Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 7
Mallattooleen gara Rabbii olta’aa akeekan samii fi dachii keessa guutanii jiru. Uumamni samii fi dachiitu mallatoolee gara Rabbii olta’aa akeekan keessaa tokkoodha. Namni mallattoolee kanniinitti yoo xinxalle: Jiraachu Rabbii olta’aa ni amana, sifaata (amaloota) Rabbii kan akka beekumsa, dandeetti, ogummaa, rahmataa fi kanneen biroo ni hubata. Kanaafu, kuni Khaaliqa olta’aa isa uumee fi too’atuuf akka ajajamu isa taasisa.
“Ammas, mallattoolee Isaa irraa uumama samiiwwanii fi dachii, garaagarummaa afaanotaa keessaniitii fi bifa keessaniiti. Dhugumatti, kana keessa beektotaaf mallatoolee jira.” Suuratu Ar-Ruum 30:22
Kana jechuun, mallattoolee dandeettin Isaa guutuu ta’uu agarsiisan keessaa: samii torban uumuu fi utubaa tokko malee olkaasu, bal’innaa fi diririinna ishii waliin dachii uumudha. Akkasumas, lugaa fi bifni keessan gargar ta’uudha.[1] Sabni addunyaa hundu lugaa mataa ofii qaba. Lugaaleen hundu garagara. Fkn, Ingiliffaa fi Arabiffi garagara. Lugaaleen akkanatti gargar ta’uun mallattoo Isaa irraayyi. Akkasumas, bifti namootaa garagara. Gariin adii, gariin diimaa, gariin gurraacha, gariin magaala. Ilmaan namaa hunduu hundee tokko irraa bahan. Innis Aadami. Kanaafu, eenyutu akkanatti lugaalee fi bifa isaanii gargar godhee?
Cophni bishaan saalaa bifa fedhe fudhachuu danda’aa? Abbaa fi haati bifa barbaadan irratti daa’ima isaanii gochuu danda’u? Kanaafu, kan akkana hojjatu jiraachu qaba. Kan akkana hojjatu Rabbii olta’aa akka ta’e ni beekkama. Kuni ragaa cimaa gara Isaa akeekudha.
Dhugumatti namoota beekumsa qaban hundaaf kana keessa barnootaa fi ragaaleetu jira. Samii fi dachii garmalee gurguddatan kanniin Kan uumee, lugaa fi bifa namootaa gargar Kan godhe akkuma duraan turanitti du’aan booda namoota deebisuun homaa Isatti akka hin ulfaanne warri beekumsa qaban ni hubatu.
“Ammas, mallatoolee Isaa keessaa halkanii fi guyyaa rafuu keessanii fi tola Isaa irraa barbaadachuu keessani. Dhugumatti, kana keessa namoota dhagayaniif mallattooleetu jira.” Suuratu Ar-Ruum 30:23
Dandeetti fi rahmata Rabbii wantoota agarsiisan keessaa: halkan ykn guyyaa keessatti hirriba isiniif boqonnaa taasise. Hirriba keessatti boqonnaan ni argama, dadhabbiin immoo ni deema. Guyyaa immoo rizqii barbaadachuuf akka faffacaatan isiniif godhe. Dhugumatti, namoota gorsa Rabbii dhagayanii ittiin gorfamaniif kana keessa mallattoolee dandeettin Rabbii guutuu ta’uu fi fedhiin Isaa hojii irra akka oolu agarsiisantu jira.[2]
Hirribni fedhii namaatiin hin ta’u. Wanti guddaan namni hojjachuu danda’u sababoota hirribni ittiin dhufu hojjachuudha. Garuu hanga rafutti qaama isaa keessaa ruuhi baasun ykn hanga dammaqutti qaama isaatti ruuhi deebisuun waan inni hin dandeenyedha. Kana irra, Rabbitu kana hojjata. Kanaafi, yeroo garii namni hirriba barbaaduun firaasha irra ciisa. rafuuf garmalee carraaqa. Ergasii rafuu hin danda’u. Yeroo garii immoo osoo inni qophii hin ta’in hirribni isa fudhata. Kanaafu Hirribni fedhii Rabbiitin ta’a.[3]
(Halkaniin rafuu fi guyyaa rizqii barbaadachuuf bittinaa’un wanta du’aan booda kaafama agarsiisuudha. Halkaniin rafuun ragaa du’a agarsiisuudha. Guyyaa ka’anii hojjachuun immoo ragaa du’aan booda kaafama agarsiisuudha.[4] Akkuma namni rafee hirribaa dammaquu, namni du’es guyyaa Qiyaamaa bakka awwaalame ni kaafama.)
Hirribni mallattoo Rabbii irraayyi. Ibsi kanaas: namni miira (feeling) qabu kuni yommuu rafu miira isaa ni dhaba. Yeroo hin rafin ruuhin haala guutuu ta’en qaaman tan wal qabatteedha. Yommuu rafuu immoo qaama irraa addaan bahiinsi wayii ni argama. Kanaafi, Rabbiin olta’aan hirriba wafaata (du’a) jechuun waame. Garuu kuni du’a ruuhin qaama irraa haala guutuu ta’een addaan baatu miti. Haa ta’uu malee, addaan bahuu cinaa qaama irraa addaan baati. Addaan bahuun cinaan jireenyi waliin hafu kuni mallattoolee Rabbii irraayyi. Rabbiin malee eenyullee kana hojjachuu hin danda’u. Akkasumas, hayyama Rabbiitin malee eenyullee qaamatti ruuhi deebisuu hin danda’u.[5]
“Ammas mallattoolee Isaa keessaa hangaasu sodaa fi kajeellaa [fidu] isinitti agarsiisa, bishaan samii irraa buusun du’a ishiitiin booda dachii ittiin jiraachisa. Dhugumatti namoota aqlii qabaniif kana keessa mallattooletu jira.” Suuratu Ar-Ruum 30:24
Wantoota dandeetti Isaa agarsiisan keessaa tokko: hangaasu isinitti agarsiisuudha. Hangaasuun hojii Rabbiin olta’aan qofti hojjatuudha. Sababa hangaasutiin bakakkaan bu’uu waan danda’uuf nama sodaachisa. Ammas, sababa kanaan roobni roobu waan danda’uuf namoota roobatti hajaman hangaasun ni kajeelchifti.[6] Namoonni yommuu hangaasu argan ykn dhagayan takkaa bakakkaan bu’uu dandeessi jechuun sodaatu, takkaa immoo roobni ni rooba jechuun kajeelu.
“bishaan samii irraa buusun du’a ishiitiin booda dachii ittiin jiraachisa.” kana jechuun dachiin erga gogdee booda bishaan duumessa irraa itti roobsun ishii jiraachisa. Dachii jiraachisuu jechuun biqiltoota biqilchuudha. Dachiin duraan gogduu turtee fi biqiltuu homaatu ofirraa hin qabne, yommuu rooba itti roobsu, biqiltoota magariisaa fi babbareedoo biqilchiti. Kana keessa mallattoo fi ragaa ifaa du’aan booda kaafamu agarsiisutu jira. Kanaafi ni jedha: “Dhugumatti namoota aqlii qabaniif kana keessa mallattooletu jira.”
Aqliin gosa lamatu jira: aqlii waa hubachuu fi aqlii qajeelinnaa.
Aqliin qajeelinnaa- lubbuu ofii waan badaa irraa qabuu fi wanta itti ajajaman hojjachuudha. Aqliin aqlii kan jedhameef abbicha wanta isa miidhu irraa waan isa qabuufi.[7]
[1] Tafsiir Muyassar-406[2] Madda olii, Tafsiir Xabarii-18/480[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 124-125[4] Tafsiir Qurxubii-16/413[5] Madda olii-fuula 126-127[6] Tafsiir Muyassar-406, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/147 [7] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-135