Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 6
Haadha Manaatti Tasgabbaa’u
Dhugumatti, wanta ajaa’ibaa keessaa tokko, dhiiraa fi dubartiin takkuu wal hin beekne guyyaa tokko yommuu wal argan wal jaallachuun isaan keessatti uumama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jaalala qalbii isaanii keessatti darba. Yommuu wal fuudhan dhiirri ishiitti tasgabbaa’a, ishiinis isatti tasgabboofti. Kuni mallattoolee Rabbii olta’aa keessaa tokko. Mee ibsa kanaa Suuratu Ar-Ruum irraa haa ilaallu:
“Ammas, mallattoolee Isaa keessaa, akka isaanitti tasgabooftaniif isin keessaa haadholee manaa isiniif uumuu fi jidduu keessanitti jaalalaa fi rahmata gochuudha. Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxallaniif mallattooletu jira.” Suuratu Ar-Ruum 30:21
Kana jechuun, mallaattoolee Rabbii olta’aa guddinna, guutummaa dandeetti fi rahmata Isaa agarsiisan keessaa: akka isaanitti tasgabooftaniif niitiwwan sanyii keessan irraa ta’an isiniif jecha uumuudha. Niiti fi abbaa manaa ishii jidduu jaalalaa fi mararfannaa kaa’e.[1]
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa osoo ilmaan namaa hunda dhiira godhee fi dubartoota isaanii immoo sanyii biraa irraa godhee, kan akka jinnii ykn beelladaa irraa godhe, silaa isaanii fi haadholee manaa isaanii jidduu wal ta’iinsi hin argamu ture. Kana irra, osoo niitin sanyii biraa irraa taatee, silaa walirraa dheessu turan. Ergasii ilmaan Aadaamiif rahmata gochuu irraa kan ka’e niitiwwan isaanii sanyii isaanii irra godhe, isaanii fi niitiwwan isaanii jidduu jaalalaa fi mararfannaa godhe. Dhiirri dubartii kan qabatuuf ishii waan jaallatuuf ykn rahmata ishiif gochuufi.[2]
Ishiinis isatti kan maxxantuuf isa jaallatteti ykn rahmata gochuufi. Dubartiin abbaa manaa ishii yoo jaallatte rahmata isaaf gooti. Osoo haati dubartoota hunda caalaa rahmata ilmaaf kan gootu ta’uu baatte, silaa niitin abbaa manaa ishiitiif akkuma haadha isaa rahmata gootif jennaa turre. Kanaafi, haadha abbaa, maatii fi biyya ishii dhiistee abbaa manaa ishii hordofti. Kanaafi, yommuu inni dhibamu xiyyeefannoo isatti akka kennitu ni argita. Xiyyeefannoo abbaa fi haati isaa isaaf godhan caalaa ishii irraa argata. Yoo inni gammade ni gammaddi. Yoo gadde, ishiinis ni gadditi. Yoo haalli jidduu isaanii jiru gaarii ta’e, boqonnaa isaatii fi isa gammachisuuf jette wanta qabdu hunda gurgurti. Inumaa, dubartiin gariin abbaa manaa ishiitiif rahmata gochuuf faaya ishiitii fi uffata garmalee ishii hin barbaachisne gurgurti. Shakkii hin qabu kuni rahmata.
Dhiirris akkuma kana ishii jaallata, rahmata ishiif godha. Jaalalli beekkamaadha. Osoo jaalalli isaan jidduu jiraachu baate silaa wal qunnamtiin isaan jidduutti hin argamu ture.
Jaalalaa fi rahmata bakka tokkotti fiduun ibsa daangaa ol’aanaa irra gaheedha. Sababni isaas, isaan keessaa tokko rahmatatti yoo hajame, rahmanni ni seena, jaalala irratti ni dabala. Jaalalaa fi rahmanni bakka tokkotti yoo dhufan, amaloota kanniin keessaa tokko adda ta’uu caalaa amalli baay’ee cimaa ta’ee amaloota lamaan kana irraa ni madda. Kanaafi, namni hiyyeessa ilaalcha jaalalaatin osoo hin ta’in ilaalcha rahmataatin isa ilaala. Garuu rahmanni jaalala waliin yoo walitti dhufe, kana irraa amalli guddaan ni dhalata.[3]
“Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxallaniif mallattooletu jira.”
Aayah tana keessa mallattoolee afur dandeetti, ogummaa, rahmata Rabbii fi amaloota Isaa biroo agarsiisantu jiru. Isaanis: jalqaba ilma namaatu uumuun mallatto tokko. Itti aanse “isin keessaa haadholee manaa isiniif uumuu” kuni mallattoo lammataati. Haadholee manaa sanyii namaa irraa gochuun mallattoodha. “jidduu keessanitti jaalalaa fi rahmata gochuu” kuni mallattoolee lama. Jaalala gochuun mallatto tokko, rahmata gochuunis mallattoo biraati. Mallattooleen kunniin hundi dandeetti, ogummaa, beekumsaa fi rahmataa Rabbii olta’aa agarsiisu.
Faaydaalee aayah tana irraa:
1-Kaayyoo fuudhaa heerumaa garmalee barbaachisaa ta’ee keessaa tokko haadha manaatti tasgabbaa’u fi jireenya gammachuu waliin jiraachudha. Kana “akka isaanitti tasgabooftaniif” jedhu irraa ni arganna.
2-Jaalalaa fi rahmata Rabbii qalbii jaarsaa fi jaarti keessatti darbe. Kuni mallattoolee gurguddaa irraayyi. Yeroo kaadhimattu malee dubartii hin beeknee fi si fi ishii jidduu hariiroon hin jirre, Rabbiin isin jidduutti jaalalaa fi rahmata godha. Inumaa yeroo garii jaalala abbaa fi haadhaa caalu danda’a. Shakkii hin qabu, kuni mallattoolee Rabbii irraayyi.[4] Kanaafi Rabbiin olta’aan akkana jedhe:
“Inni bishaan irra ilma namaa Kan uumee ergasii dhiigummaa fi soddaan [fira] taasiseedha. Gooftaan kee danda’aa ta’e.” Suuratu Al-Furqaan 25:54
(Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhangala’aa saalaa dhiiraa fi dubartii irraa sanyii dhiiraa fi dubartii Kan uumedha. Kana irraa firummaan dhiigaatii fi firummaan soddummaa ni madde. Gooftaan kee wanta fedhe uumuu irratti Danda’aadha.[5]
Firummaan takkaa dhiigaan ta’a kan akka haadha abbaa, obboleessa, obboleetti fi kkf, takkaa immoo soddummaan (fuudhaa heerumaan) ta’a.)
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-406
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-6/88
[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 109-110
[4] Madda olii-fuula 112-113
[5] Tafsiir Muyassar-364