Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 8

Gorsa Luqmaan Ilmaaf kenne-kutaa 3ffaa
Dhugumatti, gorsi Luqmaan ilma isaatiif kenne gorsa mi’aawaa nama kamifiyyuu ta’uudha. Kutaa dhumaa gorsa Luqmaan har’a mee haa guduunfinu.

31:18

“[Boonun] boqoo kee namoota irraa hin garagalchin; dachii keessa boonaa hin deemin. Dhugumatti Rabbiin oftuulaa, of dhaadataa hunda hin jaallatu.” Suuratu Luqmaan 31:18
Kana jechuun yommuu namootatti haasoftu ykn isaan sitti haasawan, isaan tufachuun ykn isaan irratti of tuuluun fuula kee isaan irraa hin garagalchin. Dachii keessas boonaa hin deemin.

Asitti jechi Marh jedhu- hiika “gammachuu irraa kan ka’e nashaaxaa daangaa darbe” qaba. Nashaaxaan daangaa darbe kuni deemsa namaa keessatti boonun mul’ata.[1] Namni garmalee yoo gammadee fi nashaaxaan isaa daangaa yoo darbe, ni boona, of jaja. “Dhugumatti Rabbiin oftuulaa, of dhaadataa hunda hin jaallatu.” Kana jechuun Rabbiin nama of dinqisiifatuu fi namoota irratti of dhaadatu hunda hin jaallatu.

Asitti Mukhtaal-jechuun kan of dinqisiifatuudha. Beekumsa ykn qabeenya ykn aangoo ykn wanta biraa qabuun nafsee ofii keessatti of dinqisiifata. Rabbiin nama akkanaa hin jaallatu.

Fakhuur-jechuun immoo nama namoota irratti of dhaadatuudha. “Ani ebaluu ilma ebaluuti” jedha, nafsee ofii ni jaja. Wanta Rabbiin isaaf kenne ni lakkaa’a, garuu Isa hin galateefatu.[2] “Ani kana qaba…” jechuun namoota irratti of dhaadata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama akkana hin jaallatu.

Garaagarummaan mukhtaal fi fakhuur jidduu jiru: mukhtaal nafsee ofii keessatti of dinqisiifata, fakhuur immoo namoota irratti of jaja.

31:19

“Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’i; sagalee kee irraas gadi qabi. Dhugumatti sagaleen hundarra jibbamaan sagalee harreeti.” Suuratu Luqmaan 31: 19

Deemsa keessatti jiddu-galeessa ta’uun ariifachuu jarjaruu agarsiisuu fi harkifachuu dadhabbii fi sochiif fedhii dhabuu agarsiisuu jidduu kan ta’eedha.[3] Namni adeemsa isaa keessatti garmalee harkifachuun akka nama dhukkubsataa fi dadhabaa ta’uu hin qabu, ammas, ariifachuun adeemsa of tuulinsa agarsiisu deemu hin qabu. Kana irra, adeemsi isaa jiddu galeessa ta’uu qaba.

Namni tokko “Yeroo garii ariifachu barbaachisa, kanaafu arifachuun kuni naamusa kana ni diigaa?” jechuu danda’a. Deebiin isaa: kana keessa rakkoon homaatu hin jiru. Tarii yeroo garii ariifachuun dirqama ta’uu danda’a. Kan akka nafsee ofii balaa jalaa baraaruuf ariifachu. Bakki hundu dubbii isaaf malu qaba. Wanti asitti barbaadame, adeemsa aadaati. Adeemsa aadaa keessatti barame caalaa kan jarjaru ta’uu hin qabu.[4]

“sagalee kee irraas gadi qabi.” Kana jechuun dubbii keessatti daangaa hin darbin, wanta faaydaa hin qabne keessatti sagalee kee ol hin kaasin.

Asitti “min (irraa)” jedhe. Kuni garii (muraasa) agarsiisa. Sagalee kee hunda gadi qabi hin jenne. kana irra, “min sawtika (sagalee kee irraa)…” jedhe. Kunis, namni sagalee olkaasu irratti hin faarfamu, akkasumas, garmalee gadi qabuu irrattis hin faarfamu. Namoota keessaa nama akka waan namoota baay’ee fagoo jiranitti haasawuu sagalee garmalee olkaasutu jira. Faallaa kanaas nama ta’etu jira. Sitti ni haasawa, tarii wanta inni jedhu hin hubattu. Kuni hundu gaarii miti. Kanaafi, sagalee kee irraa gadi qabi jedhe. Kanaafu, yeroo namatti haasawan sagaleen garmalee osoo ol hin kaasin, garmalee osoo gadi hin qabin jiddu galeessa ta’uu qaba.

“sagalee kee irraas gadi qabi” asitti wanti barbaadame yeroo namatti haasawaniidha.[5] Haajaa tokko malee sagalee olkaasu irraa akka fagaatuf Luqmaan ilma isaatiin ni jedhe: “Dhugumatti sagaleen hundarra jibbamaan sagalee harreeti.” Kana jechuun sagaleen hundarra fokkuu ta’e sagalee harreeti. Haajaa tokko malee sagalee olkaasun amaloota harree keessaa tokko. Kanaafu, yaa ilma kiyya amaloota harree halaaktu fi sagalee olkaastun nama ibsamu hin ta’in.[6]  

Gorsa Luqmaan ilma isaatiif kenne haala armaan gadi kanaan guduunfun ni danda’ama:


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/167
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 114, Tafsiir Qurxubii-16/482
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/726
[4] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 116
[5] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 114
[6] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/727

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 9
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 7

Leave a Reply