Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 10

Islaamni Amanti Fixraati
Fixraa jechuun uumama Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota irratti uumedha. Fkn, haqa jaallachuun, zulmii jibbuun fixraadha. Namni jireenya keessatti takkaa wanta isa keessatti uumamen (fixraan) takkaa sammuun itti yaadun muxannoo argateen takkaa immoo qajeelcha Rabbii olta’aa irraa dhufeen (shari’aadhaan) karaa qajeelaa irra deema. Kunniin sadan (fixraan, sammuu fi shari’aan) kan walitti galanii fi wal jabeessaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala fixraa fi sammuu ittiin yaadan erga namaaf kenne booda karaa ergamtootaatiin shari’aa buusun fixraa fi sammuu kana ni guuteef. Kanaafu, namni shari’aa Isaa hordofe, sammuu fi fixraan isaa ni guuttama, jallinnaa fi badiinsa irraa ni eeggama. Namni hordofu dide immoo sammuun isaa ni hir’ata, wanta fixraa isaatiin wal diigu hojjata. Dhumarratti ni jeeqama. Gammachu dhaba. Kanaafu, Islaamni amanti uumama namaatin walitti galuudhaa jechuudha. Mee ragaa kanaa haa ilaallu:

30:30

“Gara haqaatti dabuun fuula kee amantiif qajeelchi. Fixrah Rabbii kan Inni namoota hundaa irratti uume [qabadhaa]. Uumama Rabbii jijjiruun hin jiru. Santu amanti qajeeladha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Ruum 30:30

Haniifaa jechuun shirkii fi ma’asiyaa irraa gara tawhiidaa fi Rabbiif ajajamuutti dabuudha.[1] Tahwiida fi Rabbiif ajajamuun haqa. Shirkii fi ma’asiyaan immoo soba.

Fuula Amantiif qajeelchun kan ta’uu osoo bitaa fi mirga hin mil’atin adeemsa jireenyaa keessatti namni karaa Rabbii irratti fuula isaa qajeelaa gochuudha. Kunis karaa lamaan ta’a: 1ffaa-niyyaa Rabbiif qulqulleessu. Kuni ikhlaasa jedhama. 2ffaa-shari’aa hordofuu. Kuni Nabiyyii (SAW) hordofuudha.

Kanaafu, “Gara haqaatti dabuun fuula kee amantiif qajeelchi.” Jechuun shirkii fi ma’asiyaa irraa gara Rabbiin tokkichoomsu fi Isaaf ajajamuutti dabuun amantii Rabbiif qulqulleessi, shari’aa Isaa hordofi.

Asitti adeemsa namaa ibsuuf h “fuula” jedhu ni filate. Sababni isaas, namni itti fufiinsa waliin fuulaan gara wanta tokkootti qajeeluun adeemsa keessatti karaa isaa filachuu agarsiisa. Akkasumas, qaamoleen miiraa dhageetti fi argitu fuula keessa jiru. Qaamoleen miiraa kunniin adeemsa karaa isaa keessatti kan nama too’ataniidha.[2] Namni karaa naaf ta’a jedhe arge ykn dhagayee keessa deemuuf carraaqa.

Asitti amantiin barbaadamee amanti haqaa Rabbiin gabrootaaf kaa’edha. Amantin kunis Islaama. “fuula kee amantiif qajeelchi” jechuun qalbii fi qaama keetiin itti garagaluun gara amanti Islaamaa fuula kee qajeelchi, hordofuu itti fufi.[3]

Gara wanta tokkotti fuula qajeelchuun wanta san hordofuu fi faallessu dhiisu barbaachisa. Kanaafu, fuula amantiif qajeelchuun ikhlaasaa fi Rasuula (SAW) hordofuu of keessatti qabata. Hojiin kamiyyuu ikhlaasaa fi shari’aa hordofuu irratti hin hundoofne baaxila (bu’aa homaatu hin qabu). Sababni isaas, hojiin yoo ikhlaasa dhabe shirkii ta’a. Yoo shari’aa hordofuu dhabee immoo bid’aa ta’a. Nabiyyiin (SAW) akkana jedhanii jiru: “Hojiiwwan hundi niyyaani.” Kuni Ikhlaasa. Ammas ni jedhe: “Namni hojii dhimmi keenya irra hin jirre hojjate, suni deebifamaadha (fudhatama hin qabu).” Kuni shari’aa hordofuudha.[4]  

“Fixrah Rabbii kan Inni namoota hundaa irratti uume [qabadhaa].” Fixrah jechuun uumama Rabbiin namoota irratti uume fi, qalbii fi sammuu isaanii keessa kaa’edha.  Fakkeenyaaf, wanta gaarii jaallachuu fi wanta fokkuu jibbuun uumama Rabbiin namoota irratti uumee fi qalbii isaanii keessa kaa’edha. Ammas,namni luka lamaan deemuun fixraadha. Garuu lukaan waa fuudhun faallaa fixraati.

