Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 9

Offline dubbisuf

Qananii Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa)
Qananiin Rabbiin ilmaan namaa irratti oole lakkaawame hin dhumu. Dhugumatti, gubbaan wanta samii keessa jiruu laaffiseef, jalaan wanta dachii keessa jiru laaffiseef, keessaa alaan qananii itti gadi dhangalaase. Aayah armaan gadi keessatti dhugaa kana ifa baasa:

Sila Rabbiin wanta samiiwwan keessa jiru fi wanta dachii keessa jiru akka isiniif laaffisee, gubbaa fi keessaan qananii Isaa akka isin irratti dhangalaase hin arginee? Namoota keessaa nama beekumsa yookiin qajeelcha yookiin kitaaba ifaa malee waa’ee Rabbii falmutu jira.” Suuratu Luqmaan 31:20

Yaa namoota! Wanta samiiwwan keessa jiru kan akka aduu, ji’a, duumessaa fi kanneen biroo akka isaaniif laaffisee, wanta dachii keessa jirus kan akka beelladootaa, mukkeen, bishaan fi kanneen biroo akka isiniif laaffise sila hin argitanii? Ammas, qananii gubbaa qaama irraa mul’atu fi qananii keessaa sammuu fi qalbii keessa jiru akka isin irratti dhangalaase hin argitanii?[1]

Qananiin gubbaa qananii ijaan mul’atuudha. Kan akka bareedinna qaamaa, qabeenyaa fi kkf. Qananiin keessaa immoo wanta ijaan hin mul’anneedha. Kan akka beekumsaa, iimaanaa fi kkf.

Yaa namoota qananii keessaa fi gubbaa erga isin irratti dhangalaase, hojiin keessan Rabbii qananii kana isin irratti dhangalaaseef gadi jechuun, Isa jaallachuun, qananii kana wanta Inni jaallatu ittiin hojjachuuni fi Isa faallessuuf itti fayyadamuu dhiisun Isa galateefachuudha.

Garuu duraa duubaan qananiin akkanatti dhufuu waliin namoota keessaa nama Rabbii olta’aa hin galeefannetu jira. Inumaa, ni waakkate, Rabbii isa qananiisetti ni kafare.[2]

“Namoota keessaa nama beekumsa yookiin qajeelcha yookiin kitaaba ifaa malee waa’ee Rabbii falmutu jira.”

“Waa’ee Rabbii” jedhu keessatti, wanti asirraa barbaadame Zaata Isaa ilaalchisee moo yookiin Gooftummaa Isaa ykn Gabbaramummaa (uluuhiyyah) Isaa yookiin maqaalee fi sifaata Isaa yookiin murtiwwanii fi hojiiwwan Isaatii?

Deebiin: kana hundaa ni hammata. Namoota keessaa nama zaata Rabbii ilaalchisee falmutu jira. Rabbiin jiraachu ni morma. (Rabbiin hin jiru jedha). Ammas, namoota keessaa nama Tokkichummaan gabbaramu Rabbii falmutu jira. (Ibaadaan Rabbiin ala wanta biraatiif ni ta’a jechuun falma.) Ammas, namoota keessaa maqaalee fi sifaata Rabbii ilaalchisee falmutu jira. Falmiin baay’een Muslimoota jidduutti uumame falmii maqaalee fi sifaata keessatti. Akkasumas, namoota keessaa murtiiwwanii fi hojii Rabbii ilaalchise kan falmutu jira. Yommuu kuni haraama isaan jedhamu, eenyutu haraama godhe jechuun falma. Ammas, Rabbiin maaliif kaafirota kanniin qananii baay’ee qananiisee Muslimoonni immoo hiyyummaa fi rakkoo cimaa keessa ta’anii? Jechuun falma. Ammas, waa’ee qadara ilaalchise ni falma.

