Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 17

Offline dubbisuf

Marsaalee Ilmi Namaa Keessa Darbu

30:54

“Rabbiin Kan dadhabbinna irraa isin uumee ergasii dadhabinna booda jabinna taasise, ergasii jabinna booda dadhabinnaa fi arrii godheedha. Wanta fedhe ni uuma. Inni Beekaa, Danda’aadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:54

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkamitti namni marsaa uumamaa keessatti haala tokkorraa gara haala biraatti akka darbuu beeksisa. Hundeen isaa biyyee irraayyi. Ergasii nuxfah (copha bishaan saalaa) irraayyi. Ergasii alaqaa (dhiiga ititaa), itti aanse mudghah (muraa fooni) irraayyi. Ergasii lafee ta’a. ergasii lafeen foon itti uwwifamuun ruuhiin itti afuufama. Ergasii garaa haadha isaa keessaa dadhabaa, qala’aa fi humnaan laafaa ta’e baha. Ergasii hanga ijoollee itti aanse dargaggeessa ta’uutti suuta suuta ni guddata. Dargaggeessa ta’uun dadhabinna booda jabaa ta’uudha. Ergasii hir’achuu eegala. Umrii jidduu-galeessaa keessa seena. Ergasii ni dullooma, arri baasa. Kuni humna (jabinna) booda dadhabinna. Kanaafu, ijjannoon, sochii fi humni isaa ni dadhaba. Amaloonni keessaa fi alaa ni jijjiramu. Kanaafi Rabbiin olta’aan ni jedha: “ergasii jabinna booda dadhabinnaa fi arrii godheedha. Wanta fedhe ni uuma.”[1]

Marsaalee kanniin beeksisuu irraa wanti barbaadamee du’aan booda kaafamuun akka jiruu mirkaneessuufi. Hiikni kanaa: akkuma marsaa dadhabinnaan jalqabamee dadhabinnaan xumuramu irraa uumuu isin jalqabee, du’aan boodas isin uuma. Du’aan booda kaasun uuminsa jalqabaa caalaa wanta addaa nama dinqisiisuu miti. Kanaafi, “wanta fedhe ni uuma” jechuun beeksise. Ergasii itti aanse beekumsaa fi dandeetti dubbate. Sababni isaas, marsaan uumama namaa ogummaa hordofa. Kuni dhimma beekumsaati. Uumama namaa kana haala hundarra sirrii ta’een argamsiisuun immoo bu’aa dandeetitti.[2]

Yaa namoota kana beekaa! Dandeetti Isaatiin hojiiwwan kana Kan hojjate, yeroo fedhetti namoota du’an ni kaasa.[3]

Du’aan Booda Kaafamu

30:55

“Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, yakkamtoonni sa’aati takka malee homaa akka hin turre ni kakatu. Akka kanatti [haqa irraa] garagalfamaa turan.” Suuratu Ar-Ruum 30:55

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaan dhuftee namoonni qabrii isaanii keessaa kaafaman, yakkamtoonni ni kakatu. Yakkamtoonni kunniin warra addunyaa keessatti Rabbiitti kafaraa fi badii gurguddaa hojjataa turaniidha. Kakuun isaanii, “Sa’aati takka malee qabrii keessa hin turre.” Jedhanii Rabbiin kakachuudha.[4]Akka kanatti [haqa irraa] garagalfamaa turan.” Kana jechuun akkuma kakuu isaanii kana keessatti haqa irraa garagalfaman, addunyaa keessattis haqa irraa garagalfamaa turan.[5] Hiikni kanaa: kakuun sobaa kuni isaan irraa bahuun wanta ajaa’ibaati miti. Isaan yeroo addunyaa keessa turanitti yaada sobaa kana fakkaatu fidaa turan. Kanaafu, yaanni sobaa isaanii haqa irraa isaan garagalche. Akkuma Rabbiin jedhe amanti isaanii irratti kakachaa turan: “Kakuu isaanii daangaa gahe ‘Rabbiin nama du’e hin kaasu’ jechuun Rabbiin kakatu.” (suuratu An-Nahl 16:38)

(Akkuma addunyaa keessatti kijibanii fi osoo beekanu soba irratti kakataa turan, kakuu isaanii, “Sa’aati takka malee hin turre.” jedhu keessatti kijibanii jiru.)[6] Kijibni kuni addunyaa keessatti amala isaanii ta’e. Yommuu Rabbiin isaan kaasuun ruuhi isaanitti deebisuu, wanti isaan amaleefatan isaan irraa mul’ata. Kana keessa Muslimootaaf naamusa guddaatu jira. Amalli fafee fi cubbuun gurguddaan amala isaanii ta’ee irratti akka hin kaafamneef of eeggachu qabu.[7] Gabrichi wanta du’e irratti kaafama. Namni amala fafee fi wanta badaa irratti du’e, Guyyaa Qiyaamaa amala fafee fi wanta badaa kana irratti kaafama. Kanaafu, amala fafee kan akka sobuu irraa of eeggachu barbaachisa.

30:56

Warri beekumsi fi iimaanni kennameef ni jedhu, “Hanga Guyyaa kaafamaatti akkuma kitaaba Rabbii keessatti [murtaa’etti] turtanii jirtu. Kunis Guyyaa kaafamaati. Garuu isin hin beektanii turtan.” Suuratu Ar-Ruum 30:56

Kana jechuun mu’mintoota ta’anii warri du’aanii fi wanta Ergamtoonni Rabbii ittiin dhufan kan akka haala Guyyaa Qiyaamaa, du’aan booda kaafamuu fi xumurama jireenya addunyaa beekan kaafirota sobaan kakatan kanniinin akkana jedhu: dhugumatti, iddoo qaamni keessan itti awwaalametti warra du’an taatanii hamma yeroo Rabbiin Lawhal Mahfuuz keessatti katabe turtanii jirtu. Yeroon qabrii keessa turan gadaa Aadam irraa jalqabee hanga Qiyaamaan dhaabbatu haala namootaa irratti hundaa’e garagara. Hamma yeroo namni tokkoon tokkoo du’aa fi kaafama jidduu barzakha keessa ture Rabbiin malee eenyullee hin beeku.

“Kunis Guyyaa kaafamaati.” Kana jechuun Kuni Guyyaa namoonni qabrii isaanii keessaa kaafamaniidha. “Garuu isin hin beektanii turtan.” Kana jechuun garuu isin jireenya addunyaa keessatti wanta Ergamtoonni Rabbii isinitti beeksiisan hin beektanii turtan. Sababni isaas, isin dhimma amanti ilaalchisee Ergamtoota hin dhugoomsitan. Kanaafu, beekumsa irraa wanta isaan isinitti geessan qabachuu fi yaadachu irraa sammuu keessan garagalchaa turtan.[8] Kanaafi, du’aan booda kaafamuun haqa akka ta’e hin beektan.

Namoonni kaafamatti hin amanne, du’aan booda kaafamuun haqaa fi garmalee barbaachisaa ta’uu waan hin beekneef “Du’aan booda kaafamni hin jiru.” jechuun shakku ykn mormu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Ibn Kasiir-6/105[2] Tahriir wa tanwiir-21/128[3] Tafsiir Xabarii-18/526[4] Madda olii[5] Tafsiir Qurxubii-16/452[6] Tafsiir Xabarii-18/527[7] Tahriir wa tanwiir-21/130 [8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur-15/187

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 18
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 16
Offline dubbisuf

Leave a Reply