Fixraan aayah tana keessatti barbaadame: Rabbiitti amanuu fi Isa tokkichoomsu (tawhiida). Namni kamiyyuu Gooftaa isa uume akka qabu keesso isaatti ni beeka. Rabbiin tokkicha haqaan gabbaramu akka ta’e keesso isaatti ni beeka. Kuni fixraadha. Shirkiin immoo faallaa fixraati.

Islaamni amanti fixraati. Sababni isaas, hundee fi dameen isaa wanta Rabbiin namoota irratti uumeen kan walitti galuu fi hin faallessineedha. Islaamni sammuu ilma namaa keessatti wanta fokkuu jedhame hundarraa ni dhoowwa. Wanta sammuu qulqulluu taate keessatti gaarii ta’e hundatti ni ajaja. Kanaafu Islaamni fixraadha. Namni kana keessaa bahe, fixraa faallessee fi balleessee jira.[5] Akkuma Nabiyyiin (SAW) jedhan: “Daa’imni dhalatu hundi fixrah irratti dhalata. Ergasii haadha abbaan isaa takkaa yaahudaa takkaa kiristaana takkaa immoo majuusa isa godhu.” (Sahiih Al-Bukhaari 1385)

Amantiin yahuuda, kiristaanaa fi majuusa shirkii irratti waan hundaa’aniif fixraa (uumama Rabbiin irratti uume) faallessu. Islaamni immoo tawhiida irratti waan hundaa’eef, amanti fixraati. Ammas, Islaaman ala amanti biroo keessa wanta uumama namaa waliin hin deemnetu jira. Fakkeenyaf, Kiristaanummaan molokse fuudhaa heeruma irraa ni dhoowwa. Kuni uumama kan faallessuudha. Islaamni immoo fuudhaa heerumatti nama fuudhu danda’u hunda ni ajaja. Kuni wanta uumama namaa waliin deemudha. Shari’aan Islaamaa uumama namaatti kan galuudha.

Kanaafu, Islaama qabachuun uumama Rabbiin namoota irratti uume qabachuudha.

“Uumama Rabbii jijjiruun hin jiru.” Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-Uumama Rabbiin namoota irratti uumee hin jijjirinaa. Fakkeenyaaf, shirkiidhaan amanti uumamaa isaanii hin jijjirinaa 2ffaa- Uumama Rabbiin namoota irratti uumee eenyullee jijjiruu hin danda’u.[6]

“Santu amanti qajeeladha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.”  Kana jechuun amantin Islaamaa amanti qajeelaa jaalala Rabbii fi Jannata Isaatti nama geessudha. Garuu namoonni irra hedduun (baay’een) amantin kuni qajeelaa fi haqaa ta’uu hin beekan. Osoo beekanillee hin hordofan.[7]

Namni akkana jechuun gaafachu danda’a: Islaamni amanti fixrah fi qajeelaa erga ta’ee namoonni baay’een akkamitti amanti kanarraa garagalu ree?” Deebiin itti aansun ni dhufe: “Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.”  Fedhiin isaanii Aakhirah irraa garagaluun addunyaa tana qofatti waan maxxaneef haqiiqaa (dhugaa) amanti kanaa hin beekan. Sababa isaan beekumsa sirrii argachuuf carraaqu dhiisaniif Islaamni amanti fixrah fi qajeelaa ta’uu hin beekan.[8]

“Gara Isaatti deebi’uun [diini (amantii) Isaa qabadhaa]. Isa sodaadhaas, salaatas sirnaan salaataa, mushrikoota irraas hin ta’inaa. Warra amantii isaanii qoqqoodanii fi garee garee ta’an irraa [hin ta’inaa]. Gareen hundu wanta isaan bira jirutti gammadu. ” Suuratu Ar-Ruum 30:31-32

