Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 10

Offline dubbisuf

Qabannoo Cimaa Qabachuu
Namni jireenya keessatti wanta cimaa qabatee daandii qajeelaa irra ittiin deemu jiraachu qaba. Wanta cimaa yoo hin qabatin asi achi osoo raata’u jireenya isaa qisaasessa. Kanaafu, qabannoon cimaan namni yoo qabate hin kufnee maalidhaa? Namni qabannoo kana qabatee gammachuu fi milkaa’inna abadii dhandhama. Mee haa ilaallu:

31:22

“Namni toltuu osoo hojjatuu fuula isaa gara Rabbiitti kenne, dhugumatti qabannoo cimaa qabatee jira. Xumurri dhimmoota hundaa garuma Rabbiiti.” Suuratu Luqmaan 31:22

Wusqaa (qabannoo) jechuun wanta tokko qabachuuf caafi isaa irratti wanta akka geengoo godhamuudha. Jookin qabannoo qaba, baaldin qabannoo qaba. Akkasumas, wusqaan tushaa walakkaan isaa akka geengotti guduunfamee wanta tokko ittiin qaban ykn fannisan ta’uu danda’a.[1] Ingiliffaan jecha wusqaa jedhu “handhold” jechuun hiikan

Jecha wusqaa (qabannoo) jedhu haala ergifannaatin amanti, yaada fi humna ijaan hin mul’anne irraa wanta sirritti qabatan agarsiisuuf itti fayyadaman. Kanaafu, asitti qabannoon cimaan kuni Laa ilaah illallah dha. Kana booda hiikni aayah:
Namni dubbii fi hojii isaa kan bareechisuu fi sirnaan hojjatu ta’ee ibaadaa isaa Rabbiif qulqulleessee fi niyyaan isaa gara Gooftaa isaa ta’ee, qabannoo hundarra cimaa jaalalaa Rabbii fi Jannatatti isa geessu qabatee jira. Namni qabannoo cimaa kana qabate, qabannoon kuni ni cita jedhee hin sodaatu. Dhugumatti qabannoo kufaatii fi kirkiruu irraa nagaha ittiin ta’u qabatee jira.[2]

“fuula isaa gara Rabbiitti kenne” jechuun imala qormaataa isaa keessatti nama ajajoota Rabbii fi wantoota Inni dhoowweef filannoo ofiitiin masakamuudha.[3] Jecha biraatin, jaalala Isaatii fi mindaa Isa bira jiru kajeelun wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wantoota Inni dhoowwe dhiisun Isaaf buluudha. “fuula isaa gara Rabbiitti kenne” yommuu jedhu Rabbiin ala gara wanta biraa kan hin mil’anne ta’uu agarsiisa. Kana jechuun hojii isaa hunda Rabbiif qofa godha. Rabbiin ala nama irraa mindaa, faaruu, na jaja, na argaa fi wanta biraa hin barbaadu. Hojii isaa guutuu Rabbiif qulqulleessa (ikhlaasan hojjata).

Namni Rabbiif hin masakamne (hin bulle) immoo adabbiin isaa akkami? Aayah armaan olii irraa itti aanse ni dubbata:

Nama kafare, kufriin isaa si hin gaddisiisin. Deebiin isaanii garuma Keenya, ergasii wanta hojjataa turan isaanitti himna. Dhugumatti, Rabbiin Beekaa wanta qoma keessa jiruuti. Yeroo xiqqoof isaan qananiisna ergasii gara azaaba (adabbii) cimaatti isaan dirqisiifna.” Suuratu Luqmaan 31:23-24

Nama Rabbitti amanuu dide, kufriin (amanuu diduun) isaa si hin gaddisiisin. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa deebiin isaanii garuma Keenya ta’a. Hojii fokkuu isaan addunyaa keessatti hojjataa turan isaanitti beeksifna. Ergasii jazaa isaanii isaaniif kafalla. Dhugumatti Rabbiin wanta qoma keessa jiru hunda beeka. Kan akka niyyaa, yaada gaarii fi badaa, kufrii namoonni qoma keessatti dhoksan hunda ni beeka.

