Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 14

Offline dubbisuf

Namni kafare miidhaan kufrii isumarratti deebi’a
Namni yommuu kafaruu fi Islaama hordofuu dhiisu gara fuunduraatti miidhaan homaatu isarra akka hin geenye godhee yaada. Garuu dhimmichi faallaa inni yaadeti. Namni yommuu Rabbii isa uumeetti kafaruu fi Isaaf ajajamu diduu, adabbii Isaatiif of saaxila. Kanaafu, kafaruun isaa kuni isuma miidha. Mee dhugaa kana aayah armaan gadi keessatti haa ilaallu:

30:44

Namni kafare kufriin isaa isumarratti ta’a. Namoonni dalagaa gaarii hojjatan immoo lubbuma ofiitiif qopheeffatu.” Suuratu Ar-Ruum 30:44

Kana jechuun namni kafaree, adabbiin kufrii isaa isarratti ta’a. Adabbiin kunis ibidda keessa zalaalamii turuudha. Namoonni amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo nafsee ofiitiif Aakhiratti hojii gaggaariin firaashaa fi mana qopheefatu.[1]

 “yamhaduun” -“diriirsu, laaffisuu”.[2] Ni jedhama: waqad mahadtu firaasha mahdan. Kana jechuun “ani firaasha diriirsee jira.”[3] Hojii isaanii keessatti haalli mu’mintoota haala nama firaasha isaa diriirsuu fi wal qixxeessun wal fakkaata.[4] Namni boqonnaa fi mijaa’inna guutuu argachuu fi wanta isa jeequ irraa nagaha ta’uuf firaasha isaa ni diriirsa, ni tottolcha. Haaluma kanaan, mu’mintoonnis Aakhiratti boqonnaa fi gammachuu guutuu argachuu fi azaaba (adabbii) jalaa nagaha bahuuf addunyaa keessatti hojii gaggaarii qulqullinnaan hojjatu. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa yommuu dhufan boqonnaa guutuu boqatu jechuudha.

Namni kafare ofuma miidha. Namni amanee fi hojii gaggaarii hojjate immoo Aakhiratti iddoo gaarii qopheefata.

30:45

“Tola Isaa irraa warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan mindeessuuf [Guyyaan Qiyaamaa ni dhufa]. Dhugumatti, Inni kaafiroota hin jaallatu.” Suuratu Ar-Ruum 30:45

Kana jechuun Rabbiin guddaan olta’ee tola Isaa irraa mindaa guddaa warra amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif kennuuf Guyyaa Guddaa kana qopheesse. Kaafironni immoo Rabbiin isaan hin jaallatu. Tola Isaa irraa qooda hin qaban. Kana irra, haqummaa Isaa irraa qoonni isaanii adabbii ibiddaa keessa yeroo hunda turuudha.[5]

warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan mindeessuuf.” Ulaagaalee lamaan kanatti xiyyeefannoo itti kenni: Amanuu (iimaanaa) fi hojii gaarii. Amanuun qofti gahaa miti. Hojiin gaariin qoftis gahaa miti. Kuni iimaanni (amanuun) hojii gaariin yoo walitti hidhameedha. Asitti iimaanni qalbiin ta’a. Namni hanga fedhe hojii gaarii osoo hojjatee garuu qalbii keessaa iimaana yoo hin qabaatin, hojiin gaariin inni hojjate kuni homaa isa hin fayyadu. Munaafiqni ni salaata, ni arjooma, tarii jihaadas bahuu danda’a, garuu hojiin isaa homaa isa hin fayyadu. Sababni isaas, qalbii isaa keessa iimaanni hin jiru.[6] (Qalbii isaatiin arkaana iimaanaa jahanitti hin amanne, ikhlaasa hin qabu.) 

Hojii gaggaariin qalbiin amanuu (iimaana) irratti hundaa’a.

