemi fi naannawa ishii).[2]

“Isaan moo’atamuu isaaniitiin booda gara fuunduraatti ni moo’atu. Waggoota muraasa keessatti [ni moo’atu].” Kana jechuun waggoota muraasa keessatti Roomaanonni Pershiyoota irratti injifannoo argatu. Aayah keessatti “Bid’i” waggaa sadii hanga sagalii jidduu jiruudha.[3]

Qur’aanni Roomanonni Pershiyoota injifachuun dura injifannoo kana beeksisuun Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa ta’uu agarsiisa. Sababni isaas, yeroo sanitti kuni wanta gheeybi (ijaan hin mul’anne) gara fuunduraatti argamuudha. Akkuma Qur’aanni beeksisee injifannoon kuni waggoota muraasa keessatti ni argame. Kanaafu, wantoota gara fuunduraatti argamu ilaalchise wanti Qur’aanni beeksise hundi ni argama. Fkn, waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchisee wanti inni beeksise hundi ni argama.

[Injifannoo] duraa fi booda ajajni kan Rabbiiti.” Kana jechuun Roomanonni Pershiyoota injifachuun duraa fi erga ijifatanii booda amriin (ajajni) guutuun kan Rabbiiti.[4] Hiikni kanaa: Injifannoon injifataa, moo’atamuun nama moo’atamee ajajaa fi murtii Rabbiitin.[5] Yeroo jalqabaa Pershiyoonni Roomanota kan injifatan humnaa fi baay’inna isaaniitiin osoo hin ta’in ajajaa fi murtii Rabbiitin. Ergasii Roomanonnis Pershiyoota kan injifatan ajajaa fi Murtii Rabbiitini. “Guyyaa san mu’mintoonni ni gammadu. Gargaarsa Rabbiitti [ni gammadu].”

“Guyyaa san” kana jechuun Guyyaa Roomaanonni Pershiyoota injifatan, mu’mintoonni (warri amanan) Rabbiin Roomaanotaaf Pershiyoota irratti injifannoo kennuutti ni gammadu. Sababni isaas, Roomanonni warra kitaabaa waan turanifi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama fedhe gargaara, injifannoo kennaaf. Inni Injifataa gonkumaa hin moo’atamneedha. Gabroota Isaatiif rahmata godhaadha.[6]

“[Suni] waadaa Rabbiiti. Rabbiin waadaa Isaa hin diigu. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan. Jireenya addunyaa irraa zaahira (gubbaa) beeku. Isaan Aakhirah irraa gaafiloota.” Suuratu Ar-Ruum 30:6-7

“[Suni] waadaa Rabbiiti.” kana jechuun Roomaanonni Pershiyoota akka injifatan waadaa Rabbiin irraa ta’eedha. Rabbiin waadaa Isaa gonkumaa hin diigu. Sababni isaas, Rabbiin dubbii Isaa keessatti dhugaadha, waadaa Isaa hojii irra oolchu keessatti dandeettin Isaa guutuudha. Waadaa diigun takkaa kijiba takkaa immoo dadhabinna irraa madda. Namni tokko waadaa siif galee yoo diige, takkaa inni kijibaadha takkaa immoo dadhabaadha. Rabbiin azza wa jalla dhugummaa fi dandeettin Isaa guutuu waan ta’eef kijibni fi dadhabinni Isaaf hin malu.[7]

Amaloota (sifaata) Rabbii keessaa tokko Inni waadaa Isaa hin diigu. Waadaa guutuun sifaataa Rabbii guutuu ta’an keessaa tokko. Inni waadaa Isaa diigu irraa qulqulluudha. Garuu namoonni baay’een sifaataa Rabbii guutuu ta’anitti fi hanqinna hundarraa qulqulluu akka ta’e hin amanan. Wanta beeksisu keessatti waadaan Rabbii dhugaa akka ta’ee hin beekan. Ammas, Rabbiin waadaa Isaa kan hin diigne ta’uu hin beekan.