Falmiin beekumsaan yoo ta’e homaa zanbii (cubbuu) hin qabu. Garuu beekumsa malee falmuun zanbii qaba.[3]

Gabaabumatti, namoota keessaa nama waa’ee jiraachu Rabbii olta’aa, Gooftummaa Isaa, Tokkichummaan gabbaramuu, maqaalee fi sifaata Isaa, murtiwwanii fi hojiiwwan Isaa ilaalchisee beekumsa malee ykn qajeelcha ykn kitaaba ifaa malee falmutu jira. Namni kuni wanta ittiin falmu ilaalchisee beekumsa sirrii hin qabu yookiin wanti inni jedhu sirrii ta’uu ibsii (qajeelchi) isa bira hin jiru yookiin wanti inni jedhu haqa ta’uu agarsiisu kitaabni Rabbiin irraa dhufe hin jiru. Kana irra, inni sobaan falma.

31:21

Yommuu wanta Rabbiin buuse hordofaa isaaniin jedhamu, “Lakki, wanta abbooti keenya irratti arganne hordofna.” jedhan. Sheyxaanni adabbii boba’aatti kan isaan waamu osoo ta’ellee moo?” Suuratu Luqmaan 31:21

Kana jechuun yommuu namoota waa’ee tawhiida Rabbii fi ibaadaa Isaaf mirkaneessu ilaalchisee falman kanniiniin: wanta Rabbiin Nabiyyii Isaa Muhammad (SAW) irratti buuse hordofaa” jedhamu, akkana jedhu: “Lakki wanta Rabbiin buuse hin hordofnu. Kana irra, wanta abbooti keenya irratti arganne hordofna.”  Wanti abbooti isaanii irratti argatan: shirkii (Rabbiin alatti wanta biraa gabbaruu) fi jallinna.[4] 

Sheyxaanni adabbii boba’aatti kan isaan waamu osoo ta’ellee moo?” kana jechuun sheyxaanni gara adabbii ibidda boba’aa ta’etti kan abbooti waamu osoo ta’ellee isaan abbooti isaanii ni hordofuu?[5]

Sheyxaanni abbooti isaaniitti hojii badaa kan akka shirkii hasaasuun gara ibidda boba’aatti isaan waama. Namoonni kunniinis karaa ibidda boba’aatti nama geessu keessatti abbooti isaanii ni hordofuu?

Wanti nama qaruute irraa eeggamu: dhumti abbooti isaa ibidda boba’aa yoo ta’e, inni isaan hordofuu hin qabu. Yoo isaan hordofe, akkuma isaanii dhumti isaas ibidda boba’aadha.

Wanti asirraa barannu:
1ffaa-namni jallinna keessatti abbooti isaa ykn namoota biraa akkeessu hin qabu. Yoo akkana godhe, akkuma isaanii adabbiif of saaxila.
2ffaa-Sheyxaanni waan badaa namatti hasaasuun gara ibiddaatti nama waama. Sheyxaanni koottu ibidda seeni ykn waan badaa kana hojjadhu jechuun hin lallabu. Garuu qoma namaa keessatti waan fokkuu namatti miidhagsa, ni hasaasa. Fakkeenyaf, shirkii, hanna, zinaa fi kkf qoma keessatti namatti hasaasa, ni miidhagsa. Namni kana erga hojjate booda yoo hin tawbatin dhumti isaa adabbii ibiddaati. Haala kanaan gara ibiddaatti nama waama.

Kanaafu, hasaasa sheyxaanaa irraa of eeggachu qabna. Wanti badaan qoma keenya keessatti miidhagfamu hundi hasaasa sheyxaanaa akka ta’e beeku qabna. Yeroo kanatti, “a’uuzu billahi mina sheyxaani rajiim” jechuun ykn qul a’uuzu birabbi naas qara’uun Rabbiin irraa eeggumsa haa barbaannu.  


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-413
[2] Tafsiir Sa’dii-762
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 123-124
[4] Tafsiir Muyassar-413
[5] Tahriir wa tanwiir-21/176

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 10
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 8
Offline dubbisuf

Leave a Reply