Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Ifaaje (Xaarii) Haadhaa
Dhugumatti haati ifaaje guddaa ifaajji. Ifaaje ishii kana eenyutu hubatee haqa ishii eegaa? Mee ifaaje ishii kana haa ilaallu:

31:14

Namaafis haadha abbaa isaatti [tola akka oolu] dhaamne jirra. Haati isaa dadhabbii irratti dadhabbii ta’uun isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti. ‘Anaa fi haadha abbaa keetif galata galchi. Gahuumsi dhumaa gara Kiyya.’ [jechuun isa ajajne.]” (Suuratu Luqmaan 31:14)

“Haati isaa dadhabbii irratti dadhabbii ta’uun isa baadhatte.” Akkuma ulfii guddatuun, ishii irratti cimaa fi ulfaataa adeema. Dhugumatti, namni osoo nyaata sirritti nyaatee garaan isaa guuttame, ni dadhaba. Garuu nyaanni kuni annisaa isaaf kan kennuudha. Ulfi garaa guutuun annisaa haadha isaa irraa kan sooratu hoo akkam ta’inna laataa? Soorata haadha isaa soorata. Kanaafu, kuni garmalee cimaa fi guddaa ta’a. Sababni isaas, ishii irratti ulfaachu fi soorata ishii soorachuu kan of keessatti qabateedha. Kanaafi, dubartiin nyaata baay’eetti hajamti. Sooranni hir’atee akka hin dadhabnee fi ulfii hin miidhamneef Ramadaana keessa akka nyaattu ishiif hayyamama.

Ammas, yeroo ciniinsu dadhabbiin ishii qunnama. Cininsuun nama dhukkubsa, ni laalessa. Dhimma salphaa miti. Sababni isaas, ciniinsuun daa’imni hanga bahiinsaaf qophaa’utti mataan akka gadi garagaluuf hayyama Rabbiitiin dhufa.

Cininsuun yommuu dhufu mataan daa’imaa gadi garagala. Yeroo da’uumsaa wanti jalqaba bahuu mataa daa’imaati. Kanaafu, yeroo ciniinsuu daa’imni mataan waan gadi garagaluuf garmalee haadha dhukkubsa. Ammas, yeroo da’uumsaa ishii laalessa (dhukkubsa), dadhabbiin ishii qunnama. Inumaa tarii gaggabuun ishii qunnamu danda’a. du’uus dandeessi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haalota dadhabbii irratti dadhabbii ta’an kanniin hunda keessatti haala haadhaa nama yaadachiisa.

Kanaafu, “Haati isaa dadhabbii irratti dadhabbii ta’uun isa baadhatte.” jechuun isa ulfaa’uf ni dadhabde, (akkuma ulfii guddatuun ni dadhabdi). Ammas, ciniinsuuf ni dadhabdi (yeroo ciniinsu garmalee dadhabdi). Yeroo da’uumsaas ni dadhabdi.

“Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti.” Kana jechuun yeroon daa’imni harma irraa gu’u guddate guddatu wagga lama. Dubartiin feete waggaa lama guutuu daa’ima harma hoosisuu dandeessi. Waggaa lama osoo hin gahinis guusu dandeessi.

Ulfa irratti dabalatee harma hoosisuun dadhabbii fi rakkoo biraati. Ishiin daa’ima ni hoosisti, hirriba yoo dhabee ishiinis ni dhabdi. Dhukkubbi isaatiin qalbiin ishii ni laalata. Isaa fi uffata isaa ni qulqulleessiti. Yeroo booyu ni baadhatti fi kanneen biroo waliin xaarti. Kanaafu, yeroo ulfaa irraa jalqabee hanga waggaa lama gu’uutti isa waliin dadhabdi.

Rabbiin azza wa jalla haqa abbaa irraa homaa hin dubbanne. Yeroo baay’ee abbaan ni sodaatama. Kanaafu, ilmi haqaa isaa sirritti akka eeguuf carraaqqi abbaa ibsuun hin barbaachisu.

Garuu haati dadhabduu waan taateef, tarii namni haqa ishii akka salphaatti ilaaluu waan danda’uuf, Rabbiin haalota ishii irraa wanta ilmi dirqama isaa akka bahuuf sababa ta’u ni dubbate.

Kana yeroo baay’ee Qur’aana keessatti ni agartu. Wanti akka salphaatti ilaallama jedhamee sodaatamee ni jabeeffama. Fakkeenyi kanaa: hafte qabeenyaa keessatti wasiyyah (dhaamsa namni du’uu dhaammatee) fi liqaa (deeyni)dha. Akka wali galtee aalimotatti liqaan wasiyyah dura kafalamu qaba. Kana waliinu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayata dhaalaa keessatti liqaa dura wasiyyah dubbate. Sababni isaas, wasiyyan haqa namoonni dhaalan akka salphaatti ilaalu danda’aniidha. Garuu liqaa akka salphaatti hin ilaalan. Liqaa duuba barbaadaan ni jira. Innis nama liqeessedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota akka salphaatti ilaallamu danda’u amaloota haala barbaachisaan akka hojjatan nama taasisaniin jabeessa.