Gara Isaatti deebi’uun [diini (amantii) Isaa qabadhaa]. Isa sodaadhaas, salaatas sirnaan salaataa, mushrikoota irraas hin ta’inaa.” Kana jechuun tawbaa fi hojii Isaaf qulqulleessuun gara Rabbiitti kanneen deddeebi’an ta’aa. Wanta itti ajajamtan hojjachuu fi wanta irraa dhoowwamtan dhiisuun Isa sodaadhaa. Arkaana, dirqamaa fi sharxiwwan guutuun salaata sirnaan salaataa. Namoota Rabbiin waliin waan biraa gabbaran keessaa hin ta’inaa.[9] Muslimni mushrikoota waliin wanta isaan gabbaran gabbaruu irraa ni dhoowwama. Osoo shirkii xiqqaa ta’eellee shirkii kanarraa dheessu qaba. shirkii guddaa yoo ta’ee dhoowwan garmalee jabaata. Fkn, kan akka taabotaf ykn masqalaaf ykn qeysiif gadi jechuu. Kuni hundi shirkii gurguddaa waan ta’eef Muslimni irraa fagaachu qaba. Ammas, ibaada hojjatu keessatti na argaaf (riyaaf) ykn na dhagayaaf hojjachu irraa fagaachu qaba. 

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti aanse haala mushrikootaa (namoota Isaan ala wanta biraa gabbaranii) ni dubbate: “Warra amantii isaanii qoqqoodanii fi garee garee ta’an irraa [hin ta’inaa].” Amantiin tokko ta’ee osoo jiru namoonni kunniin amantii isaanii ni qoqqoodan, garee garee ta’an. Amantiin kunis ibaadaa Rabbiif qulqulleessudha. Garuu mushrikoonni kunniin amanti haqaa kanarraa fottoquun amanti adda addaa godhatan. Isaan keessaa nama sanamaa fi taabota gabbarutu jira. Ammas, nama aduu fi ji’a gabbarutu jira. Ammas, isaan keessaa nama awliyaa’a fi saalihota gabbarutu jira. Kanniin keessaa yahuudotaa fi kiristaanonni ni eeramu.

garee garee ta’an” kana jechuun garee shirkii irraa gareen hundi soba isaan bira jiru deeggaruu fi isaaniin ala namoota jiranitti duuluuf wal ta’an. Namoonni amanti fixrah irraa erga fottoqanii amantii mataa ofii uummachuun amanti ni qoqqoodan. Fkn, Kiristaanonni garee garee ta’an. Pirootestaanti, Ortodoksi, kaatoliki, hawaariyaata, maali maali jechuun garee garee ta’an.

Gareen hundu wanta isaan bira jirutti gammadu. ” Gareen hundi “nuti haqarra jirra, namoonni biroo immoo sobarra jiru” jechuun odeessu. Amantii sobaa uumanitti ni gammadu. Sababni isaas, wanti haarofti isaan uuman kuni faayda addunyaa argachuuf isaan tajaajila. Keessumayyuu hoggantoonni,  matootii fi warri faayda guddaa argatan kanatti ni gammadu.[10] Garuu gammachuun gammachuu badaadha. Sababni isaas, kuni baaxilatti (sobatti) gammaduudha. Xumurri isaa adabbiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:159

“Dhugumatti warroonni amanti isaanii qoqqoodanii fi garee garee ta’an, ati homaa keessattu isaan irraayyi miti. Dhimmi isaanii gara Rabbiiti. Ergasii wanta hojjataa turan isaanitti beeksisa.” Suuratu Al-An’aam 6:159

Kana jechuun warroonni Rabbiin tokkichoomsu fi shari’aa Isaatti buluu irratti erga tokkoomanii booda amantii isaanii qoqqoodanii garee garee ta’an, Yaa Rasuula ati isaan irraa qulqulluudha. Murtiin isaanii gara Rabbii qofa. Ergasii dalagaa hojjataa turan isaanitti hima. Isaan keessaa nama tawbatee fi hojii isaa bareechise mindaa kennaaf. Nama badii hojjate immoo badii isaatin ni adaba.[11]

Aayah armaan olii keessatti Muslimoota amanti qoqqoodu irraa akeekachiisa.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-173 [2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur-15/154 [3] Tafsiir Sa’dii-752 [4] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-173-174 [5] Tafsiir Sa’dii-752, Zaadul Masiir-1094, Tahriir wa tanwiir-21/89-90 [6] Tafsiir Ibn Kasiir-6/93, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-179 [7] Tafsiir Muyassar-407, Tafsiir Sa’dii-753 [8] Tafsiir tahriir wa tanwiir-21/94, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur-15/15 [9] Tafsiir Muyassar-407 [10] Tafsiir Sa’dii-753, Ma’aariju tafakkuri-15/156 [11] Tafsiir Muyassar-150

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 11
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 9

Leave a Reply