Gosoota Najaasaa

Torbaan darbe mata duree “Salaata-utubaa Islaama” jedhu jalatti, waa’ee xahaaraa ilaalu jalqabne jirra. Har’as itti fuuun waa’ee najaasaa fi gosoota isaa ni ilaalla. Najaasaa jechuun namoota biratti jibbisiisaa kan ta’eedha. Namoonni najaasaa irraa of eegu, yommuu uffata isaanii tuqe ni dhiqu. Fakkeenyaaf, fincaan, sagaraa fi kkf najaasadha. Akkuma wanti tokko haraama jechuuf ragaa (daliila) shari’aa barbaachisu, wanta tokkoon najaasadha jechuudhaafis ragaa barbaachisa. Namni wanta tokkoon najaasadha jedhu, ragaa akka fidu isarraa eeggama. Wantoonni najaasaa ta’uu isaanii shari’aan mirkaneesse kanneen armaan gadiiti:

1-Sagaraa (udaani) fi fincaan namaa- akka wali galtee aalimootatti isaan lamaan kunniin najaasaadha. Ragaan sagaraan najaasaa ta’uu agarsiisuu hadiisa Abu Hureyraan gabaasedha. Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wa sallam) akkana jedhan:
“‏ إِذَا وَطِئَ أَحَدُكُمْ بِنَعْلَيْهِ الأَذَى فَإِنَّ التُّرَابَ لَهُ طَهُورٌ ‏ ‏.
Tokkoon keessan yommuu faantoo (laxana caamaa) isaatiin azaa (najaasaa) irra ijjatu, biyyeen isa kan qulqulleessudha.Sunan Abi Daawud 385

Fincaanis najaasaa ta’uu ragaan agarsiisuu hadiisa Anas gabaasedha: Namtichi baadiyaa tokko masjiida keessatti ni fincaa’e. Namoonni gariinis isatti olka’an. Ergasii Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: “Dhiisaa, addaan hin kuchisisinaa. (Akka fincaan addaan kutu hin taasisinaa).” Anas itti fufuun ni jedhe: yommuu fincaa’ee fixu, Nabiyyiin (SAW) bishaan baaldin fichisisanii irratti gadi naqan.” Sahiih Muslim 284, Sahiih Al-Bukhaari 6025

2-Al-Mazyi fi Al-Wadyi
Al-mazyi– jechuun dhangala’aa qaqal’a, haphii, rarra’aa yeroo waa’ee fedhii saalaa itti yaadan ykn taphatan nama keessaa dhangala’uudha. Garuu akka burqaa bishaanii ykn maniyyi baay’ee kan dhangala’u miti. Haalli kuni dhiira caalaa dubartoota irratti ni baay’ata. Yoo wanti akkanaa si qunname kanaaf nafa dhiqachuun hin barbaachisu. Bakka tuqe san bishaanin dhiqii ergasii wudu’adhu. Aliyy (radiyallahu anhu) akkana jedha: Miqdad bin Aswadin gara Ergamaa Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) ni ergine. Ergasii waa’ee Al-Mazyi kan nama keessaa bahu maal gochuu akka qaban ilaalchisee ni gaafate. Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Qaama saalaa kee dhiqi, ergasii Wudu’adhu.” Sahiih Muslim 303

Al-Mazyi uffata yoo tuqe, bakka tuqe san bishaan irratti firfisuun ni gaha. Yeroo baay’ee waan nama tuquuf yeroo hundaa uffata ofirraa baasanii miicun waan ulfaataa ta’eef. Sahl bin Huneyf akkana jedha: Ani sababa mazyitiin ulfaatinni guddaan na qunnamaa ture. Sababa isaatiif nafa dhiqachuu nan baay’isa. Waa’ee kana ilaalchise Ergamaa Rabbii (SAW) nan gaafadhe. Innis ni jedhe, “Kanarraa wudu’a gochuun siif gaha.” Anis ni jedhe, Yaa Rasulallah! yoo uffata kiyya tuqe hoo akkam godhaa? Ergamaan Rabbiis ni jedhe, “Bishaan harka tokkotti qiccee uffata kee irraa bakka inni tuqee jira jettee yaaddu irratti firfissi.” Sunan Abu Daawud 210

Al-wadyi immoo dhangala’aa adii fi furdaa fincaan booda dhufuudha. Yeroo baay’ee sababa infekshiniitin (dhibeetin) kan dhufuudha. Kanaaf nafa dhiqachuun hin barbaachisu. Ibn Abbas akkana jedha: “al-Maniyyi, al-wadyi, al-mazy: Maniyyif nafa dhiqachuun ni barbaachisa, al-wadyi fi al-mazyiif immoo qaama saalaa kee dhiqi, akkuma salaataf wudu’a gootu wudu’a godhadhu.”

Gabaabumatti, al-mazyi fi al-wadyi najisa waan ta’aniif ofirraa qulqulleessu barbaachisa. Garuu al-mazyi fi al-wadyif jedhanii nafa dhiqachuun hin barbaachisu. Qaama saalaa dhiquu fi uffata irraa bakka al-mazyi tuqe bishaan itti firfirsuun gahaadha

3-Dhiiga Haydi (laguu)– dhiigni haydi najaasadha. Kana ilaalchise Asmaa’a bint Abi Bakr ni jetti: Dubartiin takka gara Nabiiyyi (SAW) dhuftee akkana jette: Yaa Ergamaa Rabbii! Nu keessaa dubartiin takka dhiigni haydi ni tuqa. Akkam haa gootuu? Nabiyyinis ni jedhan: ni duguugdi, bishaanin ni riigdi, miiccitee ergasii ittiin salaatti.” Sahiih Muslim 291, Sahiih Al-Bukhaari-227

4-Faandoo beelladaa/bineensaa kan foon isaa hin nyaatamnee-kunis najaasadha. Abdullah ibn Mas’uud akkana jechuun gabaase: Nabiyyiin (SAW) haajaa uumama bahu (mana fincaanii deemu) barbaadanii akkana jedhan: Dhagaa sadii naaf fidi.” Anis dhagaa lamaa fi faando harree fideef. Nabiyyiinis dhagaa lamaan fudhatee faandoo ni darbe. Ergasii ni jedhe: Kuni najisa.” (Sahiih Al-Bukhaari 156)

Kuni kan agarsiisu faandon wanta foon isaa hin nyaatamne najisa ta’uudha.

5-Gorora sareegororri saree najisa. Kana ilaalchisee Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhanii jiru: “Yommuu sareen meeshaa tokkoo keessanii arraabu, si’a torba dhiquun qulqullaa’a, kan jalqabaa biyyeen.” Sahiih Muslim 279

6-Foon Booyyee– akka wali galtee warra beekumsaatti foon booyye najisa. Jechi Rabbii olta’aa ifaan ifatti waan dubbatuuf:

“Jedhi, ‘Wanta gara kiyyatti buufame keessatti nama nyaata nyaatu irratti, baktii yookiin dhiiga gadi dhangala’uu yookiin foon booyye,dhugumatti inni najisa, yookiin fincilaan maqaa Rabbiitiin ala kan biraa irratti dhayame malee haraama ta’uu hin argadhu.” Suuratu Al-An’aam 6:145

Aayah armaan olii keesatti foon booyye erga jedhee booda “dhugumatti inni najisa.” jechuun foon booyye najisa akka ta’e ibsa.

7-Baktii– Kuni haala shari’aatiin osoo hin gorra’amin wanta du’eedha. Akka wali galtee Muslimootatti baktiin najisa. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wa sallam) akkana waan jedhaniif: “Gogaan yommuu duugame, qulqullaa’e jira.” Sahiih Muslim 366 (Asitti gogaan barbaadame gogaa baktiiti.)

Garuu kanarraa wanti adda ta’u:
1-Qurxumii fi hawaannisa- qurxummii fi hawaannisni du’an xahaaraa (qulqulluu)dha.
2-Wanta dhiiga dhangala’u hin qabne kan akka tiisisaa, kannisaa fi kkf. Kunniin hundi qulqulluudha.
3-Lafeen, gaafni, kotteen, rifeensi fi baallen wanta du’ee qulqulluudha.

8-Jiraataa ta’ee osoo jiruu wanta beellada irraa murame– Beellanni lubbu osoo qabu wanta isarraa murame murtiin isaa murtii baktiiti. Nabiyyin (sallallahu aleyh wassallam) akkana waan jedhaniif: “Beellanni lubbuu kan qabu ta’e osoo jiru wanti isarraa murame baktiidha.”  Jaami’a At-Tirmizi 1480

9-Foon beellada/bineensa foon isaa hin nyaatamnee najisa-ragaan kanaa hadiisa Anas (radiyallahu anhu) gabaasedha. Anas akkana jedha: Guyyaa Kheybar foon harree ni arganne. Ergasii Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jechuun lallaban: “Dhugumatti, Rabbii fi Ergamaan Isaa foon harree irraa isin dhoowwu. Suni najisa.” Sahiih Muslim 1940
Kanaafu, kanarraa ka’uun foon harree najisa.[1]


Kitaabban wabii:
[1] Sahiih Fiqhu Sunnah-1/71-74, Abu Maalik, The Concise Presentation of Fiqh- Dr. AbdulAziim Badawi, Translator Jamal Zarabozo, fuula 26-29

Akkaataa Najaasaa Itti Qulqulleessan
Salaata-Utubaa Islaamaa

Leave a Reply