Mallattoolee Isaa irraa Bubbee Erguu

30:46

Mallattoolee Isaa keessaa: [roobaan isin] gammachisuuf, rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuuf, dooniin ajaja Isaatiin akka deemtuuf, tola Isaa irraa akka barbaadattanii fi akka galateefattaniif bubbee erguudha.” Suuratu Ar-Ruum 30:46

Kana jechuun mallattoolee sifaata Rabbii agarsiisan keessaa: yaa namoota roobaan isin gammachiisuuf, rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuuf, doonin ajaja Isaatiin galaana keessa akka deemtuuf, isinis doonii kana fayyadamuun tola Isaa irraa akka barbaaddattanii fi galata Isaaf galchitaniif bubbee erguudha.[7]rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuuf”- kuni bu’aa rahmata Isaa kan ta’e rooba, midhaan, kuduraa fi fuduraalee of keessatti qabata. “dooniin ajaja Isaatiin akka deemtuuf”  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dooniin galaana keessa akka deemtuuf bubbee erga.

Kanaafu, bubbee keessa faayda lama gurguddaatu jiraa jechuudha:
-duumessa qilleensa samii keessa oofuu
-doonii galaana irra oofuu.

Duumessaa fi doonin qananii baay’ee baadhatu. Duumessi bishaan bu’uura jireenyaa ta’e baadhata. Dooniin immoo rizqii, namootaa fi beelladoota baadhatti.

“tola Isaa irraa akka barbaadattaniif” – doonii tana yaabbachuun rizqii akka barbaadattaniif. Namoota meeqatu daldalli isaanii galaana irra ta’e. Karaa dooni tanaatiin rizqii bakka tokko irraa bakka biraatti dabarsu. Osoo doonin tuni jiraachu baatte, silaa galaana (bahar) gamaa gara biraatti rizqii dabarsuun garmalee ulfaataa ture. Garuu Rabbiin azza wa jalla rizqii fi qananiiwwan kunniin bakka tokko irraa bakka biraatti akka dabarfamaniif doonii kana godhe.

“akka galateefattaniif” Kuni wanta qananii irraa barbaadamuudha. Qananii keessaa fi alaa lakkoofsa hin qabne kan Rabbiin isin irratti ooleef akka Isa galateefattaniif kana hunda isiniif godhe. Shukrii (galateefachu) jechuun kan nama qananiseef ajajamuudha. Kunis arrabaan, qalbii fi qaaman ta’a. Shukriin qalbiin yommuu jennu: namni qananiin kuni Rabbiin irraa akka ta’e, kan isaaf laaffise fi isaaf fide Rabbiin ta’uu amanuudha. Arrabaan immoo qananii argate kanaaf Rabbiin faarsu. Qaaman immoo hojii qaamaa Rabbiif jedhe ittiin hojjachuudha. Kan akka firummaa sufu, zakaa baasu, hajjii hajjuu, rakkaataa ittiin gargaaru fi kanneen biroo.[8]

Ergamtoota Erguu fi Warra isaan kijibsiisan adabuu

30:47

“Dhugumatti, siin dura Ergamtoota gara ummata isaaniitti erginee jirra. Isaaniis ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufan. Ergasii warroota yakka hojjatan irraa haaloo baane. Mu’mintoota gargaaruun Nu irratti haqa ta’e.” Suuratu Ar-Ruum 30:47

Kuni Rabbiin irraa gabrichaa fi Ergamaa Isaa Muhammadiif (SAW) jajjabeenya. Ummataa isaa irraa namoonni baay’een yoo isa kijibsiisan, ergamtoonni darban ragaa ummata isaanitti fidan waliin kijibsiifamanii jiru. Garuu Rabbiin namoota isaan kijibsiisanii fi faallessan irraa haaloo bahe. Mu’mintoota immoo nagaha baase.[9]

warroota yakka hojjatan irraa haaloo baane.” kana jechuun warra Ergamtoota kijibsiisan adabbii cimaa adabne. “Mu’mintoota gargaaruun Nu irratti haqa ta’e.” Kuni dirqama Rabbiin Of irratti dirqama godheedha.[10]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-409, Tafsiir Qurxubii-16/445
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/172
[3] Tafsiir Qurxubii-16/445
[4] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/117
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/172
[6] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-280
[7] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/175
[8] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-290-293
[9] Tafsiir Ibn Kasiir-6/100
[10] Zaadul Masiir-1097

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 15
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 13
Offline dubbisuf

Leave a Reply