Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 15

Offline dubbisuf

Duumessa Keessaa Eenyutu Rooba gadi dhangalaasu danda’aa?
Duumessi wanta adii harkaanu qabamu hin dandeenyedha. Wanta harkaan qabamee cuunfamuu hin dandeenye keessaa eenyutu bishaan dhangala’aa kana baasaa? Namoonni addunyaa guutuu osoo walitti qabamanii duumessa kana keessa copha bishaani baasu danda’uu? Gonkumaa hin danda’an. Kanaafu, eenyutu duumessa kana keessaa bishaan baasa ree? Deebiin:

“Rabbiin Kan bubbee erguudha, ishiinis duumessa ni sochoofti. Akka fedhettis samii keessa isa diriirsa, addaan kukkutamaas isa taasisa. Roobas jidduu isaatii kan bahu argita. Yeroma Inni [roobaan] gabroota Isaa irraa namoota fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu. Isaan duraan osoo roobni isaan irratti hin bu’in dura abdi murattoota turan.” Suuratu Ar-Ruum 30:48-49

Rabbiin Kan bubbee erguudha” bubbee haala adda addaatin kan ergu Rabbii tokkicha. Isaan ala bubbee dachii fi samii jidduu kan oofu hin jiru. Osoo namoonni addunyaa guutuu walitti qabamanii bubbee erguu danda’uu?

“ishiinis duumessa ni sochoofti.” Kana jechuun bubbeen duumeessa sochoofti. “Akka fedhettis samii keessa isa diriirsa, addaan kukkutamaas isa taasisa.” Kana jechuun Rabbiin akka fedhetti duumessa kana samii keessa bittineessa. Addaan kukkutamaa walirra tuulames godha.[1]

Roobas kan jidduu isaatii bahu argita” kana jechuun yaa nama ilaalu! Murtii Rabbiitiin, beekumsaa fi ogummaa Isaatiin duumessa jidduu rooba gadi jigu argita. Rooba duumessa keessaa dhangala’u kana hamma isaa, akkaata itti bu’u, eessatti akka bu’u Rabbii olta’aa malee kan biraa murteessu danda’aa?

“Yeroma Inni [roobaan] gabroota Isaa irraa namoota fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu gabroota Isaa irraa namoota fedhe bakka haajaa isaanii irratti rooba yoo buuse, yoosu isaan ni gammadu. Roobni waan isaaniif roobef ni mirqaanu.

Isaan duraan osoo roobni isaan irratti hin bu’in dura abdi murattoota turan.” Kana jechuun namoonni kunniin roobni isaaniif roobun dura, rooba irraa abdii kan muratanii fi dhama’an turan. Dandeetti rooba itti roobsanii mataa ofii, lafa, horii isaanii itti obaasanii fi haajaa biroo itti bahan gonkumaa hin qaban turan. Rooba samii irraa buusu waan hin dandeenyef abdii murattoota ta’an. Namoota abdii muratan kanaaf rooba kan buuse Rabbiidha. Rahmata isaatiin rooba roobsee isaanii fi horii isaanii obaasa. Kanaafu, mee ilaali gara bu’aa rahmata Isaa!

30:50

Kanaafu, gara bu’aa rahmata Rabbii ilaali-akkamitti dachii du’a ishii booda jiraachise. Dhugumatti Kan [kana hojjate], warroota du’an ni jiraachisa. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:50

 Yaa nama xinxalluu fi hubatu, mee gara bu’aa rahmata Rabbii ilaali! Akkamitti bishaan samii irraa buusun dachii duute biqiltoota magarsee jiraachisu ilaali. “bu’aa rahmata Rabbii ilaali” jedhu ilaalchisee mufassiroonni asitti rahmanni “rooba” jedhanii jiru. Kanaafu, hiikni isaa: “gara bu’aa roobaa Rabbiin duumessa irraa buusuu ilaalii, akkamitti Rabbiin dachii duute rooban jiraachisee biqiltoota fi marga magarsiisu![2]