Asitti haati dadhabduu waan taateef namni ishii fi haqa ishii irratti daangaa darbuu waan danda’uuf, Rabbiin olta’aan sababoota ishiif tola oolutti nama kakaasan dubbate.[1]

“Anaa fi haadha abbaa keetif galata galchi.” Kana jechuun Ana gabbaruun, haqa Kiyya bakkaan gahuun Anaaf galata galchi. Dubbii laafaan, hojii bareedaan, isaaniif garaa laafuun, isaan kabajuun, isaan gargaaruun, waan badaa isaanitti hojjachuu irraa fagaachuun haadha abbaa keetifis galata galchi. 

Rabbii fi haadha abbaaf galata galchuun Rabbiin biratti Guyyaa Murtii mindaa guddaa kan argamsiisuu yommuu ta’uu, ammas, galata galchuu diduu fi haadha abbaa miidhu fi tola itti oolu dhiisun, Rabbiin biratti nama kan adabsiisuu waa ta’eef, kana agarsiisuuf dhuma aayah irratti akkana jechuun dhufe:

“Gahuumsi dhumaa gara Kiyya.” Kana jechuun yaa nama! Gara Rabbii kana siif dhaametti fi haqoota kana dirqama sirritti godheetti deebita. Ergasii haqoota kana bakkaan geette  moo hin geenne si gaafata. Yoo galmaan geesse mindaa siif kenna. Yoo gattee fi balleesite immoo si adaba.[2]

31:15

“Yoo isaan lamaan waan beekumsa itti hin qabne irratti akka Natti qindeessituuf sitti qabsaa’an, tole isaaniif hin jedhin. Garuu duniyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara Kiyya deebi’u hordofi. Ergasii deebiin keessan garuma Kiyya; waan isin dalagaa turtanis isinitti hima.” (Suuratu Luqmaan 31:15)

Wanta beekumsa itti hin qabne irratti akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.” Kana jechuun Anaaf shariika ta’uu isaa wanta hin beekne akka Na waliin gabbartuuf (waaqefattuuf), haadhaa fi abbaan kee si dirqisiisuun ykn si kadhachuun yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin, isaan hin hordofin. Yoo kana keessatti isaaniif tole jettee isaan hordofte, kaafirota keessaa taata. Akkuma mushrikoota biroo Guyyaa Murtii Jazaa kufrii keeti Jahannam keessa yeroo hundaa turun argatta. Jechoota kana keessatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhimma amantitiif beekumsi hundee akka ta’e ibsa. Ragaa sirrii ta’een wanti beekumsi mirkaneessu itti amanamu kan qabuudha.

Rabbiin waliin shariikni akka jiru ragaan beekumsa sirrii irratti hundaa’e hin jiru. Inumaa shirkiin baaxila fi yaada sobaa sheyxaanni uume akka ta’ee ragaan beekumsa sirrii irratti hundaa’e ni ibsa.[3]

Haadha abbaan kaafiroota osoo ta’anillee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, “Isaaniif tola hin oolin, isaan miidhi.” hin jenne. Kana irra, “Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu.” Jedhe. Kana jechuun waan gaarii isaanitti oolun, wanta badiin keessa hin jirre keessatti isaaniif ajajamuun isaan waliin jiraadhu. Garuu isaan wanta badaa akka kufrii, shirkii fi wantoota Rabbiin dhoowwe birootti yoo si ajajan, isaaniif tole hin jedhin, isaan hin hordofin. Laa xaa’ata limakhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa faallessanii uumamtotaaf ajajamuun waan hin jirreef.)

“Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi.” Kuni namoota Rabbitti, Malaykoota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Aakhiraatti fi Qadaratti amanan, Gooftaa isaanitiif ajajamanii fi gara Isaatti deebi’aniidha. Namoonni kunniin Nabiyyootaa fi mu’mintoota (warra amananii) isaan hordofaniidha. Karaa isaanii hordofuun kan ta’uu, qalbiin gara Rabbii deebi’uu fi qaaman wanta Isa gammachiisu hojjachuun karaa isaan irra deemanirra deemudha.[4] Kanaafu, karaan isaanii karaa qajeela Natti geessu waan ta’eef karaa isaanii hordofi. Bitaa fi mirga karaa jallataa sheyxaanonni jinni fi namaa itti waaman hin hordofin. Karaa jallataa yoo hordofte, adabbii guddaaf of saaxiltaati.   

“Ergasii deebiin keessan garuma Kiyya; waan isin dalagaa turtanis isinitti hima.” Kana jechuun jireenya addunyaa keessatti imala qormaataa erga xumurtanii fi duutanii booda jireenya lammataaf isin kaasa. Jireenya lammata tana keessatti deebiin keessan gara qorannoo, murtii dabarsuu fi jazaa hojii irra oolchu ta’a. Dhugumatti, jireenyi addunyaa tuni jireenya qormaatati. Jireenyi lammataa immoo jireenya jazaati. Guyyaa Qiyaamaa jireenya qormaataa keessatti wanta dabarsitaniif isin qorachuuf iddoo murtii Kiyya yommuu dhaabbattan, kheeyris ta’ee sharrii irraa, Anaaf ajajamuu ta’ee Na faallessuu irraa wanta hojjattan hunda isinitti beeksisa.[5]


[1] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 84-87[2] Tafsiir Sa’dii-761, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/714[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/715[4] Tafsiiru Sa’dii-761 [5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/718

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 7
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 5
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply