Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 9

Offline dubbisuf

Gabrichi Gooftaan wal hin qixxaa’u
Namoonni jireenya keessatti nu fayyada ykn miidhaa nurraa deebisa jechuun Rabbii olta’aan alatti wanta biraa gabbaru (waaqefatu). Gabbarriin (ibaadaan) isaan wantoota kanniiniif godhan soba akka ta’e haala kanaan fakkeenyaan ni arganna:

Inni ofuma keessan irraa fakkeenya isiniif dhiyeessa: mirgi keessan kan dhuunfate keessaa wanta isiniif kennine keessatti shariika (qooda kan fudhatu) qabduu? Kanaafu, isin isa keessatti wal-qixxaa’oodhaa? Akkuma wal sodaattan isaan ni sodaattuu? Akka kanatti namoota aqlii qabaniif keeyyattoota addeessina.” Suuratu Ar-Ruum 30:28

Kana jechuun, yaa mushrikoota! Rabbiin isinuma keessaa fakkeenya isiniif dhiyeessa: gabroota keessan keessaa kan qabeenya keessan keessatti isin waliin qooda kan fudhatu jiraa? Isinii fi isaan wal qixa akka taatanitti ni ilaaltuu? Qabeenya keessan qoodachuu keessatti akkuma namoota bilisaa sodaattan gabrootas ni sodaattuu? Isin kanatti hin gammaddan. Kanaafu, uumamtoota Isaa keessaa Isaaf shariika gochuun akkamitti gama Rabbii keessatti kana jaallattuu?[1]

“mirgi keessan kan dhuunfate” kana jechuun gabroonni keessan. Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman Araboonni gabroota bituun hojii hojjachiifatu. Akkuma beekkamu gabrichi ykn gabrittiin nama isa/ishii bite jalatti bula. Wanta bulchaan isaa jedhe hunda hojjata. Garuu gabrichi kuni bulchaa isaa waliin qabeenya hin qoodatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala soba shirkii ibsuuf wantuma isaan beekan irraa fakkeenya isaaniif dhiyeesse: sila gabroonni isin horattan qabeenyaa fi ijoollee isin irraa qoodachuu danda’uu? Kanaafu, isinii fi gabroonni keessan wal qixxooftu? Akkuma wal sodaattan gabroota keessan ni sodaattuu?

Deebiin: lakki. Gabroonni keenya wanta nuuf kenname keessatti shariikota keenyaa miti. (Nu waliin qooda hin fudhatan). Gabrichi kee qabeenya kee keessatti qooda hin fudhatu. İjoollee tee keessattis qooda hin fudhatu. Wanta qabdu kamiyyu keessatti siin wal qixxaa’un qooda fudhachu hin danda’u. Kuni erga akkana ta’ee, sanamoota kanniin uumamtoota Rabbii ta’anii osoo jiranuu maaliif Rabbiin waliin shariikota gootuu?

Kanaafu, kuni fakkeenya ifa ta’eedha. Akkuma gabroonni keessan sadarkaadhaan isiniin wal hin qixxoofne, qabeenya keessattis isin waliin qooda fudhachuu hin dandeenye, akkuma kana sanamoota fi uumamtoonni biroo Rabbiin wal qixxaa’u hin danda’an, haqa Isaa keessatti Isa waliin qooda fudhachuu hin danda’an.[2] Sababni isaas, uumamtoonni kunniin gabroota Isaati.

Mushrikoonni akkana jechuun isaan irra jira: wanta nuuf kennite keessatti gabroonni keenya nu waliin qooda hin fudhatan. Ergasii akkana isaaniin jedhama: gabroonni keessan isin waliin qooda fudhachuu irraa of qulqulleessitanii gabroota Kiyya naaf shariikota gochun keessan akkamitti yaaddamaa? Kuni murtii badaa, ilaalcha xiqqaa fi jaaminsa qalbiiti. Wanta bulchitoonni qaban keessatti gabroonni bulchitoota waliin qooda fudhachuun erga dhabame, uumamtoonni hundi gabroota Rabbii waan ta’aniif, aalama keessaa waa Rabbiif shariika ta’uun ni dhabamaa jechuudha. Kanaafu, Inni tokkicha, shariikni Isaaf ta’uun gonkumaa hin danda’amu.[3]

Fakkeenya kanarraa kuni ifa ta’a: namni Rabbii gadiitti wanta biraa shariika godhachuun gabbaru fi dhimma isaa keessatti isarratti hirkatu, isa bira haqni homaatu hin jiru (wanti kuni gabbarrin (ibaadan) isaaf hin malu.) Kanaafu, maaltu dhimma sobaa sobni isaa ifatti bahetti akka tarkaanfatu isa taasisee ree? Deebiin: kan kanatti akka tarkaanfatan isaan taasise fedhii lubbuu hordofuudha.[4] Kanaafi, Rabbiin olta’aan ni jedha:

30:29

“Garuu warri zulmii hojjattan beekumsa malee fedhii lubbuu ofii hordofan. Nama Rabbiin jallise eenyutu qajeelchaa? Gargaartonni homaatu isaaniif hin jiran.” Suuratu Ar-Ruum 30:29

Kana jechuun mushrikoonni beekumsa malee abbooti isaanii akkeessuun fedhii lubbuu isaanii hordofan. Kanaafu, wallaallummaa fi jallinna keessatti isaan waliin qooda fudhatan. (Akkuma abbootin isaanii Rabbii olta’aan alatti wanta biraa gabbaran isaaniis akkasuma godhan. Wanti isaan hojjatan kuni beekumsaa fi ragaa qabatamaa irratti kan hundaa’e osoo hin ta’in fedhii qullaa hordofuudha.)

Sababa inni kufrii fi diddaa itti fufuu isaatiif nama Rabbiin jallisee eenyullee qajeelchu hin danda’u. Namoota kanniiniif gargaartonni adabbii Rabbii jalaa nagaha isaan baasan hin jiran.[5]

Gabroonni bulchitootaan wal qixxaa’un qabeenyaa fi ijoolle isaanii isaan irraa qooddachu hin danda’an. Uumamtoonni hundi gabroota Rabbii waan ta’aniif hojii ykn ibaada Isarraa qooddachu hin danda’an. Kanaafu, ibaadan hundi Rabbii tokkicha qofaaf ta’a.


[1] Tafsiir Muyassar-407[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-148[3] Tafsiir Qurxubii-16/420[4] Tafsiir As-Sa’dii-752 [5] Tafsiir Muyassar-407

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 10
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 8
Offline dubbisuf

Leave a Reply