Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 7

Gorsa Luqmaan Ilmaaf kenne-kutaa 2ffaa
Luqmaan ilma isaa shirkii irraa erga akeekachiisee booda wanta hojjatu hundaaf akka qoratamu ilma isaatti akeeke. Namni wanta hojjatu hundaaf gara fuundaaratti (Guyyaa Qiyaamaa) akka qoratamuu fi jazaa argatu yoo beeke, wanta badaa irraa ni fagaata, wanta gaarii immoo ni hojjata. Kanaafu, Rabbii olta’aatti haala sirriin amanuu waliin qorannoo fi jazaa Guyyaa Qiyaamaatti amanuun nama daandii sirrii irra kaa’a. Kanaafi, Luqmaan gamna ta’e akkana jechuun ilma isaa gorse:

31:16

Yaa ilma kiyya! Ishiin yoo hanga madaala ija raafuu taatee fi dhagaa yookiin samiiwwan yookiin dachii keessa osoo taatellee, Rabbiin ishii ni fida. Dhugumatti, Rabbiin Laxiif, Khabiir dha.” Suuratu Luqmaan 31:16

Kana jechuun Luqmaan itti fufuun ilma isaa akkana jechuun gorse: “Yaa ilma kiyya beeki! Badiin yookiin wanti gaariin hanga firii raafuu osoo geesseyyuu, Rabbiin guyyaa Qiyaamaa yommuu miizaanaa haqaa gadi dhaabu ni fida. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

21:47

Nuti Guyyaa Qiyaamaatiif madaala haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas homaa hin miidhamtu. Yoo wanta hanga firii raafuu gahus ta’e, Nuti ishii ni finna. Qorannoofis Nuti gahoodha.”Suuratu Al-Anbiya 21:47

Osoo wanti xiqqoon tuni dhagaa keessa taate ykn samiiwwan keessa taate ykn dachii keessa taate, Rabbiin ishii ni fida. Sababni isaas, wanti dhokatu homaatu Isarraa hin dhokatu, samiiwwanii fi dachii keessatti wanti hanga atamii gahu Isa jalaa hin miliqu.[1]

Beekumsaa fi qabaa Rabbii jalaa wanti miliquu tokkollee hin jiru. Firiin garmalee xiqqoo taatee dhagaa keessa jirtu isin irraa dhokachuu dandeessi, garuu Rabbiin firii tana ni beeka. Wanti garmalee xiqqoo (paartikiliin) samii keessatti isin irraa fagoo ta’uu dandeessi, garuu Rabbiif dhiyoodha. Wanti tokko baqana dachii keessatti isinitti dukkanaa’a ta’uu danda’a, garuu Rabbiif ifa. Kanaafu, eessattis ta’ii yoomillee gaariis ta’ii badaa, hojii Rabbiin irraa dhokatu tokkolle hin hojjattan. Inni hojii keessan hunda ni beeka. Inni hojii keessan kana beeku qofaa mitii, yeroon qorannoo yommuu dhufu, galmee hojiin keessan hundi keessatti galmaa’e isin fuundura kaa’a.[2] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Namni kheyri hanga atamii gahu hojjate, isa ni arga. Namni sharrii hanga atamii gahu hojjattes isa ni arga.” Suuratu Az-Zalzala 99:7-8

Kheyri-waan gaarii, sharrii-waan badaa. Hanga fedhe hojiin namni hojjatu haa xiqqaatu, namni waan gaarii hojjate Guyyaa Qiyaama wanta hojjate ni arga. Namni waan badaa hojjates wanta hojjate ni arga.

Wanta garmalee dhokataa ta’ee fiduuf bakka isaa beeku barbaachisa. Ammas, wanta san osoo hin jijjiramin haala irra jiruun fiduuf dandeetti barbaachisa. Beekumsi fi dandeettin Rabbii wanta hundaa kan marseedha. Homtuu Isa jalaa hin miliqu. Kanaafi, itti aanse ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin Laxiif, Khabiir dha.”