Warroota amanuu didanii fi ajaja Keenyaaf buluu didan addunyaa keessatti yeroo xiqqoo isaan itti qanani’an ni tursiifna, wanta jaallatan isaaniif kennina. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa adabbii cimaa dirqamaan akka seenan isaan taasifna. Adabbiin kunis ibidda Jahannami.[4]

31:25

“‘Samiwwanii fi dachii eenyutu uume?’ jechuun yoo isaan gaafatte, dhugumatti ni jedhu, ‘Rabbiidha.’ Jedhi, ‘Faaruun hundi kan Rabbiiti.’ Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Suuratu Luqmaan 31:25

Kana jechuun warroota Rabbiin ala wanta biraa gabbaran kanniin akkana jechuun osoo gaafattee: “Samiwwanii fi dachii eenyutu uume?”, yoosu “Rabbiitu isaan uume” jedhu. Yoo isaan kana jedhan, ati immoo “Faaruun hundi kan Rabbiiti.” jedhi. Kana jechuun faaruun hundi kan homaa hin uumne inumaa kan uumamaniif osoo hin ta’in Rabbii kana hunda uumeefi. “Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Kana jechuun namoonni Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran (waaqefatan) kunniin ibaadaan eenyu qofaaf ta’uu akka qabu itti hin xinxallan. Kanaafi, wanta biraa Isa waliin gabbaran (waaqefatan).[5]

31:26

“Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiran kan Rabbiiti. Dhugumatti, Rabbiin Isumatu Dureessa, Faarfamaadha.” Suuratu Luqmaan 31:26

Aayah tana keessatti dhimma lama shirkiin soba ta’uu agarsiisuu fi amantin shirkii isaan qabatan soba ta’u wanta mushrikoota amansiisutu jira. 

Dhimmi 1ffaan: Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiran kan Rabbiiti.”
Isin Rabbiin Uumaa samii fi dachii akka ta’ee erga amantanii, wanti isaan keessa jiru hundi uumamtoota Isaa ta’uu beekaa. Hundi isaanitu uumamtoota Isaa erga ta’anii, shakkii tokko malee uumamtoonni kunniin kan Isaati. Eenyullee Isa waliin abbaa itti ta’uu hin danda’u. Uumamtoota kana keessatti fedhii abbaatiin ala kan biraa fayyaduu fi miidhuun dhiibbaa qaba jedhanii odeessun madaala sammuu qulqulluu kan diigudha. (Fakkeenyaaf, abbaan qabeenyaa osoo hin hayyamin namni biraa dhufuun qabeenya isaa keessatti wanta fedhe hojjachuu danda’a? Uumamtoonni hundi qabeenya Rabbii erga ta’anii hayyamaa fi fedhii Isaatin ala uumamtoota kana keessatti kan waa hojjatu ni jiraa? Hayyama Isaatin ala kan fayyaduu fi miidhuu danda’u jiraa?)

Kanaafu, Rabbiin ala wanti tokko fayyaduu fi miidhuun dhiibbaa qaba, sababa kanaan ibaadan isaaf mala jedhanii odeessuun yaada sobaa sheyxaanonni namatti hasaasaniidha.

Dhimmi 2ffaan: “Dhugumatti, Rabbiin Isumatu Dureessa, Faarfamaadha.” Kana jechuun Rabbiin olta’aan uumamtoota uumuu, dhimmoota isaanii too’achu fi qindeessu keessatti shariikota Isa gargaaran godhachuu irraa dureessa.[6] Dureessa jechuun kan homaattu hin hajamne. Rabbiin Dureessa homattu hin hajamneedha. Gargaarsa hin barbaadu. Kanaafu, wanti Isa waliin uumamtoota uumu ykn too’atu hin jiru jechuudha. Asirraa ka’uun yaanni sillaase ykn Iyyasuus (aleyh salaam) gooftaadha jedhu soba akka ta’e ni hubanna. Gooftaan wanta hundaa uumu Rabbii tokkicha. Isa waliin waa kan uumu hin jiru.

“Faarfamaadha.” Kana jechuun sifaataa (amaloota) gugguutuu waan qabuuf, amaloota hanquu hunda irraa qulqulluu waan ta’eef, uumamtoota Isaa waan qananiiseef Rabbiin faarfamaadha.

Gara hundaan Inni faarfamaadha. Zaata Isaa keessatti faarfamaadha. Sifaata Isaa keessatti faarfamaadha. Sifaanni Isaa hundi faaruu hundarra guutuu ta’eetu malaaf. Sababni isaas, sifaata guddinnaa fi guutuu waan ta’aniif. (Amaloota guutuu kan qabu ni faarfamaa miti ree?) Wanta hojjatee fi uumee hundaaf Inni ni faarfama. Wanta itti ajajee fi dhoowwe hundaaf ni faarfama. Addunyaa fi Aakhiratti wanta gabroota jidduutti murteesseef ni faarfama.[7]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-3/29, Ma’aariju tafakkuri-11/740
[2] Tafsiiru muyassar-413, Tafsiiru Xabarii-18/569, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-21/177
[3]  Ma’aariju tafakkuri-11/741
[4] Gabaabbinnaan tafsiiru xabarii-18/570, Tafsiiru muyassar-413
[5] Tafsiir Xabarii-18/570-571, Tafsiir Muyassar-413
[6] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/748-749
[7] Tafsiir Sa’dii-764

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 11
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 9
Offline dubbisuf

Leave a Reply