Kanaafi, baay’een isaanii waadaa Rabbii kijibsiisuu, keeyyattoota Isaas kijibsiisu. Namoonni keessaa fi dhuma dhimmootaa hin beekne kunniin jireenya addunyaa irraa wanta mul’atu qofa beeku.

Beekumsi namoota baay’ee jireenya addunyaa irraa wanta gubbaa mul’atuun wal qabata. Akkamitti akka qabeenya argatan, qonna qotan, daldala daldalaan, konkolataa, xiyyaara, kompuyatara fi meeshaalee biroo itti hojjatan ni beeku. Garuu Aakhirah irraa gaflaa keessa jiru. Kana jechuun Aakhiraa quba hin qaban, xiyyeefannoo itti kennuun wanta adabbii jalaa isaan baasu fi Jannata isaan seensisuu hin hojjatan.[8]

Isaan Aakhirah irraa gaafiloota.” jedhu ilaalchisee wanta Sheykh Abdurahmaan Sa’dii jedhee mee itti haa daballu:

Qalbiin, hawwii fi fedhiin isaanii gara addunyaa fi faaya ishii gatii hin qabnee irratti kan xiyyeefateedha. Kanaafu, saniif ni carraaqan, humna isaanii hunda baasan. Aakhirah immoo ni dhiisan. Jannataaf hin hawwan ykn ibidda hin sodaatan. Rabbiin fuundura dhaabbatus hin sodaatan. Isaan wal qunnamuun isaan hin dhiphisu. Kuni alaamaa (mallattoo) dararaati. Aasxaa Aakhirah irraa gaflaa (daguu) keessa ta’uuti.

Wanti ajaa’ibaa, gosoota namoota akkana irraa baay’een isaanii waa’ee gubbaa addunyaa ilaalchisee sammuu ol’aanaa qabu. Fiildi annisaatiin, elektrikisitii fi geejjiba lafaa, galaanaa fi qilleensaatin wantoota ajaa’iboo galmaan gahani jiru. Gara kanaan namoota biroo darbanii jiru. Sammuu isaanii ni dinqisiifatan, wanta Rabbiin irratti isaan dandeesise namoonni biroo galmaan gahuu akka hin dandeenyetti ilaalan. Kanaafu, ija tuffiitiin isaan ilaalan. Garuu isaan kana waliinu namoota hunda caalaa dhimma amanti isaanii keessatti beekumsa kan hin qabnee fi Aakhiraa isaanii irraa gaafilota. Dhuma wantootaa ilaalchisee beekumsa baay’ee xiqqoo ta’e qabu. Warroonni gadi fageessanii yaadan, namoonni kunniin wallaalummaa isaanii keessa akka raata’an, jallinna isaanii keessa akka dhama’an, soba isaanii keessa akka asi achi deddeebi’an ni argan. Isaan Rabbiin ni dagatan. Kanaafu, akka of dagatan isaan taasise. Isaan sun faasiqota.[9]

Namoonni baay’een sifaataa fi waadaa Rabbiitti waan hin amanneef Aakhirah quba hin qaban. Fedhii fi beekumsi isaanii wantumaa addunyaa irraa isaanitti mul’atu qofatti kan rarra’eedha.


Kitaabban wabii:
[1] Zaadul Masiir-1089
[2] Tafsiir Xabarii-18/458, Ma’aariju Tafakkuri-15/126
[3] Ma’aariju Tafakkuri-15/126-127
[4] Tahriir wa tanwiir-21/46
[5] Zaadul Masiir-1090
[6] Madda olii, Tafsiir Muyassar-404, Ma’aariju Tafakkuri-15/127
[7] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 32-33
[8] Ma’aariju Tafakkuri-15/128-130
[9] Tafsiir Sa’dii-748

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 2
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Xumura
Offline dubbisuf

Leave a Reply