Naamusa Mana Fincaani seenuu fi bahuu
Kutaa darbe keessatti akkaata najaasa qulqulleessan, istinjaa’a fi istijmaara maal akka ta’an ilaalle turre. Istinjaa’a jechuun bishaaniin qaama hormaataa fi taa’aa qulqulleessudha. Istijmaarri immoo wanta gogaa qulqulluun kan akka dhagaa fi sooftin of qulqulleessudha. Amma, asi gadiitti naamusa yeroo mana fincaani seenanii fi bahanii ni ilaalla.
Namni mana fincaani seenun fincaa’u ykn sagaraa bahuu barbaadu naamusa armaan gadi qabaachun isaaf barbaachisaadha:
1-Namoota irraa of dhoksuu fi fagaachu- Jaabir (radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase: Gaafa tokko Ergamaa Rabbii (SAW) waliin imala baane. Yeroo haajaa bahuu barbaadu, hanga eenyullee isa hin argineetti ni fagaata.” Sunan Abu Daawud 2
2-Yommuu mana fincaani seenu hedan maqaa Rabbii dhayuu fi eeggumsa Isaa barbaadu- Namni gara mana fincaani seenu hedu akkana akka jedhu ni jajjabeefama:
بِسْمِ الله] اللّهُـمَّ إِنِّـي أَعـوذُ بِـكَ مِـنَ الْخُـبْثِ وَالْخَبائِث]
“[Bismillah] Allaahumma innii a’uuzu bika minal-khubsi wal-khabaa’is.”
Maqaa Rabbiitiin. Yaa Rabbii sheyxaanota kormaa fi dhalaa irraa Siin eeggama.” Sahiih Al-Bukhaari 142
Yommuu mana fincaaniti bahu immoo akkana jedha: غُفْرَانَكَ “Ghufraanaka” (Araarama Kee barbaada.)” Sunan Ibn Maajah 318
3-Yommuu mana fincaani seenan miila bitaatiin seenuu fi yommuu bahan immoo miila mirgaatin bahu.
4-Wanta zikriin Rabbii keessa jiruu of waliin qabanii mana fincaani seenu dhiisu. Yoo haajaaf ta’e malee wanta maqaan Rabbii keessa jiruu qabatanii mana fincaanii seenun jibbamaadha. Garuu yeroo haajaa fi garmalee dirqisiisaa ta’e, qabatanii seenuun homaa rakkoo hin qabu. Kan akka maallaqa waraqaa maqaa Rabbii keessatti barreefame, mobaayili maqaa Rabbii of keessaa qabdu. Wantoota kanniin alatti yoo dhiise, hatamu ykn dagatamuu danda’u. Kanaafu, haala akkanaa kana keessatti wantoota kanniin qabatee mana fincaanii seenu danda’a.
Mus’hafa (Qur’aana) qabatanii mana fincaani seenun ni dhoowwama. Sababni isaas, Qur’aanni dubbii Rabbiiti. dubbii hundarra kabajamaa ta’eedha. Isa qabatanii mana fincaani seenun immoo sadarka isaa gadi xiqqeessudha.[1]
5-Yeroo fincaa’an ykn sagaraa bahan gara qiblaatti fuula garagalchuu fi dugdaan itti garagaluu dhiisu-Dirreetti yommuu fincaa’an ykn sagaraa bahan, girdoo tokko malee gara qiblaa garagaluun hin hayyamamu. Ragaan kanaa hadiisa Abi Ayyuub Al-Ansaari gabaasedha: Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yommuu tokkoon keessan fincaa’u ykn sagaraa bahuu, fuulan gara qiblaa hin garagalinis dugdas itti hin garagalchin. Takkaa gara bahaa takkaa immoo gara dhiyaa garagalaa.” Abu Ayyuub ni jedha: Yommuu Sooriyaa dhufnu, boolloon fincaanii gara qiblaatti garagalfamte hojjatamte. Nutis fuula keenya irraa garagalchina. Rabbiis araarama kadhanna.” Sahiih Al-Bukhaari 144, Sahiih Muslim 264
