Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 11

kutaa darbee irraa itti fufuun Tafsiira suuratu Luqmaan ni ilaalla.

31:27

“Osoo mukkeen dachii keessa jiran qalama ta’anii, galaanni [halluu] ta’ee fi isa booda galaanonni torba itti dabalamanii, jechoonni Rabbii hin dhuman. Dhugumatti, Rabbiin Injifataa, Ogeessa ta’eera.” Suuratu Luqmaan 31:27

Aayan armaan olii beekumsi Rabbii waan hunda akka haguugee fi jechoonni Isaa daangaa akka hin qabne fakkeenyaan agarsiisti. “Osoo mukkeen dachii keessa jiran qalama ta’anii, galaanni [halluu] ta’ee fi isa booda galaanonni torba itti dabalamanii, jechoonni Rabbii hin dhuman.” Kana jechuun osoo mukkeen dachii hundi muramuun qalama ta’anii, galaannis halluu ittiin barreefamu osoo ta’ee fi galaanonni torba biroo galaana kanatti dabalamanii, qalamaa fi halluu kanaan jechoonni Rabbii osoo barraa’anii, silaa qalamni fi halluun kuni ni dhuma. Jechoonni Rabbii immoo hin xumuraman.[1]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo hundaa ni murteessa, ni dubbata, ni jedha, akka fedhetti hojjata. Dubbii fi jechoonni Rabbii xumura hin qaban. Kanaafu, osoo jechoonni Isaa mukkeeni fi galaana dachii keessa jiran hundaan akka barreefaman ajaje, silaa jechoonni Isaa dhumachuun dura mukkeenii fi galaanonni kunniin ni dhumatu turan. Kuni sammuun namaa hanquu waan ta’eef akka namni hubatuf fakkeenya dhiyeefame malee dhimmichi kanaa oli. Beekumsi Rabbii daangaa hin qabu.

31:28

Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu) takkatti malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Luqmaan 31:28

Kana jechuun yaa namoota! Isin uumuu fi Guyyaa Qiyaamaa isin kaasun, akka nafsee takka uumuu fi kaasu qofaati. Kuni dandeettin Rabbii guutuu ta’uu agarsiisa. Isa biratti namoota hundaa uumuun akka nafsee takka uumuti. Ammas, Guyyaa Qiyaamaa namoota hunda kaasun akka nafsee takka kaasuti. Sababni isaas, jecha “Ta’i” jedhuun kana hunda hojjata. Wanta tokkoon ta’i yoo jedhe, wanti suni yoosu ta’ee argama.

Kanaafu, baay’inni Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin dadhabsiisu. Sababni isaas, baay’inni fi xiqqeenyi Isa biratti wal qixa. Hundi isaatu Isaaf salphaadha. Sababni isaas, uumuu fi kaasun jecha “ta’i” jedhuun raawwatama. Kanaafu, jecha ta’i jedhuun wanti raawwatamu, baay’achuun ykn xiqqaachuun homaa garaagarummaa hin qabu.[2] Kanaafi, aayah biraa keessatti Rabbiin akkana jedha:

36:82

 “Ajajni Isaa yommuu wanta tokko fedhe, “Ta’i” jechuma qofa; wanti sunis yoosu ta’a.” Suuraa Yaasin 36: 82

Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise akkana jedha:

 “Dhimmi Qiyaamaa akka libsuu ijaa yookiin san irra dhiyoo malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu An-Nahl 16:77

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

(13)-Ishiin iyyansa takka qofa. (14)-Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta’u.” Suuratu An-Naazi’aat 79:6-14

Du’aan booda kaasuu fi deebisuun homattu hin hajamuu iyyansa takkatti xurunbaan afuufamu malee. Rabbiin akka kaafaman ajaja yoo dabarse, isaan yoosu kaafamuun gubbaa dachii irratti mul’atu.

Kuni hundi dandeettin Rabbii guutuu ta’uu agarsiisa. Kanaafu, namoonni du’aan booda kaafamatti hin amanne ragaan isaan ittiin morman hin jiru. Namoota du’an hunda kaasun Rabbiin irratti ulfaata miti. Isaan hunda kaasun akka nama tokko kaasuti. Sababni isaas, Inni wanta tokko yoo barbaade, “ta’i” jedhan, wanti sunis yoosu ta’ee argama.

“Dhugumatti Rabbiin Dhagahaa, Argaadha.” 

Isin keessaa eenyullee jireenya addunyaa keessatti wanta fedhii isaatiin hojjate irratti Guyyaa Qiyaamaa jazaa akka hin arganne godhee hin yaadin. Ammas, wanta fedhii isaatiin hojjate Rabbiin biratti hin beekkamu jedhee hin yaadin. Hundi keessanu beekaa! Rabbiin jechoota keessan hunda ni dhagaya, jechoota keessan irraa homtu Isarraa hin dhokatu. Ammas beekaa! Rabbiin hojii keessan kan alaa fi keessaa hunda ni arga, homtu Isarraa hin dhokatu.[3]


[1] Tafsiir Muyassar-413 [2] Tafsiir Muyassar-413, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 167 [3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/754

Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 12
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 10

Leave a Reply