Sunan Al-Fixrah fi Gosoota Bishaanii
Sunan Fixraan amala uumamaati. Namni yommuu sunan fixraa kana hojjate uumama Rabbiin namoota irratti uume fi isaaniif jaallateen ibsama. Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Wantoonni shan fixrah irraayyi: Kittaanachuu, rifeensa naannawa qaama hormaataa haadu, afkarroo muruu, qeensa (kottee) ciruu fi rifeensa bobaa buqqisuudha.” Sahiih Al-Bukhaari 5891
Hadiisa biraa keessatti sunan fixraan dabalataa waan dhufaniif sunan fixraan shan qofa jenne daangeessu hin dandeenyu. Sunan fixrah armaan oli fi kan biroo haala armaan gadiitiin gabaabsinee dhiyeessu dandeenya:
1. Kittaanachu-kana jechuun gogaa caafi qaama hormaataa haguugu muruudha.
2. Istinjaa’a- qaama hormaataa bishaanin dhiquu
3. Al-Siwaak (rigaa)- ilkaan rigachuu
4. Kottee muruu- kottee qubbiin harkaa fi lukaa muruu. Namoonni gariin kottee ofii akka cifaa ykn qoffee allaatti rarraasani adeeman. Kuni wanta isaan irraa bareedu miti!
5. Af-karroo maqasuu- af-karroo jechuun rifeensa funyaani fi hidhii jiddutti argamuudha.
6. Areeda gadi-dhiisu- areeda guddisuu- Namoonni gariin areeda ni haadu, afkarroo immoo ni guddisu. Kuni wanta sunan al-fixrah faallessuudha. Wanta isaan irraa fokkatuudha. Areeda guddisuu fi afkarroo haadun wanta namarraa bareedudha.
7. Rifeensa naannoo qaama hormaata irra jiru haadu- namni rifeensa qaama hormaata yoo hin haadin qaamni isaa/ishii ni ajaa’a. Kanaafu, namni guyyaa afurtamarra dabarsuu hin qabu.
8. Rifeensa bobaa buqqisuu ykn haadu-rifeensa bobaa yoo hin buqqisin ykn hin haadin qaamni namaa garmalee ajaa’a. Kanaafu, namni dafee rifeensa kanniin ofirraa buqqisuu ykn haadu qaba.
9. Bakka qubbeen wal-qunnaman (finger joint) dhiquu- bakka qubbiin akka fedhan gara fuunduraa fi duuba itti sochoosu danda’an dhiquu
10. Bishaanin afaan lollo’achuu (lulluqachuu) fi funyaan bishaanin dhiqu
Ragaa kanniini ilaali: Sahih Muslim 261
Argite! Bakka Islaamni qulqullinnaaf kenne. Namni Musliima ta’ee of qulqulleessu fi suuraa bareedan ummata keessa deemu qabaa malee wasaka (xuraawaa) ta’ee deemu hin qabu. Qulqullinna qaamati fi qulqullinna qalbii yeroo hundaa eegun isarra jira.
Gosoota Bishaanii
Bishaan bakka lama gurguddaatti qoodu dandeenya:
1-Bishaan Qulqulluu– kuni bishaan hundee uumamaa isaa irratti turuudha. Bishaan kuni bishaan lafa keessaa burquu ykn samii irraa bu’uudha. Rabbiin olta’aan akkana jedha: “Isaan isin qulqulleessuuf samii irraa isin irratti bishaan buusa.” Suuratu Al-Anfaal 8:11
Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bishaaniin isin qulqulleessuuf duumessa irraa bishaan buusa.
Gosa bishaani kana keessa bishaan laggeenii, cabbii fi galaanaa ni seenu.
Bishaan wanti qulqulluun hammaan xiqqaa ta’een yoo walitti makamee fi maqaa bishaani keessaa kan hin baasne yoo ta’e, isaan of qulqulleessun ykn wudu’achuun ni ta’a. fakkeenyaaf, bishaan baay’een raacitiin (lixii xiqqaan) yoo walitti makamee, kanaan of qulqulleessun ni ta’a. Hadiisa Ummu Haanin gabaaste keessatti: “Ergamaan Rabbii (SAW) fi [haati manaa isaa] Maymunaan meeshaa tokko irraa gabatee hafteen lixii keessa jiru keessatti dhiqatan.” Sunan An-Nasaa’i-241
Garuu wanti qulqulluun bishaanitti makamuun maqaa bishaanii keessaa yoo baase, kan akka shaayi, kanaan of qulqulleessun hin hayyamamu. Baalli shaayi yommuu bishaanin walitti makamuu maqaan isaa ni jijjirama. Shaayi ta’a. Kanaafu, shaayin of qulqulleessun ykn wudu’achuun hin ta’u.
2-Bishaan Najisaa- kuni bishaan najaasaan itti makamee fi amaloota bishaanii sadan keessaa tokko jijjireedha. Amaloonni kunniinis: fooli, bifaa fi dhandhama. Bishaan najaasan walitti makamuun foolin isaa ykn bifti isaa yookiin dhandhamni isaa yoo jijjirame, najisa ta’ee jira. Itti fayyadamuun hin hayyamamu. Hadasa fi xurii hin qulqulleessu. Fakkeenyaaf, fincaan bishaanitti yoo makamee fi foolin ykn bifti ykn dhandhamni bishaani yoo jijjirame, bishaan kuni najisa. Ittiin wudu’achuu fi of qulqulleessuun hin ta’u.[1]
Murtii Bishaan itti fayyadamanii
Bishaan xahaaraa keessatti itti fayyadaman, kan akka bishaan qaama nama wudu’atu fi nafa dhiqatu irraa bahuu, qulqulluu fi wanta biraa kan qulqulleessuudha, yoo amaloonni sadan hin jijjiramin. Hadasa ni kaasa, najisa ni oofa. Amaloonni sadan kunniin fooli, bifaa fi dhandhama.
Ragaan bishaan itti fayyadaman qulqulluu ta’uu agarsiisu: “Yeroo Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) wudu’atan sahaabonni bishaan wudu’a isaa irratti wal loluuf dhiyaatu.” Sahiih Al-Bukhaari 189[2]
Gabaabumatti, bishaan itti fayyadaman yoo foolin ykn bifti ykn dhandhamni isaa hin jijjiramin qulqulluudha.
Kitaabban wabii:
[1] Sahiih Fiqhu Sunnah-1/103-104, Abu Maalik
[2] Fiqhu Muyassar fii daw’il kitaabi wa sunnati-fuula 4