Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 13
Badiin Lafaa fi Galaana irratti Mul’atee
Yeroo amma akkuma beekkamu, lafaa fi galaana keessatti badiin (fasaanni) garmalee baay’ate jira. Sababni badii kanaa maali jedhamee yoo gaafatamee wanta harki namaa hojjateedha. Mee dhugaa kana aayah tana keessatti haa ilaallu:
“Sababa harki namootaa hojjateen lafaa fi galaana keessatti fasaanni mul’ate. Kanaafu, akka isaan deebi’aniif [adabbii] wanta garii isaan hojjatanii isaan dhandhamsiisa.” Suuratu Ar-Ruum 30:41
Fasaanni jechuun haalli badaa ta’uudha. Fasaanni faallaa fooyya’iinsaati. “Sababa harki namoota hojjateen” jechuun sababa cubbuu, dilii fi badii namoonni hojjataniin lafaa fi galaana keessatti fasaanni mul’ate. Fasaanni kuni lafa keessatti roobni xiqqaachuu, hoongeen argamuu, dhibeen baay’achuu, qilleensi baramaan faalamu fi kkf. Galaana keessattis qurxumiileen du’uu fi kanneen biroo. [1]
Sababa namoonni cubbuu fi badii hojjataniin haalli jireenya isaanii badaa ta’a. Cubbuun hundarra guddaan shirkiidha.
“Kanaafu, akka isaan deebi’aniif [adabbii] wanta garii isaan hojjatanii isaan dhandhamsiisa.” Kana jechuun ma’asiyaa irraa buqqa’anii gara Rabbii akka deebi’aniif adabbii hojii isaanii isaan dhandhamsiisa. Fkn, hoongen adabbii hojii isaaniiti. Sababa isaan cubbuu hojjataniin hoongee isaanitti buusa. Kanaafu, gara Rabbii deebi’anii akka jireenyi isaanii fooyyoftuuf hoonge isaanitti buusa.
Faaydaa aayah tana irraa argatan keessaa:
Faayda tokkoffaa: sababni jireenya keessatti haalli namoota baduu (fasaadaa) hojii ilma namaati. Rabbiin olta’aan akkana waan jedheef: “Sababa harki namootaa hojjateen” Kanarratti dabalatee jechi Rabbii olta’aa ni agarsiisa:
“Osoo warri magaalootaa amananii fi Rabbiin sodaatanii, silaa samii fi dachii irraa barakaa isaan irratti bannaa turre. Garuu isaan ni kijibsiisan, kanaafu wanta hojjataa turaniif isaan qabne.” Suuratu Al-A’araaf 7:96
Samii fi dachii irraa barakaa isaaniif banuun samii irraa rooba roobsuu fi dachii keessaa biqiltoota biqilchuudha. “kanaafu wanta hojjataa turaniif isaan qabne.” Sababa hojii badaa hojjataa turaniif adabbiin, balaa fi barakaa dhabamsiisuun isaan qabne.
Faayda 2ffaa: namoonni sababa malee akkanumatti hin adabaman. Rabbiin olta’aan waan akkana jedheef, “sababa harki namootaa hojjateen.” Kanarraa faaydan biraa ni baha: namni adabbiin akka isarraa ka’u barbaade gara Rabbii haa deebi’u (haa tawbatu). Tawbachuun sababoota adabbii ittiin namarraa ka’uu fi mindaa ittiin argatan keessaa tokko. Kanaafi Huud ummata isaatiin akkana jedhe:
“Yaa Ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbadhaa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaa. Humna keessan irrattis humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa hin garagalinaa.” (Suuratu Huud 11:52)
Faayda 3ffaa-Tarii adabbiin gara Rabbiitti deebi’uuf sababa ta’uu danda’a. “akka isaan deebi’aniif” waan jedheef.[2]
Dachii Keessa Deemun Warra badan ilaalu fi barnoota irraa fudhachu
Jedhi, “Dachii keessa deematii xumurri warra duraanii akkam akka ture ilaalaa. Irra hedduun isaanii mushrikoota turan.” Suuratu Ar-Ruum 30:42
Kana jechuun, yaa nama gara haqaatti namoota waamu hoo! Mushrikootaan akkana jedhi, “dachii keessa deematii iddoo jireenyaa namoota isiniin dura Rabbiitti kafaranii fi Ergamtoota Isaa kijibsiisanii ilaalaa. Xumurri dhimma isaaniitii fi booddeen Ergamtoota Rabbii kijibsiisuu fi kufrii isaanii akkam turee? Adabbiin isaan hin balleessinee? Warra isaan booda dhufaniif barnoota hin goonee? “Irra hedduun isaanii mushrikoota turan” kana jechuun sababa irra hedduun isaanii Rabbiin waliin waan biraa gabbaraa turaniif ni badan (dachii irraa ni duguuggaman).[3]
Dachii keessa deemuun takkaa qaaman ta’a takkaa immoo qalbiin ta’a. Qaaman dachii keessa deemu jechuun miilan deemuun iddoo namoonni kunniin itti badan ilaalanii barnoota irraa fudhachuudha. Qalbiin deemuun immoo seenaa isaanii dubbisuun xumurri isaanii akkam akka ture itti xinxalluudha.[4]
“Irra hedduun isaanii mushrikoota turan” yommuu jedhu shirkii irraa akeekachiisa. Yaa namoota shirkii hojjattan! Akkuma ummata isiniin duraa shirkii hojjachuu yoo itti fuftan, xumurri keessan akkuma xumura isaanii ta’aatii of eeggadhaa.
Guyyaan Qiyaamaa dhufuun Dura Amanti Qajeelaa (Islaama) sirritti qabadhu
“Guyyaan deebisaan isaaf hin jirre Rabbiin irraa dhufuun dura fuula kee amantii qajeelaaf qajeelchi. Guyyaa san addaan fooyamu.” Suuratu Ar-Ruum 30:43
Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa Rabbiin irraa dhufuun dura amanti qajeelaa gadi dhaabuuf qalbii keetiin itti garagalii, fuula keetin itti qajeeli, qaama keetin carraaqi, Kanaafu ajajoota fi dhoowwaa isaa ciminnaan hojii irra oolchi. Keessaa fi alaan dirqamoota isaa bakkaan gahi. Guyyaan deebisaan isaaf hin jirre Rabbiin irraa dhufuun dura yeroo, jireenyaa fi dargaggummaa kee saamadhu.
Amantiin qajeelaan kuni Islaama. Guyyaan deebisaan isaaf hin jirre immoo Guyyaa Qiyaamaati. Guyyaan kuni dhufnaan eenyullee isa deebisuu hin danda’u. Namoonni hojii gaggaarii lamuu irra deebi’anii akka hojjataniif carraan isaaniif hin kennamu. Kana irra, yeroon hojii xumuramee jira. Jazaa malee homtu hin hafne. “Guyyaa san addaan fooyamu.” Guyyaa san namoonni hojii isaanii irratti hundaa’e garee adda addaatti qoqqoodamu. Warri ibiddaa hojii isaanii irratti hundaa’e garee gareen gara ibiddaa oofamu. Warri Jannataas hojii isaanii irratti hundaa’e garee gareen gara Jannataa oofamu.[5]
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-408, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/110-111
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-257-259
[3] Tafsiir Xabarii-18/514, Zaadul Masiir-1096
[4] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-262
[5] Tafsiir Sa’adi-755, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/171