Akkaataa Najaasaa Itti Qulqulleessan

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti gosoota najaasaa ilaalle jirra. Dhugumatti najaasaa beekanii irraa fagaachu fi ofirraa qulqulleessuun Muslima hunda irratti dirqama. Sababni isaas, salaanni fi ibaadan biroo qulqullinna barbaadan sirrii ta’uu fi qeebalamuuf najaasa irraa qulqullaa’un sharxiidha. Eega waa’ee najaasaa ilaalle, amma immoo gabaabbinnaan akkaata najaasaa itti qulqulleessan ilaalla.

1-Najaasan lafaa fi bakka wayii keessatti yoo ta’e, kana qulqulleesuuf si’a tokko dhiquun ni gaha. Bishaan si’a tokko irratti gadi naqama. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) fincaan namticha masjiida keessatti fincaaye irratti bishaan baaldi tokko akka gadi naqamu waan ajajeef.

2-Najaasan lafaan ala wanta biraa irratti yoo ta’e- kan akka uffataa ykn meeshaa keessatti ta’uu- kana keessatti najaasan sareen arraabun yoo ta’e, si’a torba dhiquun dirqama. Isaan keessaa tokko biyyeen dhiqan. Nabiyyiin (SAW) akkana waan jedhaniif: “Yommuu sareen meeshaa tokkoo keessanii arraabu, si’a torba dhiquun qulqullaa’a, kan jalqabaa biyyeen.” Sahiih Muslim 279

Najaasan fincaan, sagaraa, dhiigaa fi kkf yoo ta’e, hanga qulqullaa’u fi homaa hin hafnetti bishaanin riguun ni dhiqan.

Fincaan daa’ima dhiiraa nyaata hin nyaannee qulqulleessuuf bishaan irratti firfirsuun ni gaha. Nabiyyiin (SAW) akkana waan jedhaniif: “Fincaan intalaa ni dhiqama, fincaan gurbaa [nyaata hin nyaannee] immoo bishaan irratti firfirsama.An-Nasaa’i-305

Gogaan beellada du’aa foon isaa nyaatamu immoo duuguun qulqullaa’a. Ragaan kanaa  “Gogaan yommuu duugame, qulqullaa’e jira.” Sahiih Muslim 366 
Dhiiga haydi immoo dubartiin qaamaa fi uffata ishii irraa bishaanin riigde ni dhiqxi.
Dirqamni Muslima irra jiru qaama, uffataa fi bakka itti salaatu qulqulleessutti xiyyeefannoo kennu qaba. Sababni isaas, salaanni sirrii ta’uuf xahaaran sharxiidha.[1]

3-Akkaataa Al-Mazyii itti qulqulleessan- Namoonni gariin akkaata al-mazyi (dhangala’aa qaqal’a, haphii, rarra’aa yeroo waa’ee fedhii saalaa itti yaadan ykn taphatan nama keessaa dhangala’uu) itti qulqulleessan ni gaafatu. Keessumayyu dargaggoonni fi shammarran rakkoon kuni isaan qunnama. Yeroo dhangala’aan qaqal’aan rarra’u kuni namatti dhufe, kanaaf nafa dhiqachuun hin barbaachisu. Bakka tuqe san bishaanin dhiqanii wudu’achuun gahaadha. Aliyy (radiyallahu anhu) akkana jedha: Miqdad bin Aswadin gara Ergamaa Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) ni ergine. Ergasii waa’ee Al-Mazyi kan nama keessaa bahu maal gochuu akka qaban ilaalchisee ni gaafate. Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Qaama saalaa kee dhiqi, ergasii Wudu’adhu.” Sahiih Muslim 303