Dhugumatti Kan [kana hojjate], warroota du’an ni jiraachisa.” Kana jechuun dachiin erga duute booda kan jiraachise, warroota du’anis yeroo fedhetti ni jiraachisa. Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaaf namoota du’an hunda ni jiraachisa. “Inni waan hundaa irratti Danda’aadha” wanta fedhe argamsiisu yoo fedhe, wanta san argamsiisuu irratti danda’aadha. Wanta fedhes dhabamsiisu yoo fedhe, isa dhabamsiisu irrattis danda’aadha.[3] Wanti Isa dadhabsiisu fi itti ulfaatu tokkollee hin jiru.

Wanta hunda hojjachuu irratti danda’aa erga ta’ee, du’aan booda namoota ni kaasaa jechuudha.

Qananii erga argatanii booda yommuu rakkoon nama tuqu kafaru
Namoonni yeroo qananii argatan ni gammadu, keessumayyu erga abdii kutanii booda wanta jaallatan yoo argatan garmalee gammadu. Yeroo kanatti namoonni bakka lamatti qoodamu: 1ffaa-Rabbiif galata kan hin galchine. “Humna kiyyaan argadhe” jedhee kan of tuulu. 2ffaa-Nama Rabbiif galata galchu. Namoonni ramaddi tokkoffaa qananii erga argatanii booda qananiin kuni yoo isaan irra fudhatame, abdi kutu. Rabbiitti ni kafaru. Qananii duraan isaaniif kenne ni waakkatu. Aayan armaan gadi amala namoota akkanaa ibsiti:

30:51

“Osoo bubbee erginee [midhaan isaanii] daalachaa’a ta’ee arganii, isa booda kan kafaran ta’u.” Suuratu Ar-Ruum 30:51

Kana jechuun osoo midhaanii fi biqiltoota isaanii irratti bubbee badduu erginee midhaan isaanii bubbee tanaan kan badee fi magariisa booda daalachaa’a ta’ee arganii, san booda Rabbiitti kafaruu fi qananii Isaa waakkachuu itti fufu.[4]

“daalachaa’a ta’ee” kana jechuun bubbee tanaan gogee caccabuudha. “isa booda” kana jechuun midhaan daalachaa’aa ta’uun booda.

Rabbiin azza wa jalla dachii du’a ishiitiin booda erga jiraachisee fi bubbee itti ergee midhaan daalachaa’ee, daalachaa’uu booda midhaan kuni ni bada. Kuni Isa irraa qormaata. Gammachuu fi bu’aa rahmataa erga arganii booda kan kafaran ta’u. Ni jedhu: kuni akkamitti ta’a, roobni dhufee rooba, dachiinis ni jiraatti, ergasii bubbeen tuni dhuftee midhaan kana balleessiti. Kanaafu, isaan ni kafaru. Qananii Rabbii kan duraani ni dagatu. Kuni qormaata keessaa tokko. Kuni jecha Rabbii kana keessa seena:

22:11

“Namoota keessaa nama [amantii irraa] moggaatti ta’ee [shakkiin] Rabbiin gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti (toltuu kanatti) tasgabbaa’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo fuula isaa irratti garagala (amantii irraa duubatti deebi’a). Inni addunyaa fi Aakhiraa kasaare. Suni isumatu kasaaraa ifa bahaadha.” Suuratu Hajj 22:11

Yommuu Rabbiin bubbee tana ergee midhaan isaanii qaama’e badu, balaa kana kufriin osoo hin ta’in obsaan qunnamuun isaan irra jiraa ture. Balaa kana irratti obsuu qabuu turan. Namni obsuu mindaa isaa lakkoofsa (hisaaba) malee isaaf kennama waan ta’eef.[5]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-308[2] Tafsiir Xabarii-18/523[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/177-180[4]Tafsiir Muyassar-410 [5] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-327

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 16
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 14
Offline dubbisuf

Leave a Reply