Garuu mana keessatti yoo ta’e ykn isaa fi qilbaa jiddu wanti isa dhoksuu yoo jiraate, kana keessa rakkoon homaatu hin jiru. Ragaan kanaa hadiisa Ibn Umar (radiyallahu anhumaa) gabaasedha: Haajaa kiyya gariif xaaraa mana Hafsaa gubbaa bahe. Ergasii Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam), fuulaan gara Shaam qajeele dugda immoo gara qiblaa garagalche haajaa isaa kan bahu arge.” Sahiih Al-Bukhaari 148
Ammas hadiisa biraa keessatti: Marwaan Al-Asfar ni jedha: Ibn Umar gara qiblaatti garagaluun gaala isaa jilbifachiisee. Ergasii kallatti sanitti taa’ee kan fincaa’u arge. Anis ni jedhe: Yaa Abbaa Abdurahmaan! Kuni dhoowwamaa mitii?” Innis ni jedhe, “Eeyyen, kuni dirree qofa keessatti dhoowwame. Garuu si fi qiblaa jidduu wanti si haguugu yoo jiraate, homaa rakkoo hin qabu.” Sunan Abu Daawud 11
Irra caalaan osoo mana keessa ta’ellee gara qiblaatti garagalu dhiisudha. Rabbiin hundarra beeka.[2]
6-Haajaaf yoo ta’e malee dubbachuu dhiisuu- Ibn Umar akka gabaasetti: Namtichi tokko osoo Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) fincaa’a jiruu irra darbee nagaha gaafate. Nabiyyinis deebii isatti hin deebisne.” Sahiih Muslim 380
Salaama (nagaha) deebisuun waajiba (dirqama). Kanaafu, salaama deebisu dhiisun dubbachuun dhoowwaa akka ta’e agarsiisa. Keessumayyu zikrii Rabbii olta’aatin yoo ta’e, caalatti ni dhoowwama. Garuu haajaa dirqama isatti ta’eef yoo dubbate, kan akka nama tokko qajeelchu ykn bishaan barbaadu fi kkf, kuni ni hayyamama. Rabbiin hundarra beeka.[3]
7-Karaa fi gaaddisa namootaa keessatti fincaa’u fi sagaraa bahuu irraa of eeggachuu-Abu Hureyraan akka gabaasetti: Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhe: wantoota abaarsa namatti fidan lama irraa of eeggadhaa.” Isaanis ni jedhan: “Yaa Ergamaa Rabbii wantoonni abaarsa namatti fidan maalidhaa?” Innis ni jedhe: karaa namoota keessatti yookiin gaaddisa isaanii jalatti haajaa bahuudha (Fincaa’u fi sagaraa bahuudha).” Sunan Abu Daawud 25
8-Iddoo nafa itti dhiqatanitti fincaa’u irraa fagaachuu- keessumayyuu bishaan kan itti kuufamu yoo ta’e, kan akka gaandaa fi kkf. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) namni bakka nafa itti dhiqatetti fincaa’u irraa dhoowwe jira.” Sunan Abi Daawud 28
9-Bishaan ciisaa keessatti fincaa’u dhiisu-Bishaan ciisaan bishaan bakka tokkotti kuufamee turuudha. Hin yaa’us, hin haaromfamus. Bishaan kuni qulqulluu ta’ee namoonni akka itti fayyadamaniif Rasuulli (sallallahu aleyh wassallam) bishaan ciisu keessatti fincaa’u irraa dhoowwanii jiru. Jaabir (radiyallahu anhu) akkana jedha: “Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) bishaan ciisaa keessatti fincaa’u irraa dhoowwanii jiru.” Sahiih Muslim 281
10-Fixira fincaanii irraa of eeguu- Muslimni najaasaa irraa homtu akka isa hin tuqneef iddoo itti fincaa’u filachu qaba. Iddoo jabaataa fincaan isatti fixiruutti fincaa’u hin qabu.[4] Akkasumas, akka fincaan isatti hin fixirreef dhaabbatee fincaa’u irra ta’ee fincaa’utu isaaf wayya.
Kitaabban wabii:
[1] Fiqhu Muyassar fii daw’il kitaabi wa sunnati-fuula 10-12
[2]Madda olii
[3]Sahiih Fiqhu Sunnah-1/94-95, Abu Maalik
[4] Fiqhu waadih-1/36-37