Al-Mazyi uffata yoo tuqe, bakka tuqe san bishaan irratti firfisuun ni gaha. Yeroo baay’ee waan nama tuquuf yeroo hundaa uffata ofirraa baasanii miicun waan ulfaataa ta’eef. Sahl bin Huneyf akkana jedha: Ani sababa mazyitiin ulfaatinni guddaan na qunnamaa ture. Sababa isaatiif nafa dhiqachuu nan baay’isa. Waa’ee kana ilaalchise Ergamaa Rabbii (SAW) nan gaafadhe. Innis ni jedhe, “Kanarraa wudu’a gochuun siif gaha.” Anis ni jedhe, Yaa Rasulallah! yoo uffata kiyya tuqe hoo akkam godhaa? Ergamaan Rabbiis ni jedhe, “Bishaan harka tokkotti qiccee uffata kee irraa bakka inni tuqee jira jettee yaaddu irratti firfissi.” Sunan Abu Daawud 210

Al-Istinjaa’a fi Al-Istijmaar

Istinjaa’a jechuun wanta karaa lamaaniin (taa’aa fi qaama hormaatatiin) bahu bishaaniin qulqulleessuudha. Istijmaara jechuun immoo wanta qulqulluu fi hayyamamaa nama qulqulleessun kan akka dhagaa fi kan kana fakkaataniin qaama hormaataa haxaawudha.

Istinjaa’a fi istijmaar tokko kan biraa bakka bu’uu danda’a. Kana jechuun Muslimni bishaan qofaanis of qulqulleesu (istinjaa’a gochuu) ni danda’a. Bishaan yoo dhabe immoo, istijmaara gochuus ni danda’a. Istijmaara gochuuf xiqqaate xiqqaatu dhagaa xixxiqoo sadii fayyadamu qaba. Yoo dhagaan hin jiraatin wanta akka sooftis fayyadamu danda’a.[2]

Istijmaara gochuuf faandoo fi lafee fayyadamuun dhoowwadha. Ragaan kanaa: Salmaan akkana jedha: Mushrikoota keessaa namni tokko akkana nuun jedhe: “Saahibni keessan hanga sagaraa baasu gahuutti isin akka barsiisuu ani argaa jira.” Salmaanis ni jedhe: Eeyyen. Inni (Nabiyyiin (SAW)) harka mirgaatiin istinjaa’a gochuu (qaama hormaataa fi taa’aa qulqulleesu), yeroo mana fincaani deeman gara Qiblaatti garagaluu nu dhoowwe jira. Akkasumas, dhagaa sadii gadiin istinjaa’a gochuu, faandoo fi lafeen istinjaa’a gochuu irraa nu dhoowwe jira.” Sahiih Muslim 262

Dhagaan ykn sooftin istijmaara erga godhanii booda bishaanin istinjaa’a gochun baay’ee bareedaa fi jaallatamaadha.[3] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra masjiida Qubaa’a akkana jechuun faarsee jira:

“Isa keessa dhiirota of qulqulleessu jaallatantu jira. Rabbiin warra of qulqulleessan ni jaallata.” Suuratu At-Tawbah 9:108

Dhuufuuf istinjaa’a gochuun hin barbaachisu
Nama dhuufuun isa keessaa baate ykn hirribaa ka’ee istinjaa’a gochuun isarra hin jiru. Ibn Qudaaman ni jedha: Kana ilaalchisee wal dhabbii (khilaafa) hin beeknu. Abu Abdullah ni jedha: “Dhuufuuf jedhanii istinjaa’a gochuun kitaaba Rabbii keessas Sunnah Ergamaa Isaa keessas hin jiru. Wanti isarra jiru wudu’a qofaadha.[4]

Kanaafu, namni osoo hin fincaa’in ykn sagaraa hin bahin, yoo dhuufe, wanti isarra jiru wudu’achuu qofa. Dhuufuu qofaaf qaamaa saalaa isaa dhiqachuun (istinjaa’a gochuun) hin barbaachisu.


Kitaabban wabii:
[1] Fiqhu Muyassar fii daw’il kitaabi wa sunnati-fuula 36-37
[2] Fiqhu Muyassar fii daw’il kitaabi wa sunnati-fuula 9
[3] Fiqhu waadih-1/42
[4] Sahiih Fiqhu Sunnah-1/89-90, Abu Maalik

Print Friendly, PDF & Email
Naamusa Mana Fincaani seenuu fi bahuu
Gosoota Najaasaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply