Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 8

Samiin garmalee guddattu tuni utubaa tokko malee akkamiitti dhaabbattii? Dachiinis osoo kirkira walii galaa hin kirkiriin akkamiitti tasgabbaa’u dandeessi? Dhugumatti, Kan duubaa isaan too’atuu fi bakkatti qabuu jiraachu qaba. Innis Rabbii olta’aa sifaanni Isaa guutuu ta’aniidha. Sifaanni Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e dandeetti Isaatiin samii fi dachii bakka isaaniitti qabe. Garuu samii fi dachiin kuni akkanumatti dhaabbachuu itti fufuu? Jireenyi tuni iddoo qormaataa waan taatef, samii fi dachiin zalaalami akkanatti itti hin fufan. Kanaafu, namoota iddoo qormaataa kaa’aman qorachuu fi jazaa isaaniif kafaluuf jireenyi lammataa dirqamaan ni barbaachisti. Kanaaf, Qiyaamaan dhaabbachuun dachiin dachii biraatin bakka buufamti, samiinis akkasuma. Ergasii namoonni qabrii keessaa ol yaa’uun gara iddoo wal gahiitti waamamu. Mee dhugaa kana suuratu Ar-Ruum irraa haa ilaallu.

30:25

“Mallattoolee Isaa irraa samii fi dachiin ajaja Isaatiin dhaabbachuudha. Ergasii yeroo Inni waamicha tokko dachii keessaa isin waame, yeroma san isin ol baatu.” Suuratu Ar-Ruum 30:25

Mallattoolee dandeetti Isaa agarsiisan keessaa samii fi dachiin ajaja Isaatiin dhaabbachuu fi tasgabbaa’uudha. Lamaan isaanitu hin kirkiran, samiin dachii irratti hin kuftu. Ergasii yommuu Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gara kaafamaatti isin waamu, isin yoosu hatamtamaan qabrii keessaa ol yaatu.[1]

“yeroo Inni waamicha tokko dachii keessaa isin waame” jechuun isin dachii keessa taatanii osoo jirtanuu yommuu Inni isin waame. Kuni akka “Ani mana keessaa isa waame” jechuuti. Ani mana keessaa isa waame jechuun “ani mana keessa jira” jechuu miti. Garuu, inni mana keessa osoo jiru akka argamu (gadi bahu) isa waame.[2] Ammas akkana ni jedhama: Ebaluun gubbaa gaaraa irraa waamee natti gadi bu’e. Kana jechuun osoo inni gaara gubbaa jiruu akka natti gadi bu’u isa waame.[3]

Guyyaa Qiyaamaa yommuu Rabbiin azza wa jalla qorannoo fi jazaaf namoota du’an jiraachisuun waamu, isaan yoosu qabrii keessaa yaa’un dirree wal-qixxaa’a irratti argamu.

30:26

“Samiiwwanii fi dachii keessa kan jiru hundi kan Isaati. Hundu Isaaf ajajamoodha.” Suuratu Ar-Ruum 30:26

Malaaykonni samii keessa jiranii fi namoonni, jinnoonni fi lubbu-qabeenyin biroo dachii keessa jiran hundi Kan Rabbii qofa. Isa qofatu Isaan uume. Kanaafu, isaan uumamtootaa fi gabroota Isaati. “Hundu Isaaf ajajamoodha.” Kana jechuun samiiwwanii fi dachii keessa kan jiran hundu ajaja Isaatiif masakamu, guutummaa Isaatiif gadi jedhu.

Asitti namoonni fi jinnoonni harka caalaan ajaja Isaa kan didan ta’anii osoo jiranu akkamitti hundi isaanitu ajajamoo jechuun danda’amaa jedhee namni gaafachuu danda’a. Deebiin akkana: ajajamuun bakka lamatti qoodama: ajaja kawniyyiif ajajamuu fi ajaja shari’aatiif ajajamuudha.

Ajaja kawniyyiif ajajamuun-wanti Rabbiin samii fi dachii keessatti akka argamu yoo ajaje, wanti suni akkuma Inni ajajetti argamuudha. Fakkeenyaf, Rabbiin nama tokko irratti du’a yoo murteesse, namni kuni ni du’a. Namni biraa akka dhalatu yoo murteesse, ni dhalata. Yeroo Qiyaamaan dhuftu namoonni akka ka’an yoo ajaje, hundi isaaniitu dirqamaan qabrii keessaa ni ka’u. Kuni ajaja kawniyy uumamtoonni kamu jalaa hin baanedha. Hundi isaaniitu ajaja Isaatiif ni masakamu. Kanaafu, ajajamun aayah armaan oli keessatti barbaadame ajajamu gosa kanaati.

Ajaja shari’aatiif ajajamuun immoo shari’aa Rabbiin olta’aan karaa nabiyyootaatiin buuseef ajajamuudha. Kuni mu’mintoota qofaaf ta’a.[4] Kana jechuun warra dhugaan amanan qofatu shari’aa Rabbiitti bula.

30:27

“Inni uuminsa Kan jalqabu, ergasii deebisuudha. Suni (deebisuun) Isa irratti baay’ee salphaadha. Samiiwwanii fi dachii keessatti amaloonni ol’aanon kan Isaati. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Ar-Ruum 30:27

Rabbiin qofatu uumama dhabama irraa argamsiisa, ergasii du’aan booda jiraataa godhee deebisa. Isaan uumuu caalaa du’aan booda jiraataa godhee uumama deebisuun Rabbiin irratti baay’ee salphaadha. Uumama jalqaba uumu fi lamuu deebisuun Isarratti salphaadha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samiiwwanii fi dachii keessatti amaloota (sifaataa) ol’aanoo qaba. Sifaanni guutuun hundi Kan Isaati. Sifaata hanquu hunda irraa Inni qulqulluudha. Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni dhagayaa, Argaadha. Inni Injifataa hin moo’atamneedha. Dubbii fi hojii Isaa keessatti ogeessa.[5] Wanta hundaa bakka Isaaf malu kaa’a. Wanta hojjatu hunda kaayyoo guddaaf hojjata.


[1] Tafsiir Muyassar-407 [2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-139 [3] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/80 [4] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-142-143 [5] Tafsiir Muyassar-407, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-148

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 9
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 7

Leave a Reply