Hiika Laxiif keessaa tokko, wantoonni hanga fedhan haa xiqqaatan ykn haa haphatan, wanta hundaa kan beekudha. Xiqqeenya ykn haphinna irraa kan ka’e, wantoonni ija namaatin hin mul’anne baay’etu jiru. Wantoota kanniin hunda Rabbiin Guddaan ni beeka. Beekumsi Isaa wantoota hunda dhaqqaba. “Khabiir” jechuun immoo keesso fi iccitii wantoota hundaa kan beekudha. Dhimma keessaa fi garmalee dhokate hunda beeka.[3]

Salaata Sirnaan salaati…

31:17

Yaa ilma kiyya! Salaata sirreessi salaati, waan gaariittis ajaji, waan badaa irraayis dhoowwi. Waan si muudate irrattis obsi. Dhugumatti, sun dhimmoota ijjannoo [gaafatan] irraayyi.” Suuratu Luqmaan 31:17

“Yaa ilma kiyya! Salaata sirreessi salaati” kana jechuun arkaanaa fi sharxiwwan isaa guutuun salaata sirnaan salaati. Iqaamatu salah jechuun akkaata shari’aan ajajuuni fi ikhlaasaan osoo homaa hin hir’isin yeroo eeganii salaatu itti fufuudha. Akkuma asirraa hubatamu, iimaanan booda salaanni hojii dirqamaa Rabbiin gabroota Isaa irratti dirqama godheedha.[4] Namni qalbiin erga amanee fi arrabaan shahaadateyni labsee booda wanti jalqabaa inni hojjatu salaata. Kanaafu, salaanni amanti keessatti bakka guddaa qaba.

waan gaariittis ajaji” kana jechuun namoota ajaja Rabbii akka hordofan ajaji.  “waan badaa irraayis dhoowwi.” Kana jechuun wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuu irraa namoota dhoowwi.[5] Kuni beekumsa barbaachisa. Wanta gaariitti ajajuuf wanta gaarii beekuu barbaachisa. Wanta badaa irraa dhoowwufis wanta badaa beeku barbaachisa. Asitti wanti gaariin wanta shari’aan itti ajajeedha. Wanti badaan wanta shari’aan irraa dhoowwedha.

Akkasumas, ajajuu fi dhoowwun kuni guuttamuuf dubbii laafu, tooftaa fi obsa barbaachisa. Namni waan gaariitti ajaju fi waan badaa irraa dhoowwu dubbii jabaa fi badaa kan namatti dubbatu osoo hin ta’in dubbii laafaa fi bareeda dubbachu qaba. Ammas, sababa waan gaariitti ajajuu fi dhoowwutiin namoota irraa azaan (rakkinni) isarra ni gaha. Kan akka dubbiin isa arrabsu, isatti qoosu, inumaa qaaman isa miidhu. Kanaafu kana hunda irratti obsa isa barbaachisa. Kanaafi, itti aanse ni jedha:

“Waan si muudate irrattis obsi.” Kana jechuun yommuu waan gaariitti ajajjuu fi waan badaa irraa dhoowwitu namoota irraa wanta si qunname irratti obsi. Wanta isaan irraa sirra gahee kanarraa si hin dhoowwin.[6]

إِنَّ ذَٰلِكَ مِنۡ عَزۡمِ ٱلۡأُمُورِ

Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-dhugumatti salaata sirnaan salaatun, waan gaariitti ajajuun, waan badaa irraa dhoowwu fi musiibaa irratti obsuun dhimmoota Rabbiin jala muree itti ajajee fi dirqama godhe irraayyi.[7]
2ffaa- dhugumatti salaata sirnaan salaatun, waan gaariitti ajajuun, waan badaa irraa dhoowwu fi musiibaa irratti obsuun dhimmoota ijjannoo gaafatani fi xiyyeefannoon itti kennamu qaban irraayyi. Namoota ijjannoo qabantu wantoota kanniin hojjachuun milkaa’a.[8]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Ibn Kasiir-6/115-116, Tafsiir Muyassar-412
[2] https://www.englishtafsir.com/Quran/31/index.html#sdfootnote28sym
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 102-103
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/718
[5] Tafsiir Xabarii-18/558
[6] Madda olii
[7] Tafsiir Qurxubii-16/480
[8] Tafsiir Sa’dii-762

Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 8
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 6

Leave a Reply